Baankii Daldala Itiyoophiyaa

Description
Seenaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa (CBE) bara 1942 hundeeffama Baankii Mootummaa Itiyoophiyaa irraa eegaleeti.
CBEn bara 1963tti akka dhaabbata aksiyoonaa tokkootti seeraan hundeeffame. Ergasii as guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa dhufee
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 7 months ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 3 months ago

👉👉 Sʜᴀʀᴇ ɪʏᴏ xᴀʏᴇʏsɪɪɴ sᴏᴏ ᴅᴀʟʙᴏ👉👉 @Ibiiye_online
MY ᴄʜᴀɴɴᴇʟs 👇👇🔥💀

0619425303👈👈👈👈 qofkii xareesiiska rabo luuqa iga soo qabo

Last updated 4 weeks ago

1 month ago
Hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaaf

Hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaaf

Baga ji'a kabajamaa Ramadaanaa kan 1446ffaa geessan!

Ji'a soomana eebbifamaa isiniif hawwaa, liinkii armaan gadii fayyadamuun, sagantaa soomana Ramadaanaa fi salaata magaalota adda addaatti baankiin keenya qopheessu argachuu dandeessu.
https://combanketh.et/ramadan-calendar/

Ramadaan Mubaarak!

CBE NOOR tajaajila baankii guutuu dhalarraa bilisaa!
Baankii daldalaa Itoophiyaa
Baankii yoomiyyuu itti of Abdatan!

1 month ago

Fuula miidiyaa hawaasaa irratti gowwoomsitoonni heddummaataniiru.
Of eeggadhaa!

Hattoonni lakkoofsa fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa saffisaan dabalaa dhufe kana fayyadamuun, tooftawwan sobaa adda addaan odeeffannoo fi maallaqa saamaa jiru.
Mee malawwan gowwoomsitoonni sobanii itti fayyadaman kanneen armaan gadii ilaalaa:
1. Phishing
2. Investment Scams:
3. Free Trial Products:
4. Clickbait፡
5. Gaaffii Hiriyaa Sobaa: (Fake Friend Requests)
6. Gowwoomsaa carraa hojii
7. Kennaa
Maqaa ofii ykn namoota biroo fayyadamuun fuula miidiyaa hawaasaa sobaa uumuun yeroo hordofan, hordoftoota dabalan, maxxansoota qooddatan, yaada isaanii ykn like godhan kennaa kennina jechuun beeksisa sobaan namoota gowwoomsu. Haala kanaan Gowwoomsitoonni kun odeeffannoo dhuunfaa hordoftootaa hatuuf carraa gaarii ni argatu.
Gowwoomsitoota irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?
• Gaaffii michoomaa miidiyaa hawaasaa kan namoota hin beekne irraa dhufu hin fudhatinaa.
• Beeksisa gatii xiqqaa shakkuu;
• Nama toora interneetii qofaan wal bartaniif maallaqa hin erginaa.
• Odeeffannoo dhuunfaa keessan miidiyaa hawaasaa irratti hin kenninaa.
• Seera qabeessummaa beeksistootaa osoo hin mirkaneessin tarkaanfii kamiyyuu hin fudhatinaa.
• Waamicha gargaarsa hiriyyaa karaa miidiyaa hawaasaa irraa dhufu kamiyyuu of eeggannoodhaan ilaalaa.
• Ergaa barreeffamaa, Iimeelii, ykn ergaa miidiyaa hawaasaa namoota hin beekne irraa dhufu keessatti Liinkii hin baninaa.
• Fuula miidiyaa hawaasaa sirrii ta’e hordofaa.
Hubachiisa:
Baankiin daldalaa Itoophiyaa maamilatti bilbilee, waa’ee odeeffannoo dhuunfaa isaa hin gaafatu. Kanamalees lakkoofsa iccitii fi sirreefama kamiifuu bilbilee waan akkasii raawwadhu hin jedhu.
Maamiloonni keenya waan shakkisiisaa kamiyyuu osoo hin raawwatin dursa gara dameelee deemuu fi 951 irratti bilbiluu qofaan odeeffannoo sirrii argadhaa!

