Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Ortoodoksii ishee dhugaa

Description
"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin
(Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16
👉 Join telegram channel
https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
Advertising
We recommend to visit

Creator : @DONATER_SHOXRUX

Garand ⚡ @DANATER_RAVSHANOV
Rek kere bo'sa @REKLAMA_FREFIRE ✅

Admin + Rekchi kk💛
Danater 💎 @Joxon_top

Stajlar 👇
https://t.me/+tGCPAfdmRXszNmFi

TEKSHRIIB ISH QILILA 🇺🇿

ALHAMDULILLAH ❤️

XAR KUN TURIK VA QIWI BOLAD 🩵

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Ustoz Mahmud Usmon

Ijtimoiy tarmoqlardagi rasmiy sahifalarimizni kuzatib boring:
Taplink.cc/mahmud_usmon

Savol va takliflar uchun:
@mahmudusmon_aloqabot

Last updated 2 months ago

Last updated 4 months, 3 weeks ago

1 month ago

"Ammas dhama'uu hundumaan dhama'aa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa! Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan danda'uu, obsaan danda'uu keessaan nama Waaqayyoo ta'uu keessan argisiisaa! Nama Waaqayyoo ta'uu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa! Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baay'achaa yoo adeeman, gooftaa keenya Iyyesuus Kristosin beekuutti warra dhimma baasan, warra ija godhatanis in taatu."
2ffaa Pheexros 1:5-8

👉 Join telegram channel
https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

#share_share_share

1 month ago

“Dubbiin koo akka ibiddaa mitii ree? Akka burruusa dhagaa kattaa caccabsuus mitii ree?”
— Er. 23:29

1 month ago

" Kadhannaan Keenya Akka hin hafne Dumeessaa gaditti "

Cubbuun Addunyaa kanaa Duumessa kanaa Gaditti hojjetama.
Wal jibbuun
Dhiiga walii wal dhangalaasuun
Hammeenya walitti yaaduun
Sagaagaluun
Qe'eerra wal buqqisuun
Wal summeessuun
Du'a walii hawwuun
Sanyummaa yaaduun walitti duuluun
Aantummaan
Malaamaltummaan fi kkf  hojiiwwaan waaqayyo hin jaallanne hunduu duumessaa Gaditti hafa.

Kadhannaan warreen jalloos daangaan ol fageessi ishees asuma duumessaa gadittiidha.

Nyaanni fi Dhugaatiin dachees duumessaa Gaditti eebba dacheedha. Isay 1:18
Kan Hafuuraa garuu samiidha. Yoh 6:54

Kan gaarii hojjetu garuu dachee jiraatee sagaleen kadhannaan isaa samii Ariyaam mana Qulqullummaa waaqayyo turee
Ija waaqayyo fulduratti sinboo Qabeettii ta'a.

Egaa Yaa Obboleessa ko 
Egaa Yaa obboleettii ko

Waan Duumessaa Gaditti hafu yaaddees hojjeettes Foonii fi Lubbuu kee bara baraan hin Miidhiin

Harra Aangoo , beekamttii , Jaalatamummaa akkasumas Beekumsa fi kkf  qabattee nama
Hin miidhiin bara baraan Ni Miidhamtta wan tahef

Kanaf Kabajamttoota Maatii waaqayyoo Akkuma Qulqulluun Phaawuloos Nuf katabeetti
Firii Hafuuraa Firii hojii Gaarii ( Gal 5:22) hojjennee kessattii of Tiksiinee Lafa Irratti Eebba Foonii Samii irratti Jireenya bara baraa akka  argannu Waaqayyo hunduma keenya nuhaa Gonfaachisu

2 months, 4 weeks ago

Yaa Maariyaam ayyaanaan kan guutamte ati qulqulloota hundumaa caalaa nuu kadhachuun siif ni ta'a. Ati angafoota Phaaphaasota ni caalta. Raajotaafi barsiisotas ni caalta. Suraafeeliifi Kirubeel caalaa simboo jaallatamaa qabda. Dhugumatti abdiin namumaa keenyaa sidha. Isa amanuudhaan amantaa siiriitiin akka nu jabeessuuf, dhiifamasaas akka nuu kennuuf, baay'ina arjummaasaatiin cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf gara Gooftaafi fayyisaa keenyaatti nuu kadhadhu.

yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.

