Why Pay for Entertainment? Access Thousands of Free Downloads Now!

○🥀Asoosama....!

Description
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

10 months, 1 week ago

Yoo garee kana jala warri jirtan kun na eegaa jiraatttan asoosama tokko isiniifiin jalqaba.

Jirtuuu?

1 year, 5 months ago

Asoosamicha irraa maal barattan? Hanqinni isaa kaniin Asoosama gama fuul duraatti yoo Rabbi naan fadhe qopheessu irratti isiniif fooyyeessuu Qabu maalfaadha?
Gaafii lamaan kana irratti hirmaadhaa 🙏

1 year, 5 months ago

💔Dirmammuu Fayye ❤️
🎋🎋Kutaa 15ffaa🎋🎋

Kennaan siif kannuuf deemu saniif guyyaan isaa arra gahee jira akkuma naan ja'etti kufe, ol qabnee gad qabneeti dadhabne makiinaa kaafnee fuunee mana yaalaa geessine. Kutaa emergency(yaala hatattamaa) keessa galchinee alatti nu dhaaban. Kana dhageessee bakka jirtuu kaatee dhufte Dr Maraaf. Akka dhufteen abbaa kiyya hammattee fayyaa qabdanii jattee akka waan waggaa 60 fi 70 wal hin arginii takkatti itti maramtee irratti booche, achi booda gama kiyya dhuftee anatti maramtee ana irrattiis akkasuma Boochee garaa na balleessite. Caaltuu isii ala baatu arraan arge, iddoo takka qabannee atoo Nadhii eeguuf qalbiin Rakkataa gad tatteenye. Dr cufti Caaltuu dubbisee ngy gaafatu malee bira hin dabru. Niin ajaaibsiifadhe. Namoonni itti baayyatee dubbiin isii cinqinaan carqii xiqqoo takkaan fuula hidhattee teesse, akka namni achiin dabru isii hin beeyneef. Daqiiqaa muraasa booda Nadhiin ni beeyfate. Yeroo takka takka akka gaggabdoo dhukkuba isa godhu akka Qabu caaltuun naaf himtee turte. Fuunee gara manaa yaane.

🥰Manatti gallee yeroo gad tatteenyu Dr Maraaf anaaf abbaa kiyya jidduu gad teesse, Mataa isiitiin qoma koo irra gad ciiste, Rifeensa isii qaqqabataan Jaalala teenya ta joollummaa yaaduu eegale. Fayyaa isii kana arguu kootti gammachuu tilmaamuun ulfaatu tokkon gammadaa jira, jiddumaan caaltuun ol kaatee sagantichi itti haa fufnuu jatte, Nadhiin tole atumti nuuf itti fufi ja'een. Ani Caaltuu Nadhiin ja'ama Nadhiin abbaaf haadhaas tahee isa ana guddiseedha, haa galatoomuu! haati koo anaa if hin barin ana irraa duute yeroo isiin jattu, maal ja'een lallabee ol ka'ee dhaabbadhe , tasgabbaahi Marsimooy! naan jatte, akkamittiin amana ati ta isaa tahuu jaeen lallabe, Dr Maraaf dhugaa isiiti tanuma isaatii jattee seeyxe.

Caaltuun dubbii isii itti fufte. Abbaan koo akkaan an Afaan bareen mana barnootaa na galche, umriin koo waggaa kudha 12 yeroo tahu kutaa 11n baradha, kutaa baayyee Tarmii Tarmiin baradheen irra dabre, arra kunoo sadarkaa kana gaheen jira, barnoota hedduun Roga internet kana irraan kannaa jira. Amma gara boqonnaa itti aanuttiin cahuuf deema, boqonnaan saniis bultii Mataa kootii dhaabuudha, Dargaggeesa hedduun ulaagaa hedduun qoraa ture akka naaf tahu laaluuf, namni qormaata koo mara darbe Marsimooy qofa isa filadhee isaa waliin bultii koo ijaaruuf murtii koo isa dhumaa irra gaheen jira yeroo isiin jattu Dr Maraaf ol kaatee harka dhooytee kolfa gammachuu kofalte, abbaan koo ija baasee harkaan Afaan qabatee ija irraan imimmaan dhangalaasee, ani immoo arrabni koo sosso'uu dadhabe miilli koo socha'uu dadhabe. Caaltuun immoo kana mara laaltee koflaa jirti.

