SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 4 months, 1 week ago
Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.
Headquartered in Mogadishu.
Last updated 4 days, 15 hours ago
Tedoro Obiang Nguema Mbasogon fongolcha irratti raawwate, Maasiyaas Ngemaanis kaampii waraa-naa baadiyaa jiru taa'ee fonqolchi magaalaatti akka geggeeffame dhaga'e sana booda manicha dhiisee gara biyya ollaatti baqachuu eegala. Utuu fagoo hin imaluun bosona Riyoo Muunit jedhamutti baqachuun achumaan karaa kaasaan qabamee bakkichatti dhokatee shankoraa fi akaayii qamadii nyaataa ture. Akka tasaa jaartiin tokko agartee warra isa barbaadaa turanitti himte. Achitti doolaara miiliyoona 4 waliin qabame. Waan na raaju immoo doolara miiliyoona dhibba tokko ool mana isaa baadiyyaa jiru keessatti gu-bee baqate. Maallaqichi maallaqa inni baankii biyyoolessaa irra humnaan saam-eedha. Firaasiskoo Maasiyaas Ngeemaa qabamee hagaya 18,1979 mana murtiitii waraa-naatti dhiyaate. Ragaas irratti funaanuu eegale. Adoolessa 24 Manni murtii waraa-naa Firaansiskoo Ngemaa fi namoota kudhan irratti murtii kenne. Dhaddachi bitaaf mirgaa ilaalamee xumurameera. Maasiyaas Ngemaanis waan himatame kamirrattuu sodaa akka hin qabne ifatti mul'ateera. Maasiyaas Ngemaa irratti abbaan alangaa murtii du'aa murteesse. Namoota shan irratti adabbii hidhaa waggaa 30 dabarse. Kana hafanis hidhaa wal fakkaatuutu itti murtaa'e.
Adoolessa 29,1979 sa'atii walakkaa irratti manni murtichaa murtii isaa kennuudhaan himatamtoonni jaha Maasiyaas Ngemaa waliin murtii du'aan akka adabaman, akkasumas qabeenyi isaanii akka fudhatamu, murtiin darbe.
Ammas Maasiyaas Ngemaan murtii du'aa jala taa'ee mana maree waraa-na fi warra isa ajjee-suuf qaww-ee nyaachifatanii jira doorsisuu itti fufe. "Inni warra isa ajjee-suuf jiru irratti afuurri isaa deebi'ee haaloo akka isaan irratti bahatu kakatee" itti hime. Sababa kanaanis lolt-oonni Ikuwaatoriyaal Giinii rasaa-saan isa rukutuu didan. Sana booda lolt-oota biyya ollaa Morokoo irraa fidanii maallaqa kaffaluun Maasiyaas Nugemaa fi garee isaa jahan ajjee-san. Firaansiskoo Ngema waggaa 55ffaatti du'an adabame.
Ammas biyya sana bulchaa kan jiru ilma obboleessa isaa, isa yeroo inni aangoo irra turee ajaja waraa-na walii galaafi hooggana mana hidhaa Block Beach Tedoro Obiang Ngeuma Mbasogonidha!
Booji'aa Caalii tiin
Mana hidhaa beekamaa mormitoonni itti dara-aman Block Beach jedhamu kan ilmi namaa jiraatti itti guraa-ramu ijaarratee qaba. Manni hidhaa Block Beach jedhamu kun akka Imimmaan Oshwitzitti ilaalama. Mana hidhichaa ilma obbolessa isaatu hooggana. Mana hidhaa Bloch Beach keessatti hidhamtoonni namummaan irraa mulqamee akka bineensaatti ilaalamu. Itti roorrifama, kabaja namummaa isaaniitu iraa fuudhama. Gidiraa isaaniitti hooggantoonni bashannanu. Hidhatoonni beela'anii akka ajjee-faman tasifameera. Abukaattoonni hidhamt-ootaa hidhamt-ootaaf darar-amni itti ulfaachuu irraan kan ka'e murtii du'aa gaafataniiruuf. Gareen mana murtii milishaa kaangaaroo jedhamu hammeenyi akka malee hammaachuu hordofee abbootiin murtii biyyattii biyyaa baqataniiru kan milishaan qabaman uleen tum-amanii- ajjee-famaniiru. Kan Block Beachitti qabamee darbatames jira. Dubaroonni abbaa warraa isaanii fuulduratti milishootan gudee-damaniru. Ilmi bboleessi Maasiyaas Ngemaa Obiang gocha hidhamtoota irratti milishootan raawwatamu kanatti akka bohaaraa tures beekamee. Yeroo sanatti inni hooggana mana hidhaa Block Beach ture.
