Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Ismael Abduro

Description
By following the path of Islam, we will bring true freedom.⛅️
የእስልምና መንገድ በመከተል እውነተኛ ነፃነትን እናመጣለን።⛅️
Karaa Islaamummaa hordofuun bilisummaa dhugaa ni finna.⛅️
Advertising
We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago

2 weeks ago

አሰላሙ አሌይኩም ወረህመቱላህ ወበረካቱህ
ባለፈው ግራንድ ኢፍጣር (grand iftar) ላይ የአስተባባሪ አንጸባራቂ ልብስ ያልመለሳችሁ ልጆች ዛሬ እስከ ዝሁር ሶላት መልሱ
በወንዶች በኩል ለ#እስማዒል_አብዱሮ 0936906322
በሴቶች በኩል #በረሂማ_ሁሴን ማስገባት ትችላላችሁ
እንድሁም ያንን ቀን የspeaker stand ይዛችሁ የገባችው ልጆች አስገቡልን

Assalamu Aleykum Warahmatulah Wabarakatuh
Barattoonni sagantaa ifxaara irratti uffata kaadimaa (antsabaraki) fudhattanii hin deebisin guyyaa har’aa hanga salaata zuhriititti deebisaa. gama dhiiraatiin #Ismaa’il_Abdurroo 0936906322 akkasumas gama shamarranii #Rahima_Husen
biratti galchii taasisaa.
asumaan guyyaa san "stand speaker"  namni galtaniin galchuu waan barbaanneef namni isin bira jiru ofirraa galchaa.

6kilo Muslim Students Jemea!

https://t.me/Smileabduro

Telegram

Ismael Abduro

By following the path of Islam, we will bring true freedom.***⛅️*** የእስልምና መንገድ በመከተል እውነተኛ ነፃነትን እናመጣለን።***⛅️*** Karaa Islaamummaa hordofuun bilisummaa dhugaa ni finna.***⛅️***

አሰላሙ አሌይኩም ወረህመቱላህ ወበረካቱህ
2 weeks, 4 days ago
Muslima ta'i!

Muslima ta'i!
ሙስሊም ሁን!
Be a Muslim!

Islam is the way and the religion of all prophets and a true path to paradise journey. My brother and Sister Be a Muslim, you will be successful today and hereafter.
I invite you to Islam.

https://t.me/Smileabduro

2 weeks, 4 days ago
Ismael Abduro
2 weeks, 4 days ago

....አንጀቴ የበላኝ ፅሁፍ ከሴቶች...

يوم القيامة سنخبر الله أننا أردنا الزواج ولكن شروطهم كانت المال والجمال وليس الدين والأخلاق

እኛ ሴቶች ትዳር እንፈልጋለን ነገር ግን ወንዶች መስፈርታቸው ገንዘብና ውበት እንጂ ዲን እና ስነ-መግባር አይደለም ብለን የቂያማ ቀን ለአሏህ እንናገራለን።

.....ከአረቦች ፔጅ ያገኘሁት...
copied
https://t.me/Smileabduro

2 weeks, 6 days ago

Ilmi namaa mucucaa fi dogoggora kee sirraa eega.. Rabbiin towbaa kankeetii fi qajeelluma kee sirraa eegaa...

Argitee garaagarumma....!!
@smileAbduro

3 weeks ago

""Bag taraa si dhaabaa""

Rabbiin Danda'aadha....

Rabbiin danda'aadhaa
Silas maal dadhabee
Kan Aadam kalaqee
Biyyee waliqqabee

Eega rabbiin bishaan
Walitti itichee
Lubbuu nutti godhee
Uumee nu biqilchee

Hangam barattanis
Hangam yoo beektanii
Hammam guddattanis
Hammam yoo geessaanii
Yeroodhuma xiqqoof
Dachiirra teessaanii
Biyyeetti deebituu
Hundumti keessanii

Jireenya fooyyessuuf
Oliif gad dhamaanaa
Laga meeqa bu'aa
Taabba meeqa baanaa
Biyyerraa uumamnee
Ganaa biyyee taanaa

Zalaalam dachiirra
Waan jiraannu seenee
Maaf badii dalagna 
Daangaa rabbii ceenee

Jireenya gabaabduuf
Wal jibbinee argaa
Maqaa walibbaafnee
Wal ilaalla dalgaa

Maalif wal jibbina
Maalif wal hamannaa
Keeyrii gurgurannee
Maaf sharrii shamannaa

Bareeddee uffattee
Gaaf manaa gad ceetuu
Bareennis si malee
Waan uumame hin seetuu

Osoo boonaa kaattuu
Morma kee dabsitee
Daangaa rabbiin kaaye
Harka keen cabsitee

Isa kaan arrabsaa
Isa kaan tuffataa
Kabajaa mulqattee
Salphina uffataa

Kan rabbiin si uumef
Kaayyoo kee dagattee
Daandii nabsiyaan tee
Siin jette qabattee

Qaamaaf qalbii keetin 
Haraama dalagaa
Saahiba godhattee
Sheyxaana alagaa

Guyyaan tokko dhufaa..

Guyyaa qabeenyi kee
Wabii siif hin taanee
Guyyaa jabeenyi kees
Wabii siif hin taanee
Guyyaa maatin kan kees
Wabii siif hin taanee
Hangam si jaalatus
Hangam sitti aanee

Guyyaan sun siif jiraa
Hin dagatin lakkii
Dhugaa lafa jiruu
Homaa hin qabu shakkii

Aanaaf aalin keenya
Akkoof akaakiyyeen
Eenyu dheessee bahe
Osoo hinyaatin biyyeen

Biyyeerraa uumamnee
Biyyee ta'uuf jirraa
Akkanaan hin hafnuu
Duunee ka'uuf jirraa

Gaaf guyyaa qiyaamaa
Guyyaa dhaabbiin jabduu
Haatis ilmoo ofii
Gaafas quba hin qabduu

- Wal arguun hin jiruu
Qullaa dhaabatanii
Nabsee nabsee jedha
Hunduu gaafa sanii

Waan har'a dalagneen
Miizaanni dhaabataa
Yoo Kan ofii malee
Eenyu wal yaadataa

Rabbii kee sodaadhu
Kan tolchee si uumee
Isa bareechisee
Dachiirra si shuumee

Gaariif gadhee maraa
Waa meeqa raawwattee
Nabsii kee gaafadhu
Waan boruuf kaawwattee

Kan afaanin jetteef
Kan ijaan ilaaltee
Kan dalagdes ta'ee
Kan dalaguuf yaaltee
Waakkachuu hin jiruu
Hin dandeessu haaltee

Dalagaan kee hundi
Gaafas mazzanamtee
Karra lamaan keessaa
Tokko siif banamtee

Milkoofnan jaannataa
Kasaarran ibiddaa
Fudhachuun dirqamaa
Akkam gootee diddaa

Jaalalli osoo jiruu
Jibba waliif qoodaa
Argaa wal jibbinee
Fayyaa waliin oodaa

Mee of haa gaafannuu
Wanta dabarsinee
Obboleessa meeqa
kan qalbii cabsinee
Isa kaan hamachaa
Kaanis arrabsinee

Yaadachuun dirqamaa
Waan bira dabarree
Kan gurraan dhageenyef
Kan ijaan agarree

Dhufuuf jira guyyaan
Dabaree eeggataa
Gaafas eenyu kolfa
Eenyutu seeqqataa

Wanti balleessine.....

Ifattis yoo ta'e 
Kan dukkana keessaa
Gaafas akkamitti
Dhokfachuu dandeessaa

Nama maaltu galche
Jennee wal tuffannee
Yoo dalagnu badii
Dukkana uffannee

Dukkanaa'ee hin hafuu
Gaaf tokko ifaa ta'aa
Hojiin keenya hunduu
Nutti ifa ba'aa......

Kophaas gaafa jirtu
Gaaf nama wajjiinii
Eessas yoo jiraatte
Si arga rabbiinii

Ifattis haa ta'uu
Dukkana keessattis
Jalaa miliqtellee
Hin baatu eessattis

Rabbii samii uumee
Kan dachii diriirsee
Kan halkaniif guyyaa
Wal faana hiriirsee

Fedhii lubbuu keenyaa
Too'achuu dadhabnee
Daandii qajeelarraa
Gara moggaa dabnee

Waa ka dhiisu hin taanee
Ibliis hojii isaa
Takkaa siin wal barraan
Of si wallaalchisaa
Jaannanni osoo jiruu
Jahaannam si dhaalchisaa

Dhara waliqqabee
Dhugaa siffakeessaa
Qabee gad si hin dhiisu
Darbaa sifageessaa

Oduu sobaa fuudhee
Dalgaan sitti hasaasaa
Hamilee siif kennee
Duubaa si kakaasaa

Harkaa baatee hin toltu
Mallisaa gabaabaa
Gaaf tokkotuu oofee
Bag taraa si dhaabaa

#copied
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
Gara Channel Telegram Keenyaa Makamuu Yoo Feetan
@smileAbduro

3 weeks, 6 days ago
WANTI AFUR "4" NI BAREEDDII AMMOO

WANTI AFUR "4" NI BAREEDDII AMMOO
WAA AFURTU "4" HAALAAN IRRA BAREEDAA
----------------------------------------------

1- Qaanfachuun nama dhiiraa irraa nibareeddi
ammoo shamarran ( dhalaa ) irraa haalaan bareeddi.

2- Haqatti dalaguun ( haqa dubbachuun ) nama hunda irraa nibareeddi ammoo mootii ( daanyaa ) irraa haalaan bareeddi.

3- Dilii irraa toowbachuun manguddoo irraa nibareeddi ammoo dargaggoo ( shabaaba ) irraa haalaan bareeddi.

4- Arjummaan nama dureeysaa irraa nibareeddi ammoo nama miskiinaa irraa haalaan bareeddi.

- YAA RABBI WARRA SIRRAA QAANFATU KAN HAQA DUBBATU KAN DILI IRRAA AMMAA AMMATTI TOOWBATU KAN WAAN KANNITEEFIRRAA SADAQATU NU TAASISI.