Guyyaa itti aanu Nikaan ni godhame, yeroo nikaan godhamu kaatee na hammatte qaamni kiyya qaama isiitti yoo maraamu imimmmaan eessaa akka dhufe hin beeyne kun ana irraan bu'e. Torbee kana gama dhumaatti cidha magaalaa saniif adda tahe tokko bifa addaatiin godhanne biyya ajab jachisiifne !
Dirammuun koos akkasiin fayye.

🥀Xumuramee Jira 🙏

👋👋 @Furaa1 👋👋

1 year, 5 months ago

Arrallee Kutaa itti aanu waa hin dandeenye !

1 year, 5 months ago

Arra kutaa itti aanu isiniif maxxansuu waaniin dandahu hin sahu, yoon dandahe niin yaala ykn guyyaa biraan qabadhee dhufaan Insha'Allaah. Qalbii guutuun nan Eeginaa !
🙏🙏

1 year, 5 months ago

💔',,,,,,,,Kutaa 14ffaa',,,,,,,,🎉

Yeroo gara mana kiyyaa ol deemu abbaan koon mana kiyya hulaa irra ka dhaabbatuun arge, manaama keessa akkan jiru na fakkaate, yeroon gara mana Caaltuu(daleeyduu) achi laalu hulaa isii irra dhaabbattee seeqaa jirti. Abbaa koo itti ol fiigeen hammadhee ifitti qabe. Ol seenaa ja'een gara manaa ol seennee gad teenye. Abbaa koo Nadhiitu akka garana dhufu godhe. Sa'aan qabamee ture san ni gahe, Nadhiin sagantaan keenya akka eegaluuf deemu nuuf hime, caaltuun garuu hin jirtu caaltuun hoo ja'een gaafadhe Nadhii. Isiin barnoota online irraan barsiistu tokko qabdi sa'aan isiin itti barsiiftu amma daqiiqaa 30 booda ni dhufti naan ja'e. Maal akka jachu jiru naaf hin galle "Caaltuu daleeyduu mooraa tana keessa jirtu saniin baanaa bar" jannaniin Ee naaf galee jira naan ja'e Nadhiin. Isiin barnoota maaliiti sa'aa kana barsiifti, isiin hoo barattee jirtii ja'een gaafadhe. Isiin professora course hedduu toora internet irraan dhaabbata hedduu waliin kanniti naan ja'e. Obboo Nadhii maaloo qoosaa jirtu moo ja'een ol ka'e. Dhugaa kiyya deemtee laaluu ni dandeessa naan ja'e, jarjarfadheen mana isii seene. Mana isii arra malee akkatti seenee hin beeku.

Iddoo isiin teessee barsiiftu niin laale computer isiin irraa barsiisaa jirtu niin laale, computer isiin irraa barsiiftu Apple. Yeroon an ol seenu barattoota isiitti Ngy dhaammattee sagantaa ittii aanuun hanga wal arginuu gaafii san dalagaatii walitti deebinaa jattee ingliffaa akka faranjiitti akka wali dhahaa haasooyti. Mana mooraa san keessa jiruun wal bira yoo qabde manni isii mana hunda caalaa bifa addaatiin jaaramee Jira. Computer isii walitti gad cuftee Marsimooy maal jatte naan jatte, waan isiin jatte kana dhagahuu kiyya malee yeroon nadhii biratti deebi'e if hin garre.
Na duuba deemaa dhufte seeqaa, akkaan an rifadhe beeytee akka isiin seeqaa jirtu naaf gale.

