Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

Tame official

Description
📞yadaaf 👉 @tameofficial_bot https://t.me/hulepay_official_bot?start=r09587601350
👉 https://telegram.me/kana_betting_bot?start=i1440158768

👉 https://t.me/addlist/jYvpOvY-dMQ3NTc8
Advertising
We recommend to visit

https://youtube.com/@carsten_stahl
Carsten Stahl Offizieller Kanal für YouTube-Videos, Krypto-Feeds, Kontoverwaltung.

Last updated 1 месяц, 2 недели назад

ВКонтакте:
https://vk.com/carlsontv
Дзен:
https://dzen.ru/carlsontv
YouTube:
https://www.youtube.com/@karlsontv

Заказ рекламы: https://telega.in/c/carlsontv

Last updated 1 месяц, 1 неделя назад

https://youtube.com/@ErnstWolffOffiziell

Last updated 2 дня, 10 часов назад

6 days, 21 hours ago

Jaalalli salphaa miti. Jaalalli jireenya nama utubee dhaaba. Jaalalli dhugaan abbaafi haadha kee biratti sikabaja.jaalalli dhugaan qomoo kee keessatti sikabaja.Jaalala dhugaa keessa #gaahela eebbifamaa jira waan taheef,Gaahela eebbifamaa keessa dhala eebbifamaa horatta waan taheef,ilmaan ebbifamaa gaafa hortu immoo,ilmaankee kun addunyaaf eebba tahanii argamu. Ilmaan kee gaafa addunyaaf eebba tahanii argitu immoo nagaa irraa hafaa argata,garaan waaqayyoos sitti boqota. Jaalala dhugaa gaafa karaatti hambistu ilmaan kee kana karaatti akka hambiste hindagatin.Adaraa jaalalatti hin taphatin.
#Gaa'elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta'u, ciisichi gaa'elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.”
— Ibr. 13:4

Jaalalli sin qaanessu! Atis hin qaanessin. Inni utubaa waaqayyoon dhaabbateedha waan taheef,wanta waaqayyo dhaabe siif kenne kana eegii kunuunsi.jaa
@tameofficial1

6 days, 21 hours ago

Jaalalli kun maaliidhaa? Akkamitti yaadda? Fayidaan isaa maal? Jaalalli dhaloota baay’ee biratti mi’a isa ittiin qodaqodee taphachaa guddanne sana ta’eera.
#sinim jaalalli mi’a mana keessaa waliif gad kaakkahaa ooltu sana sitti hin fakkatiin. Jaalalli dhugaatii #alkoolii nama macheessu kan ittiin yerookee dabarsatu sana sitti hin fakkaatin.jaalalli #sigaaraa xuuxxee erga suusii baattee qorree ishee darbatte gattu sana sitti hin fakkaatin.

Jaalalli akka #kaalsii kophee sanatti waan guyyaatti sadii jijjirattu miti beeki. Jaalalli jaakketti altokko of irraa gad buusaa altokko immoo ofitti oldeebisaa isa karaa irra deemtu sana sitti fakkaate hin jiraatin. #qashti Jaalalli akka ati sammuun si garboomee itti taphachaa jirtu sitti hin fakkaatin! Jaalalli isa ati halkan hamma sa’atii 10tti bilbilaaf fi text dhaan wal #maaraachaa fi mar’achaa bultu sana sitti fakkaatin.isayyuu Suuraa fi video nama xurressan walitti ergaa. Jaalalli isa ati jaalalle tokko boorsaa mirgaa keessa kaawatte isa tokko immoo boorsaa bitaa keessa dhoksatte jiraattu sana sitti hin jaalalli Isa ati Beellama Waliif qabdee Bakka dhokataaf mullataatti waan ciggaasisaa dalagdee safuu oromoo fi safuu amantaan qabu ittiin diigaa ooltu miti!

Jaalalli isa ati namoota kan biraa #telegram kan biraan hafuuraa kutaa;soba dhugaan haguugdee,Dhugaa immoo sobaan haguugdee;isa tokko immoo telegram isa kan biraan hafuura kuttee jiraachaa jirtu sitti hin fakkaatin. Jaalalli isa ati #IMO fi WhatsApp kudhan bante nama kudhan haasofsiisaa,isa tokkoon immoo”keessakoo waaqayyoo beeka na amani.Maaf ana shakkitaa atii maaloo? erga na shakkita tahee har'a kaastee maqaakoo hin dhahin!”jettee ulullee sobaa hafuufaa ooltu sana waliin wal sitti hin fakkaatin.

Situ hinbeeku malee haadhooko #Jaalalli kophaa isaa danda’aadha. Jaalaala isa jaalala dhugaa beekuu qofaaf gala. Jaalalli dhugaan nama dhugaa of keessa qabu qofa waliin walii gale jiraata. Jaalalli qarshii fi dandeetti akkasumas bareedina caalaa onnee dhugaa barbdaada. Jaalalli damma caalaa kan miyaahu fi diinattis tahe nama jaalala hn beeknetti immoo #summii tahee kan hadhaahudha. Jaalalli gowwoota biratti moofaa ciiccataa fakkaatus ilmaan waa’ee jaalala beekan biratti garuu #alaabaa nagaadha. Namni jalalli dhugaan galeef onneen isaa akka afaan saree banamee waan argee liqimsaa hin deemu.sareen waan hin taanes waan tahus ofitti sassabaa deemti.onneen nama jaalala hnbeeknes waan arge ofitti sassaabaa deema. Akkas jechuun #Garbegebox ykn qodaa kosii itti sassaban sanaadha. Sareen utuuma siwaliin karaa deemtu bakka #raqaatti fi bakka argitetti goraa/maqaa deemti. Namni jaalala hinbeekneefi jaalala of keessaa hinqabne utuuma jaalallee qabu bakka argetti akka saree kanatti maqaa deema.Yaadni nama jaalala hinbeekne yaada saroota kanaa waliin tokko. Inni jaalala dhugaa barbaada miti fedha foonii barbaada malee. Waan garaan isaa ganamaa fi galgala kajeeluu sana ofkeessatti waraabuuf sirraa maqa.

Ati Isaan kana keessa jirta taanan yeroo barreffama kana dubbisa jirtu akka ati baay’ee aartee bobaatu naaf gala. Isaan kana keessa jirta taanaan akkati na #arrabsaa jirtu nan beeka. Isaan keessa hin jirtu Taanan garuu, akka ati barreeffama kana na deggeraa jirtu shakkii hinqabu. Jaalalli dhugaan amanamummaa guutuu of keessaa qaba. Yoo jaalallee kee siwaliin mari’achuu barbaade miiraa akka kubbatti of #bokoksuu utuu hin taanee,miira gammachuun guutumuun sitti dhagahame jaalalaafis jaalalleekeefis yeroo kennita. Utuu waa’ee jaalala beektee jaalalaaf ofkennuuf #busy hin taatu.

Warri jaalalli onnee isaanii keessatti samee #foolii badaa kennu jecha tokko dubbachuu jaallatu. Innis “maal sin gabbaraa narraa deemi.simalee namni hinjirumoo?”jedhu. by the way kana kan isaan jedhaniif waan biraaf miti. Bonus qopheeffatanii waan jiraniif yoo inni kun deeme isa tokkotti of rarraasu. Namni of rarrasuu shaakalu immoo guyyaa tokko kufee tokkahuun isaa hin hafu.Ani nama gabbaruun gaariidha,nama gabbaraa wajjin jiraadhaa jechaa hinjiru. Irriba du’aa keessaa dammaqaa waa’ee jaalala itti yaada obbolootako!

1 week, 2 days ago

Jaalalli isaanii waldaadhaan ilaalamee, maatiifi maanguddootaan ilaalamee, laphee isaanii keessattis jabaannaan hidhaan kun Waaqayyo biraati jechuudha. Kanaafuu inni akkasii kun fedha Waaqayyoo tahuusaa itti dabalee waan gaahelli Kiristiyaanotaa fakkaachuu qabu kan nu hubachiisudha.

Kuni akkas tahee osoo jiruu, warri kajeellaan biyya lafaa kanaa #walitti isaan hidhe immoo hedduutu jiru. Isaan kun walitti hidhaminni isaanii Waaqayyo biraa miti. "Kan Waaqayyo walitti hidhe namni addaan hin baasiin!" Inni jedhu ergaa isaaniis miti, isaaniinis hin ilaallatu. Hedduun qabeenyaan walitti hidhamani, hedduun kajeellaa fooniin walitti hidhamani, kaawwan isaanii immoo maalumaaf akka walitti hidhamanii waliin manatti galaniyyuu hin beekani. Warreen akkasii kun amma illee waldaafi biyya rakkisaa jiru. Gaahelli isaanii waldaafi biyyaaf mitiitii isaaniifuu kan hiika kennuu dide hedduun amma lafa keenya irra jiru. Isin yoo dandeessan gara kakuu keessan haareffattanii waliin jiraachuutti koottaa! Yoo dadhabdan immoo ariifadhaa adda bahaa! Wal gubaa jiraattanii gara ibidda caalu sanaatti akka hin nam'ineef of eeggadhaa! Walumaa galatti kakuu haaraa keessatti namoonni kakuun gaahela isaanii Waaqayyoon walitti hin hidhamneefi warreen immoo gaahela isaanii kana ejjaan goolan addaan bahuu in dandahu. Barnoonni kun kutaa lammaffaadhaan ammaaf asumatti xumurameera.

