Ustoz Mahmud Usmon
Ijtimoiy tarmoqlardagi rasmiy sahifalarimizni kuzatib boring:
Taplink.cc/mahmud_usmon
Savol va takliflar uchun:
@mahmudusmon_aloqabot
Last updated 1Â month, 3Â weeks ago
CREATOR / EGA : @DONATER_SHOXRUX
@DaLeR_ejje
GARAND ⚡ @DONATER_SHOXRUX
REK POST olamiz âś…
DANATER đź’Ž @DONATER_SHOXRUX
Last updated 2Â months ago
"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin
(Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16
👉 Join telegram channel
https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
Last updated 6Â months, 3Â weeks ago
"Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa" 1Yoh. 1:9
âžGaabbiin humna ittiin cubbuu buqqisee gatu ni qaba. Gaabbiin humna ittiin jireenya jijjiiruu fi haaressu qaba. Jireenya qalbii jijjiirrannaan akka jiraannuuf arjummaan Waaqayyoo araarsummaan Dubroo Maariyaam eebbi abboota keenyaa nu haa gargaaru! Ameen!
B/saa Ashennaafii Sisaay (Dn, BTH)
Miidiyaa Sootiriyaa
Waxabajjii, 2016
Finfinnee
⚜️ #Jireenya_Gaabbii ⚜️
âžAbboonni gaafa dubbatan, 'namoonni mana kiristaanaa keessatti rakkoo guddaa uuman warra gaabbii hin galledha" jedhu. Dhugumayyuu mana kiristaanaa keessa jiraatanii jireenyi isaanii garfmruu akka ta'utti kan hin jijjiiramne namoota gaabbii hin galledha. Namni jireenyi isaa kan jijjiiramu hammuma qalbii isaa jijjiirrateen qofadha.
âžNamni tokko tokko barbaachisummaa gaabbii waan hin hubanneef rakkoo isaa qalbii jijjiirrachuudhaan furamu waan biraatiin furuuf ni dhama'a. Namni tokko tokko mataa isaa gadi qabatee gaabbii galuu irra hojii gaarii hojjetee rakkoo jireenya isaa keessa jiru furuuf osuma dhama'uu jireenya isaa gaggeessa. Garuu irra caalaa Waaqayyoon kan gammachiisu jireenya nama gaabbii galuuti. Hojii gaariin nama jireenya gaabbii hin qabne kamiyyuu Waaqayyoon hin gammachiisu.
"Isinittan hima, 'akkuma kanatti cubbamaan tokko qalbii isaa jijjiirratee, gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ergamoonni itti gammadu” jedhe. Luq. 15:10
âžNamni tokko tokko immoo dhiifama argachuun bilisaan akka ta'e waan hin hubanneef gaabbii galuu fi deemsa isaa jijjiirrachuu irra hojii hamaa hojjetuuf hojii gaarii hojjechuun gatii kanfaluu barbaada. Jireenya gaabbii yoo hin qabaanne hojiin gaarii kamiyyuu kan hojii hamaa nuyi hojjenneef kanfalamu hin jiraatu.
"Nuyi hundumti keenya garuu akka wanta xuraa'aa taane, qajeelummaan keenya hundinuus akka uffata abaarsaa in ta'e; nuyi hundumti keenya akka baalaa harcaaneerra, yakki keenyas akka qilleensaa nu fudhatee in adeeme. Isaay. 64:6
âžHojii gaariin nama qalbii isaa hin jijjiirrannee Waaqayyoo duratti akka uffata abaarsaati. Namni cubbuu hojjetu kan inni gaddisiisu Waaqayyoonidha. Hojii hammeenya hojjechaa Waaqayyootiin hojii gaariidhaan hin gowwomsinu. Kana jechuun hojii gaarii nuyi hojjennu jireenya gaabbii keessa jiraachaa ta'uu qaba jechuuf malee hojiin gaarii hin barbaachisu jechuuf miti.
"Kanaafis isin yaada garaa keessanii isa haguugame qulleeffadhaa, si'achis deebitanii boqu-jabeeyyii hin ta'inaa! Egaa Waaqayyo gooftaan keessan waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, gooftaa gooftotaa, Waaqayyo isa guddaa, isa aango-qabeessa, isa sodaatamaa dhas; inni nama wal hin caalchisu, gabbarsuus hin fudhatu" K.Deeb. 10:16-17
âžGaabbii galuu jechuun immoo bo'uu qofa miti; gaabbii galuu jechuun cubbuutti gadduu qofa miti. Gaabbii galuu jechuun jijjiirama jireenyaati.
"Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'iinaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of jijjiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha" Room. 12:2
âžWaaqayyoo kan fudhatu firii namni gaabbii gale sun buusedha. Namni erga gaabbii galee booda deebi'uu isaa kan agarsiisu hojii gaarii hojjechuutti jabaachuu isaatiin fi gara qulqulluu Foon fi kabajamaa Dhiiga isaatti dhiyaachuu isaatiinidha. Qalbii jijjiirrachuutiin ala wanti biraan jireenya nama dogongore tokkoo jijjiiru hin jiru. Jireenyi namaa kan boqotu gaabbiidhaanidha.
"Waaqayyo gooftaan inni qulqulluun kan Israa'el,
'Isin yoo deebitanii fi yoo gab jettan in fayyitu,
calluma jettanii isa yoo amanattaniif ni jabaattu; isin garuu diddani' jedhe' Isaay. 30:15
âžWaan wal-fakkaataa akkaa taasisne jijjiirama jireenyaa eeguun gowwummaadha. Daadhii wayinii isa haaraa gaanii (hubboo) moofaatti akkuma hin naqne sana jireenyi keenya karaa haaraan akka eegaluuf isa moofaa dhiisuu qabna.
“Akkanuma immoo daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqan; kana yoo godhan, qodichi in dho'a, daadhichi in dhangala'a, qodichis in bada. Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti in naqu malee; akkasitti wal- eegu” Maat. 9:17
âžMilkaa'inni fi raawwiin kan jiraatu cubbuu dhoksuun osoo hin taane cubbuu dhiisuudhaani. Kan qulqulloofne waa'ee cubbuu keenyaaf yoo gaabbii galle qofadha.
"Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata" Fak . 28:13
"Waaqayyo Gooftan iddoo bultoo isaa qulqulleesse. Waaqayyo jidduu ishee keessa waan jiruuf hin sochootu, Waaqayyo ganameeffatee ishee ni gargaara".
Far 45:4-5
"Anis siinan jedha, ati Pheexiroosi ,kattaa kana irratti mana kiristaanaa koo nan ijaara, balballi si'ooliis ishee hin danda'an"
Mat 16:18
Baga ayyaana waggaa yaadannoo mana qulqulleessaa haadha keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaamiin nagaadhan ittiin isin gahe.
âśťAraarsummaan,Sugni,eebbii fi egumsi haadha keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaamii hunda keenya waliin yaa ta'u!âśť
???Ameen!!!???
Akkasuma qulqulluu Yohaannis muldhata isaarratti ka`iitii mana qulqullummaa Waaqayyoo fi iddoo aarsan itti dhiyaatu fi bakka itti sagadan safari naan jedhe jedha (Mul 11.1).Qulqulluu Daawitis gara mana Waaqayyo deemna yoon naan jedhan nan gammade kan jedhu mana kiristaanaa ibsuufi (Far 121.1). Aarsaa Waaqayyoof dhiyaatu hundumas bakka garaa keenyatti akka hin dhiyeessine Waaqayyo akeekkachiiseera(Keessa Deebii 12:13)
Baga geessan. Araarsummaan haadha keenyaa hunduma keenya waliin haa ta'u//
Waxabajjii 21
Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Addaami fi sanyii isaa fayyisuuf waggoota 5500 booddee akka dhala dhala isaa irraa dhalate isa fayyisu akkuma waadaa isaa galeen barichi murame ennaa gahu,Gooftaan durbroo Maariyam irraa nama taee dhalatee,cuuphamee gara kawaala qoronxoos deemee guuyyaa 40 fi halkan 40 soome.Erga sooma isaa raawwates barsiisu fi ajaa
ba gara garaa gochuu eegale.Namoonis barumsa isaa dhagahanii ajaaiba inni raawwtau arganii duuka buan.Duuka bu
oota 12 filatee of duuka buuse.waggaa sadii fi jia jaha lafa kanarra deddeebi
ee barsiise.Guyyaa kamisaa iccitii Qurbaana duuka buootaf ibsee,guyyaa Jimaataa fannifamee dhiiga isaa dhangalaase foon isaa lolaasee fannifamee,lubbuu isaa dabarsee kenne.Erga du
ees guyyaa sadiifi halkan sadi booda dua moo
ee ka’e.Guyyaa afurtammaaffattis ol bahe,guyyaa shantamaffatati Afuura qulqulluu duuka buootaf erge.yeroo kanatti sodaattu kan turan afuura waaqayyon jajjabina argatanii duuka bu
oonni addunyaa irratti kallattii gara garaan bittimfamanii wangeela barsiisuu eegalan.Akka ammaa kanatti Taabota ykn mana Waqaayyoo yookan ammo meeshalee qulqullaaoo isaan hin barbaachifne,isaan kan ga
uumsa Afuura qaban waan taaniif,biyyuma gahan gahanitti qaddasanii uummataaf qurbaana kennu ture.
Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyatti waggaa afraffaa du
aa kauumsa qulqulleettii dubroo Maariyaamitti qulqulluu Phaawuloos fi Baarnaabaas Filiphisiyuus galanii erga barsiisanii uummatas cuuphanii booda ummaticha amaneen
galma xaaotaa hin deeminaa
jedhaniin. Uummatichis egaa mana xaaotaa hin deeminaa jettanii mana kadhannaa nuuf ijaaraa jedhanii debisaniif.
Yeroo kana duuka bu
oonni lamaan kun dhimma kanaaf furmaatni akka kennamu gara qulqulluu Pheexiroosi fi Yohaannisitti ergaa barreessan .Qulqulluu Pheexirossi fi Yohaannisis fedha fi heyyama Gooftaa malee homtuu raawwachu hin qabu sinis kadhadhaa nus ni kadhanna
jedhanii deebisaniif. Kadhanna subaaee isaanii booda fedha Gooftaa ta
ee Gooftaan kan lubbuun taran jannataa, kan lubbuun jiran bakka jiran irraa tajaajiltoota Filiphisiyuusitti walitti qabe. Qulqulluu Yohannisis Gooftaan maaliif walitti nu qabde
jedhee gaafate.Gooftaanis “daangaa lafaa hanga daangaa lafaatti gamoon mana kiristaanaa akka ijaaramtuuf fedha kooti,haala ijaarsa ishees isin barsiisuf” jedhee deebiseef. Haala ijaarsa ishees erga barsiisee booda dhagaawwan gurguddoo addaan faffacaanii argaman sadi walitti hiiksee dheerina fi dagalee ishee murteessee gamoo mana kiristaanaa jalqabaa ijaareef. Kunis Waxabajjii 20 ture.
Borumtaa isaatti, Waxabajjii 21tti ammoo haadha keenya akka Taabotaatti,duuka bu
oota ammoo tajaajiltoota gargaartota taasisee, Gooftaan keenya ofiisaatii Luba hangafa taee,Qulqulluu Pheexiroosis luba gargaaraa ta
ee, qulqulluu Isxifaanos Daaqonii jalqabaa taee, guyyaa sanatti hibistii samiitti fi xoofoo samiitti qophaa
een sirna galatoo gaggeessee qorrobsiiseera.Manni kiristaanichaas maqaa haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiin moggae ture. Bara sanatti Mukiraaba Yihudotaatu ture malee gamoon mana kiristaanaa hin turre. Duuka bu
oonnis kadhannaadhaaf mana haadha Maarqoos mana Maariyaamitti walitti qabamu turan malee mana kiristaanaa hin qaban ture. Egaa Gooftaan rakkina isaanii kana argee gamoo mana kiristaanaa jalqabaa ijaareef. Yeroo sanarraa eegalee manni kiristaanaa gamoowwan gara garaa seena qabeessa taan, addunyaa irratti kallattii hundaanuu hundeeffamaniiru.
