Walaloo Jaalalaa™

Description
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa
https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24

Buy ads: https://telega.io/c/+Uu-oSo7wtgQ3YWJk
Contact: @Getu_Abera
We recommend to visit

??Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣?????❣️❤️‍?
????Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo??

Last updated 2 months, 2 weeks ago

Chaanaalii kana keessatti Odeffannoo Waa'ee Maan Yunaayitidin walqabatan qofa argattu.

?Jijjirraa Taphattoota Kan Maan Yunaayitid

?Taphoota Maan Yunaayitid kallattiin.

?Yaada qabdan karaa @AmaaaanG gaafachu dandeessu

Group ? @Oro_man_uniteds_Group

Last updated 2 months, 1 week ago

Faana beekumsaa irratti
Barnoota haala bashannansiisaan
Qoosaa nama kofalchiisan
Jechoota mimmiidhagoo
Text profile f ta'an bifa suuraatin
Seenaa nama bohaarsan
Ergaa qalbii nama jiisan yaada yoo qabaattan karaa
@Faana_beekumsaabot tiin nu qunnamaa

Last updated 2 months, 1 week ago

1 month ago

🔵 Abdii kuti
Eyyee abdii kuti! ✍️

Muka guddaa hin taatu
Xaxamtuun coqorsaa
Abdii hin kutiin jedhee
Maalittan si gorsaa?
Ol joortee - gad joortee
Of hin dhorkiin fayyaa
Abdii kutii dhiisi
Abdii kutuu wayyaa!

Waan bu’aa sii hin taanetti
Maal gochuuf dadhabdaa?
Jibbaafi inaaffaarraa
Abdii kutuu qabda!
Abdii kuti maaloo
Of hin cabsiin ceekuu
Jaalala lagatee
namni jibba abdate
Galma ga’ee hin beeku!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
#share
#join

1 month ago

💔 JAALALA KOO SIMADHU!