#Hub:- Leenjii gabaabaa torbaan lamaa dhimma Gaahelaafi akkaataa itti kaadhimaa filannu illee barachuu yoo barbaaddan Koollejjiin Tiyooloojii Bayyaannannee kophaahaadha. Warreen barbaaddan keessaan na dubbisuudhaan barnoota kana torbaan lamaaf argachuu in dandeessu.
#Share @tameofficial1

ISINAN JAALADHA!

2 months, 1 week ago

M/D Dhagni keenya bu'a dhagna kiristoos. (1Qorx 6:15) (1) Namni,Anaaf wanti hundinuu dhowwaa hin qabu" jedhu jira; garuu wanti hundinuu immoo isa hin gargaaru; anis, "Wanti hundinuu dhowwaa hinqabu" nan jedha, garuu waan tokko ana irratti gooftummaa hin godhatu.”
— 1Qor. 6:12 (2),Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedhaatii namummaan keessan qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi'eessitan isin nan gorsa; akkasittis hafuuraan Waaqayyoof in sagaddu.”
— Rom. 12:1 ( 3),Namni tokkos, "Nyaanni garaachaaf kenname, garaachis nyaataaf kenname" in jedha; Waaqayyo immoo isa kanas isa sanas, lafatti in dabala. Dhagni garuu hojii halalummaatiif namaaf hin kennamne; inni gooftaadhaaf hojjechuuf kenname, gooftaanis dhagna namaatiif in yaada.”
— 1Qor. 6:13 (4,)Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu! in jedhama, garuu wanti hundinuu immoo nama hin gargaaru; "Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!" garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta'u.”
— 1Qor. 10:23 (5),Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa!”
— Rom. 6:13 (6,)Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan, isin wanta sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du'aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu.”
— Rom. 6:16 ( 7,)Amma garuu cubbuu jalaa luba baatanii hojjetoota Waaqayyoo taataniittu, kunis qulqullummaadhaaf ija isiniif godhata, gara dhumaattis jireenya bara baraatti in geessa.”
— Rom. 6:22 (8,)Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiriu ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti.”
— 1Qor. 6:19 (9,)Dhagni keessan bu'aa dhagna Kristos akka ta'an hin beektanii ree? Egaa bu'aa dhagna Kristos fuudhee bu'aa dhagna gaalamootaa godhuu ree? Matumaa kun hin ta'u.”
— 1Qor. 6:15 (10 )Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”
— Rom. 6:23 (11 ) Halalummaa baqadhaa! Cubbuun namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.”
— 1Qor. 6:18 (12) Yookiis namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna tokko akka ta'u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru, "Isaan lachanuu foon tokko in ta'u" jedha.”
— 1Qor. 6:16 (13) Waaqayyo gatiidhaan isin bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa!”
— 1Qor. 6:20 (14) Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!”
— HoE. 20:28 (15 )Yoo jiraanne, akeeka gooftichaatiin jiraanna, yoo duunes akeeka gooftichaatiin duuna; egaa jiraannus duunus nuyi kan gooftichaa ti.”
— Rom. 14:8 (16 ) Karaa tokkoon illee akkan hin yeellaasifamnetti dhimmee nan eeggadha, nan abdadhas; jiraachuu kootiinis ta'e, du'uu kootiinis ta'e, kanaan dura akkuman gochaa ture, ammas guutummaa namummaa kootiin guddina Kristosiif hojjechuudhaaf ija jabina guutuun qaba.”
— Filp. 1:20
Share @yesushoolaaraara

2 months, 1 week ago

👉 MO'ICHA KEE EEGGADHUU

Namni al tokko mo'icha argata;
Al tokko immoo mo'icha dhabuu
Danda'a.Waaqayyoo garuu Yoom illee taanaan akka nuti
Mo'icha  argannuu   fi Mo'ichaan deddeebinu barbaada. Mo'ichaanis nu deddeebisa;(2qor 2: 14) garuu namni mo'icha isaa eegsifatee itti fufu nama waa'een mo'ichaa ifeef qofa.
👉 Mo'icha jechuun kaayyoo gara   biyya   lafaa   dhufneef rawwannee darbuudha.
Namni waan umameef beekee
Isa hin rawwannee sababii Milkaa'insa tokko irra ga'eef mo'icha argateera ykn argatetti
Jechuu hin dandeenyu.

👉Nama milkaa'insa argateen
Sababiin nuti mo'icha argateera
Jechuu     hin  dandeenyeef.
Namni karaa Waaqayyoon ala ta'een milkaa'uu waan danda'uufidha; namni mo'icha
Garuu karaa dalgaa hin deemu.
Waan Isa keessa jiru waan beekuuf wanticha mul'isuuf
Dhama'a malee kanaaf dubbiin

Waaqayyoo "Ani dafee nan dhufa namni tokko illee gonfoo
Mo'icha Isa kan keetii si duraa
Akka hin fudhanneef Isa qabdu
Jabeesii eegadhu
!" Jedha;( mul 3:11)
Gooftaan gonfoo mo'icha ykn mo'icha   warra  kan  isaatiif kenneera. Garuu mo'icha isa kan  
Eeggatu  abbaa kennameef sana dha. Namoonni hedduun
Karaa Waaqayyoon ala adeemanii waan milkaa'an isaanitti fakkaachuu danda'a;"milkoofneerra" jedhaniis dubbatachuu danda'u
Haa ta'u malee milkaa'insi
Karaa Waaqayyotiin alaa kam illee milkaa'inas ta'ee mo'icha
Jedhamuu hin danda'u.

Oboleesa keessan:
Fayyeeraa Indaalee

Kitabaa Rabbuunii fuula 75
Namoonni kitabaa kana argachuu feetan
Lakk bilbi : 0979680125
                    0924264783

2 months, 2 weeks ago

M/D Guutummaa namummaa fi waaqayyummaa yesus.
1, Amanti kiristaanaa adda kan taasisu giddu galeessummaa yesuus kiristoos yommuu ta'u yesuus kiristoos immoo nama dhugaa fi waaqayyoo dhugaa dha.
1.1 Namummaa yesuus gooftaa.
1.1.1 dhalachuu isaa.
- yesuus kiristoos ilma daawwit ilma abrahaam mat 1:1
- dubartii irraa kan dhalate ( Gal 4:4 luq 1:29-33
- betlihemitti kan dhalate mat 2:1
- Eenyummaa keenyaa irraa foonii fi dhiiga kan hirmaate ibr 2:14 1yon 4:4
- hafuurri yesuus fooniin akka dhufe dhugaa ba'a ( 1yon 4:1-3
1.1.2. Waaqayyummaa fi namummaa isaa tokkummaadhaan.
- Guutummaan waaqayyummaa yesuus keessa jiraata qol 2:9
- lachanu tokkummaadhaan kutaa tokko keessatti caqafamanii argatna.
- sagalichis nama fooni ta'ee ayyaanaa fi dhugaadhaan guute nu gidduu buufate abbaa isaa biraa ( waaqayyummaa ) ulfina isaa isa ilmi tokkichi qabu argate yon 1:14
- yooniin hidda latinsa daawit irraa kan dhalate akka hafuura qulqullummaatti garuu du'aa kan ka'e humnaan  ilmaa waaqayyoo ta'ee waan mul'ateef ilmaa isa ti. Innis gooftaa keenya yesuus kiristoosii dha rom 1:3
- waaqayyoo ilma ofii isaatii ergee cubbuu isa nama foonii keessaatti farade ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffaate cubbuu balleessuu dhufe. Wanta seerii nu irraa gaafatu nuyii warra akka fedha hafuurrati male akka fedha foonitti hin jiraanne keessatti akka raawwatamuuf waaqayyo kana godhe rom 8:3-4
- isaan keessaas kiristoos fooniin dhalate. Innis hundumaa gararraa ta'e inni waaqayyoo isa barabaraan eebbifamee dha. Ameen rom 9:5
- itti dabalee Gal 4:4 fili. 2:7 yommuu ilaallu guutummaa waaqayyummaa fi namummaa isa argatna.
1.2. Amala  waaqayyummaa kan qaban maqaa namummaa isa.
- ilma namaa isa waaqa irraa gad bu'e Sana male. homtinuu gara waaqaatti ol hin baane" yon 3:13
Innis waaqa irraa kan jiraatu ilmaa namaa ti.
- jechi waaqa irra jedhu kun waaqayyummaa isaa ibsa. Itti dabale immoo roma 9:5 yommuu ilaallu yesuus gooftaan nama dhugaa fi waaqayyoo dhugaa akka ta'e hubanna.
#, Wanta waaqayyoo abbaan ta'e hundumaa yesuus kiristoosis akkasuma.
- Akkana jechuun waaqayyo abbaan waaqayyummaa isa fi aangoo hojii isaatiin baka mul'atetti yesuus aboo waaqayyummaa isaatiin waaqayyo abbaan wajjin wal-qixxeedhaa.
1.3. Cubbuu dhiisuu.
Sababiin nuyi kutaa kana keessatti waaqayyoo abbaa fi ilmaa wal China qabnee ilaalleef, waaqayyummaa kiristoos ibsuuf.
1.4. Masihii
Masihii jechuun afaan ibrootaatti, innis kan dibame jechudha
Kan dibame kan jedhu qabiyyee isaa kakuu moofaa keessatti yommuu ilaallu, namootni adda addaa yeroo adda addaatti hojii waaqayyo hojjeechuf zayitiidhaan dibamaa akka turan argina. Luboota. Lew 4:3 1sam 24:10 2sam 19:21 hojii waaqayyo addaan isaan baaseef zaayittidhan dibamanii tajaajilaa turan.
Kanaaf namni dibame waaqayyoon akeekaaf kan adda ba'e 1sen 16:23
Waamicha isa adda ba'ee waamameef immoo nama dhaabatu dha 2sam 24:6
Abdi dhuufaati masihii yeroo adda addaatti 1sam 2:10 2sam 7:12 Zak 9:9-10 Erm 22:4 keessatti raajiin dubatame jira.
#, Yihudootni fiixaan ba'insa raajii kanaa bara dukkanaa kakuu moofaa fi kakuu Haaraa gidduu jiran keessatti illee utuu hin hafin eegaa turan wangeelota keessattis namootni dhufaatii masihichaa eegaa akka turan. Yon 1:20 luq 3:15 mat 21:9 irraatti ni arganna.
- yesus kiristoos kan dibame ykn waaqayyo bira kan ergamee ta'uu isaa namootni adda addaa dhugaa ba'anii jiru luq 24:2 mat 18:16 marq 8:29 yon 11:47-48
= Hundumaa irra kan caalu immoo yesus gooftaan jecha ani masihii dha jedhu utuu hin fayyadamiin, Yihudootni eeggachaa kan turan masihichi yommuu dhufu hoji hojjetu hundumaa raawwachuudhaan masihii ta'uu isaa mirkaneesse jira. >Namooni bayyeen akka isiin irraa barataan abdin qaba. >Yeroo bayyee gaafii kiristaanotaf dhiyyaatudha. deebiin isaa isa kana..100%
#Share @yesushoolaaraara
Yadaaf @dhiigaaholicha

4 months, 2 weeks ago

Egaa inni lammaffaa kun akka taatee darbeetti (past tense) kan inni barreffamee.isuma takka sagaduufiif jedhee kufee dhorkamee irra deebi’ee barresse malee si’a lammaffa dogoggoreetu miti kana hubachuu qabna.

B. Mat 4:10 “yommus yesuus immo ‘seexana nana, ergaa koo dura turii!”Waaqayyoo kee goftichaaf jilbeefattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’Kan jedhu cafameera”jedheen.”
Boqonnaa kana irra akka hubannuutti yesus seexanaan qoramuudhaaf ,hafura Qulqulludhaan gara lafa onattii geeffame .inni guyya 40 fi halkan 40f erga tsoomee booddee seexanaan qorame.gaaffii seexanni dhiyeesseef keessaa inni tokko "kufii naaf sagadi" animmoo motuummoota biyya lafaa hundumma fi ulfinaa isa siifan keenna kan jedhu ture. deebiin yesuus garuu "arga koo dura turii 'waaqayyoo kee gooftichaaf jilbeefatte sagadi isa #duwwaa fi hojjedhu’kan jedhu caafameera" jedhee afaan qabachiise ture.

caqasni Yesus kakuu moofaa kesssa seexanichaf Caqase immoo kes deb 6:13 irra kan jiru ture.kanaaf sagannii kan maluuf mootii waaqa fi lafaa isaa ta’e hunduma danda’u.isa iddoo hundumaattis argamu qofaafidha. Ulfinni adda bahe kan kennamuuf maqaa waaqayoo qofaafidha.kanas Macaafni Qulqulluun ifatti ni dubata ‘ulfinni maqaa isatiif ta’u waaqayoo f dhi’eessa!” 1Sen 16:29
phawuloos akka jedhee warra Qolasaayisiitti dubbata. “Namni gad deebi’ee ergamoota waaqa irra waaqessuu jallatee, mul’ata argee tokko tokkon himuudhaan sababii gad utuu hin qabaatin, yaaduma garaa isaati of bokoksee, galata isin hin dhabsiisin.” Qol 2:18 Nama ergamoota waaqessuun phawuloos gadi deebiituu jedhee waama.

