TIKVAH AFAAN OROMOO

Description
Advertising
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 3 months, 3 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 20 hours ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 weeks, 1 day ago

2 months, 4 weeks ago
Itiyoopiyaan Meeshaa Waraanaa Somaaliyaatti Ergame Ilaalchisuun …

Itiyoopiyaan Meeshaa Waraanaa Somaaliyaatti Ergame Ilaalchisuun Yaaddoo Qabdu Ibsite

Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Taayyee Astiqesillaasee ergaa meeshaa waraanaa haaraa Masriin dhuma torbee darbee gara Somaaliyaatti ergite ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.

Taayyeen, dhiyeessiin meeshaa waraanaa humnoota alaatiin taasifamu nageenya laaffataa kana daran hammeessee, dhumarratti ammoo harka shororkeessitoota Somaaliyaa keessa seena jedhan.

Akka dhaabbati oduu mootummaa Itiyoophiyaa gabaasetti, Taayyeen yaada kana kan kennan, Tokkummaa mootummootaatti dhimmootii nageenyaa fi siyaasaaf itti aantuu muummittii barreessituu kan ta’an Roozmarii Dekaarloo waliin Niiw Yoorkitti ennaa wal arganitti.

Yaada Taayyee ilaalchisee deebiin hatattamaa Somaaliyaa irraa hin kennamne, garuu ministirri Ittisaa Abdulkaadir Mohaammad Nuur suuraa Isaabuu fi kan ajajaan waraana Somaaliyaa Jeneraal Ibraahim Sheek Muhiyaaddin buufata doonii Moqaadishootti doonii alaabaa Masrii of irraa qabdu irraa ennaa meeshaan buufamuu ilaalaa jiraachuu isaanii fuula feesbuukii isaanii irratti maxxansaniiru. #VOA

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

2 months, 4 weeks ago

Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu ??!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
??
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

2 months, 4 weeks ago
[#Suudaan](?q=%23Suudaan) [#Koleeraa](?q=%23Koleeraa)

#Suudaan #Koleeraa

Suudaan keessatti lakkoofsi namoota weerara koleeraan du’anii 388 gaheera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Sudaan Hayitaam Mohaammad Ibraahim kaleessa walgahii ariifachiisaa booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin lakkoofsi namoota dhukkuba koleeraan qabamanii 12,896 gahuu isaa fi lakkoofsi namoota du’anii 388 gaheera jedhaniiru.

Bishaan dhaabbate jiru dhukkubootaaf bakka wal hormaataa ta'uu danda’a jedhaniiru.

Akka ibsa Giddugalli Hojii Muddamaa Ministeerri Fayyaa baaseetti, Dilbata kaleessaa naannolee Kaassalaa, Gadariif, Kaabaan, naannawa Laga Naayilii fi Galaana Diimaatti namoonni haaraan 401 dhukkuba koleeraan qabamaniiru.

Weerarri koleeraa kun bulchiinsota 10 keessatti naannoolee 54tti akka babal’ate gabaafameera.

Dawaa fi meeshaalee barbaachisoo biroo dhiyeessuu fi dhaabbilee weerara dhibee kana ittisuuf hojjetan waliin qindoominaan hojjechuuf waadaa galaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

3 months ago
TIKVAH AFAAN OROMOO
3 months ago
Hojjettoonni Biiroo Galiiwwanii Matta’aa Birrii miiliyoona …

Hojjettoonni Biiroo Galiiwwanii Matta’aa Birrii miiliyoona 10 fudhachuun to’ataman Mana Murtiitti dhiyaatan.

Hanga Gibiraa Dhaabbileef hir’isuun hojjettoonni Biiroo Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee Matta’aa Birrii miiliyoona 10 fudhachuun shakkamanii to’atamanii jiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi yeroo beellamaa ramaddii Lidataa ka'umsa qorannoo Poolisiin dhiyeessee fi qabxii falmii Abukaatoo shakkamtootaa ilaaleera.

Hojjettoonni kunneen Gibira kaffalamuu qabu Birrii miiliyoona 100 gara Birrii miiliyoona 13tti gadi hir’isuun Matta’aa Birrii miiliyoona 10 fudhachuun shakkamanii 6 to’annoo jala ooluun kan yaadatamuudha.

Dhaddichi ka’umsa shakkii Poolisii fi qabxii falmii Abukaatoo erga ilaalee booda gaaffii Poolisiin qorannoo dabalataa gaggeessuuf gaafate guyyoota qorannoo 14 eeyyameera.

#FBC

@tikvahethafaanoromoo

3 months ago
Haleellaa hidhattootaatiin lubbuun aanga'oota lamaa darbeera.

Haleellaa hidhattootaatiin lubbuun aanga'oota lamaa darbeera.

Godina wollaggga Bahaa Aanaa Kiiramuu Ganda siree Doorootti Sanbata Darbe haleellaa aangawoota gandaa haarawa muudaman jedhame irratti Raawwatameen namoonni lama battalumattii yoo du'an tokko immoo madaa'ee jira.

Jiraataan Girmaa Tafarraa jedhamu akka himetti "haleellaan kun aanaa Kiiramuu ganda Margaa Jireenyaa keessa iddoo Kuttii jedhamutti raawwate" jedheera.

Haleellaa kanaan firoottan isaanii jalaa ajjeefamuu kan himan Girmaan, isaanis itti gaafatamaa bulchiinsa Siree Dooroo kan ta’an Obbo Alaamirroo Rattaa fi hogganaa Paartii Badhaadhinaa Siree Dooroo Akililuu Fiqaaduu akka ta’an ibsaniiru.

Obbo Margaa Alamuu Bulchaa Ganda Margaa jireenyaa ta'uun Qaammee darbe muudaman worra balaa kana irraa hafan keessa tokko Ta'uu himaniiru.

Abbaan obbo Alaammirroo Rattaa "Dirqama mootummaan kenneef osoo raawwachuuf deemanii haleellan kun raawwate " jedhaniiru.

Sirni awwaalcha ilma isaanii dilbata darbe mana Amantaa kidaanamihratitti gaggeeffamuu VoA'f himaniiru.

Namni 2ffaan haleellaa kanaan du'e, Obbo Akliluu kan jedhaman immoo yaalaaf Bakka geeffamanitti lubbuun isaanii darbeera.

Hojjataan Mootummaa tokko sababa jarri imalaniif kan hin beekkamne ta'us, osoo imalaa jiranii haleellaan kun raawwachuu mirkaneesse jira.

Hojjataan Mootummaa maqaan isaanii hin eeramne Kun halleellaa kannaf itti gaafatamummaan "humnota Finxaaleeyyi Faannooti" jechuun komataniiru.

Haa ta'u malee, haleella kana eennu akka raawwatee qaama walaba ta'ee irraa mirkaneeffachuu hin dandeenne.

Jiraattonniifi Aangawaan Kun balaa kana Kan qaqqabsiisan too'annaa Jala ooluu fi dhiisuu akka ragaa hin qabne eerani humnonni mootummaa amma gandoota baadiyyaa Naannoo sanatti Bobba'uu ibsani jiru.

Dhuma ji'a Hagayya darbees miseensonni milishaa Kan godina wollaggga bahaa aanaa Kiiraamuu ganda Siree Dooruu lamaafi jiraataan tokko haaluma walfakkaatuun dhukaasa hidhattootaan dhukaafame jedhamen ajjeefamanii turan.

Maddi: VOA

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

3 months, 1 week ago
TIKVAH AFAAN OROMOO
3 months, 1 week ago
**Dr Ashabbir dabalatee hoggantoonni Koree Olompikii …

Dr Ashabbir dabalatee hoggantoonni Koree Olompikii daddabarsa namaa seeraan alaan himataman

Pirezidantii Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis dabalatee hoggantoonni Koree Olompikii Itoophiyaa daddabrsa seeraan alaafi kaanin himanni irratti baname.

Kanneen himata kana banan Shaalaqaa Atileet Hayilee Gabrasillaasee, Atileet Gazzaahany Abarraa, Federeeshinii Buunyaafi Federeeshinii Teenisii Itoophiyaadha.

Galmee himannaa Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddacha Araadaatti banameerratti maqaan namoota afuriifi dhaabbata tokko eerameera.

Isaanis:-
?Koree Olompikii Itoophiyaa,

? Pirezidanticha Dr Ashabbir W/Giyoorgis,

?Qabduu maallaqaa Dr. Edan Ashannaafii

?Obbo Daawwit Asfaa(Barreessaa) fi Itti-aanaa isaanii Obbo Gazzaahany Waldeedha.

Abukaatoo kanneen himatanii kan ta’an Obbo Ayyaalo Bitaane ‘’Olompikii Paaris waliin walqabate [himatamtoonni] daddabarsa seeraan alaa namootaa seeraan alaa irratti bobba’aniiru jennee shakkina.

‘’Yakkaan gaafatamuun akkuma jirutti ta’ee aangoo isaanii karaa hin malleen fayyadamuun Koree Olompikii [qisaasessani],’’ jechuun BBC’tti himani.

‘’Waanuma xalayaan barraa’ef qofa namoonni isaan hin ilaallanne [gara Paaris] deema ture,’’ jedhaniiru.

‘’Dhaabbatichi hanga yoonaa odiitii hin taane,’’ jedhu abukaatoon kuni.

Manni murtii iyyannoon kuni dhihaatef torban kana ALI Qaam’ee 04, 2016 ajaja kenneera.

Oolmaa dhaddachaa kanaan manni murtii Koreen Olompikii ALI Caamsaa 05 fi Waxabajjii 4 yaa’iin taasifamaniifi murteen murtaa’e dhorkamee akka turu ajaja kenneera.

Kanaan alas, filannoon Koree Hojii Raawwachiiftuu Koree Olompikii Itoophiyaas ‘’dhorkamee akka turu’’ ajajeera.

Ajaja kana raawwachiisuf itti-gaafatamni Ministeera Aadaafi Ispoortiif mana murtiin kennameera.

Maddi:-BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

3 months, 1 week ago
[#Itoophiyaa2017](?q=%23Itoophiyaa2017)

#Itoophiyaa2017

Baga bara haaraa nagahaan geessan!

Barri haaraa kun kan:
- Nagaa
- Jaalala
- Tokkummaa
- Du'a dhala namaa uumamaan ala ta'e kan itti hin dhageenye
- bara dhiigni itti hin dhangalaanee
- bara namni butamee, ajjeefame ykn gudeedame jedhu itti hin dhageenye
- Guutummaa biyyattii keessatti tasgabbiin bara jiraatu
-Bara Haati itti gammaddu
- bara namni bahe, nagahaan galu
- bara warra haqa dhabeef, haqni kennamu

- Bara dhiibbaan jireenyaa, qaala'iinsi jireenyaa itti furmaata argatu.
- bara bakka barbaanne deemnee nagaa fi bilisummaan itti galuu dandeenyu.

- bara dhukkubbii fi arrabsoo gara gara hin dhageenye
-Bara kan nu gaddisiisu fi abdii kutachiisu dhabamee, jajjabina itti argannu

- Hojjettoonni, barattoonni bara itti milkaa'an

Barattoota - Bara hunda caalaa biyya keenya keessatti bakka kamittuu nageenyi itti mirkanaa'uu, waldanda'uun dhufee biyya keenya keessatti gammachuu guutuu itti argannu nuuf taasisi.

Rabbi hawwii keenya nuuf haa guutuu!

Baga bara haaraa geessan !

Rabbii waggaa waggaan nu gahe gammachuu kana nu argisiiseef galanni haa gahu.

Hunda keessaniif umurii dheeraa, fayyaa guutu waliin isiniif hawwina!

@tikvahethafaanoromoo

3 months, 2 weeks ago
TIKVAH AFAAN OROMOO
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 3 months, 3 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 20 hours ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 weeks, 1 day ago