Summer Tutorial

Description
Our wisdom for our people.
Advertising
We recommend to visit

Spin, Attack, Raid friends and Build on your way to an Empire.
Collect Coins and Stars for Airdrop! @robincoin_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

My official channel for any news & announcements.

*Important Note* :

AVOID THE ""EmpressEvolution"" CHANNEL, OR ANY OTHER IMITATION CHANNELS.

THEY ARE FAKE FROM SCAMMERS.

6 months, 1 week ago

ATIS NII DANDEESSA!
Bara 1939 ALA ture. Joorji Daalzigii jedhama. Barataadha. Gaaf tokko barfatee mana barumsaa deeme. Yeroo inni daree seenu barsiisaan istaatiksii barsiisee ba'eera. Gaaffiilee lama kan barsiisichi barreesse gabatee gurraacha irra jiru. Daalzigiin gaaffilee sana lamaan barreeffatee gara doormii isaatti deebi'e.
Gaaffilee sana hojjechuun salphaa hin turre. Yaalii guddaa booda hojjete.
Akkuma hojjeteen gara biiroo barsiisaa isaatti geesse. Kutaa dhiphoo waraqaan itti guute keessa ture barsiisichi. Quba isaan argisiisaa, "Achi irra kaa'ii deemi!" ittiin jedhe. Kaa'eefii deeme.
Bor ganama balballi rurukkutame. Ka'ee baneef. Barsiisaa istaatiksiidha. Ni rifate. Barsiisaan akkamitti doormii dhufa? Akkuma inni balbala baneen barsiisaan isaa dubbisuuf harka itti hiixachaa, "Baga gammadde!" ittiin jedhe. Daalzigiin waan isaa wallaale. Bitaa itti gallaan, "Maaltu ta'e?" jedhee gaafate.
Barsiisichi fuula gammachuudhaan ifeen, "Waraqaa qorannoo kan ittiin eebbifamtu xumurteetta! Qorannoo biroo hojjechuun si hin barbaachisu!" ittiin jedhe. Gurbaan daran burjaaja'ee ilaale. Haalli barsiisichaa galuufii dide.
"Maal jechuudha kun? Akkamitti ta'a" jedhee gaafate. "Maal seete!" jedhe barsiisichi, "Gaaffileen ani kaleessa gabatee gurraacha irratti barreesse lamaan seenaa istaatiksii keessatti haga ammaatti deebii hin arganne. Ani barattoonni gaaffilee lachuu akka beekaniifan barreesse malee akka hojjetaniif hin turre! Ajaa'iba! Ati garuu akkuma hojii manaa salphaatti hojjettee fidde. Sunuu yeroo gabaabduutti. Eyyee, baga gammadde!" ittiin jedhe.
Seenaa istaatiksii keessatti gaaffiilee deebii hin qabne akkamitti hojjette Daalzigiin? Deebiin isaa salphaadha. Akka gaaffileen sun hojjetamuu hin dandeenye hin dhageenye. Hojii manaa barattootaaf kenname qofa se'e. Akka hin danda'amne waan hin dhaga'iiniif akka danda'amu amane. Sammuu isaa gurra isaa lachuu gidduu jiru haalaan hojjechiise. Maarree gaaffii deebii dhabe deebise.
Maal jechuufan kana jedhe seete? Atis ni dandeessa! Daa'imummaadhaa eegalanii maatii fi hawaasni ati keessatti guddatte wantonni hedduun akka hin danda'amne waan sitti himaniif akka hin dandeenye amante. Hin danda'amu siin jedhan, atis hin danda'amu jettee itti waliif galte. Dhugaan jiru garuu: Daangaan sammuu keetii sammuu kee mataa isaati! Eyyee, ni dandeessa.

https://t.me/kenyamedia101

Telegram

Keenyaa Media

Our wisdom for our people.

ATIS NII DANDEESSA!
6 months, 1 week ago

Makaanikii hiyyeessi kun intala bareedduu kana toora interneetii irratti jaalala jalqabe. Gaaf tokko intalli kun akka isa daawwachuuf qarshii geejjibaaf ta'u akka isheef ergu isa gaafatte. Makaanikii hiyyeessi sun ni ajaa'ibsiifate. Intalli sun waan isa gowwoomsuuf deemtu itti fakkaate. Intalli bareedduu akkanaa gara isaa dhufuu akka barbaaddu amanuu hin dandeenye.

Guyyaa lama booda hoogganaa isaa irraa qarshii liqeeffatee intalattiif erge. Intalti kun isa arguuf Nigeria magaalaa Abujaa irraa gara magaalaa Leegoos balaliite. Intalli bareedduu kun maatii baayyee sooreyyii irraa kan dhufte yoo ta'u jaalalli dhugaa ammallee akka jiruu fi shamarran hundi qarshii dhiiraaf jecha akka jaalala jalqaban dogoggora ta'uu isaa mirkaneessuu barbaadde.

