All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 2 months, 4 weeks ago
CEO @Obsamilli
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 2 months, 3 weeks ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months, 3 weeks ago
Oduu: #Masriin si'a lammataaf meeshaalee waraanaa gurguddoo gara #Somaaliyaa ergite
Dooniin fe’umsa waraanaa Masrii kaleessa Fulbaana 22, 2024 meeshaalee waraanaa gurguddoo fi farra xiyyaara waraanaa fe’e buufata doonii #Moqaadishoo gahuu qondaalli Somaaliyaa beeksisan.
Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nur fuula X isaanirratti dooniin meeshaa waraanaa fe’e kun buufata doonii Moqaadishoo gahuu suuraa waliin mirkaneessaniiru.
Bobbiin meeshaa waraanaa kun Manni Maree Nageenyaa #UN uggura meeshaa waraanaa Somaaliyaa irratti kaa’e ture Muddee 2023 erga kaase booda “isa guddaa” ta’uu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Oduu: #Afrikaan Mana Maree Nageenyaa #UN'tti "bakka bu’ummaa sirrii” akka argattu #Itoophiyaan irra deebiin gaafatte
Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti Afrikaan bakka "bu’ummaa sirrii ta’e" akka argattu Itoophiyaan irra deebiin gaafatte.
Itoophiyaan gaaffii kan kan dhiyeessite yaa'ii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 79ffaa Niiw Yoorkiitti taa’amaa jirurrattii haasawaa Ministirri Dhimma Alaa Taayyyee Atsqasillaasee taasisaniini.
Murteen mana maree nageenyaa dabarsu kamiyyuu dantaa Afrikaa ilaalcha keessa kan galche akka ta’u gaafachuu odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame mul'isa.
Oduu: Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Afrikaan “bakka bu’ummaa sirrii” akka argattu Itoophiyaan irra deebiin gaafatte
Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti #Afrikaan bakka "bu’ummaa sirrii ta’e" akka argattu #Itoophiyaan irra deebiin gaafatte.
Itoophiyaan gaaffii kan kan dhiyeessite marii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani 79 Niiw Yoorkiitti taa’amaa jirurrattii haasa’a ministeerri dhimma alaa Taayyyee Atsqasillaasee taasiseeniidha. Itoophiyaan gaaffii walfakkaataa waltajjiilee biroo garaagaraarratti gaafachaa turuun ni yaadatama.
Murteen koreen nageenyaa dabarsu kamiyyuu dantaa Afrikaa ilaalcha keessa kan galche akka ta’u gaafachuu odeeffannoon ministeera dhimma alaa baase agarsiseera. Akkasumas, biyyoonni addunyaa hiyyummaa dhabamsiisuuf kutannoodhaan akka hojjatan ambaasaaddarichi gaafateera.
Chaayinaan bara 1950 ykn waggaa 70 booda yeroo jalqabaatiif umurii sooramni itti bahamu suuta suutaan dabaluuf ta'u ibsite.Biyyattiin murte kanarra kan geesse, ummanni biyyattii umuriin jaaran baayyachuufi bajanni soramaa hir'ataa dhufuusaatti.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/Z1FMh7U
BBC News Afaan Oromoo
Chaayinaan erga bara 1950 booda yeroo jalqabaatiif umurii soramaa dabaluuf
Chaayinaan bara 1950 ykn waggaa 70 booda yeroo jalqabaatiif umurii sooramni itti bahamu suuta suutaan dabaluuf ta'u ibsite. Biyyattiin murte kanarra kan geesse, ummanni biyyattii umuriin jaaran baayyachuufi bajanni soramaa hir'ataa dhufuusaatti.
Koreen Giddugaleessa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'eelin durfamu, Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaa dabalatee qondaalota olaanoo 16 hojii siyaasaa paartichaarraa dhorkuu beeksise.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/y6xSWRB
BBC News Afaan Oromoo
Gareen TPLF, Dr Dabratsiyooniin durfamu Obbo Geetachoofi hoggantoota 16 paarticharraa dhorke
Koreen Giddugaleessa TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'eelin durfamu, Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaa dabalatee qondaalota olaanoo 16 hojii siyaasaa paartichaarraa dhorkuu beeksise.
Biliyeeenarri Adduunyaa Elon Maask tooraa miidiyaa hawaasaa isaa X ykn kan duraan Twitter jedhamu irratti “hanga yoonaa namni tokkollee Baayidanii fi Kaamalaa ajjeesuuf kan yaale hin jiru” jechuun maxxansee ture.
via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/2s5uwW9
BBC News Afaan Oromoo
Elon Maaski barrefama waa'ee Haaris fi Baayidan irratti maxxanseen maaliif qeeqni guddaan isa muudate?
Biliyeeenarri Adduunyaa Elon Maask tooraa miidiyaa hawaasaa isaa X ykn kan duraan Twitter jedhamu irratti “hanga yoonaa namni tokkollee Baayidanii fi Kaamalaa ajjeesuuf kan yaale hin jiru” jechuun maxxansee ture.
‘Abukaatoowwankoo doorsifamaa jiru’ - Obbo Taayyee Danda’aa
Qondaalli mootummaa duraanii Obbo Taayyee danda'aa har’a ALI Waxabajjii 18, 2016 dhaddacha oolerratti abukaatoowwan isaanii malee dhiyaatan.
Obbo Taayyee Danda’aa abukaattota shan kan qaban ta'us tokkoyyuu dhaddacha har'aa kanarratti hin argamne.
Deetaa Ministeera Nagaafi miseensa Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa, Seera Yakkaa ALI Bara 1996 bahe keewwata 251/C fi keewwata 257/E akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himatamanii dhimmisaaniis Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddacha tokkoffaa kan yakkoota heeraafii sirna heeraa irratti raawwataman ilaaluun ilaalamaa jira.
Manni Murtichaas dhaddacha ALI Caamsaa 29, 2016 taa’een ragaalee Abbaa Alangaa lama irraa jecha ragummaa kan fudhate yemmuu ta’u, galmicha qoratee jalamurtii laachuuf ture har’atti beellama kan qabate.
Haata’u malee, kuufama galmeerraa kan ka’e galmee Obbo Taayyee Danda’aa osoo hin ilaaliin hafuu kan himan Abbootiin Seeraa, ALI Adoolessa 17, 2016’tti beellama biraa qabataniiru.
Obbo Taayyeenis beellama haaraa kennametti kan waliigalan ta’uu dubbataniiru.
Ammoo dhaddacha har’aa irratti iyyatawwan lama dhiyeeffataniiru. Abukaatoowwansaanii irratti doorsifni cimaan qaqqabaa jiraachuufi akka irraa dhaabbatu Mana Murtii gaafataniiru.
“Abbaan Alangaafii namoonnisaa abukaatoowwankoo doorsisaa jiru” kan jedhan Obbo Taayyen, abukaatoowwansaanii bilbila lakkoofsisaa hin mul’anneen itti bilbilamee doorsifamuu himan.
Galmee Obbo Taayyee jalatti abukaatoowwan shan galmaa’anii kan jiran yemmuu ta’u, beellama har’a ALI Waxabajjii 18, 2016 turerratti garuu abukaatoowwan Obbo Taayyee hundinuu hin argamne.
Obbo Taayyeenis qofaa isaanii dhaddacharratti argamuun iyyannoosaanii dhiyeeffatan.
Abukaatoowwansaanii shan keessaa lama namoota “waajjira tikaatii bilbilla” jedhaniin doorsifamuusaanii akka itti himan kan dubbatan Obbo Taayyeen, doorsifni kun abukaatoowwan hafan sadeen irratti qaqqabuusaa garuu akka hinbeekne himan.
Gama biraatiin abukaatoo dhaabbachuun mirga heeraan kenname ta’uufii kunis heera biyyattii Keewwata 20 irratti kan kaayame ta’uu, kan himan Abbootiin Seeraa galmicha harkaa qaban, doorsifni qabatamaan raawwatamaa jira taanaan sirna haqaaf gaarii akka hintaane dubbatan.
Kana malees dhimmicharratti akka mari’atan Abbootiin Seeraa himaniiru.
Abukaatoowwan namoota siyaasaaf dhaabatan yeroo dhiyoo as qaamolee mootummaa waliin hidhata qabaniin dorsifni irra gahaa akka jiru BBC odeeffannoo argateera.
Dorsisa kanarraa kan ka'es dhaddacharratti hirmaachuuf rakkachuu ogeessi seeraa dubbifne tokko yaaddoo jabaa waliin BBCtti himaniiru.