Gamoon mana kiristaanaa mana kiristaanonni keessatti walitti qabamuudhaan sirnoota gara garaa keessatti raawwatanidha. Sirna kadhannaa, foon fi dhiigaa gooftaa fudhachuu, barumsa fi kan kana fakkaatan mana kiristaanaa keessatti raawwatama. Waaqayyoofis kennaa, balchaa, wareega, kurnoo fi angafoo kan itti galchanidha. Manni kiristaanaa iddoo foon fi dhiigni Gooftaa itti kutamu iddoo Dhiigni isaas itti dhangala
u waan taeef manatti kadhachurra achi deemanii kadhachuutu caala(Maat 26: 27). Kuni dhiiga koo waa
ee keessaniif yeroo hunduma dhangalaudha akkuma jedhu, bakki itti dhiigni kun dhangala
u ammoo mana kiristaanaatti.
"Yaa Gooftaa guyyaa hundumaa gara keetittan iyaatii na fayyisi."
Faar.86Ă·3.
Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kan nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree, seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’el dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga adunyaan kun darbutti na hin balleessiin” jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate.
âžSana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii; fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.
âžDabalataan guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa jijjiiree gara jireenyaatti deebisuun isaas ni yaadatama.
BAGA GEESSAN BAGA WALUMAAN GEENYE !!!!!! “Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjiin bineensa akka jawwee sanaan ni lole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’.12:7)
WAXABAJJII 12
âžGuyyaa kana qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha. Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraataa turanidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni obaasu, qarshii isaaniis rakkataaf maqaa Qululluu Mikaa’eliin ni kennu ture. Abbaan warraa Afoomiyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni" jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef.
âžAbbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan guddachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatiin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhatteetti. Yeroo kana Seexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyaanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seenaa waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiru sanatti waamte, yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisaniif. Ammas, wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargaaru hin jiru, horii kee of duraa akkanumaan hin fixiin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhannee dhufne” jedhaniin.
âžAmmas, "Koottu haati warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf, koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajjeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristaanaa miti” jetteen.
âžIsheenis, “Koottu dhuguma yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase, “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa, na eegi" jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti, Qulqulluu Mikaa’el fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee, halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afoomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheeni; gara manaa isheetti ol seene. "Waaqayyoos, baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis, “Ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eel dha, yeroo darbe Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa waan deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.
âžAmmas, "naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabneree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen.
"Iyyesuus Kiristositti ni amanna; Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame, kan dhalate malee kan hin uumamne, amalummaa isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu, hundumtuu kan isaan ta'e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta'e hin jiru. Nuu fayyisuuf samiirraa gad bu'e, hojii Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti dubroo Maariyaamirraa nama ta'e. Nuuf jedhee fannifame, bara Philaaxoos Pheenxichaattis rakkina arge, du'e awwaalame, guyyaa sadaffaattis du'a mo'ee ka'e; akkuma ktaabolii qulqullaa'ootti barreeffame, ulfinaafi galataan gara samiitti ol ba'e, mirga Abbaasaa taa'e; lammaffaas warra du'aniifi jiraattota irratti murteessuf galataan ni dhufa."
HUNDEE AMANTAA
Ustoz Mahmud Usmon
Ijtimoiy tarmoqlardagi rasmiy sahifalarimizni kuzatib boring:
Taplink.cc/mahmud_usmon
Savol va takliflar uchun:
@mahmudusmon_aloqabot
Last updated 1Â month, 3Â weeks ago
CREATOR / EGA : @DONATER_SHOXRUX
@DaLeR_ejje
GARAND ⚡ @DONATER_SHOXRUX
REK POST olamiz âś…
DANATER đź’Ž @DONATER_SHOXRUX
Last updated 2Â months ago
"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin
(Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16
👉 Join telegram channel
https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT
Last updated 6Â months, 3Â weeks ago