Jalqaba teessoo (bakka jiraatu) gurbaan sun isheef erge dhaqxee jaalalleen ishee gurbaa 7 biroo waliin mana jireenyaa kutaa ciisichaa tokko qabu keessa akka jiraatu hubatte. Jaalallee ishee eessatti akka argattu gaafattee daandii irratti hojii irra akka jiru itti himan. Bakka inni hojjetutti surprise isa gochuuf taaksii qabattee imala eegalte. Isheen teessoo gurbaa gaggaafachaa karaa irra naanna'aa dhuftee. Nama gaafa gaafattu, "mucaan fokkisaan sun yoona bakka tokkotti konkolaataa nama tokkoo jala gangalachaa jira..." Jedhanii isheetti qoosuu jalqaban.

Intalli kun osoo dureeyyiin konkolaataa isaanii keessa taa'anii ishee dubbisuuf 'kilaaksii' afuufanii jiranii isheen isaaniif gurra otuu hin kenniin gurbaa barbaacha itti fufte. Dhumarratti jaalallee ishee sana, xuraa'aa konkolaataa duuba taa'ee yeroo argitu isa hammachuudhaaf fiigdee gurbaanis boo'uu jalqabe. Isheenis akkas jettee gaafatte, "maaliif boossa?" Jette. Innis akkas jedhe, " Erga Haati koo du’aan boqottee hamma har'aatti namni na hammachuu miti harka na qabatee na dubbisuuf fedhii hin qabu..." Jedha. Lamaanuu boo'uu jalqaban. Jalaala isaani walif ibsan.
https://t.me/kenyamedia101

Telegram

Keenyaa Media

Our wisdom for our people.

Makaanikii hiyyeessi kun intala bareedduu kana toora interneetii irratti jaalala jalqabe. Gaaf tokko intalli kun akka isa daawwachuuf qarshii geejjibaaf …
6 months, 1 week ago

????? ?????????!
Hawwiin namaa dhuma hinqabu. Yoo abbaan daangaa itti gochuu baate qilleensa abootaa nama hambisa. Isa qabdutti gammaduu dadhabdee isa hinqabne utuu ariituu hafta. Of ta'uu dhiiftee akka abaluu ta'uuf joorta. Jireenyi akkasii joormaadha.
Seenaa tokkon sitti hima...
Namicha tokkotu ture. Dhagaa soofa. Sun hojii isaati. Garuu hojii isaa kana hinjaallatu. Itti gammadee hinbeeku.
Gaaf tokko dadhabee otoo hojiidhaa galaa jiruu mana daldalaa dureessa tokko bira ga'e. Dhaabbatee ilaale. Qabeenyawwan gati jabeeyyiifi barbaachisoo hedduu arge. "Daldalaan kun nama jabaa akkamiiti? Maal ta'a otoon akka isaa ta'ee!" jedhee hawwe. Yoon daldalaa dureessa ta'e dhagaa soofuu inni dadhabsiisaan ni hafa. Jireenya gammachuun guuten jiraadha jedhee yaade.
Yeroo booda akkuma hawwe daldalaa ta'e. Itti milkaa'ee baay'ee duroome. Daldaltoonni isaan gad jiran ni jibban, itti inaafan. Guyyaa tokko aanga'aan siyaasaa aangoo guddaa qabu konkolaataa baay'ee bareedaa yaabbatee, eegdotaan marfamee, otoo karaa sana darbuu arge. Gurguddoonni otoo hinhafiin kabaja isaaf gad jedhu turan. "Aanga'aan kun nama jabaa akkamiiti? Namuu ni sagadaaf. Eegdotaan marfamee deema. Maal ta'a otoon akka isaa ta'ee!" jedhee hawwe. 
Akkuma hawwe yeroo booda aanga'aa guddaa ta'e. Konkolaataa baay'ee bareedaa irra taa'ee deemuutti ka'e. Garuu namoonni naannoo isaa akka malee isa sodaatan. Gaaf tokko osoo miillaan deemuu aduun isa gube. Ol jedhee ilaale. Samii walakkaa teessee achii gad ifti. "Aduun kun jabduu akkamiiti? Eenyuunuu otoo hinsodaatiin achii gad ifti, abbaa feete gubdi. Maal ta'a otoon ishee ta'ee!" jedhee hawwe.
Booda akkuma yaade aduu ta'e. Uumama hunda irratti ifuu eegale. Garuu duumessi ifaafi ho'a isaa dhorkuu akka danda'u arge. "Duumessi jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba, Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe.
Itti fufuun duumessa ta'ee dirreewwaniifi gandeen jiran hunda guute. Garuu ammas humni guddaan isa dhiibuufi bittimsuu danda'u tokko akka jiru bare. Qilleensa ture. "Qilleensi kun jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba. Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe. Qilleensa ta'uuf fedha guddaatu itti dhaga'ame. 
Maarree ammas akkuma hawwe qilleensa ta'e. Bantii manneen namootaafi biqiloota buqqisuu eegale. Garuu wanti humna isaa gararraa ta'e, kan tole jedhee isaaf hinsochoone tureera. Hammamuu dhiibu dhagaa bakkaa kaasuu hindandeenye. "Dhagaan kun jabaa akkamiiti? Humni isaa ajaa'iba! Maal ta'a otoon dhagaa ta'ee!" jedhee hawwe. Dhagaa ta'uutu itti bareede. 
Hawwiin isaa milkaa'eefii dhagaa ta'e. Wantota addunyaa kana irra jiran hunda caalaa humna-qabeessa akka ta'e yaade. Garuu gaddumii (madooshaa) guddaan humnaan otoo isa rukkutuu arge. Ni caccabe. "Ana caalaa humna kan qabu eenyu? Eenyu kan rukkutee akkanatti na caccabse?" jedhee ilaale. Nama dhagaa soofu of biratti arge!
Namichi kun jalqaba nama dhagaa soofu ture. Garuu hojii isaatti hinquufne. Itti gammaduu hindandeenye. Kanaaf wantota hedduu ta'e. Garuu dhuma irratti dhufee, humna dhagaa caalu kan qabu nama dhagaa soofu ta'uu arge.
Hojii ofiitti quufuufi itti gammaduun umurii ofii qisaasessuu irraa nama oolcha. Baay'een keenya otoo akka nama biraa taanee jireenyatti gammadna jennee yaadna. Dhugaan isaa garuu akkana miti. Kan keetti hingammaddu taanaan akka namaa hawwituu yoo taates gammaduu hindandeessu. Ammas kan biraa hawwita. Waan ni caala jettu faana fiiguu eegalta.
Kanaaf hawwii kee daangessi. Fedhiin daangaa hinqabne dhukkuba. Wanta qabdutti gammadi. Hojii kee jaalladhu, ittiin booni!

ulfaadha! https://t.me/kenyamedia101

Telegram

Keenyaa Media

Our wisdom for our people.

????? ?????????!
6 months, 1 week ago

?Guys we do have Quiz With Prize ?.
See you tomorrow at 2:30 PM (Local Time).

Requirements
▶️ Join Our Sponsor Channels @kenyamedia101

?Only Students who Joined @kenyamedia101 can Participate.

1️⃣0️⃣ QUESTIONS
▶️ 2 Biology
▶️ 2 Chemistry
▶️ 2 Physics
▶️ 2 English
▶️ 2 Math

6 months, 1 week ago

Kabajamoo Hordoftoota Channel kana hunduu Baga gammaddan Channel kun channel keessaan Turti yeroo dheeraa boodaa gara hojiitti deebi'u isa isin beeksisana kunis gaffiile Adda addaa,Odeeffaanoo, fi seenaawwan nama barsiisanifi boharasan hedduu qabate dhufaa jira garee kana join gochun hordofaa! Akkasumas Share goodha hiriyoota keessaan biraan gaha!

1 year, 6 months ago

Dhaabbata tokkotu hojjetaa qacaruuf beeksisa baasa. Namoonni hedduun galmaa'anis hojjetaan barbaadamu garuu tokko ture. Qormaanni kennamee namoonni kaan geggeeffamanii dhiirri tokkoo fi shamarri tokko qofti hafan.
Jara keessaa nama tokko geggeessuuf immoo qormaanni af-gaaffii (interview) qophaa'e. Intalli baay'ee bareedduu waan turteef namichi qoru isheen akka dabartu barbaada. Kanaafuu jalqaba intala sana gaaffii gaafate. Gaaffichis, "Baay'inni uummata Itoophiyaa meeqa?" kan jedhu ture. Intallis, "Naannoo miliyoona dhibba tokkooti" jettee deebisteef. Baay'ee jajee harka rukkuteef! Deebii sirrii akka deebiste itti hime.
Gaaffiin itti aanu kan gurbaa ture. Maal jedhamee yoo gaafatame wayya?
"Obboleesso ati immoo mee maqaa isaanii nuuf tarreessi!"

✍️ @Eebbisaa Baayisaa
Keenyaa media Irraa baraadhaa!

1 year, 6 months ago

Midian kun Oddeeffaanno biyyaa keessaa, Biyyaa Alaa Akkasumas taatewwaan Dinqisisoo Adunyaa, Siyaasa, Duudha, Beekumsaa wali galaa Hunduma qabaate gara keessaan dhufee jira Hundumtu Oddeeffaanno haaraawa Argaachuf garaa Chanali kana Kootta Waliin haa baraanu, waliin haa bohaaru

We recommend to visit

Spin, Attack, Raid friends and Build on your way to an Empire.
Collect Coins and Stars for Airdrop! @robincoin_bot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

My official channel for any news & announcements.

*Important Note* :

AVOID THE ""EmpressEvolution"" CHANNEL, OR ANY OTHER IMITATION CHANNELS.

THEY ARE FAKE FROM SCAMMERS.