3 months ago

"Hewaan muka nyaattee yakkaa hojjetten abaarsi duraa namummaa keenyarra bule kan ture isheetiin nuuf hafe, Waaqayyo kan deessee Dubroo Maariyaam abdii hundaa keenyaati. Sababa Hewaaniin balballi gennataa cufame. Lamaffaas sababa giiftii keenyaa Durboo Maariyaamiin nuuf baname. Kunnis jaalala keenyaaf jedhee kan dhufee nu fayyise ulfaata fooniifi dhiigaa Kiristoosidha. . Icciitii dinqii waa'ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda'uu laphee isa kami? Dhaga'uu kan danda'u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta'u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta'e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne."
Qulqulluu Efreem

3 months ago

Sababni isaas , Waaqayyoon goyoomsuun waan hindanda’aamnee fi fakkeessitoonnis fuula isaa duratti waan hinjaal’atamneefi dha.
Si’uummaan kee Iyyesuus Kiristoos dhokatee inni sirratti argamee haa mul’atu yemmuun siin jedhu , namoota duratti qofaa utuu hinta’in si’i durattisi dha. Akkasis isaan jedhi , “Maaloo Yaa Gooftaa ko , ani alaan ilaaleen murteessa . ani dadhabaa Daabiloosiin kan dandamachuu hin dandeenye dha . . . bu’aan hojii hundumtuu harka kee keessa jira.” Waaqayyo hojiikee hundumaa keessa ofiin seenee akka si gargaaruu fi akka si utubuuf yookiin immoo guutummaa guutuutti sirra buufatee akka hojjetuuf itti waawwa dhu.

Kanaan booda waan feete yookiin waan jaal’ate gaafa inni siif ergu waan hundumaa kan qixeessee raawwate isa waan ta’eef , galata kee isaaf dhiyeessi. Yeroo namoonni si saaduuf gara kee dhufan ofboonsuun yookiin kasoominni itti fakkeessaan sirraa haa fagaatan. Kanarra iyyuu , sagalee faarfataa sanaa dubbisiif , “Utuu Waaqayyo nu duukaa hinjiraanne ta’eetii Isiraa’eel akkas haa jedhu ; Waaqayyoo nu duukaa utuu hintaane ta’eetii namoonni yeroo nurratti ka’aanitti dheekkamsi isaanii yeroo nurrattti boba’eetti , yeroo sanatti utuma lubbuun jirruu nu liqimsu turani ; yeroo sanatti bishaanni nu liqimsa ture ; lubbuu keenyarras indhangala’a ture . . .” Faar.123:1-4

Cubbuu ta’e tokkon yeroo qoramtee jettutti humnakeetti of hin amanin. Injifannoo kee kaleessaanis ofitti hin amanin. Sababni isaas , Kitaaba Qulqulluu keessa sagaleen akkas jedhu jira , “Waraantee kan isheen lafaan dhodhoofte baay’ee dha ; kan isheen ajjeestes baay’ee baay’ee dha” Fakk. 7:26. Injifannoon kan argamu Waaqayyo irraa fi Waaqayyoon bira akka ta’e dursii beekka dhu ; balleessaakee baay’ee xiqqoo xiqqoo taateef illee utuu si dhiise ta’eetii akka namoota Sadoomiin taatee hafta turte.

Kanaafuu , bo’oo faarfannaa sagalee faarfataa kanaa dubbisi , “Yeroo lubbuun koo na keessatti bushooftetti daandii koo barte ; garan itti adeemu daandiikoo sana irratti kiyyoo naaf dhoksani ; gara mirgakoon ilaale ; nan arges ; nama ana beekus nandhabe ; dannoon itti dheessus hinqabu ; waa’ee lubbuukoofis kan qoratu hinjiru, Yaa Gooftaa gara keettan iyye , ati abdiikoo ti , biyya jiraattotaatti hiree carraakootii tin jedhe. Baay’ee rakkadheeraatii gara kadhata kootii ilaali ; natti hammaataniiruutii warra na ari’atan irraa na oolchi” Faar. 141:3-6

Jaal’atamaa Obboleessa ko! , ati waama tokkoyyuu miti. Dhugaa kana ofiikee durattii fi fuula Waaqayyoo duratti amantee fudhachuu qabda. Waan tokko raawwachuuf akka dandeessu yeroo yaaddetti hundumaa gara ofiikeetti deebitee , “Gara Fari’ooniin kanan deemu , Ijoollee Isiraa’eeliinis bilisa kanan baasu ani eenyuu dha?” jechuudhaan ofiikee gaafadhu. Waaqayyo akka si wajjin ta’uu fi afaan akka siif ta’uu fi siin akka hojjetu sitti dubbannaan , ati qodaa tajaajila isaatii ta’uu kee amanuun , hojii kee itti fufi.

