TIKVAH AFAAN OROMOO

Description
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes

3 weeks, 2 days ago
[#Ingiliiz](?q=%23Ingiliiz)

#Ingiliiz

Ingiliz abaaboon #Itoophiyaa qaraxa malee gara biyyattii akka galu eeyyamte

Mootummaan Ingiliz Itoophiyaa dabalatee biyyoota Baha Afrikaa oomisha abaaboo gara biyyattiitti ergan qaraxaa daldalaa kaffalchiisaa ture waggaa lamaaf kaasuu beeksise.

Kaffaltiin qaraxaa biyyattiin kaaste kunis daldala abaaboo Ingilizii fi biyyootaa Baha Afrikaa gidduutti taasifamu saffisiisuuf, hariiroo daldalaa fi diinagdee daran cimsuuf kan gargaaru ta’uun eerameera.

Mootummaan Ingiliz qaraxa 8% kaffalchiisaa kan ture yoo ta’u, qaraxni kun kaafamuun Itoophiyaa dabalatee, biyyoota kan akka #Keeniyaa, #Ruwaandaa, #Taanzaaniyaa fi #Yugaandaaf qaraxni kun akka hafu ta'ameera.

Qaraxni kaafame kunis har’a Ebla 11, 2024 irraa kaasee hanga Waxabajjii 30, 2026 akka turu eerameera.

Itoophiyaan Afrikaa keessaa abaaboo omishuun sadarkaa 2ffaarra kan argamtu yoo ta’u, bara 2023’tti Ingilizii fi Itoophiyaa gidduutti daldalli abaaboo Paawundii miiliyoona 12.6 gaggeeffameera.#AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

3 weeks, 2 days ago
#Update #MNO Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa …

#Update #MNO Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Kenname. Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’e, ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hin qabu. Mootummaa Naannoo Oromiyaa…

3 weeks, 3 days ago

#Update #MNO

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa Kenname.

Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaarratti raawwates ta’e, ololli itti gaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hin qabu.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaa qaama hin beekamneen miseensa ABO Obbo Battee urgeessaa irratti raawwate mootummaan ni balaalleefata; kun Kanaan osoo jiruu miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwatetti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa.

Miseensi ABO Obbo Battee Urgeessaa qaama hanga ammaatti adda hin baaneen magaalaa Maqiitti lubbuun isaanii darbee argamuun ni beekama. Gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabnee dha.

Kun Kanaan osoo jiruu, Obbo Battee Urgeessaa garaagarummaa ejjennoo fi kaayyoo siyaasaa mootummaa waliin waan qabuuf qofa, ajjeechaan kun akka waan qaama mootummaatiin raawwatee ololli bitaa mirgaa faca’aa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne akka ta’e mootummaan cimsee beeksisa.

Aadaa siyaasaa biyya kanaa jijjiiruuf qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen bu’aan adeemsa jijjiiraa waggoottan jahan darban keessatti argame keessaa tokko dirree siyaasaa bal’isuu akka ta’e ni beekama. Obbo Battee ta’ees jaarmiyaaleen siyaasaa qabsoo karaa nagaa filatan hundi carraa kanatti fayyadamuun ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan tarkaanfachiisaa jiru. Mootummaan bal’ina dirree demokraasiif aarsaa kaffalaa as gahe sababa garaagarummaa siyaasaatiin qaama qabsoo karaa nagaa gaggeessuu irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhata jedhanii yaaduunis ta’ee, carraa kanaan qaawa siyaasaa guuttachuuf yaaluun gonkuma fudhatama hin qabu. Qaamoleen siyaasaa kasaaraan siyaasaa isaan qaqqabe carraa kanatti fayyadamuuf tattaaffi humnaa olii taasisaa akka jiran mootummaan taajjbbii qaba.

Dhumarrattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa yakka ajjechaa Obbo Battee Urgeessaarratti raawwate adeemsa qorannoo seeraa hordofee ummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksisaa, hanga qaamni nageenyaa gorannoodhaan adda baasee ummataaf ifoomsutti itti gaafatamummaa gochaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun kan hin danda’amne ta’uun hubatamee, qaamni kamiyyuu olola qabatamaa hin taane tamsaasurraa akka of qusatu cimsee beeksisa.

(Mootummaa Naannoo Oromiyaa )

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

1 month ago

Lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daddabarfaman #Malaawiitti doolaara 1000n ‘gurguramu’
Lammiileen Itoophiyaa karaa Maalaawii qaxxamuranii gara Afrikaa Kibbaatti godaanan Maalaawii keessatti tokkoon tokkoon isaanii dolaara 1000n gurguramaa jiraachuu aanga’oonni Maalaawii saaxilan.

Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Kaampii Godaantota ‘Dzaleka’ jedhamu keessa bakka godaantota seeraan alaa Itoophiyaarraa dhufan itti ugguraman argachuu beeksiseera.

Godaantoonni kunneen hanga firoottan isaanii Itoophiyaa irraa qarshii gaafatame kaffalaniitti mana kana keessa ugguramanii taa’u.

Ministirri Nageenya Biyya Keessaa Maalaawii Ken Zikhaalee Ngomaa ibsa laataniin, lammiileen Itoophiyaa lama, Ahmad Muhaammad Kondoo fi haadha warraa isaa Damoraah jedhamtu, haala ulfaataa ta’een godaantota Itoophiyaa 31 kutaa tokko keessa ugguranii kaa’an to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Akka ministeerichi ibsetti, godaantonni Itoophiyaa seeraan ala daddabarfaman kunneen jalqaba Maalaawii seenuuf doolaara 200 akka kaffalan dirqisiifamu. Erga Maalaawii seenan booda ammoo kutaa itti ugguraman keessaa bahuuf dolaara 1000 akka kaffalan dirqamaa jiraachuu ibsameera. #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

1 month ago
TIKVAH AFAAN OROMOO
1 month ago
Lammiilee Itoophiyaa kuma 70 ta’an Sa’udii …

Lammiilee Itoophiyaa kuma 70 ta’an Sa’udii Arabiyaa irraa gara biyya isaaniitti akka deebi’aniif jiilli haala mijeessu gara Sa’udii Arabiyaatti qajeeluuf jira.

Jiillii mootummaa Ministira Dhimma Alaa Kabajamoo Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanootiin durfamu guyyoota itti aanan keessa gara Sa’udii Arabiyaatti kan imalu ta’uun lammiilee 70,000 haala rakkisaa keessa jiran gara biyyatti akka deebi’aniif haala mijeessabiyyatti jechuun Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

1 month, 1 week ago
TIKVAH AFAAN OROMOO
1 month, 1 week ago
TIKVAH AFAAN OROMOO
1 month, 1 week ago

Tajaajilli lammiileen waraqaa eenyummaa biyyaalessaa isaanii toora interneetii irratti guutuun bakka jiranitti akka dhufuuf taasisu eegaleera.

Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa toora interneetii irratti galmaa’uun, kaardicha karaa Tajaajila Poostaa Itoophiyaatiin bakka jiranitti akka fudhatan taasisuuf hojiin eegalamuu isaa Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessa beeksiseera jechuun EPD gabaaseera.

Maxxansi waraqaa eenyummaa biyyoolessaa tajaajila poostaa Itoophiyaatiin raawwatama kan ture yoo ta’u, lammiileen waraqaa eenyummaa biyyaalessaa argachuu barbaadan qaamaan argamuun dirqama ture. Amma garuu lammiileen tajaajila kana salphaatti akka argataniif galmeen toora interneetii kan  eegalamee yoo ta'u, sirni kaffaltii 'Tele Birrii' fi baankiin kaffaluun akka danda'amu ibsameera.

Lammiileen waraqaa eenyummaa biyyaalessaa argachuu barbaadan toora interneetiidhaan Marsariitii card-order.fayda.et irratti galmaa’uu akka danda’an, akkasumas kaardii kana karaa tajaajila poostaa Itoophiyaatiin bakka jiranitti akka dhufuuf ajajuu akka danda’an himameera.

Lammiileen galmaa'uu isaaniin dura ergaan barreeffamaa lakkoofsa Faayidaa isaanii ibsu gara mobaayila isaaniitti ergamuu isaa mirkaneeffachuu akka qabanis ibsamee jira.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

3 months, 1 week ago
Gaanaan lammiileen Afrikaa hundi viizaa malee …

Gaanaan lammiileen Afrikaa hundi viizaa malee gara biyyatti akka seenan hayyamuuf jirti jedhame.

Pireezidaantiin Gaanaa Nana Akuufoo-Addoo dhuma bara 2024tti lammiileen Afrikaa biyyatti daawwachuu barbaadan viizaa malee gara biyyatti seenan akka hayyamamuuf jirtu  beeksisaniiru.

Biyyi isaanii uggura viizaa lammiilee Afrikaa kaasuun ishee guddina diinagdee, carraa hojii, kalaqaa fi hiyyummaa ardii kanaa dhabamsiisuuf kan gargaaru yoo ta’u, kaayyoo naannoo daldala bilisaa Afrikaa (AfCFTA) galmaan ga’uuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

''Mootummaan Gaanaa lammiileen Afrikaa gara biyya keenyaatti imalan hundaaf viizaa malee akka seenan hayyamuuf kutannoo qaba'' kan jedhan preezdaantichi, lammiileen bilisa ta'anii socho'uu fi walitti dhufeenya daldalaa cimaa ardii kanarratti uumuun faayidaa diinagdee mirkaneessuuf imaammattoonni barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Imaammanni viizaa irraa bilisa ta'e kun bara faranjoota 2025 osoo hin seenin dura, aangoon mootummaa pireezidaantii Akuufoo-Addo bara hojii isaanii osoo hin xumuramin hojirra kan oolu ta'uu ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes