Robe Humanity Center📢

Description
#kaayyoo Chanel #Robe Humanity Center
1_odeeffannoo waytaawaa kennu
2_ Da'awaa gababa fi barsisa ta'e kennu
3_seenaa babbareeda
4_gaafiif deebi carra badhaasa qabu fi k.k.f
#Ergaa fi dhaamsa keenyaa #follow #share gochuun nu hordofaa #Galaatoma🙏🙏🙏
Advertising
We recommend to visit

FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM

#DigitalResistance

ADS:
@Ads_ProxyMTProto

Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy

Last updated hace 1 día, 4 horas

Official Telegram Channel of Koorowsh🎙️

Last updated hace 1 mes, 2 semanas

• پذیرا باشیم.

Last updated hace 1 mes, 2 semanas

2 months ago
Halkan Ramadaana 27ffaa ture. Cal'iseen gara …

Halkan Ramadaana 27ffaa ture. Cal'iseen gara masjiidaa deeme. Islaamummaa fudhachuuf miti, maaltu akka achi jiru, haaluma bakkichaa ilaaluufan deeme.

Muslimoonni salaata tarahwii salaataa turan. Salaata dabalatee yeroo kana maal akka godhan ilaaluuf golee masjiidichaa tokkotti dabeen taa'ee ilaaluu jalqabe. Osoman akkanatti jiruu hiriyaa koo Muslimaa tokkoon wal agarre.

Hiriyaan koo kun ofitti na waamtee akkan cinaa isii dhaabbadhu na gaafatte. Tole jedheen dhaabbadhe. Waan ani godhu atis ana faana godhi naan jette, ammas tole jedheen akkuma isin gootu gochuu, salaatun eegale.

Akkuman salaatuu eegaleen miirri addaa wayii natti dhaga'amuu jalqabe. Keessi koo gammachuun guutame. Imimmaan koo too'achuun dadhabe. Miirri baay'ee gaariin natti dhaga'ame. Sababni isaas waanin barbaadaa turen argadhe. Haqan faana bu'aa turettan ba'e.

Akkuma salaanni xumurameenin shahaadaa qabadhe.

2 months, 1 week ago

#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...

KUTAA1️⃣ffaa

▶️ Sooma jechuun maali?

Sooma jechuun Afaan arabaatiin الإمساك of qabuu jechuu dha.

▶️ Shari'aatti
Wantoota nama fursiisan irraa of qabuu dha kan akka nyaataa, dhugaatii,haadha manaa ofiitti dabalamuu,
Niyyaa rabbiin gabbara jechuutiin yeroo fajriin bahe irraa kaasee hanga Aduun dhiitutti.

▶️ Hukmiin (Murtiin) soomaa maali?

Soomni cufa nama muslima tahee ka ballage (amala saala lammeessoo keessa ka seene) ka aqlii qabu, ka sooma soomuu dandahu, ka biyya jiru ammas dubartii dhiigaa aadaatiifii dhiiga dhalaa irraa qulqullooytuu taate, nama kana  hunda irratti waajiba (Dirqama)

Ji'a Ramadaanaa soomuun utubaa shanan amantiin islaamaa irraa ijaaramtu keessa tokko yoo tahu, dirqamummaan isaa Qur'aana, Hadiisaafii, Ijmaa'aan ragga'ee jira.

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa.

©✍🏾 Fares Muhamed

Itti fufa....

Kutaa 2⃣ffaa
#Sadarkaa_Soomni_qabu.
#فضائل_الصوم.
Mata duree jedhuun nu eegaa.

@Fursaan_Media

2 months, 2 weeks ago
CONGRATULATIONS

CONGRATULATIONS
Sheekni Keenna #SHEEK_ABDUSSALAAM_XAAHIR
Guyyaa borii Yuuniversitii Islaamaa Minisootaa irraa #Maastersiidhaan ni eebbifamuu.

Sheeka keenna Leenca barumsa Aqiidaa ganamaan nu obaasan Alfa Mabruuk hedduu isiniif gammanne
♥️♥️♥️

3 months, 2 weeks ago
Gatiin hajjii kun akkanumatti kan itti …

Gatiin hajjii kun akkanumatti kan itti fufu yoo jijjiirraan doolara akkanumatti itti fufe ykn olka’iinsa idileetiin yoo itti fufe qofa jedhameera.

Hajjii namni kamiyyuu qaamaan galmaa'uuf gara buufataalee galmee yeroo dhufu ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:-

  1. Waraqaa Eenyummaa gandaa naannoo mana jireenyaa isaanii ibsu.

  2. Paaspoortii haaromfame (yeroon isaa osoo hin xumuramin ji’a 11 ol ta’uu kan qabu).

  3. Suuraa tokko
  4. Kaardii talaallii Koovidii fi busaa keelloo

Hujjaajonni Hajjii sababa dullumaa fi miidhaa qaamaa adda addaatiin ofuma isaaniitiin Hajjii raawwachuu hin dandeene, ulaagaa barbaachisu guutuun alattis nama deggeraa isaan waliin imaluu danda’u dhiyeessuu qabu jedhameera.

Hujjaajonni kaffaltii kan raawwatan ulaagaa barbaachisaa ta’e akka guutan itti gaafatamaan buufata galmeetiin yoo mirkanaa’ee fi kaffaltii baankii akka kaffalan mirkaneessiin yoo kennameef qofa akka ta’e ibsamee jira.

3 months, 2 weeks ago
"... Hajjii tokkoof maallaqni waliigalaa Birrii …

"... Hajjii tokkoof maallaqni waliigalaa Birrii 329,000 akka ta'u murtaa'eera" - M/M/Dh/I/I

Galmeen Hajjii fi Umraa bara kanaa guyyaa boruu Sanbata Ammajjii 25 irraa eegalee ifatti akka eegalu Manni Murtii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksise.

Buufata galmee 18 bara darbe 2015 keessaa turan irratti buufataalee haaraa 9 dabaluudhaan bakki galmee Hajjii bara kanaa gara 27tti ol guddachuu isaa ibsameera.

Bakkeewwan Galmee:
- Waajjira guddicha Majlisa Oromiyaa Istaadiyeemiitti argamu,

- Waajjira guddicha Majlisa  Finfinnee Xoor-hayiloochitti argamu
,
- Shashamannee, Jimmaa, Harar, Jigjigaa, Dirredawaa, Baahir Daar, Dassee, Hawasaa, Miizaan Teeppi, Asoosaa, Samaraa, Baalee Roobee, Waraabee, Godee fi Mooyyaleetti akka argaman beeksifameera.

Gatiin Hajjiis kan ibsamee yoo ta'u, haala yeroo ammaa addunyaa fi biyyaalessaa ilaalcha keessa galchuun Hajjii tokkoof Birrii 329,000.00 (Kuma dhibba sadii fi kuma digdamii sagal) akka ta'u murtaa'eera.

4 months ago

Har'i jum'aa dha
Ergamaan rabbii (saw) akkana jedhan " Irra caalaan guyyaa aduun keessatti baatee guyyaa jum'aati "

#Sunnaawwan_guyyaa_jummaa.

#سنن_يوم_الجمعة

الاغتسال.
Qaama dhiqachuu.

لبس أحسن الثياب.
Uffata bareedaa uffatuu.

التطيّب.
Urgooftuu dibatuu.

التسوك.
Ilkaan Rigachuu.

التبكير في الذهاب الى المسجد.
Gama masjidaa ganaman deemuu.

صلاة تحية المسجد.
Raka'aa lama akka masjida seenaniin salaatuu.

قراءة سورة الكهف.
Suuraa Kahfii qara'uu.

عدم تخطي رقاب الناس.
Ceekuu namaa irraan tarkaanfatuu dhabuu.

الإنصات للخطبة.
Yeroo imaamni Khuxbaa godhaa jiru cal'isanii dhageeffatuu.

() الإكثار من الصلاة على النبي (صل الله عليه وسلم).
Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessanii buusuu.

الإكثار من الدعاء.
Du'aa'ii heddummeessuu.

@Fursaan_Media
@robehumanity

5 months, 1 week ago
الهم صلي وسلم على نبينا محمد

الهم صلي وسلم على نبينا محمد

5 months, 3 weeks ago

caalaan kitaabota Rabbiin buusee Qur'aana📖
Qur'aana keessaa caaltuun suuratotaa suuratul #Faatihaadha
Qur'aana keessaa caaltuun Aayah Aayatul #Kursiyyiidha
Caaltuun maleeykaa #Jibriili
Caaltuun nabiyyootaa nabi #Muhaammadi s.a.w
Caaltuun ummattootaa ummata #nabi_Muhaammadi
Ummattoota nabi muhaammad keessaa caaltuun #sahaabota_rasuulaati.
Sahaabota keessaa caaltuun #Abu_Bakri_Assiddiiqi
Dachee Rabbiin uume keessaa caaltuun dachee #makkaati🕋
Ji'oota keessaa caaltuun ji'aa ji'a #Ramadaanaati🌙
Torbanoota keessaa caalaan torbanootaa guyyaa #Jum'aati
Guyyoota keessaa caaltuun guyyaa guyyaa #Qalmaati (يوم النحر)

kana hundarra caalaan waan hundaa Rabbii Aalamaati
Rabbii Aalamaa san gabbaruu keetti galata galchi

@robehumanity

5 months, 3 weeks ago

Hasanal Basriin (Rahimahullaahu) Gaafataman...

Duniyaa tana irratti maaltu akkas tasgabbaa'aa si taasise? Jedhaman

◆ Rizqii kiyya akka namni kamiinuu na jalaa fudhachuu hin dandeenne hubadhe...Onneen kiyya naaf tasgabbaa'e.

◆ Dalagaa kiyya akka namni kamiinuu naaf hin dalagne hubadhee...Xiyyeeffannoo itti kennee dalage.

◆ Rabbiin akka na eegu beekee...Akka yakkaan nan adabneef of sodaadhe.

◆ Duuti akka na eegdu baree...Rabbiin wal gahuuf galaa kiyya guduunfadhe.

Jedhan.
...

Yaa Rabbi Nu Tasgabbeessi!.🤲🤲🤲🤲
Nama Galaa Qopheeffatu Nu Taasisi!.🤲

@robehumanity

5 months, 3 weeks ago
We recommend to visit

FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM

#DigitalResistance

ADS:
@Ads_ProxyMTProto

Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy

Last updated hace 1 día, 4 horas

Official Telegram Channel of Koorowsh🎙️

Last updated hace 1 mes, 2 semanas

• پذیرا باشیم.

Last updated hace 1 mes, 2 semanas