SAGALEE SABAA

Description
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

✉️NU QUUNNAMUUF✉️
➪ @SAGALEE_SABAADM
➪ waver @MN_SMN

????N???????
➪ @SAGALEE_SABAA

?GORSA JIREENYAAF?
@SAFFISA_JIREENYAA
We recommend to visit

Qofkii share raba luuqa iyo qofkii raba in wax loo xayaysiiyo

👇👇👇

@Samiir0910

Last updated 1 year, 7 months ago

Hoyga Aflaanta Hindiga Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2012kii Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo
Buugaagta Somali ah? @Somalibooks

Kusoo dhawaw Halkan waxa aad ka helaysa filiman xiiso leh kuwii hore kuwii dambe iyo kuwii dhexeba iyagoo ku turjuman afkaaga hooyo.

Qofkii share iyo xayaysiin u baahan ha isoo qabto @xuseenzain

1 year, 8 months ago
Sibuu Sireetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota …

Sibuu Sireetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 11 darbe

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun Namoota 11 darbe.

Konkolaataa ‘Skiinoo Tiraakii’ jedhamuu Magaalaa Naqamterraa gara Aanaa Sibuu Siree imalaa ture minibaasii geejjiba ummataa 5L jedhamee beekamuun walitti bu'uun lubbuun namoota 11 yeroo darbu, namoota 12 irraa midhaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Itti Gaafatamaan biiroo nageenya tiraafikaa Aanaa Sibuu Siree inspeektar Fayyoo Bulii himaniiru.

Balaa qaqqabeen namoonni midhaman hospitaalatti geeffamuun wal’aansi taasifamaa jiraachuu himaniiru. AS
Madda: FMC

?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago

Mootummaan himata “manneen daldalaa buusii misooma kooriidarii hin kaffalin cufaman" jedhu haale

Naannoo Harariitti “manneen daldalaa buusii misooma kooridarii hin kaffalin cufaman” himata jedhu haaluun manneen kunneen sababa “dambii ijaarsaa cabsaniif” saamsamuu mootummaan naannichaa ibseera.

Naannichi, ibsa baaseen, manneen kunneen sababa gamoo ijaaramee hin xumuramin keessatti daldala eegaluutiin cufamuu eereera.

?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago

Telegram Ni Fayyadamtuu?
Akkamiin Ofeegannoo Taasisaa Jirtu?

Telegram kana Irra Hattuu Baayyeetu Jira. Isaan Keessaa Gurbaan @Moti_kingu jedhamu Isa Hamaa Fi chaanaalii ijoollee oromoo nan bita jechuun foodhee block gochaa Jira.

Kana Malees Chaanaalii Kana Akka nama Bituutti Qarshii Olkaasee Nin bita jedha. Yoo barbaades View hin qabu jedha.

Kana Immoo kan Hubanne Namoota biraa Nyaatee jiraachuu Fi chaanaalii keenya Sagalee sabaa bituuf Gaafachaa Akka jiru beekamaadha.

Haga Odeeffannoo kana Qindeefannetti Chaanaalota 3 Hatuun Gurgurtaaf Gabaaf Dhiheesseera.

Chaanaalonni Kunneenis
●Kusaa Kitaabota Haaraa
●Barnoota mobile kan jedhuu
Fuudhee mooti Tech tti jijjiireera.
●Gibee MIIDIYAA kan Jedhus
Gurguree Qarshii Fudhatee jira.

Kana Malees Namoonni Gurba kana beettan akka inni chaanaalii kanneen deebisu ykn Qarshii deebisuu fi gocha akkanaa akka dhiisu akka Gorsitan siniin jenna.

Maarree Gurbaa Kanaa fii Namoota Kana Fakkaatan Irraa Akka Ofeeggattan Cimsinee isiniif dhaamna.

SAGALEEN SABAA KAN SABAATI.
?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago
Eebbi kitaaba xiinxalaa siyaasaa obbo Jawaar …

Eebbi kitaaba xiinxalaa siyaasaa obbo Jawaar Muhammad guyyaa harraa taasifamuuf ture dheerateera!

Obbo Jawaar Muhammad Eebba kitaaba isaanii akkaan eegamaa jiru HIN GAABBU, ka jedhu Keeniyaa, Naayiroobiitti guyyaa harraa eebbifamuuf ka ture sababa namooti hedduun hirmaachuuf gaafataniifi yaaddoo nageenyaafi seeftiif jecha guyyaan achi dheerachuu fuula Feesbuukii isaanii irratti eeraniiru.

Guyyaa eebbaas haalli akka mijateen deebisanii ka ibsan ta’uu himaniiru.

?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago

Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa "Dhalootni duudhaafi safuu ganamaan ijaarame hojimaata badaa qolachuun egeree biyyaaf wabii ta'a" jedhe.

Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa "Dhalootni duudhaafi safuu ganamaan ijaarame hojimaata badaa qolachuun egeree biyyaaf wabii ta'a" jedhe.

Ibsi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa guutuun kunooti.

Malaammaltummaan yakka aangoo da’eeffachuu, imaanaa uummataa dagachuu, safuufi duudhaa uummataas cabsuun badhaadhina hin malle argachuuf qaxxaamuraan raawwatamu; gufuu ijaarsa sirna dimokiraasii, haqaafi nagaa, guddina dinagdeefi hawaasummaa jeequun birmadummaa biyyaa irratti dhiibbaa kan geessisu gocha aadmaleedha.

Yakkootni malaammaltummaa daanga maleessa ta’uu isaanii irraa kan ka'e biyyoonni Addunyaa miseensa mootummoota gamtoomanii ta’an qindoominaan qolachuuf waliigaltee qabsoo farra malaammaltummaa mirkaneessuun hojii keessa seenanii jiru.

Biyyi keenyas biyyoota waliigaltee kana raggaasisuun qabsoo farra malaammaltummaa finiinsaa jiran keessaa ishee tokkodha.

Malaammaltummaafi hannii gochoota badaa faallaa duudhaa sabootaa, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa akkasumas danqaa imala badhaadhinaa ta’uun hubatamee hojiin qabsoo farra malaammaltummaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ejjennoo duudhaa ganamaatti deebi’uu qabateen cabiinsa safuufi duudhaa mul'atan suphee fayyisuuf yakkoota aadmalee faallaa duudhaa uummatichaa ta'an maksuuf kutannoon hojjechaa jira.

Malaammaltummaafi hojmaata badaa bu’uura irraa maksuufis dhaabbilee ijaarsa safuuf naamusa gaarii dagaagsan jabeessuufi dhaloota egeree hojmaata badaa baachuu hin dandeenye uumuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Dhiibbaa hamaa malaammaltummaan biyyaarraan ga’u qolachuufis qabsoo farra malaammaltummaa bu’uura uummataa qabu milkeessuun dhimma filannoo biraaf dhiyaatu miti jedhee amana.

Kaayyoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhaloonni duudhaa, aadaafi safuu hawaasa isaa beekuufi kabajuun naamusa gaariin ijaaramee egeree biyyaa malaammaltummaafi hojmaata badaa irraa akka tiksu gochuudha.

Dhalootni abdii egeree kufaatii safuufi naamusa gaarii biyyaafi naannoon keenya keessa jiru keessaa akka dammaqu mootummaafi uummata keenyarra itti gaafatamummaa olaanaatu jira.

Kanaafis qaamni hunduu dammaqinaan hojjechuun egeree biyyaafi dhalootaa har'a tolchuu qaba.

Ga’eefi gumaacha qaama hundarraa eegamu hubachiisuu, miidhaa hojmaata badaan ga’u balaaleffachuufi sosochii uummata bal’aa uumuuf guyyaan farra malaammaltummaa Addunyaa sirnoota garaa garaan kan kabajamu yoo ta’u; bara kanas dhaadannoo “Dhaloota Safuufi Naamusa Gaariin Ijaaruun: Badhaadhina Hunda Galeessaaf” jedhuun akka Itoophiyaatti yeroo 20ffaafi akka naannoo keenyaatti ammoo yeroo 19ffaaf kabajamaa jira.