Kanaan booda , utuu gaaddidduu du’aa jala deemtee iyyuu hamaa hin sodaattu. Yoo lolli si marses ofitti amanamummaan kee Waaqayyorrattidhaatii yeroo akkasii hundumaatti , ana nama dhukee kana obboleessakee na yaadadhu ; akka wal agarruuf.

Qulqulluu Abune Shiinoodaa III
“Birmaddummaa Lubbuu” Fuul. 43-45

3 months ago

"Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara-laafinaan namaaf yaaduun nuuf kennameera. Ammas isin warra yaada garaa tokkoo ta'uudhaan, jaalala tokko qabaachuudhaan, yaada walitti dabalattanii tokko ta'uudhaan, yaada tokkotti waliif galuudhaan gammachuu koo fiixaan anaaf baasaa! Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa'aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of-dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa! Isin kessaa adda addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaaliin! Yaaqa garaa isa Kristos Iyyesuus qaba ture qabaadhaa! "
Filiphisiiyus 2:1-5

👉 Join telegram channel
https://t.me/Ortodoksiidhugaa

3 months ago

Guyyaa Sanbataa Kirsitaanaatti Kan Kadhatamu Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Giiftii Keenya
Durboo Maariyaam
Kutaa Torbaffaa

Yaa Maariyaam, dubartoota hundumaa keessaa kan eebbifamte, jaallamtuus jedhamte. Adda kan ta'an caalaatti adda kan taate, Tsillaattin seera kakuu ishee keessa jira kan jedhamtu kutaan lamaffaa sidha. Seerri sunis abboommii kurnaan quba Waaqayyon kan barreeffamanii dha. Otoo hin jijjiraamiin sirra nama kan ta'e fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos maqaasaa isa tolaa ta'e dursee yawixaatti (jechoota kurnaan)quba Waaqayyoon bareeffaman nutti hime. Kakuu haaraafis araaarsaa ta'e. Dhangala'uu ulfaata dhigaasaatiin gartuusaa kan taaan amantoota qulqulleesse.
Yaa qulquulleettii nuuf kadhadhu

👉 Join telegram channel
https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

3 months ago

“Ergamaan inni sadaffaan immoo waciitii isaa keessaa laga irratti burqituu bishaanii irrattis gad in naqe; isaan immoo dhiiga in ta'an. Yommus ani ergamaan waa'ee bishaanii beeku dubbachuu isaa nan dhaga'e; innis, "Ati, yaa isa qulqulluu, inni jirtu, inni turtes, firdii kana kennuun kee qajeelaa dha! Namoonni dhiiga warra siif qulqullaa'anii, kan raajotaas dhangalaasaniiru; ati immoo dhiiga akka dhuganiif isaaniif laatteetta; kun wanta isaaniif ta'uu dha!" jedhe. Sagaleen tokkos iddoo aarsaatii, "Eyyee, yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, firdiin kee dhugaa dha qajeelaadhas!" utuu jedhuu nan dhaga'e.”
— Mul. 16:4-7

3 months, 1 week ago

Yaa Maariyaam ati Qulqulleettiidh, eebbifamtuudhasGooftaa harka keen kan qabdeen yaa Dubroo ati waan hundumaan kan eebbifamtedha. Uumamtoonni hundumtuu, "Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu." jedhanii sagalee guddaadhaan si wajjin gammadu. Kennaan kan guutamte yaa Durboo gammadi, Waaqa biratti ulfina waan argattef gammadi, Waaqayyo si wajjin waan jiruuf gammadi. Simboo kan qabdu yaa Durboo olaantummaa kee ni galateeffana. Fayyinni keenya firii garaa keetiin waan argameef yaa Maariyaam nuti akkuma ergamaa Gabri'eelii, galata siif dhiyeessina. Gara Abbaasaa gara Waaqayyootti nu dhiyeesse.
Yaa Qulqulleetti nuuf kadhadhu.

We recommend to visit

Creator : @DONATER_SHOXRUX

Garand ⚡ @DANATER_RAVSHANOV
Rek kere bo'sa @REKLAMA_FREFIRE ✅

Admin + Rekchi kk💛
Danater 💎 @Joxon_top

Stajlar 👇
https://t.me/+tGCPAfdmRXszNmFi

TEKSHRIIB ISH QILILA 🇺🇿

ALHAMDULILLAH ❤️

XAR KUN TURIK VA QIWI BOLAD 🩵

Last updated 1 month, 2 weeks ago

Ustoz Mahmud Usmon

Ijtimoiy tarmoqlardagi rasmiy sahifalarimizni kuzatib boring:
Taplink.cc/mahmud_usmon

Savol va takliflar uchun:
@mahmudusmon_aloqabot

Last updated 2 months ago

Last updated 4 months, 3 weeks ago