Uummataan basaa-stota Ispeen saaxiltanii natti dabarsuuti qabdu jedhe. Nama basaa-stota Ispeen saaxileef beenyaa akka kaffaluufi gulantaa aangoo akka dabalu dubbate. Namni nama hin beekne walii haasaa taasisee argame hidhaan yookan du'aan akka adabamu dubbate. Basaa-sa Ispeen akka eeggataniif yadeeti. Biyya sana keessatti jecha "Hayyuu" jedhu fayyadamuun hin danda'amu. Namni fayyadame nii geggeeffama. Namni sammuu qabu isa biratti akka diin-aatti ilaalama.
Firaansisko Ngemaan 1974 irraa eegalee beeta mangistii isaa dhiisee gara naannoo baadiyyaa iddoo dhaloota isaa Mongomoo jedhamutti bahuun viillaa dallaa ijaaruun boollaa gadi fagoo hojjechiisee dhokatee jiraachuu jalqabe. Bakki sun kaampii waraa-naati. Iddoo kanatti Firaansisko Maaasiyaas Ngemaan waraa-naan marfamee utuu jiraatuu bakka jiraatu kanatti hidhatoota 300 ta'an gariin keessa ajjee-saa daraa-raa ture. Yeroon kun yeroo biyyattin sadarkaa dhumaarra geessedha. Guyyaa guyyaatti mana kana keessatti nama ajjee-saa oola. Barnoonni dhuunfaa akka diig-amu ajaje. Waggaa isaatti guutummaatti dhaabsise. Dhumarratti amantaa kiristaanaa seeraa ala taasise. Maakiyaas malee waaqni biraa hin jiru jedhe. Namni amantii kiristaanaa fayyadamu akka farra mootummaatti ilaalame. Itti fufuun hooggana baankii giddu galeessaa ajjee-suun waan baankicha keessa jiru guutummaatti fudhatee gara Mongomootti geeffate. Ogeeyyii istaatiksii ajjee-se, uggaamsee hidhe. Hooggansi istaatiksii Daayirektera Inistituuti Istaatiksii Ikuwaatoriyaal Giinii Antooniyoo Ndongo sababa daataan deemogiraafii gadi bu'aadha jedhameef qaama isaa kukk-uchiisee ajjee-sise. Hojjeettoonni mootummaa miindaa malee akka tajaajilan taasise, miindaa kan argachuu qabu poolisii fi waraa-na qofa akka ta'u taasise.
Bara 1976 irraa eegalee Maasiyaas Ngemaan daa'imman umuriin isaanii waggaa 7 hanga 14 gidduu jiran hundi leenjii waraa-naa akka fudhata, akkasumas namni dide kamiyyuu akka hidhamu ykn rash-anamu ajaje. Sodaa kana irraa kan ka'e namoonni 100, 000 ol ta'an baqattummaaf saaxilamaniiru. Qaamni seera baastuu harka sadii keessaa lama ajjee-famaniiru. Ministeeronni 10 ajjee-famaniiru. Warra biyyaa bahu dhorkuuf daandiin biyyattii keessa gara biyya ollaatti geessu akka qotaman taasiseera. Yeroo bulchiinsa isaatti Ikuwaatooriyaan giiniin hafee maqaan ishee maqaa maatii isaa "Dachau" waamamteetti.
Bara 1979 gara jalqabaa kophaa isaa viillaa Mongomo isaa baadiyyaatti ijaarrate keessa kophaa dabarsuu jalqabe. Hojiin waan hin jirreef eegdonni isaa beela'uu hordofee bineensa adamsanii soorachuu eegalan.