Kanaaf, geggeessitoonni, manneen hojiifi jaarmiyaaleen uummataa sadarkaa sadarkaan jiran hundi safuufi naamusni gaariin akka dagaaguufi tarsiimoon qabsoo farra malaammaltummaa akka milkaa’uuf ofiif harka sassaabbachuun ergama kana galmaan ga’uuf uummata waliin qindoominaan hojjechuun dirqama isaanii ba'achuu qabu. Hooggansiifi hojjetaan dhaabbilee mootummaa sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga gurmaa’insa Gandaatti jiran qabsoo farra malaammaltummaa finiinsuu, madda galiifi qabeenya isaanii beeksisuufi galmeessisuu, tajaajila sirrii uummanni keenya barbaadu qixaan kennuu, rakkoolee kenna tajaajilaan wal qabatan saffisaan hiikuufi gaaffii uummataa deebisuuf halkaniifi guyyaa uummataaf hojjechuun dhimma filannoo biraaf dhiyaachuu hin qabnedha.

Qabsoo farra malaammaltummaa waliin haa finiinsinu, dhaloota egeree safuufi naamusa gaarii qabu har’a haa ijaarru; birmadummaa biyyaas waliin haa tiksinu!

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago
Shakkamaan daa’ima ganna 11 ugguruun birrii …

Shakkamaan daa’ima ganna 11 ugguruun birrii miiliyoona 4 gaafate to’atame

Shakkamaan Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Insaaroo Magaalaa Lammiirraa daa’ima ganna 11 ugguree Magaalaa Shaggar fiduun Birri Miiliyoona afur(4) gaafate to’achuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.

Shakkamaan Abarraa Alaayyuu Charinnat jedhamu Magaalaa Shaggar kan jiraatu yoo ta’u, bakka jiraatu Magaalaa Shaggar irraa ka’uun obboleessa isaa Magaalaa Lammii jiraatu G/madin Alaayyuu Charinnat waliin ta’uun gocha kana raawwachuun himameera.

Abarraa Alaayyuu Charinnat daa’ima kana Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuu fiduun abbaan daa’imichaa birrii miiliyoona 4 kaffalee mucaasaa akka fudhatu, ta’uu baannaan lubbuun argachuu akka hin dandeenye osoo doorsisuu Poolisiin Federaalaa eeruu eessuma daa’imicharraa isa qaqqabeen to’achuu ibse.

?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago

#Ethiopia #Somalia

Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan walii galtee irra gahan.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahmad (Dr.) fi preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Turkii magaalaa Ankaaraatti jaarsummaa preezdaantii Turkii Rajab Xayib Erdoganiin waliigalteerra ga’aniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad carraa kanaan ummanni Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa afaan, aadaa fi dhiigaan kan walitti hidhaman ta’uu ibsuun, biyyi isaanii nagaa fi misooma waloo Somaaliyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabdi jedhan.

Itiyoophiyaan karra galaanaa karaa nagaa argachuuf taasiftu ida’amuu diinagdee fi hawaasummaa naannichaa keessatti gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad gama isaaniitiin nageenyi dhimma ijoo biyyoota lamaanii waliin fayyadu ta’uu ibsuun, dhimma waloo irratti mootummaa fi ummata Ityoophiyaa waliin ta’uun hojjechuuf kutannoo qabna jedhan.

Mootummaan isaanii wareegama loltoonni Itiyoophiyaa nagaa Somaaliyaa eegsisuuf baasan akka hin daganne, nagaa eegsisuuf carraaqqii dabalataa gochuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.

Pirezidaantiin Tarkiyyee Xaayib Erdogaan sanadni waliigaltee biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa, guddina dinagdee fi badhaadhina wabii ta’uu ibsaniiru.