pheexiros ergasa keessatti Yeroo ibsuu akkas jedhe “…ergamoonni waaqayyo iyyuu keessa lixanii ilaaluu ni hawwu turan.”1Phex 1:22
Fayyina gudda isa karaa ayyaana tola arganne kana ergamoonni waaqayoo iyyuu kessa lixanii ilaaluu ni hawwuu. sababiinsa nuyii sagalee isaatiin lammaffaa dhalaneeka (1phe 1:23) uumama haaraa taaneerra (1qor 5:17) Kanaf nuyi ijoollee waaqayyootti (yoh 1:12-13) ergamoonni waaqayyo garuu muudama #mucaa_waaqayyoo_tahuu jedhuu hin arganne. jechuunis ijjoolee waaqayyo jedhamanii hin waamamne Ergamoota waaqayyoo jedheman malee. nuyii garuu carraa# ijoollee_waaqayyo jedhamani waamamuu fi mucaa isaa ta’uu arganneera.kanaaf isa ayyaana kristoos isa nuuf dhangalahe kan kessa lixanii ilaaluu ni barbaduu.

Inni foon isaa tatarsa’e dhiigni isaa akka malee keessaa roobee Yesus tokkichaaf sagadni mala! Isa naaf salphate, isa naaf jedhee ulfina isaa gad dhiisee,isa anaaf jedhee akka hin taanee tahe jireenyaaf na fo’ate biratti waaqayyolii biroof sagaduun dhiiga fannoo irratti dhangalahe sana gatii dhabsiisuu kooti.

#Dhaamsakoo_isa_dhumaa! Dhiiga kristoos fannoo irratti wargamee iyyaan dhangalaasee sana gatii dhabsiisuun fi isa biratti waaqayyolii tolfamoo kannen biro waqeessaa/ isaaniif sagadaa jechuun ajandaa sobaa walitti guuranii dhugaa haqaaqanii dhaloota barsiisaa warra jiranitti guyyaan firdii dhufaa jira. Warri har’a dhiiga kristoos Isa Qulqulluu dhangalahe irratti dhokkee sobaa facaasaa jirtan dhiigni ilma waaqayyoo inni gaafa dafqa waliin coccobee isinitti faraduuf jira. Kanaaf gara dubbii qajeelaa fi dhugaa Macaafa Qulqulluu isa fayyinaan guutetti of sirreessaa!
Kanaaf Ergamootaaf sagadni hin malu!
@tameofficial1
Yadaaf @tameofficial_bot

4 months, 2 weeks ago

#Ergamoota_waaqayyootiif_sagadni_hin_tahu_Tasumaa_hintahu
Namoonni baay'een gaaffii kanaa baayinaan na gaafachaa turtan kunoo amma dubbisaa!

#Sagada (worship)jechuun waaqeffannaa dha Afaan ingliffaa isaa hiika quubsaa nuuf laata. Worship is the act of showing respect,thank and love for GOD or a god especially by praying with other people who believe in the same GOD or a god : the act of worshipping GOD or a god! Gabaabatti Kana jechuuun waaqayyoo ykn waaqayyolii tolfamoodhaaf galata ykn aarsaa barbaachisaa kennuu / dhiyeessuudha! Warri dhugaatti sagadan garuu waaqayyoolii miti Waaqayyoo isa tokkichaaf sagadu!

Erga akkas ta’ee Irra deddeebiin Yeroo baayee namoonni tokko tokko ergamootaaf Yeroo sagadaan ,ergamoota yoo kadhaatan ,waammatan ,maqaa isaanitiinis Yeroo kakatan ni dhageenya ;ni arginas.keessattu ani geeggeessa amantaa tokkoo kan tahu ijakoon kanan al lama ykn sadii ol arge "mikaleefi garbeeliif galanni ha tahu" utuu jedhee qoomma'uu argeera.
Kanaaf gochi isaan godhan kun dhugaa Macaafa Qulqullu wajjin guutumma guututti wal fallessa. Kana gochuun kunimmoo hubannoo macaafa Qulqulluu irraa kaatee dhaloota heeddus kaachisaa jiruudha. Saganni gosni lamas,sadiis, kudhanis hinjiru. Yoo of gowwoomsuu tahe malee!

#Ergamoonni waaqayyo sagada ni barbaadu? Macaafni Qulqulluun maal jedhe? yoo namoonni sagadaniif deebiin ergamoota maal ta’innaa laata? kutaa Macaafa Qulqulluu keessa ergaa lamaan kana qofa caqasnaan gahaadha.

A.mul yoh 19:10 “…Kana irratti isaaf sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe; inni garuu, "Kana gochuun siif hin ta'u! Ani siif, obboloota kee warra isa Yesus dhugaa ba'etti qabamaniifis #hidhata_hojiiti, #Waaqayyoof_sagadi!" naan jedhe.

kutaa kana irra akka hubannutti Waaqayyo waan gurgudda gara fulduratti ta’uu bartuu isaa yohaniisitti ergamaa isaa erguudhaan akka itti mul’isuu tasiisee.ergamaanis waan hundumaa yohannnisitti agarsiisee.yohaannis waan argeetti dinqisiifate ergamichaaf sagaduuf ariifate.ergamaan sun garuu waan ajajamee qofa akka raawwatee fi ofiisaa waan tokkollee akka hin goonee sagadamuufiin kan maluufis waaqayyoo qofa akka ta’ee yohannisitti jala sararee itti hime. Cimsee jecha namaaf galuun "anii akkuma kee hojjetaadha sii fi immoo hidhataa hojiiti ,kanaaf ana miti waaqayyookee qofaaf sagadii"ittin jedhee

Mul. 22 ⁸ Ani Yohannis kana hundumaa dhaga'eera, argeeras; kana dhaga'ee, argee erga ani raawwadhee, ergamaa isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe.⁹ Inni garuu, "Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra raajotaaf, warra dubbii macaafa kanaa eeganiifis #hidhata_hojiiti, Waaqayyoof sagadi!" naan jedhe.

Egaa Abbaan mul’ataa yohannis wanta macaafa isaa keessatti cafee hundumaa dhaga’eera;Argeeraas. kana hundumaa waaqayyoo karaa ergamaasa isaatti argisiseera. kan waan hundumaa anatti argisiisa jiru kun aboo fi aangooo isaatiin kana gochaa jira se’etu yohannis ergamaa kanaaf sagaduufiif altokko qofa dogoggoree kufee gad jedhe. Wanti kun dogoggora cimaa waan ta’eef eenyuu ille gara fuulduraatti akka hin dogoggoreetti ergamaan kunis "#anaaf_hin_sagadin;Waaqayyo qofaaf sagadi" jedhee akeekachise.

Namoonni baay'een al lama kufee sagade" jedhanii falmii waan kaasaniif si’a tokko qofa kufuusaa kan ittin beeknuu mul 22:8-9tti kutaa lamanuu mee ingiliffaasa haa ilaallu
“At this I feell at his feet to worship him.but he said to me, don’t do that i m a fellow –servant with you and with your brothers and sisters who hold to the testimony of jesus.worship God!for it is the spirit of prophecy who bears test mony to jesus. #Rev 19:10

“I,john,am the one who heard and saw these things.and when I had heard and seen them ,I #fell down to worship at the feet of the angel who had been showing them to me.but he said,tome ‘Don’t to that !’Iam a fellow servant with you and with your fellow prophets and with all who keep the words of this scroll.worship God!” #Rev 22:8-9

4 months, 2 weeks ago

Abbaakeen dhugaatti si jaallata taanan,ati dhala isaa tahuu isaa ni amana taanan akkas jettee itti dubbatta”abbaako wan tokko naaf godhi. Dhimma wayiif qarshii barbaade ture. Kanaaf naf kenni” jettee gabaabsite itti himta! Akka dhala isaa taate ibsuuf illee iyyata itti dhiyeessitu hinqabdu! Maaliif? abbaa keetika! yoo qarshiin harka jiraateef “hoodhu dhalakoo” jedhee siif kenna! Yoo immoo of harkaa hinqabaanne “maaloo dhalakoo qarshii of harkaa hinqabuum” jedhee siif gadda! Deeme illee nama biraa irraa siif liqeffata Fakkeenya kana irratti Kadhachufi gaafachuu gidduu garaagarummaa jiru hubattee?