Walakkeessa Ebla 1979 haati manaa isaa ijoollee ishee fudhattee yaalaaf gara kooriyaa kaabaa deemte. Baruma kana dhaabbanni mootummoota gamtooman isa balaaleffachuu itti fufan. Ganna sana Maasiyaas Ngeeman maatii ofii ajjee-suutti gadi taa'e. Erga qondaaltota hedduu rasha-ne booda ilma obboleessa isaa Teodoro Obiang Nguema Mbasogo aangoo irra ari'e.
Waan keessa jirru seenaa armaan gadii kana waliin wal bira qabdanii akka ilaaltan abdii guddaan qaba.
1) Waan poolisiin impaayera kanaa dhala namaa irratti raawwatu
2) Manni murtii waan inni hojjetu
3) Milishaan waan inni hojjetu
4) Seerota nam tokkee guyya guyyatti labsamanii hojiirra oolan
5) Wantoota manneen hidhaa keessatti raawwatamaa oolan
6) Wantoota qabeenya uummataa irratti raawwataman
7) Saam-chota seera qabeessaa fi seera maleessa
8) Qaamota mootummaa irratti waan raawwatamaa oolan
9) Sababoota qaala'insaa........fikkn ilaaluu dandeessu
Barruu kana akka dubbiftan isin affeerara!
================================
Firaansiskoo Maasiyaas Nguema Yookaan Francisco Macias Nguema
Namni kun pirezedantii Iquwatoriyaal Giinii ture. Ikuwaatoriyaal Giinii keessa saba guddaa Esangui jedhamu irraa dhalate. Bara 1968 hanga kufaatii isaa 1979 tti hojiiwwan inni hojjete ajab nama jechisiisa. Firaansiskoo Maasiyaas Nguemaa abbaa irree isa gara jabeessa Daadaa fi Bokosaafaa caaludha. Abbaan irrummaa isaa hanga marataadha jedhamutti qubni itti qabameera. Jalqaba irratti waaqeffannaa dhuunfaa ol ka'ee weeddifamuu fi paartii hojjettoota biyyaalessa tokkummaa(PUNT) jedhamu hundeeffachuun bara 1972tti pirezedantii uumrii guutuu ofii isaa labsate!
Michummaan isaa duraa Ispeen turte. Boodarra erga labsii pirezedantummaa isaa labsateen booda michummaa isaa gamtaa Sooviyet, Kuubaa fi Kooriyaa kaabaa godhate. Sababni isaas Ispeen aangoo kiyyarratti shira xaxaa jirti oduu jedhu hordoftee. Battalumattu sarbama mirga namoomaa ulfaataa raawwachuu isaa hordofee namoonni kuma kudhanii olitti lakkaa'aman biyyaa baqatan. Amajji 1969tti ministeera dhimma alaa kan ta'e Atanasio Ndongo Miyone jedhamu biroo ofii isaatti waamee karaa foddaa gamoo irra darbachuu ajjee-se. Kana qofa miti erga gamoorra darbateen booda suura kaasee dhiqsiisuun albema keessa ol kaa'e. Ergaa wal dhibdeen bulchiinsa isaa fi Ispeen gidduu akkuma itti fufetti ta'e. Hordoftoonni isaa Ispeen irratti akka lo-la jalqaban labse. Akkasuma meeshaaleen waraa-naa Ispeen Ikuwaatoriyaal Giinii keessa jiru akka dhuunfatamu ajaja dabarse. Qabeenya achi keessa qaban hunda akka dhiisan dubbate. Mootummaan Ispeen yeroo sanatti lammiileen isaa Ikuwaatooriyaal Giinii keessatti argaman 7000 ol fi eegdonni sivilii isaa akka gadhiisan bahan ajaje.
Bara 1969 Maasiyaas Nguemaan mormitoota 186 Istaadiyoomii biyyattii keessatti argamu kan Malabo jedhamu keessaatti namoonni 150ni akka rasha-naman taasise. Namoota 36 hafan immoo boolla qochisiisee morma isaaniiti gadi awwaa-lchisuudhan goondaa diddiimoon akka nyaataman taasise. Kana boodadha kan maraatummaan namichaa ifatti mul'ataa adeeme. Gaafatama mana maree bakka bu'oota uummataa fi mana murtee haqe. Dhaabbata mootummoota gamtooman biyyatti keessa jiranis nii ari'e.