Diyaamendii yoon dhabees
Isa gatiinsaa cimaa
Onneerraan si jaalladha
Jilbeenfadheen sitti hima!
~~~~
Murteessaan warqee mitiim
Warqee isa gatii jabaa
Jaalalli dhugaa taanan
Abaaboon hiika qaba!
~
Utuun onnee siif laadhee
Sagal kufee siif cabuu
Garaan kee amma kana
Natti jabaachuu hin qabu!
~~
Kennaa waaqaatii malee
Jaalalli hin qabu cubbuu
Onneerraan si jaalladhaa
Tole naaf jedhi lubbuu!

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
#share
#join

1 month, 1 week ago

Walaloo Jaarsaa fi Jaartii

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚜𝚊 : 𝑺𝒊𝒊𝒇𝒂𝒏 𝒄𝒂𝒍𝒍𝒆𝒆𝒔𝒔𝒆𝒆 𝒏𝒂𝒒𝒂
𝒔𝒊𝒊𝒇𝒂𝒏 𝒄𝒂𝒄𝒄𝒂𝒃𝒔𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒂𝒒𝒂
𝒎𝒆𝒆 𝒎𝒂𝒂𝒍𝒖𝒎𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒃𝒅𝒆
𝒏𝒂𝒎𝒂 𝒈𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒕𝒆 𝒍𝒊𝒒𝒂𝒂

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚝𝚒𝚒 : 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒖𝒎𝒂 𝒏𝒂 𝒇𝒖𝒖𝒕𝒆
𝒋𝒊𝒓𝒖𝒖𝒏 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒅𝒂𝒃𝒆𝒆
𝒂𝒃𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒂 𝒎𝒐𝒐
𝒌𝒂𝒏 𝒔𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒏𝒂 𝒒𝒂𝒃𝒆

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚜𝚊 : 𝑫𝒖𝒓𝒂 𝒔𝒊𝒕𝒖 𝒏𝒂𝒂𝒏 𝒋𝒆𝒅𝒉𝒆
𝒂𝒏𝒊 𝒔𝒊 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒅𝒉𝒂𝒂
𝒂𝒎𝒎𝒂 𝒎𝒂𝒂𝒍 𝒓𝒂𝒌𝒌𝒂𝒕𝒕𝒆
𝒎𝒐𝒐 𝒎𝒂𝒕𝒂𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒔𝒊 𝒃𝒂𝒂𝒅𝒉𝒂

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚝𝚒𝚒 : 𝑵𝒂 𝒋𝒊𝒃𝒃𝒊𝒔𝒊𝒊𝒇𝒕𝒆 𝒋𝒊𝒓𝒖𝒖𝒏
𝒕𝒂𝒂'𝒆𝒆 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒂𝒇𝒇𝒂𝒍𝒖 𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂𝒂
𝒔𝒊 𝒘𝒂𝒍𝒊𝒊𝒏𝒊𝒔 𝒉𝒊𝒏 𝒋𝒊𝒓𝒂𝒂𝒅𝒉𝒖
𝒂𝒃𝒂𝒂𝒓𝒂𝒎𝒂𝒂 𝒋𝒂𝒂𝒓𝒔𝒂𝒂

𝙹𝚊𝚊𝚛𝚜𝚊 : 𝒂𝒏𝒂𝒕𝒖 𝒉𝒐𝒋𝒋𝒆𝒕𝒆𝒆 𝒇𝒊𝒅𝒆𝒆
𝒎𝒂𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒔𝒊𝒊𝒇 𝒌𝒖𝒖𝒔𝒂𝒂
𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊 𝒐𝒍 𝒏𝒂𝒕𝒕𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒉𝒂𝒂𝒔𝒂'ain.
𝒅𝒉𝒂'𝒆𝒆𝒏 𝒍𝒂𝒇𝒂 𝒔𝒊 𝒃𝒖𝒖𝒔𝒂𝒂

。\|/。🌷
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
💔。/|\。
#share
#join

1 month, 1 week ago

?
?????? ????? ???? ??????
????? ?????? ?????????
??????????? ?????????
??????????? ??? ???????

???????? ????? ???????
?????? ????? ?????????
???????? ??? ????????
???????????? ????????

??????? ?? ??????? ???
????? ??'??? ????????
?????????? ?????????
??????? ?? ?????????

。\|/。?
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
?。/|\。
#share
#join

1 month, 1 week ago

. Ani...?
.....
Jaalattuukee
ishee siif yaaddu?
Amanamtuukee
yoomuu sin kaadu?
Obsituukee
kan si dhiistee hin tarre?
Sirraa adda ba'uuf
kan biraa hin barre?

. Ati.... ?
.....
Kan filatamte
kan jaalatamte?
Keessa kiyyatti
bakka kan dhuunfatte?
Beektee amalakoo
naaf yaadda dhugaasaa?
Kan walii baga taane
kun guddaa badhaasa?

。\|/。?
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
?。/|\。
#share
#join

1 month, 1 week ago
***⭕*** "Of jaalachuun ofittummaa miti,.. [See …

"Of jaalachuun ofittummaa miti,.. See More

✉️ "Haati manaa ogeettiin wantoota gurguddoo afran kana yommuu gootu caalatti abbaa manaa isheetiin jaalatamti",... ↪️ See More

????
?See More?
?See More ?
????

Abbaa manaa cimaa duuba haadha manaa ogeettii jira,...
⬇️
➡️ See More
      See More

1 month, 1 week ago

Kan uumama yakkee
Waan hin jirres fide
Kan cubbuus bocatee
Dhugaa arguu dide

Baraa miti nama
Barri maal balleesse
Deemeet jijjiirama
Badii isaatin malee
Akkamiin yakkama?

Osoo ganna roobee
Aduun bonaa dhaamu
Osoo birraan habaabee
Cidhaaf nama yaamu

Osoo akkuma lixxeen
Aduun hin hafin takkaa
Balleessaa isaa kamiin
Namni bara yakka?

Osoo akka namaatti
Barri karaa hin bulin
Yookan garaaf jedhee
Karra namaa hin galin

Kan faayidaan bitamee
Karaa irratti hafu
Kan garaa guuttatee
Bakkuma oole rafu

Kan garaarraa-n hafne
Osoo ilmi namaa jiru
Inni dhibamee-n ciifne
Kan fageenya hifatee
Deemsa isaa-n dhiifne
Bara maalif abaaru?

Bara hamtuu diigee
Sona namaaf ijaaru
Kan laafaa utubee
Dadhabaa gargaaru

Bara hamaa jedhanii
Maalif xuriin qaqqabu
Barri waa hin yakkine
Badii homaa hin qabu

。\|/。?
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
?。/|\。
#share
#join

1 month, 2 weeks ago

NUTI QAAMA TOKKO ?

Nuti qaama tokko
Miilaa hanga mormaa
Addaan facaatanii
Hin ta'inaa orma!

Wallottis dhaladhu
Wallaggaafi jimmaa
Dhabnikee dhabakoo
Dhimmikee naaf dhimma

Harargees yoo taate
Arsii yookaan Baalee
An wol hin caalchisu
Gandaaf gooxii laalee

Booranaa fi Gujii
Matakkaliif Shawaa
Anaafis qoricha
Wanti-isiniif dawaa

Faffaca'uun fafa
Addaan wal dhiluuni
Anaaf biyya kooti
Beddelleef Iluuni...

Kutaan adda baanee
Hin dhandhamnu eelaa
Dheebuunkee kan kooti
Beelli kee naaf beela

Bahaaf lixa-n jennu
Kaaba yookaan kibba
Wol jaalanna sabaa
Haa jibbinu jibba!......

Na gahee sin hanqatu
Cabnu woliin okkolla
Gufannus walumaani
Ceenus waliin offolla!..

Ija bitaaf mirgaa
Hin laallu addatti
Hin galinaa sabaa
Hin gallu gandatti!

Tokkummaan Oromummaa
Irbuu goota kumaati
Galfata hin nyaatinaa
Dhaamsa kiyya dhumaati!

。\|/。?
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
?。/|\。
#share
#join

1 month, 2 weeks ago

Afaan Jaalalaa

Maal jedheen sitti himaa
akkan si jaaladhuu
mallattoo miira koo
atoo na hin hubattuu

Ija koo na cabsa
labooba nyaara koo
yoon sitti himuuf ka'e
na luugama arrabnikoo

Si arguuf sardameen
sitti himuuf holladhaa
Utuun afaan beekee
miira koon baafadhaa

Beeka afaan dubbii
qooqa walii galaa
maaf naa dumdumaa
qooqni afaan jaalalaa.

。\|/。?
@Walaloo_Jaalalaa24 
@Walaloo_Jaalalaa24
?。/|\。
#share
#join

We recommend to visit

??Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣?????❣️❤️‍?
????Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo??

Last updated 2 months, 2 weeks ago

Chaanaalii kana keessatti Odeffannoo Waa'ee Maan Yunaayitidin walqabatan qofa argattu.

?Jijjirraa Taphattoota Kan Maan Yunaayitid

?Taphoota Maan Yunaayitid kallattiin.

?Yaada qabdan karaa @AmaaaanG gaafachu dandeessu

Group ? @Oro_man_uniteds_Group

Last updated 2 months, 1 week ago

Faana beekumsaa irratti
Barnoota haala bashannansiisaan
Qoosaa nama kofalchiisan
Jechoota mimmiidhagoo
Text profile f ta'an bifa suuraatin
Seenaa nama bohaarsan
Ergaa qalbii nama jiisan yaada yoo qabaattan karaa
@Faana_beekumsaabot tiin nu qunnamaa

Last updated 2 months, 1 week ago