Yaada cuunfaa Kadhachuun garbummaa ibsa! Gaafachuun birmadummaa ibsa!
Kanaaf maqaaa yesus waamnee waaqayyoo Abbaa gaafachuun gatii kristoos #fannooo irratti kaffaleen waaqayyoo abbaa harkaa waan nu barbaachisu fudhachuun nuuf mala! Kan kristoos hojjetee nuuf kaahe waaqayyo harkaa qabeenya guddaa qabna!Ameen! nuti ilmaan waaqayyoo warra dhiigaan garbummaan cubbuu nurraa miicamee bilisa baanee waan taaneef,Waan barbaanne karaa kristoos waaqayyo abbaa gaafachuuf ija jabina qabna jechuudha!

…kottaa ija jabinaan gara teessoo waaqayyoo isa ayyaanan guututti in dhi’aannaa! #Ibroota 4:16c
Amanteetta taanaan waaqayyoo abbaakee amanamaa waan ta’eef,sassataas waan hin taaneef waan jireenyakeef barbachisu gaafachuuf akka waan inni gara jabeessa ta’eetti adaraa,maaloo,…jettee garaa laaffifachuu si hin barbaachisu!
Sababa nuti isa gaafannufis, maqaa isaa waamuun isatti waan toluuf! Warri mucaa qabdan gaafa mucaan keessan “abbaakoo!” jettee isin waamtu garaan keessan #wakak jedhee tarsa’a.mucaan kee si malee abbaa kan ittiin jettu akka isheen hin qabne siif ifa! Kanaaf garaa keessan irraa gammadanii waa isheef gochuuf dirqamtu!bakka hojii ooltanii gaafa mana galtan illee yoo mucaan keessan isin jalaa callisteef ni dhiphattu.”mucaankoo har'a maal taatee laata?” jettanii bakka ishee dhukkubsatu!

Haaluma wal fakkaataan warri kan isaa taanee #abbaa jennee isa dadhabbiin keenya garaa isaa raasu, gaafa maqaa yesuusiin waa gafannu sagalee hoolota isaa waan beekuuf,garaan waaqayyoo sagalee mucaa isaa kana dhagahe nuuf raafama! Sagalee kana dhagahuu isaatiin wanta nuti yaadne gaafanne garasitti waan hundumaa nuuf raawwata! Gaafa nuti isa waamuu callisnu abbaa keenyatti hin tolu.

Amani waaqayyo warra kan isaa ta’an,addaan addaan akka baafate beeka! Waaqayyo yeroo ani isa waammadhu anaaf ni dhaga’a! farf 4:3
Kanaaf Gaafachuun bakkaa fi yeroo hinqabu. Yeroo hundumaati malee!inni jecha nuti isatti dubbannu nuuf dhagaha. Ani dhugaadha kanas ofiikoo irrattin arge! Maqaan waaqayyoo bara baraan ha ulfaatu!
.ISINAN JAALADHA!
@tameofficial1
Yadaaf @tameofficial_bot

6 months, 1 week ago

Waa'ee bilbilaa Samsung ammaam beektu? Dandeetti dhokataa inni qabuhoo? Moo koodiwwaan waa bayyee hojjechuu si dandessisan barbaadda?🤨

Gorsaa fi tooftalee ajaa'ibaa kanaan dandeettii bilbila Samsung keessanii beeka! Akkamitti umurii baatirii keessanii dheeressuu, fi koodii dhokataa bilbila ke keessa jiru argachuutti, barreeffamni kun hunda qaba. #GorsaaBilbilaa #DandeettiDhokataa.

https://filanx.com/tips-and-tricks-for-your-samsung-phone-unleashing-the-hidden-potential/

Filanx | Online Works

Tips and Tricks for Your Samsung Phone

Samsung phones are known for their powerful features and user-friendly interface. Whether you're a seasoned Samsung user or a new

***⏺***Waa'ee bilbilaa Samsung ammaam beektu? Dandeetti dhokataa inni qabuhoo? Moo koodiwwaan waa bayyee hojjechuu si dandessisan barbaadda?***🤨***
We recommend to visit

https://youtube.com/@carsten_stahl
Carsten Stahl Offizieller Kanal für YouTube-Videos, Krypto-Feeds, Kontoverwaltung.

Last updated 1 месяц, 2 недели назад

ВКонтакте:
https://vk.com/carlsontv
Дзен:
https://dzen.ru/carlsontv
YouTube:
https://www.youtube.com/@karlsontv

Заказ рекламы: https://telega.in/c/carlsontv

Last updated 1 месяц, 1 неделя назад

https://youtube.com/@ErnstWolffOffiziell

Last updated 2 дня, 10 часов назад