Dhimma meeshaalee harka Poolisii Federaalaa jiranii…
Beellama Mana Murtii har’aa irratti iyyatawwan Obbo Taayyeen dhiyeeffatan keessaa inni biraan meeshaalee elektirooniksii harka Poolisii Federaalaa jiran kan ilaallatudha.
Manni Murtichaa meeshaaleen egzibiitiin hinqabamne: mobaayilawwan lama, taableetiin tokkofii sanadni akka deebi’aniif ajaja kennee turullee hanga ammaatti akka hindeebineef Obbo Taayyeen himaniiru.
Poolisiin Federaalaa gama isaatiin meeshaleen eeraman egzibiitiin qabamanii kan jiran ta’uu xalayaa har’a Mana Murtichaaf ergeen himeera.
Manni Murtichaa garuu meeshaaleen kunneen galmee dhaddachaarratti egzibiitummaan galmaa’anii kan hinjirre ta’uu himuun meeshaaleen kunneen akka deebi’aniif irra deebiin ajaja akka laatu dubbataniiru.
Oduu: Labsiin qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuu ilaallatu ragga’e
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 34ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii “faayidaa ummataaf jecha” qabiyyee lafaa gadi lakkisiisuu, kaffaltii beenyaa fi kaafamtoota deebisanii dandamachiisuu murteessuuf fooyyeffamee ba’e raggaaseera.
Wixinee labsii fooyyeffame kanaan sadarkaa federaalaatti pirojektiiwwan gaggeeffamaniin tilmaama kaffaltii beenyaa akkasumas kaafamtoota deebisanii dandamachiisuuf qaama aangoo fi itti gaafatama qabu ifatti adda baasuun murteessuuf sirni dandeessisu diriirfamuun eerameera.
Pirojektoonni qulqullinaan akka gaggeeffaman, gumaacha misooma biyyaalessaaf qabu dabaluuf labsichaan raggaasifamuun ibsameera.
Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa ''seeraan ala'' daangaashee seenuu kora UN irratti himatte
Loltuu federaalaa Itoophiyaa konkolaataa waraanaa alaabaa Itoophiyaa ofirraa qabu fuuldura dhaabbatee jiru
Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa ce'uun biyyashee seenuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti himatte.
Biyyoota ollaa walii taa'anii walqoccolaa jiran gidduutti taateen akkanaa wayita dabalamu, waldhibdeen jiru furmaata argachuu caalaa hammaachaa deemuu mul'isa.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa Somaaliyaa kan ta'an Abukar Dahir Osman loltoonni Itoophiyaa ''kallattiiwwan hedduun'' daangaasaanii cabsanii seenuu Mana Maree Nageenyaa jaarmiyaa addunyaa kanatti himataniiru.
Akka qondaala Somaaliyaa kanaatti loltoonni Itoophiyaa daangaasaanii cabsanii seenuu himatan kunneen qaama loltoota Gamtaa Afrikaan ramadamanii miti.
Loltoonni Afrikaa ergama nagaa eegsisuu fudhatanii Somaaliyaa keessatti ramadamanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti hoogganaman kan Itoophiyaan miseensa hedduu keessaa qabdu ATMIS jedhamu.
Aab Osmaan inumaa loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa Somaaliyaa seenuu qofa osoo hin taane ''humnoota Somaaliyaa waliin waldura dhaabbannaa hamaa keessa galaniiru,'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa himannaa kanarratti hanga yoonaa homaa hin jenne.
Miidiyaan Somaaliyaa akka gabaasanitti loltoonni Itoophiyaa biyyattii seenan kumaan kan lakkaa'amaniidha.
Itoophiyaan waraana gosa lamadha kan ishiin Somaaliyaa keessaa qabdu.
Tokko Gamtaa Afrikaa jala kan sosso’u (ATMIS) yoo ta’u kan lammataa waliigaltee biyyoota lamaan kan bobba’edha.
Gamtaa Afrikaa jala yoo xiqqaate loltoota 3,000 akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan immoo loltuun Itoophiyaa 5,000 – 7,000 ta’u bakkeewwan Somaaliyaa adda addaa keessa qubateera.
Mootummaan Somaaliyaa waraanni gosa lamaanuu akka isaan bahan akka barbaadu aangawoonni biyyattii himaniiru.
Oduun loltoonni Itoophiyaa garee Al-Shabaab adamsaa hayyama mootummaa Somaaliyaa malee daangaa Somaaliyaa qaxxaamuranii seenan jedhu gidduu kana ijoo dubbii ta'eera.
Jiraattonni kutaawwan bulchiinsaa Somaaliyaa Itoophiyaa waliin wal daangessan keessaa tokko taate, bulchiinsa Iraan, magaalaa Maatabaan, miseensota Raayyaa ittisaa Itoophiyaa meeshaa gurguddaa hidhatan kumaatamaan lakkaa’aman arguusaanii BBCtti himaniiru.
Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni Raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi'uu isaanii BBC Somaaleetti dubbataniiru.
Erga Itoophiyaan bulchiinsa mataashee dandeesse fi beekamtii biyyummaa UN hin qabne- Somaalilaand waliin waliigaltee walhubannoo mallatteessitee hariiroon hariiroon Somaaliyaa fi Itoophiyaa rakkoo keessa galeera.
Akkaataa waliigaltee jalqaba bara 2024 mallattaa'e kanaan Itoophiyaan handaara galaanaa kiilomeetira 20 argatti, bakkasaa Somaalilaand beekamtii biyyummaa akka argattu bal'inaan odeeffamaa ture.
Bulchiinsa ofiin of bulchaa jirtu Somaalilaand akka qaama isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan, gocha kana ''gocha birmadummaa fi daangaa biyyashee cabsuutti fudhachuun'' waliigalteen kun akka hojiirra hin oolle hojjetaa jirti.
Itoophiyaa fi Somaalilaand torbanoota dhufan keessa walga'uun waliigaltee walhubannoo mallatteessan kanarratti bal'inaan ni mari'atu jedhamee eegama.
Sababa ho’a cimaa Jibuutiitti mudateetiin lammiileen Itoophiyaa sadii du’an
Sababii ho’a cimaa Jibuutiitti mudateetiin torbanoota darban lama keessatti lammiileen Itoophiyaa konkolaataa fe’umsaa konkolaachisan sadii fi oggeessii suphaa konkoolataa tokkoo du’usaanii waldaan konkolaachiftoota konkoolaattoota gurguddoo Itoophiyaa beeksiise.
Konkolaachiftoonni fe’umsi isaan fe’an Jibuutii osoo hin geenye gara sanatti imaluudhaan guyyootaaf achi akka turan taasifamaa jiraachuu fi kanaanis ho’a cimaafi rakkoolee gara biraatiif saaxilamaa jiraachusaanii Hojii Gaggeessaan Waldichaa Obbo Solamoon Zawuduu BBCtti himan.
Konkolaachiiftoonni konkolaataa fe’umsaa Jibuutiin kan oomishaalee al-ergiifi kanneen gara biyya keessaa galfamaniif karra mummee taateetti deeddeebii’anii fi oggeessi suphaa konkolaataa biyyattii keessa jiraatu tokko lubbuusaanii kan darbe jalqaba baatii Waxabajjiirra guyyoota walitti aanan keessa ta’u waldichatti qindeessaa kan ta’an Obbo Daamana Tashoomatu BBCtti hime.
Waahillan waldichaa BBCn dubbise kunneenis, namoota lubbuunsaanii darbe keessaa tokko konkolaachisaa Geejjiiba dhuunfaa Balaayina Kindee yoo ta’u, konkolaachiftoonni kaan hafan lamaan ammoo kan dhaabbilee mootummaa keessa hojjatan akka turan himaniiru.
Oggeessi suphaa konkolaataa lubbuunsaa darbees hojjataa Geejiiba Galaanaa fi Lojistikii Itoophiyaa keessa kan hojjataa ture yoo ta’u, konkolaachisaan inni tokko lubbuunsaa darbe ammoo dhaabbata misooma naannoo Amaaraa kan ta’e, konkolaachisaa Geejiiba Tikur Abaayii akka turan ibsan.
Dhaabbileen konkolaachiftoonni jalaa miidhaman kunneenis du’a hojjattootasaanii BBC’f mirkanneessaniiru.
Haalli ho’a yeroo ammaatti Jibuutii keessa jiru olaanaa ta’u kan dubbatan Hojii Gaggeessaan waldichaa Obbo Solomon, haalli qilleensaa ammaan tana jiru kan konkolaachiftoonni ‘‘dandamachu hin dandeenyee’’ ta’u kaasan.
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 2 months, 4 weeks ago
CEO @Obsamilli
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 2 months, 3 weeks ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months, 3 weeks ago