1 month ago
Baankii Daldala Itiyoophiyaa
3 months ago
National Competitive [#Bid](?q=%23Bid)

National Competitive #Bid

Commercial Bank of Ethiopia (CBE) invites interested and qualified bidders for bid of the under listed maintenance work.

  1. Addis Ababa branch Compound Asphalt Pavement Maintenance work (Bid No. 100/2024/25)

Interested bidders can get the full information on our website using the following link:
https://combanketh.et/cbeapi/uploads/Bid_invitation_AA_Asphalt_91026a277c.pdf

3 months ago
Gaaffii deebisaatii badhaafamaa!

Gaaffii deebisaatii badhaafamaa!
Fuula Facebook Afaan Oromoo irratti!
https://www.facebook.com/BaankiiDaldalaItiyoophiyaa

Fuula Feesbuukii Afaan Oromoo baankii keenyaa hordofuun, dorgommii gaaffii fi deebii marsaa 1ffaa har'a (Muddee 16, 2017) sa'aatii 2:30 tti gaggeeffamu irratti hirmaachuun Badhaafamaa!

Baankii daldalaa Itoophiyaa
Baankii yoomiyyuu itti of Abdatan!
#cbe #banking #ethiopia #commercialbankofethiopia

3 months ago
We Wish a Merry Christmas and …

We Wish a Merry Christmas and Happy New Year to All Who Use the Gregorian Calendar.
#cbe #MerryChristmas #HappyNewYear2025
??????
Commercial Bank of Ethiopia
The Bank You Can Always Rely on!

3 months, 1 week ago
Baankii Daldala Itiyoophiyaa
3 months, 1 week ago
Baankii Daldala Itiyoophiyaa
3 months, 1 week ago
Baankii Daldala Itiyoophiyaa
3 months, 2 weeks ago
Ergaa akeekkachiisaa Poolisii Federaalaa irraa

Ergaa akeekkachiisaa Poolisii Federaalaa irraa

Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bilbila adda addaa fayyadamuun sobanii akka waan  baankii irraa bilbilan fakkeessanii maallaqa herrega maamiltootaa irraa hatan irraa ummanni akka of eegu dhaamsa dabarsa.

Akka Poolisiin Federaalaa jedhutti biyya keenyatti yeroodhaa gara yerootti Baankii Daldalaa Itoophiyaa dabalatee namoota dhuunfaa maqaa baankii adda addaa fayyadamuun, maamilaan badhaasa baankii keenyaa irraa argatteetta jedhanii fakkeessuun mala sobaa adda addaa fayyadamuun siistema sirreessaa jirra koodii baankii moobaayilaa keessan  akka galchitan jechuun amansiisu.

Poolisiin Federaalaa ummanni hanna akkanaa irraa akka of eegu ibsa.

Shakkamtoota hannaa  akkanaa raawwatan yoo saaxiltan, Appii Hirmaannaa Lammiilee Fooyya’e (EFPApp) fayyadama .
https://play.google.com/store/apps/details?id=guardianX.com.guardian_x&hl=en ykn lakkoofsa bilbila bilisaa 991 bilbiluun, yaada ariifachiisaa kennuudhaan ykn odeeffannoo nageenyaaf geessuun ykn... qaamota nageenyaa naannoo sana jiran akka namni hundi yakka kana ittisuuf ga’ee isaa ba’uuf waamicha dhiheessera.
Hattoota kana irratti poolisiin tarkaanfii jalqabe cimsee akka itti fufus beeksiseera.

Maddi: Fuula Feesbuukii Poolisii Federaalaati.

We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 7 months ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 3 months ago

👉👉 Sʜᴀʀᴇ ɪʏᴏ xᴀʏᴇʏsɪɪɴ sᴏᴏ ᴅᴀʟʙᴏ👉👉 @Ibiiye_online
MY ᴄʜᴀɴɴᴇʟs 👇👇🔥💀

0619425303👈👈👈👈 qofkii xareesiiska rabo luuqa iga soo qabo

Last updated 4 weeks ago