Nadhiin isin cufti dhuftanii jirtu sagantaa koo jalqabuun duratti abbaan Marsimooy du'aa'ii nuuf haa godhuu naan ja'e, abbaankoo du'aa'ii nuuf godhe. Achiin booda Nadhiin dubbii jalqabe. Guyyaan arraa kun guyyaa addaatii guyyaa kana keessatti waa hedduu kaafnee waliin laalla. Duraan duursee Abbaa Marsimooy isa ilma akkanaa dhalee nuuf gumaache hedduu galatoomi jachuuniin barbaada. Kana dura namoota hedduun hojjachiisaa ture, nama akka Marsimooy hojjachiisee hin beeku, mucaa hiriyyaa keetii saniis anaatu si jalatti godhe, bifa hedduu tokkooniin si fattanaa ture, fatanaa akkanaa mana kanatti nama baayyeetuu kufee ture ati garuu nama jalaqaba fatanaa kana darbe taatee jirta. Lafa takka kanaan duratti biteen mana irratti jaaree ture, manni san jaarmaya bifa addaatiin xumuramee jira, waraqaan arra dura si dhooysee ture san mana san akka kennaatti maqaa keeti siif jijjiiruuf process irraan ture arra immoo siif xumuramee jira. Kennaa san siif kannuuf guyyaan arra gahee jira akkuma naan ja'etti kufe.......
💔.......itti fufa.......😁😢

@furaa1

1 year, 5 months ago

Arra nan eeginaa kutaa itti aanu arra hin maxxansu🙏😔

1 year, 5 months ago
***🥰******🥰******🥰******🥰******🥰******🥰******🥰******🥰******🥰******🙏******🙏******🙏***

🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🙏🙏🙏

Hin hifatinaa Xiinxalaa, ani akka isin xiinxalaa jirtanitti xumuruu dhabuun mala garuu😁😁
🙏....... @furaa1 ........🙏

1 year, 5 months ago

Daqiiqaa muraasa takka booda manaan gahe. Karri banaa ture yeroon mooraa banee ol seenu mooraan waan adda addaa kanaan faayamtee mooraan guutuun iftee jirti, halkanaahuuf waan deemu odoo hin tahin bariyuuf waan deemu natti fakkaate.
Yeroo gara mana kiyyaa ol deemu abbaa koo mana kiyya hulaa irra ka dhaabbatuun arge, manaama keessa akkaan jiru na fakkaate, waan tahaa jiru hubatuu hin dandeenye, yeroon gara mana Caaltuu(daleeyduu) achi laalu hulaa isii irra dhaabbattee seeqaa jirti, bakkumaan jiruun dhaabbadhe, hulaan ni dhadhahame....

..........Itti fufa..........
❤️ @furaa1

1 year, 5 months ago

🥰 Kutaa 13ffaa,,,,,,,,,🥀💥

Yeroo Nadhiin na biraa ka'ee bahu daleeyduun ammaas deebitee dhufte daqiiqaa 45 taniin siif qabee ture dhumee jira jachuun ni dandahama yoo xiqqaate daqiiqaa 15 qofaatu hafe daqiiqaa 15nan kana humaa takka hin dubbatin, waan na gaafatte qofaan daqiiqaa haga kanatti siif himaatii na caqasi jattee seeyxe. Dhugaa daleeyduun tun onnee tiyya keessaa bakka takka qubattee jirti kofli isii yeroo cufa akka malee qalbii na fuudha ammaas isii yayyaaduun eegale yeroon isii biraa deemees, garuu dhimma jabaatu harkaa na qaba waan taheef Jaalala tana keessa seenee akkaan dhimma kana irraa hin dagamne if amansiiseen jira, useen qalbii takkaan isii caqasuu eegale. Akkaataan ilaalcha keetii akka malee natti tole, namni waan hojjatu takka gatii isii qofatti gammadee dhimma booda isa gaabbisiisu akka hin hojjanneef akkatti if irraa qoratuun isaa akka malee na tola. Inni biraan immoo jatte jattee namaatiin odoo hin tahin dhugaan ifii kiyyaan irra gahuun bitamuun qaba jachuun kee immoo akka malee sitti na harkise naan jattee calliste. Sitti na harkise jachuun kee akkam jachu keetii laataan ja'een, Na Afaan hin dubbatin yeroon nuti qabnu xiqqoodha waan taheef siin jaee turre? Saniifuu callisii na caqasi naan jatte.

Dhimma hojiifii galii Nadhiitiin wal qabatee jatte jatteen akka sitti baayyate qubaan qaba, kana dura nama hedduutu jatte jattee nama alaa dhagahee hojii isaanii gad dhiisee deeme, ati ummata san irraa tahuu dhabuun kee waan guddaa takkaaf si qopheeysee jira, wanni guddaan saniis maal akka tahe yeroon qabateenii dhufa, Dhimma Maraaf ka na gaafattee immoo Dr Maraaf nama gaarii turte yeroo isiin jalqaba as dhuftu irraahiin quba qaba, dhuftee odoo hedduu hin turin sheeyxaanni seenee ture, hojii ni hojjatti hojii isii hin jibbisiisu, garuu nama cufaa waliin hariiroon isii cimaa miti, nama cufa laaffistee laalti daqiiqaa lama nama tokkoo waliin dubbatuu hin feetu, amma irraa wayyaahe malee duraan nama tokkoo waliin dhaabbatuu hin dandeessu, Hospitallli isiin irra daleeydu illeen boqonnaa kanneefii jira inuma dhadheeyxi malee hagas mara hin hojjatti, dawaa fudhachaa jirti dawaan saniis yeroo irraa gara yerootti jijjiirama fidaafii Jira, maatiin isii akkuma as dhufteen akkana taate yoo janneen shakkii keessa galtu jannee isinitti himuu dhiifne naan jatte. Waatu ana irraa baname ifa tokkootu natti mullate, Dr Maraaf teenya ni fayyiti Jaalala jalqaba anaaf qabdu sanittiis ni deebiti, na jibbitee miti dirqamtee akkana taate jachuudhaa yeroon ja'u ija koo irraa imimmaan na dhangala'e. As deemtee ija koo irraa harka isiitiin imimmaan na heeyxe, yeroo isiin harka isiitiin imimmaan ana irraa heeyxu qaamni kiyya akka nama tirikni qabee na hollate. Nutumaa haala kana keessa jiru daqiiqaan dhumate, miira kana keessa odoo jirruu illee daqiiqaa isii seerumaan hordofaa turte.

Atoo Marsimooy sa'aan siif qabamee ture dhumeeti jira naan jatte kofla bareedaa tokko kofalte. Gaafiin koo guutuun naaf hin deebine, dubbii Nadhii san irra dibaa gootee na bira kuchiiste, natti hin himne aniis isiin deemnaan xiyyeeyfannaan koo achi irratti na deebi'e. Kuni akkana tahee xumuramuus ani gammaadaadha dubbii Dr Maraaf sanitti. Jala gadi baheen Hoggu takka naaf dhaabbadhu jacha tokko qofaan si gaafadhaan jaeen. Maal dafii gaafadhu naan jatte, maqaa kee maaf naaf himuu didda, Nadhii illee akkaan hin gaafanne naan sodaadheen ja'een, maqaan koo Caaltuudha naan jatte, ta eenyuu jannaaniin kan hafe yeroo biraatti nuuf qabi naan jatte. Deebiin isii bitaa na galuus waan jatte irraa deebi'uun amala isiitii miti waan taheef inumaan callise.

Hiriyyaa koof bilbileen waliin baanee qilleensa haa fudhannuun jaeen tole naan jae, arra guyyaa hojiitii miti, iddoon hojii cufaa ture, makiinaa kaaseen mana hiriyyaa koo deemee isa fuudhee waliin baanee iddoo bashannanaa deemne. Qalbiin ammallee sagantaa halkanii san na yaadaa jira. Yeroo xiqqo boqonnee jannu sa'aa 12 tahe, galuuf karaa manaa deemne hiriyyaan koo yeroo karaa walakkaa takka deemnu as fira kootu jiraa asitti na buusi naan ja'een karatti na biraa bu'e...

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo