Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

DAARU SALAAM 🇵🇸

Description
📖 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈
    👉 Seenaa Rasuulaa ﷺ
    👉 Seenaa Sahaabotaa
    👉 Seenaa Muslimootaa
    👉 Jechoota Hayyootaa
    👉 Hadiisaafii Qur'aana
    👉 Zikiriifii Da'awaalee
  
👇Yaadaafii Gaaffii👇
@Daarus_salaam_Idea_bot
Advertising
We recommend to visit

ᴍᴇɴɢᴇᴍᴜᴋᴀᴋᴀɴ ɴᴏᴛᴀ sᴘᴍ ᴋssᴍ

Last updated 2 weeks, 2 days ago

Profilingiz uchun ajoyib niklar olami🥰

Nik yasash xizmati bepul💸

Murojaat uchun:👇👇👇
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy

Last updated 1 day, 9 hours ago

ᴘᴀʏᴏᴜᴛ ʟᴏɢꜱ ꜰʀᴏᴍ @Gamifyr_ContestBot

Last updated 2 months, 3 weeks ago

1 month, 3 weeks ago

هدي النبي ﷺ في رمضان

Qajeelfama nabii s.a.w Ramadaana keessaقال الإمام ابن القيم: (وكان من هديه ﷺ في رمضان الإكثار من أنواع العبادات

Aaadaan nabii keenyaa s.a.w ramadaana keessaa ibaadaa Rabbii gosa adda addaa irraa guddisuudha.

فكان جبريل عليه السلام يدارسه القرآن في رمضان، وكان إذا لقيه جبريل أجود بالخير من الريح المرسلة

Jibriil halkan Ramadaana hundaawuu nabitti dhufeeti qura'ana wajji qara'an, Nabiin yogguu jibriil itti dhufe qilleensa bubbisurra keyritti daddafa.

وكان أجود الناس، وأجود ما يكون في رمضان

Nabiin s.a.w irra arjaa namaati, yeroon haalaan arjoomu ramadaana keessa.

ويكثر فيه من الصدقة والإحسان، وتلاوة القرآن، والصلاة، والذكر، والاعتكاف، وكان يخص رمضان بما لا يخص غيره به من الشهور) [زاد المعاد]

Nabiin keenya s.a.w Ramadaana keessa sadaqaa heddummeessa, Rakkataa gargaarsa godha, qaraatii qur'aanaa baay'isa, Akkasuma salaata, zikrii (faaruu rabbi) I'itikaafa (teessuma masgiidaa) kan heddummeessu tahe.

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

هدي النبي ﷺ في رمضان
1 month, 3 weeks ago
1 month, 3 weeks ago

{إن الله وملائكته يصلون على النبي يا أيها الذين آمنوا صلوا عليه وتسلموا تسليما]

- Salawaata ergamaa rabbii ﷺ irratti buusuun guyyoota biroo irraa guyyaan juma'aa jaallatamaadha, halkan isaallee irra caalaa halkaniiti. Akkuma ergamaan rabbii ﷺ jedhan:

(" إن أفضل أيا مكم يوم الجمعة فأكثروا  علي من الصلاة فيه")

《 Irra caalaan guyyoota keessanii guyyaa juma'aati. Guyyaa juma'aa keessa salawaata narratti buusuu heddummeessaa jedhan ergamaan rabbii ﷺ

Qaama dhiqachuu
Qeensa qorachuu
Shittoo dibachuu (dhiira qofaaf)
Ilkaan suwaakkachuu
Irra caalaa uffataa qabdu uffachuu
Suuraa kahf qara'uu
Ganamaan masjiida deemuu
Ergamaa rabbii irratti salawaata heddummeessuu ﷺ

《اللهم صل وسلم وبارك على نبينا محمد وعلى آله وصحبه وسلم تسليما

@DAARU_SALAAM
@DAARU_SALAAM

2 months ago

من حكم وفوائد الصيام 
Faayidaa fi hikmaa soomanaa

١- ترك المحبوبات طاعة لله عز وجل, لينال بذلك رضا ربه، والفوز بدار كرامته
1- Jaalala Rabbii barbaachaaf waan lubbuun feetu dhiisuu.akka kanaan galata isaa argatanii, jannata isaa badhaafaman.

٢- ممارسة ضبط النفس والسيطرة عليها، وتعويد الإنسان الصبر والتحمل والجلد
2- Lubbuu ofii qabuu fii toohachuu nama barsiisa, murannoo, ciminaa fi obsarratti nama leenjisa.

٣- سبب للتقوى كما في آية البقرة السابقة
3- Sodaa Rabbiiti nama barsiisa akkuma aayata suuraa baqaraa tan dabarsine sanirraa hubatamutti.

٤- سبب لحسن الخلق لقوله ﷺ: «وإذا كان يوم صوم أحدكم، فلا يفسق، ولا يرفث، فإن سابه أحد أو قاتله، فليقل: إني صائم» متفق عليه
4- Haalaaf amala nama tolcha. Nabiin s.a.w akkana jedhe.''yeroo guyyaan soomana tokkoo keessani tahe akka jecha jallinaa, kan baalagummaa hin haasoyne, namni tokko yoo isa arrabsee yookaan isaan lole haa jedhuu Anisoomanaadha'' bukhaarii fi muslimtu baase.
٥- معرفة الإنسان قدر نعمة الله عليه في ماله وطعامه وشرابه وزوجته
5- Nama barsiisa guddina qananii Rabbiin namaaf kennee nyaata, dhugaatii fi jaartii isaa keessatti.

٦- تفريغ الإنسان للطاعات والعبادات والذكر
6- Akka namni yeroo bal'oo argatee ibaadaa fi zikrii Rabbii heddummeessu namaaf mijjeessa.

٧- ترقيق القلوب وتهيئتها لأسباب سعادتها وفلاحها
7- Qalbii laaffisee akka milkiif qophooytu godha.

٨- تخفيف حدة الشهوة
8- Qara (oowwa) fedhii lubbuuti namarraa laaffisa.

٩- تطهير الأمعاء وإصلاح المعدة وتنقية البدن من الفضلات والسموم
9- Qochumaa garaa namaati qulqulleessa, qaama nama bareecha.

١٠- تعويد المسلم النظام ودقة المواعيد
10- Muslima sagantaan jiraachuufi yeroo karoorfatanii kabajuu barsiisa.

١١- مظهر عظيم من مظاهر وحدة المسلمين والتزام الأمة بثوابت دينها
11- Mul'isa guddaa gamtoominaafii tokkummaa ummata muslimaa mul'isuudha, hundee diin isaanii jabeessanii qabachuu isaanii kan ibsu.

١٢-مشاركة الأغنياء الفقراء جوعهم وعطشهم وفي هذا حث لهم على بذل المعروف والإنفاق
12- Dureessaa fii hiyyeessi walii wajjin akka beelawanii dheebotan godha, kun ammo akka waliif rifatanii wal gargaaranii tola walitti oolan godha.

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

من حكم وفوائد الصيام
2 months ago

Wantota sooma keessa eeyyamaman

1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.

Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan. 
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.

2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ".

Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.

3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu. 
وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.

4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu.

5/ Koobbannaa:
فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha.

6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti.
فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح.

Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru.  Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.

7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.

8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.

قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan.

9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ".
Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.

10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.

©️ Gaalii Abbaa Boor

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

Wantota sooma keessa eeyyamaman
2 months ago
DAARU SALAAM 🇵🇸
2 months, 1 week ago

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐆𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐀𝐬𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐮𝐮 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐁𝐮𝐮𝐬𝐧𝐞𝐞 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐧𝐞𝐞 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐨𝐨𝐟𝐧𝐮 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐍𝐮𝐡𝐚𝐚 𝐓𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮

𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐭𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟  𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚.

@DAARU_SALAAM
@DAARU_SALAAM

2 months, 1 week ago

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐮𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐃𝐢𝐫𝐪𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐮𝐮 𝐏𝐝𝐟 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐁𝐮𝐮𝐟𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞 𝐇𝐚𝐚 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐧𝐮𝐮 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐒𝐨𝐨𝐦𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐈𝐢𝐦𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐓𝐚𝐪𝐰𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐗𝐮𝐦𝐮𝐫𝐫𝐮𝐮.

𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐀𝐫𝐠𝐚𝐭𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟  𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚.

@DAARU_SALAAM
@DAARU_SALAAM

2 months, 1 week ago

KARAAN FAYYINAA KANA QOFA!
-
By 📖 Iliyaas Muhaammad

Share...Share...Share...waliif godhaa!
-
Sababoota gurguddoo Afuran armaan gadii kanaaf jecha karaan fayyiinaa ykn jannataa islaamummaan alatti gonkumayyuu, yoomiyyuu hin jirus, hin argamus.
.
1ffaa: Amantii Ilmi namaa hundi irratti dhalateedha.
.
Ilmi namaa dhalachuun, du'uun, Haxxifachuun, Hamamoochuun, Rafuun, Nyaachuu fi dhuguun, Guddachuun, dulloomuun Seera uumamaa kan inni jaalatuus jibbuus ittiin buluuf dirqamuu dha. Kanumaafi Rassuulli Keenya(صلى الله عليه وسلم) Amantiin islaamaa Amantii Uumamaa ta'uu akkana jechuudhaan nuuf ibsu:-
.
Imaam Muslim Kitaaba 040, Lakkoofsa 6853

Abu Hureeyiraa(ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻪ) irraa akka odeeffametti Ergamaan Rabbii(صلى الله عليه وسلم) akkana jedha:-
.
عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «كُلُّ مَوْلُودٍ يُولَدُ عَلَى الفِطْرَةِ، فَأَبَوَاهُ يُهَوِّدَانِهِ، أَوْ يُنَصِّرَانِهِ، أَوْ يُمَجِّسَانِهِ….» رواه البخاري ومسلم وغيرهما.፤
.
«Daa'imni dhalatu kamiyyuu Fixraa (Islaamummaa) irratti malee hin dhalatu. Maatiin isaa garuu; Kiristiyaana Isa taasisu yookiin yahuudaa isa taasisu yookiin Warra Ibidda gabbaru isa taasisu malee...»[Bukhaarii fi Muslim]

.......
Kanumaan Wal qabatee Allaahnis Qur'aana irratti Akkana jedha:-
.
فَأَقِمْ وَجْهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفًا ۚ فِطْرَتَ اللَّهِ الَّتِي فَطَرَ النَّاسَ عَلَيْهَا ۚ لَا تَبْدِيلَ لِخَلْقِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ [٣٠:٣٠]
.
«(Yaa Muhammad!) Karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumees (qabadhaa). Uumaa Rabbii Jijjiiruun hin jiru. Santu amantii qajeelee dha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.» (30:30)
.
2ffaa: Amantii Rabbiin Ilma namaatiif filatee, jaalatee dha.
.

الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ الْإِسْلَامَ دِينًا
.
«Amantii keessan har’a isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis islaama isiniif jaaladheera.» (5:3)
---
3ffaa: Amantii takkittii Rabbi biratti fudhatama Qabduu dha.
.
إِنَّ الدِّينَ عِندَ اللَّهِ الْإِسْلَامُ
.
«Dhugumatti amantiin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaama qofa.» (3:19)
---
4ffaa: Amantii namni isii ala amantii biraa barbaade hoonga’uudha.
.
وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ [٣:٨٥]
.
«Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.» (3:85)
.
Kanaafuu osoo aduun gara seenteen hin deebi'in yookiin immoo osoo lubbuun kokkee si hin ga'in gara islaamummaa koottuu cinqii addunyaatii fii azaaba aakhiraa irraayis bilisa of baasi. Islaamummaan ala fayyinni hin jiru. Dhugaan jirtu Kanuma] hadhooytuus liqimsi, yoo siif liqimfamte immoo qoodi (share) godhi.

By 📖 Iliyaas Muhaammad

https://t.me/Dhugaan_Dhufe

2 months, 2 weeks ago

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ كُتِبَ عَلَيْكُمُ ٱلصِّيَامُ
Yaa warra amantan!  isin irratti soomannii barreeffameera (dirqama ta’eera)
البقرة 183

كُتِبَ عَلَيْكُمُ ٱلْقِتَالُ
lolli dirqama isin irratti godhame

البقرة 216

Akkaataa ummaanni bara kanaa keeyyattoota kanneen lamaan akkamitti akka gargar baase hubatu hennaa ilaaltu...

Tokko keyyata Qur’aanaa kaan ammoo keeyyata kitaaba mana barumsaa seeta.  Haala ummata islaamaa bara kanaa yoo xinxalte ilaalte   wallaahi Qur’aana kessaa waan fedhinnaa lubbuu isaatiin waliin simatu qofa kan hordofu (fudhatu) tahe agartaan. 

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ كُتِبَ عَلَيْكُمُ ٱلصِّيَامُ
Yaa warra amantan!  isin irratti soomannii barreeffameera (dirqama ta’eera)

Keeyyata ☝️kanatti hojjachuuf waggaa guutu hawwiidhaan eeggata, yoo baatiin ramadaanaa dhufe dhihaatu  baati kana simachuuf  oliif gadii fiiga  profaayliin telegramaa fi Facebook akkasumas midiyaaleen martu  suuraa baatii kana balaqqeessun Guutama.  

كُتِبَ عَلَيْكُمُ ٱلْقِتَالُ
lolli dirqama isin irratti godhame

hennaa keeyyata kana argu garu ባላየ እለፍ  kan jedhu fakkaata. Ykn jecha Rabbii itti hin fakkaatu. Ramadaan waggaa waggaadhaan soomaa...   umrii isaa guutuu gaafa tokkollee oso karaa Rabbii kessatti hin qabsaa'iin Gara akhiiraa goodaan.

Yaa dargaggoota islaamaaa!
yaa obboleessa koo sammu qabdu!

Rabbiin akkuma soomana sirratti dirqama godhe... lola sirratti dirqama godhe jira. Goftaa akka sirraa gammadu... ramadaan soomtuf sun... lolaaf bahu diddee hin dallansiisiin.

Keeyyattoonni lamaan jechawwan Rabbiitiin yoo dhugaa  Qur’aana Rabbii male fedhinnaa lubbuu kee jala hin deemtu tahe akkuma ramadaan waggaa eeggatte soomtu mara... lolaaf bahi hennaa jedhamtu rakkoo addaddaa hin himatiin.

لَقَدْ جِئْنَاكُم بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَكُمْ لِلْحَقِّ كَارِهُونَ
dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turre, Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan.

@DAARU_SALAAM1

https://t.me/DAARU_SALAAM

Telegram

DAARU SALAAM 🇵🇸

***📖*** 𝐂𝐇𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀𝐋𝐈𝐈 𝐊𝐀𝐍𝐀𝐑𝐑𝐀𝐓𝐓𝐈     ***👉*** Seenaa Rasuulaa ﷺ     ***👉*** Seenaa Sahaabotaa     ***👉*** Seenaa Muslimootaa     ***👉*** Jechoota Hayyootaa     ***👉*** Hadiisaafii Qur'aana     ***👉*** Zikiriifii Da'awaalee    ***👇***Yaadaafii Gaaffii***👇*** @Daarus\_salaam\_Idea\_bot

﴿يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ كُتِبَ عَلَيْكُمُ ٱلصِّيَامُ
We recommend to visit

ᴍᴇɴɢᴇᴍᴜᴋᴀᴋᴀɴ ɴᴏᴛᴀ sᴘᴍ ᴋssᴍ

Last updated 2 weeks, 2 days ago

Profilingiz uchun ajoyib niklar olami🥰

Nik yasash xizmati bepul💸

Murojaat uchun:👇👇👇
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy
https://t.me/+XXvO-UVUd4QzYjUy

Last updated 1 day, 9 hours ago

ᴘᴀʏᴏᴜᴛ ʟᴏɢꜱ ꜰʀᴏᴍ @Gamifyr_ContestBot

Last updated 2 months, 3 weeks ago