Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

Burqaa Beekkumsaa

Description
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

4 days, 23 hours ago

**Yemmuu du'u, abaaboon ati fiddee awwaala koo irra gootu na hin fayyadu.Siidaan awwaala koo irratti dhaabdu anaaf faayidaa tokkollee hin qabu.

Bakka awwaala koo irratti abaaboo fidduu fi siidaa naaf ijaartu,nama awwaala sana tiksuuf saanduchii bitiif,mana kiraa kaffaliif!**#oshoo

1 week ago

Hamman argutti namootni namaa wajjin ykn addunyaa wajjin nagaa hin qabne amala wal isaan fakkeessu tokko qabu ofii isaanii wajjin nagaa hin qabani!

1 week, 3 days ago

Namni tokko gaarii kan ta'uuf sirrii Waan ta'eef ykn kan dogogoruuf sirrii ta'uu Waan dhabeef osoo hin ta'in, Nama ta'uu isaatini.

Jecha kana barreefama tokko irraahin arge,
itti ni amantani?👍ykn👎 tuqaa nuuf Ibsaa.

1 week, 6 days ago

Namoota Kana beektuu Laataa?

❶Wallaalaa Wallaalaa: Namni akkanaa kun nama homaa hin beekne, nama hin baranne, barachuuf fedha kan hin qabne, yoo itti himan kan hin hubanne, karaan mana barumsaa geessu eessaan akka ta'e kan hin beekneefi baruus kan hin barbaanneedha.Wanti nama gaddisiisu immoo akka homaa hin beeknes hin beeku.Kanaaf wallaalaa wallaalummaa isaa hin beekne, wallaalaa wallaalaa jedhamuun beekama.

❷Wallaalaa Beekaa: Gabaabumatti namni kun wallaalaadha, homaas hin beeku.Gaarummaan isaa immoo akka homaa hin beekne beeka.Kanaafuu wallaalaa wallaalaa ta'uu isaa beekuudha.Namni akkasii gaariidha, akka hin beekne waan beekuuf sirraa barachuuf qophiidha.Atis akka beekuuf barsiifta waan ta'eef.

❸Beekaa Wallaalaa: Namni beekaadha.Beekumsa, dandeettii fi ga'umsa guddaa qaba.Yerootti maal gochuu akka qabuu fi maal immoo gochuu akka hin qabne nama beekuudha.Garuu, akka beeku immoo hin beeku.Kun baay'ee rakkisaadha.Akka beeku itti himuuf innuu beeka ofiin jedha.Beekaa gootee itti fayyadamuuf akka beeku hin beeku.Beekaa akka beeku hin beekne, kunis wallaalaa irraa baay'ee hin fagaatu.

❹Beekaa Beekaa: Namni akkasii beekaadha.Beekaa ta'uu isaa duwwaa utuu hin taane, akka beekus kan beekudha. Namni akkasii baay'ee barbaachisaadha.Beekaa jechuunis kan akkasiiti.Beekaa akka beeku beeku jechuudha.

Ati isaan kam keessa jirta?

2 weeks, 4 days ago
Seenaa garaa nama nyaatu!

Seenaa garaa nama nyaatu!

Af**rikaa kiibaatti ..namni kunni Waggaa 25 dura haadha manaa bakkeedhaa ijoollee lama godhattee jirtu fuudhe. Isaan booda ijoollee ishee sana guddisaa waliin umurii 25 jiraate. Ijoolleen ishee sun baratanii tokko docterii tokkoo paayileetii taa'aan. Dhumarratti haadha manaa isaa sun ijoollee ishee sana lamaan fudhattee abbaa ijoollee isheetti galte. Namichi kun garuu ijoollee sana barsiisee sadarkaa kanaan gahee dhumarratti akkas godhan. Namni kun immoo amma daandii gubbaa jiraata. Mana kiraayii illee waan kaffaluufi waan nyaatu hinqabu!

Kanarratti Mee yaada akkamii qabdu👇👇 comment

2 weeks, 5 days ago

“Michoota ko! Nuyi amma ijoollee Waaqayyoo ti; isa booddee immoo maal ta'uuf akka jirru mul'ataa miti. Haa ta'u iyyuu malee, yommuu inni mul'atu inni akka jirutti isa arguuf waan jirruuf, akka isaa akka taanu beekna.”
  — 1Yoh. 3:2

2 weeks, 6 days ago

Lubbuun maal jetti.?
kaan darbii kaan cabsii jiraadhu jetti, kaan sobii itti kijibii fudhadhu jetti, kaan dhugii kaan nyaadhu jetti, daangaa darbii yeroo kee argi jetti, waan itti aanuu dhiisii dagadhu jetti.

Ati hoo maal jettaan.?

3 weeks, 4 days ago

Namni nuti irra caaluuf carraaquu qabnu nu isa kaleessaati. Mudannoo, dogoggoraafi balleessawwaan keenya kaleessaa irraa barannee sammuu keenyaafis dhiifama gochuun haala, ilaalchaa fi amala keenya fooyyessuun gaariidha.

Kaleessa irraa baratama malee; kaleessa keessa hin jiraatamu! Kaleessa ofiirraa baratanii jireenya ofii gara fuulduraa bareeffachuun immoo gamnummaadha.

Mudannoowwan irraa barachuun immoo gara argannoo haaraatti nama geessa. Akka of argannu nu taasisas. Akkasumas daandii jireenya haaraa, jireenya isa boqonnaafi aara galfiin guutamettis nu geessuu danda'a!

📢JOIN & 🔗SHARE

1 month ago

"Ejjennaa tolfatan darbatanii fageessu." Oromootu jedhe.

👉Amma lafa kanarra jirtutti dhiibbaa karaa garaa garaa sitti dhufu hambisuu hin dandeessu. Garuu dhiibbaan dhiibbamtee dhidhimuu irraa of hambisuun harkakee keessa jira. Innis ejjennoo cimaa haalotaafi namootaan hin raafamne qabaachuudha.
👉Dambalii galaanaa hambisuu hin dandeessu. Garuu dooniikee iddoo itti ooftuufi akka itti ooftu beeknaan ce'uunkee beekkamaadha.
👉Qilleensi muka akka hin raasne dhorkuu hin dandeessu. Muka ati dhaabde akka hin jiksine gochuu ni dandeessa. Innis hundee isaa gadi fageessuun dhaabuudhaani.
👉Namni waa'ee kee gaaris ta'ee badaa akka yaaduus ta'ee, hin yaadne dhorkuu hin dandeessu. Garuu waa'ee kee ilaalcha sirrii qabaachuuf ati mataakee abboomuu ni dandeessa. Kan si milkeessu akka ati itti of ilaaltu malee akka namni biraa itti si ilaalu miti.
👉Wantoota gadhee naannookee marsan caalaa ejjennoo sirrii ati jireenya keetiif qabdutu milkaa'ina keetiif utubaadha.
👉Haalotaafi wantoota ilaaltee ejjennoo kee hin sharafin! Osuma dambaliin nama raasuu danda'u jiruu deemsakee itti fufi!

Halkan gari!
https://www.facebook.com/Galataaduulaa1

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

1 month ago

Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti tolu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hinbaasiin ofduuba deebitu kanuma fakkaatta.

Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee inqaban, qabnaan ingadhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hintaane, yeroo waan maqaa qabuufi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu indandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaanimmoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluufi namoonni Addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii waantota adda addaa hojjatanii lafa kaa'an baay'een isaanii namoota kufaatiin michuu taasifatee turedha. Hammuma kufan dogoggora ofiirraa barataa adeemu. Jireenyimmoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hinjirree jireenyi hinjiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiinimmoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi. Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree?

Akka dhaabbilee barnootaafi dhaabbilee hojii adda addaatti qoramaniitu qormaaticha darbu yookaan kufu. Akka yaaliifi boqonnaalee Addunyaa jireenyaattimmoo kufaniitu baratu; kufaatiirraas baratu. Namoonni tokko tokko yoo waan irra deebiin yaaluu kaafteef abdii kutannaa sitti himu. Sanaafimmoo furmaanni irra deebiin yaaduufi irra deebiin yaaluu qofadha
Gorsa xinsammuu
Fi seenaa ajaa'ibsiisoo

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo