Robe Humanity Center?

Description
#kaayyoo Chanel #Robe Humanity Center
1_odeeffannoo waytaawaa kennu
2_ Da'awaa gababa fi barsisa ta'e kennu
3_seenaa babbareeda
4_gaafiif deebi carra badhaasa qabu fi k.k.f
#Ergaa fi dhaamsa keenyaa #follow #share gochuun nu hordofaa #Galaatoma???
Advertising
We recommend to visit

Official Telegram Channel of Koorowsh?️

Last updated 5 months ago

Last updated 10 months, 4 weeks ago

Last updated 5 days, 9 hours ago

8 months, 2 weeks ago

#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...

KUTAA1️⃣ffaa

▶️ Sooma jechuun maali?

Sooma jechuun Afaan arabaatiin الإمساك of qabuu jechuu dha.

▶️ Shari'aatti
Wantoota nama fursiisan irraa of qabuu dha kan akka nyaataa, dhugaatii,haadha manaa ofiitti dabalamuu,
Niyyaa rabbiin gabbara jechuutiin yeroo fajriin bahe irraa kaasee hanga Aduun dhiitutti.

▶️ Hukmiin (Murtiin) soomaa maali?

Soomni cufa nama muslima tahee ka ballage (amala saala lammeessoo keessa ka seene) ka aqlii qabu, ka sooma soomuu dandahu, ka biyya jiru ammas dubartii dhiigaa aadaatiifii dhiiga dhalaa irraa qulqullooytuu taate, nama kana  hunda irratti waajiba (Dirqama)

Ji'a Ramadaanaa soomuun utubaa shanan amantiin islaamaa irraa ijaaramtu keessa tokko yoo tahu, dirqamummaan isaa Qur'aana, Hadiisaafii, Ijmaa'aan ragga'ee jira.

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa.

©✍? Fares Muhamed

Itti fufa....

Kutaa 2⃣ffaa
#Sadarkaa_Soomni_qabu.
#فضائل_الصوم.
Mata duree jedhuun nu eegaa.

@Fursaan_Media

8 months, 3 weeks ago
CONGRATULATIONS

CONGRATULATIONS
Sheekni Keenna #SHEEK_ABDUSSALAAM_XAAHIR
Guyyaa borii Yuuniversitii Islaamaa Minisootaa irraa #Maastersiidhaan ni eebbifamuu.

Sheeka keenna Leenca barumsa Aqiidaa ganamaan nu obaasan Alfa Mabruuk hedduu isiniif gammanne
♥️♥️♥️

9 months ago
Robe Humanity Center?
9 months ago
Robe Humanity Center?
9 months ago
Robe Humanity Center?
9 months ago
***?******?***Oduu Ariifachiistuu***?******?***

??Oduu Ariifachiistuu??
?Galgala har'aa/Dilbataa kana magaalaa Bale-Robe keessatti sababa balaa ibiddaatiin qabeenyi Hedduun barbadaaheera..
?Kuni immoo qormaata rabbiin s.w waggoota 1445 dura qur'aana isaa keessatti nuuf ibse san nuuf addeessa..
قال الله تعالى "ولنبلونكم بشيء من الخوف والجوع ونقص من الأموال "..الآية
《Nuti wanta sodaa ,beela,fi Qabeenya keessan isin irraa hir'isuudhaan isin qoramaanna》.
Furmaatni waan kanaa immoo Rabbumarraa natti dhufte jedhanii obsuu/sabbaruudha.
○الذين اذا أصابتهم مصيبة قالو انا لله وإنا اليه راجعون○أولئك عليهم صلواة من ربهم ورحمة وأولئك هم المهتدون○
☑️maarree Warra qabeenyi jalaa barbadaaye hundaa Allaahaan s.e sabrii kenneefii bakka haa buusuuf...!!

9 months, 2 weeks ago
Aaga Dhagahaa***?******?***

Aaga Dhagahaa??

As wr wb jiraattota magaalaa roobeetii fi naannawa ishee jiraattan hundaaf oduu gammachiisaa gareen nashiidaa raayatul islaam marsaa 2ffaa gaafa guyyaa 09/06/2016 saa'atii 7:00 irraa sagantaa eebba nashiidaatii fi da'awaan gara garaa ulamaa'ota keenyaan kan dhihaatu galma yuuneenii keessatti kan gaggeeffamu taha fedhii rabbiitiin

9 months, 3 weeks ago
"... Hajjii tokkoof maallaqni waliigalaa Birrii …

"... Hajjii tokkoof maallaqni waliigalaa Birrii 329,000 akka ta'u murtaa'eera" - M/M/Dh/I/I

Galmeen Hajjii fi Umraa bara kanaa guyyaa boruu Sanbata Ammajjii 25 irraa eegalee ifatti akka eegalu Manni Murtii Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa beeksise.

Buufata galmee 18 bara darbe 2015 keessaa turan irratti buufataalee haaraa 9 dabaluudhaan bakki galmee Hajjii bara kanaa gara 27tti ol guddachuu isaa ibsameera.

Bakkeewwan Galmee:
- Waajjira guddicha Majlisa Oromiyaa Istaadiyeemiitti argamu,

- Waajjira guddicha Majlisa  Finfinnee Xoor-hayiloochitti argamu
,
- Shashamannee, Jimmaa, Harar, Jigjigaa, Dirredawaa, Baahir Daar, Dassee, Hawasaa, Miizaan Teeppi, Asoosaa, Samaraa, Baalee Roobee, Waraabee, Godee fi Mooyyaleetti akka argaman beeksifameera.

Gatiin Hajjiis kan ibsamee yoo ta'u, haala yeroo ammaa addunyaa fi biyyaalessaa ilaalcha keessa galchuun Hajjii tokkoof Birrii 329,000.00 (Kuma dhibba sadii fi kuma digdamii sagal) akka ta'u murtaa'eera.

We recommend to visit

Official Telegram Channel of Koorowsh?️

Last updated 5 months ago

Last updated 10 months, 4 weeks ago

Last updated 5 days, 9 hours ago