?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 8 months ago

#Kutaa_12ffaa
#Biiroo_Barnoota_Oromiyaa

Galmeen Barattoota Qormaata Kutaa 12ffaa Bara 2017 Fudhatanii Mudde 6, 2017 Eegala – BBO

Galmeen barattoota qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa bara 2017 fudhatanii Mudde 6, 2017 Interneetiin kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Manneen Barnootaa kumni 1 fi 280 Barattoota isaanii qorsiisuuf qophii taasisaa jiraachuu himeera.

Barattoota Istriimii Saayinsii Hawaasaa kumni 90 fi 877 kan Saayinsii Uumamaa kumni 100 fi kumni 28 fi 423, waliigalaan Oromiyaatti barattoonni kumni 200 fi kumni 19 fi 300 qormaaticha fudhachuuf qophii taasisaa jiraachuu biirichi ibseera.

Qormaatni modeelaa gahumsa barattootaa madaaluuf kennamu ammoo walakkeessa baatii Amajjii kan kennamu ta’uu biirichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.

Odeeffannoo barnootaa dabalataa argachuuf chaanaalii keenya join godhaa???
@Biiroo_Barnoota_oromiyaa
@Biiroo_Barnoota_oromiyaa

1 year, 9 months ago

⚠️Beeksisa dhuunfaa!

Akkam jirtu Sabni keenya Addunyaa mara Irra Teessanii Nu hordofaa jirtan?

Arra rakkoo guddaa Tokko Isiinif Qooduu Barbaanna, rakkoo Kanaaf Kan Furmaata kennuu Danda'u isin Qofa.

Dhimmichis waa'ee chaanaalii keenyaan Kan Wolqabatuudha
Akka Armaan gadiitti Ibsama.

Channeli keenya warning Ta'ee waan Jiruuf Namuu waan Dandeessaniin Nu Gargaaraa.

Maloota Ittiin Nu Gargaaruu Dandeessan Keessaa Muraasa.

1 chaanaalii keenya garee ykn channeli Keessan irratti nuuf Beeksisaa.

2 garee Keenya irratti hirriyoota keessan Add member nuuf godhaa.
@GAREE_SAGALEE_SABAA

3 odeefannoo nuti Asirratti Isiinif Qoonne Share Nuuf Godhaa.

Filannoo Kanneen Keessaa Tokko filachuun kan Isiinif danda'amuun nu cinaa dhaabbadhaa.

Lammiin Lammiif saba Keenyaaf!
Yaadaa, komii fi Eeruu Qabdanuuf
Karaa @SAGALEE_SABAADM nuuf
Qoodduu Ni Dandeessu.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

1 year, 9 months ago

Pirezidaantii haaraa Ameerikaa ta’uun dhiyeenyatti gara Waayit Haawus galuuf kan jiran Doonaald Tiraamp, biyyoonni BRICS Doolaara maallaqa haaraan bakka buusuuf yaalii taasisan yoo itti fufan walitti dhufeenya US waliin qaban akka kutan akeekkachiisan.

“Yeeroon yaalii biyyoota BRICS, doolaara maallaqa biraan bakka buusuuf taasisan teenyee ilaallu dhumatee jira,” jedhan ergaa fuula X isaaniirratti baasaniin.

?MIIDIYAA @SAGALEESABAA ?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

We recommend to visit

Qofkii share raba luuqa iyo qofkii raba in wax loo xayaysiiyo

👇👇👇

@Samiir0910

Last updated 1 year, 7 months ago

Hoyga Aflaanta Hindiga Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2012kii Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo
Buugaagta Somali ah? @Somalibooks

Kusoo dhawaw Halkan waxa aad ka helaysa filiman xiiso leh kuwii hore kuwii dambe iyo kuwii dhexeba iyagoo ku turjuman afkaaga hooyo.

Qofkii share iyo xayaysiin u baahan ha isoo qabto @xuseenzain