AAAAAMMMMMMMIIIIIN.

- share gochuudhaan kheyrii dalagachuu hin hifatin sababa keetiin namni tokko waan ati share gooteen gorafamee barnoota argachuutuu addunyaa fi waan addunyaa keessa jiru hundarra siif caala.

kan waraabame
👇
https://t.me/Smileabduro

4 weeks, 1 day ago

Biyya namoonni afur keessa jiran.... Rabbiin balaa isaaniitti dhufu kamuu irraa tikaa fi tiksee isaaniif taha. isaanis;

1) Hoogganaa ykn dura bu'aa dhugaa kan haqaan dalagu, kan biyyaaf jiraatu... kan biyya hin miine yoo hoogganaa jiraate... biyya san Rabbiin ni eega..!
2) Aalima karaa dhugaa irra deemu.... Sababa Aalmni dhugaa jala deemu jiruuf Rabbiin biyya san eega...!
3) Sheekkoleen hamtuu irraa seeraa toltutti nama kakaasan... akkasuma du'aatonni Ilmii barachuu fi qur'aana irratti nama jajjabeessan yoo biyya keessa jiraataniidha....!
4) Dubartiin isaanii yoo kan qaama sattaratan taate... yoo dirree bahanii qullaa deemuu baatan... Rabbiin biyya sana balaa irraa eega....

"Yoo Sababa Ulmaa'ii taate malee hin jirru silaa qaata banne...halaakamne silaa..."!!
Sheeka sheekkolee Tafsiiraa kan tahe..Imaam Alqurxubii.
الإمام القرطبي شيخ أئمة التفسير...
Kitaaba
«Aljaami'u li ahkaamil-qur'aan (4/49)
الجامع لأحكام القرآن »

copied
https://t.me/Smileabduro

Telegram

Ismael Abduro

By following the path of Islam, we will bring true freedom.***⛅️*** የእስልምና መንገድ በመከተል እውነተኛ ነፃነትን እናመጣለን።***⛅️*** Karaa Islaamummaa hordofuun bilisummaa dhugaa ni finna.***⛅️***

***✍*** Biyya namoonni afur keessa jiran.... Rabbiin balaa isaaniitti dhufu kamuu irraa tikaa fi tiksee isaaniif taha. isaanis;
1 month ago
Assalaamu Alaykum Waraahmatullaahi Wabarakaatuh

Assalaamu Alaykum Waraahmatullaahi Wabarakaatuh

Dorgommii kubbaa miilaa Jama'aa 6 kiiloo yeroo dheeraa eegamaa turef galmeen eegaluu isaa yoo ibsinu gammachuu guddaadhaani!
Seektara hawaasummaa Jama'aa Barattoota Musliimaa 6 Kiilootiin kan qophaa'e dorgommiin kubbaa miilaa kun miira dorgommii fayya qabeessa ta'een gammachuu uumuu fi walitti dhufeenya obbolaawwan Muslimaa gidduu jiru cimsuuf carraa gaarii dha.

Akkamitti hirmaachuu dandeenya?
1- Garee miseensota 16 qabu ijaaruun maqaa miseensotaa barreessuudhaan faayila pdf ykn doc qopheessaa. Garee sana akka barbaaddanitti/akka itti dhihaattanitti ijaaruu dandeessu.
2- Dursaa garee filadhaa.
3- Garee keessaniif maqaa Islaamawaa ta'e filadhaa (optional...dhiisunis ni danda'ama).
4- Liinkii armaan gadiitti argamuun galmee taasisa.

https://forms.gle/BuF6suXSKotNncrn7

NB: Dorgommii kanarratti hirmaachu kan danda'u barataa/jiraataa kaampaasii Main ykn FBE kan tahe qofaa !

@AAU6KiloJemea

1 month ago
Galaa galgalaa ***🥀***

Galaa galgalaa 🥀
قال صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: "مَنْ لَمْ يَسْأَلْ اللَّهَ يَغْضَبْ عَلَيْهِ

We recommend to visit

Jeet ek Nasha hai aur is Nashe ki Factory ka mai ek lauta Baadshah hoon !

My Telegram Channel Link
https://t.me/+S9lLIcfDkRrhG-VZ

For Any Query Contact
My Username - @RehanBaadshah

Last updated 3 weeks, 1 day ago

Youtube Irraattis nu Argattu

https://www.youtube.com/c/KaachuuEntertainment

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Last updated 1 month, 3 weeks ago

𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝗮𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 𝗸𝗮𝗸𝗮'𝘂𝘂𝗺𝘀𝗮 𝗬𝗔𝗔𝗗𝗔𝗔 𝗳𝗶 𝗗𝗔𝗡𝗗𝗘𝗘𝗧𝗧𝗜𝗜 𝗱𝗵𝗼𝗸𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗼𝗳𝗶𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝘂𝘂 𝗯𝗮𝗿𝗯𝗮𝗮𝗰𝗵𝗶𝘀𝗮!
💥 @Oromoo_Inspire_YaadaafBot 💥

Last updated 3 weeks, 2 days ago