Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

𝚆𝙰𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾 𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰™

Description
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa

https://t.me/+sxNP7tUvofYyMTdk
Advertising
We recommend to visit

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 Jahre, 9 Monate her

😍🥰Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣😘🤩🥰😍😜❣️❤️‍🔥
😁😅🤣😂Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo😇😋

Last updated 1 Monat, 2 Wochen her

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 1 Monat, 2 Wochen her

1 month, 3 weeks ago

MICIREE JAALALAA 🥀
Osoo ani hin yaadin
Anaaf kan yaadamtee
Miciree akka tasaa
Keessaakot uumamtee
       ~~~~
Jaalalakeetti cuuphadheen
harkakoo achit argee
osoon quba hin qabaatiin
daraaree natti margee

Badaakee haasa’anis
koo garaan sanumaa
mannin keessat of arguu
yeroo hunda keetumaa
     ~~~
Ati naaf qarookoo
kanan itti ilaaluu
kumni osoo dhufeeyyuu
Tokko si’iin naa caaluu!

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

1 month, 3 weeks ago

"Anatu siif gaarii" kan jedhee waakkatu
Hundumtuu naa toluuf anattin fakkaatu
An nan beeka garuu addaan baasee fira
Isan anin beeknes rabbi guddaan jira

Kufee ka'ee boolla qotee kan naaf sirbu
Ilkaan qaree jechaan kuulee kan na irbu
Cabakoo eeggatee yoo natti gammadu
Argeetuman dhiise animmoo xamaduu

Buqqee gannaa gaarii se'ee hin leellisu
Bagan dhiise deemee rabbi nahaa eebbisu

.

1 month, 3 weeks ago

Sii yaadeen of yaada
Yaadeen yaadan bada

Sii waameen of arrabsa
Qaalama yaada cobsaa
Yaadni koo yaandoo
Roobsa....................

Ati......
Na barsiisuuf badee
laata kutannoo fi obsaa

Anoo na waalallee
jalqabaaf xumuraa
Hin arguu ilaallee
Haaran maaltu jira

Garuu.....maaltu jira
Maaf taane dugdaaf
Garaa? Ni dhuftaan
si egaa ilaallaan hafee
karaa?..................

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

1 month, 4 weeks ago

𝐒𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐢𝐧 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢😰

✪ galgala si arge
  Dimimmisa keessa
  Fuulakee ilaallaan
dhokfatteetu teessa

✪ Suutan sitti siqe
Sibaruu barbaadee
Ayyaanni sirraatis
Garaakoo na waadee

✪ Siduran naanna'e
    Meeqan si ilaale
   Safuu simboo keetii
  Dhaaph'een of-Wallaale

✪ As darbee achi darbeen
   Si quufuu dadhabe
   Sitti siqee teenyaan
    Jaalallis na qabe

✪ Sodaatiin Raafamaan
   Nagaa si gaafadhe
  Yerooti nalaaltes
Yaaddookoon dagadhe

✪ #__  naan jette
   maqaa kee natti himte
   Kolfaama qasa'aa
dhuftee na haammatte😍

✪ Anis gammadeetan
Onneenkoo na sirbe
battalan dagadhe
mudannookoo darbee

✪ Ofitti na qabdee
    Mormakee jelatti
   Hin barbaadu jettee
  Eenyuun siin Alatti😍

✪ si Eegatan ture
    Yeroo hamma kana
    Waanan si argadheef
   Gammachuunkoo Olaanaa

✪ Yerooti naan jette
   baay'eetan Rifadhe
  Onneekoorraa fudheen
Dhugaan si jaalladhe

✪ sitti mararameen
   Siif ta'e jaalallee
sitti Addan bahu
jedheen waadaa gale

✪ An hin beekun ture
Neetwoorkii ta'uukee
guyyaa barbaadetti
Na Gagattee deemuukee

✪ Siif jecha jibbamee
   Firakoo dhabullee
  An tasa hin daganne
waadaa walii galee😢

✪ Atis dhara keetiiin
   Narraa qara ilaaltee
As fakkaachaa achi
Amala haaraa baastee

✪ Sababa barbaaddee
    Garagar baana jetta
   Waaqaaf lafa waamtee
Anatti kakatta

✪ lnnoollee ha tahuutti
  Deemi akka barbaadde
Rabbi sirraa ha qabu
Qaraafi qoree xaddee

✪ Onneekoo fudhattus
  Nan keessa homamitti
Gattikee  argachuu dandesa
Baddira fagadhu ta'i ati oggeesa

✪ jaalakoo dhiittee
   Darbattus ofirraa
   Waaqani inni na Uume
Nan dhowwatu carraa

✪ Sobaan Onnee hatuun
duriyyuu ati goota
Egaa itti fufi
barbaacha chiikotaa😍

✪ Guyyaa tokko argita
    Yeroo har'a si darbu
Qalbii hataa deemuun
bu'aa siif hin qabu

⫸ Meeshaa Ammayyaa gootee
    Durba ilaaltuyyuu
   Sobduu akka keetiif
   Hin gaddu yoomiyyuu
Egaa nagaan turi
Siin hin jedhu hattuu
Rabbi sitti hin qabin
shamarree maraattuu😘

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

1 month, 4 weeks ago

𝐘𝐨𝐨𝐦𝐮𝐦𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐣𝐢𝐛𝐛𝐞🤔

❂ An har'as sin jalaadha
Yoomuman si jibbe
akkaan si jaaladhu
yeroo hedduun hime.

❂ Atis nan hubanne
Tuffattee dabarte
Jaalalaan sii qabu
bishanitti naqxe(×2)

❂ sitti adda bahuun
Kaayyo kootis miti
Giddiin sin jaaladhanis
Omaa sirrii miti.
kophaa jiraachunis
heddu nama miiti(×2)

❂ Kophaa jiraachunis
na miidhaafi moti
akkaan si jaaladhus
haalan beekta ati.

❂ Ergan an si dhabe
Nan jaaladha tokko
kan akka kee garuu
hin argu gaaf tokko(×2)

❂ Amman booda gahe
Siichi jaaladheera
akkan si obsuufis
Garaa jabaadheeraa

❂ jaalalle koo Amma
maqaa moggafadhe
obsa kooti ati jedhe
ltti himadhee(×2)

❂ Adda bahuu keenyaf
an ammas nan gadda
yeroon taa'ee yaadu
lmimman na hudha

❂ Akkamiin obsite
ana jaalallee kee
harka koo qabattee
gaaf tokko mal jette?
karoorri qabanne
maaf karatti hafte?(×2)

❂ Ani yoon ballesse
maalif nan gorfanne
kan booru koo jette
Ergaa na abdatte

❂ Badi koo gaaf tokko
biruma dabarte
Amuma beekumsa kee
osoo na gorfatte
maaf karatti hafaa
jalalli jalqabne
ammas jaalalli
ke keessa koo hin baane(×2)

𝐉𝐞𝐝𝐡𝐢 𝐞𝐠𝐚 𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐭𝐢😘

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

2 months ago

Ogummaadha malee
Mi'aa kan sirreessu
Sunsuma jijjiiruun
Ittoo hin mi'eessu.

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

2 months ago

Si arguuf si eegeera.
Si beekuutti of deegeera.

Ati hin baramtu.
Ati hin argamtu.
Ati hin qabamtu.
Ati hin dhabamtu.

Si argeera garuu...
Gumaata jaalalaa sirraa hin qooddanne.
Si beekaaf si hin beeku dhaqees hin hooddanne.

Ammas homaa hin jedhu!
Homaa sin gaafadhu at qofaan jiraadhu!
Garuu...
Isan ittiin si jaal'e onneekoo naaf laadhu! 💔

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

2 months ago

𝐒𝐢 𝐄𝐞𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐚..!

Na keessa jiraata
jaalallikee durii
Qulqulluu Onneekoo
hin Tuqsiisne xurii😢

ija kee yoon laalu
bishaanuman ta'a
Lafa irraa ka'een
Samii gubbaan ba'a

Garakoo sabbataan
hidhadhee akka gaarii
Onneekee madeessuuf
hin sochoone anii

siif kunuunsaan jira
marartee kaleessaa
hojiikee hin Abaarre
kan na miite keessaa

Jaalalti kee Guyyaan
An keessatti marga
Dunuunfadheetilee
Ani Suman arga

Afaan baneen laala
Suura at Lakkistu
Like gochuusaatif
Atuu nan Dursituu

Si malee naan sifaa'u
Nyaatni gad liqmse
Jedhee siif katabuuf
Sodaat na deebise

Sobuun maal naaf Godha
Dhumni isaa Lolaa
Dhugaa dubbadheetan
jibaamuu naaf waayyaa

Har'a na dagattee
Yoo hin jirres na bira
Yaadikoo hin hiramne
Si Eegaatan jira..!

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

2 months ago

𝐀𝐥𝐛𝐮𝐮𝐝𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐀𝐝𝐝𝐚𝐚❤️👌

⫸ Maal jedheen sii waama
Maqaa siif Moggaasee
Akkamitti si Waamu
Sagalee koo ol kaasee.

❤️ Urjiikoo siin jedhuu
Ishee lfa kennitu
Dukkana halkanii
Ishee nuuf ibsitu.

⫸ Warqeekoo siin jedhuu
Isa Namni ittin of faayu
Warqeenuu Xiqqoodhaa
Diamond hin wayyuu.

❤️ Albuuda isa Addaa
Naaf gati-jabeesatti
Ati yoomuu anaaf
Hin qabdu fakkaattii.

⫸ Ati utuu filattee
Maqaa isa siif malu
Gaafan ittiin si waamu
kan Summatti tolu.

❤️ waan jechaa siif dhabeen
maqaa siif barbaada
Summuutu siif dhama'ee
Waan gaarii siif yaadaa.

⫸ jaalala ati naaf kenniteef
Moggaasi maqaaa xiqqoodha
Olmaa ati anaaf ooltetu
Anarras baay'eedha.

⫸ Gadduukoo hin feetuu
Yaadan na Jajjabeessaa
hamaa tokko hin qabdu
Jaalalaan maaleessaa.

⫸ Taphanee yeroo Addaa
Gaafa waliin dabarsinuu
miiraa sodaatiin taanee
yerotti wal dhungannuu.

⫸ lji keenya wal sodaatee
Yeroo keessi Gammadu
Onnee isa onaa ture
Yeroo jaalalli waadu.

⫸ Lubbuukoo kee Addaa
waalalee hin dhumu
utuu si jaaladhuu
Nagaa sitti dhaamuu?

⫸ Baay'een si jaalladha
Jaalala dhugaadhaan
Nagaayyuu hin argadhu
sekoondiif si dhabnaan.

⫸ iddoo Addaa qabdaa
Yoomuu ana keessaa
Jaalalaan na mootee
Onaanteema teeessa.

𝐆

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24

2 months ago

𝐍𝐀 𝐃𝐇𝐈𝐈𝐒𝐈🙏

Daandii bitaaf mirgaa
oliif gadii Ceenee
Yaadakee Kunuunsuuf
Boolla meeqa Seenee

Har'i bor hin taatu
iftaanis kan biraa
Abdiikoo ararraaseen
si taasise fira

Dukkanni Miirakee
anaan gadi buusee
dhiphuu na dhaalchise
Rakkinallee kuusee

sararri qaamakoo
gogee shushuntuuree
Waanuma hiika dhabe
dabarsaatan ture

Amma kana garuu
Atis murteeffadhu
jireenya filannaa
Narraa ijaa fudhu

kan Carraakee hin dhabin
Anis deemsa Eegalee
karaankee ha milkaa'u
Gufuu tokko malee❤️🙏

Nuuf Wayya Dureetti
Milkiif Eebba jaarsaa
Na dhiisi sin dhiisaa
hin soqin Abaarsa.

@Walaloo_Jaalalaa24

We recommend to visit

Official Telegram channel✔️

🔛Nutti dhihaatta 🚶
🔛Jaalalaan nurraa qabamta💓
🔛Garmalee Koflaan Fincaan ofirrati buusta😀
🔛asuman waliin taane Afaan fi artii keenya gudifanna.
Any comments or messages:- @Orosarca_commentobot

Last updated 2 Jahre, 9 Monate her

😍🥰Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣😘🤩🥰😍😜❣️❤️‍🔥
😁😅🤣😂Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo😇😋

Last updated 1 Monat, 2 Wochen her

Supporters of the greatest President of our lifetimes, @real_DonaldJTrump!

Last updated 1 Monat, 2 Wochen her