Bara 1971tti namni hundumtuu qa-wwee mukaatiin leenjii waraa-naa akka fudhatan ajaja dirqamsiisaa dabarse. Waxabajji 18 bara 1971 labsii baase. Labsiin isaas mootummaa mormuun akka nama adabsiisu, namni mootummaa mormee argame adabbii du'aa akka adabu raggaasise. Kaabinoota isaa arrabsuu yookan mufachiisuun murtii hidhaa waggaa 30 akka adabsiisus baase. July 14, 1972 labsii paartii walitti cafaquu baasee, raggaasise. Paartii bara jireenya isaa hoogganu godhee lafa kaayyate. Isa waliin hooggansa kana kan itti fufsiisu milishaan, fi eegdonni warra sanyii isaati. Gareen milishaa isaa kun yeroo sanatti dhugaatiin machaa'uun abbuma argan hidhaa, saa-maa fi ajjee-saa turte. Yeroo sanatti itti aanaa ministeeraafi ajajaan waraa-naa ilma obboleessa isaa Teodoro Obiang Nguema Mbasogo ture. Maasiyas Ngueman nanneen amantaa biyyattii keessa jiran hundi suura isaa akka mana sagadaa keessatti fannifatan taasise. Yeroo waaqa galateeffatan maqaa isaas akka galateeffatan taasiseera. Qeesiin ajaja kana hin raawwanne du'aan akka ada-bamu ajajeera. Miseensi paarlamaa biyyyattii akka rasha-naman , ministeeronni biyyattii akka rashan-aman taasiseera. Sababni isaas na kuffisuu yaadu jedhee sammuu isaatti yaaduufidha. Kana qofaa miti miseensa maatii ofii isaallee rasha-neera.
"Ni riphne malee hin cabne"
❤️?❤️
???
Qeerroo
("ለውጡና የለውጡ ፍሬዎች" /Jijjiiramicha fi firiilee jijjiiramichaa)
~Du'a
~Buqqa'iinsa
~Qe'ee dhabuu
~Walwaraansa
~Beela
~Hiyyummaa
~Godaansa
~Saamamiinsa
~Seerdhablummaa
~
~
Itti dabalaa.....
#Justice_for_Oromoo.!!!!
#Justice_for_Horro_Guduruu.!!!!
#Justice_for_Fiixee_Baqqoo.!!!!
#Justice_for_Oromoo_farmers.!!!!
#Justice_for_Raped_Girls_and_Women.!!!!
#Oromo_Lives_Matter.!!!!
#Stop_Killing_Oromo.!!!!
#Oromo_Unite.!!!!
???????
???????
Jalduutti warratti maqaa WBOtiin uummata samaa turtee amma immoo WBO baqattee qawwee jaalli irraa wareegamee isheetti hidhe fudhattee pptti harka kennatte keesaa nama Afur (4) gadi baaftee rashanteetti PP'n.
?Caasaa Mootummaa kontoorfachiisuu duuba Akeeka maaltu jira? ?
?Anniisaa Dhalootaa ?
Oromiyaan lafa yaalii shiraaf gidiraa erga taatee bubbultee jirti. Naannolee biraa keessa kan hin jirre imaammanni Caasaa Mootummaa kontoorfachiisuu Oromiyaa keessatti yaalamaa jira.
?Oromiyaatti sadarkaa aanatti seektaroota naannoo 28 kan Ture 14 cuunfamee jira. Sana keessa waajjirra Aadaaf Turizimii baanan hin jiru. Waajjirri minishaa garuu itti dabalamee jira. Minishaan madooshaa ittiin Eenyummaa Oromoo diiganiif cabsan ta'ee dhalate jechuu dha. Ummanni Oromoo bobbaa gallisa, jiruu jireenyisaa Aadaaf hariiroo hawaasumman tikfamee jiraatu keessatti waajjirra Aadaaf Turizimii cufanii waajjirra minishaa banuun biyyattiin qileerraa gadi konkolaachaa akka jirtu akeeka.
?Inni biraa Godinaalen Oromiyaa guutummatti badee #clastara bakka bu'uuf jira. Fkn Shawaan godina 4 qabu #clastara tokkoon taliigamuuf, Booranaaf gujiin clastara shashananne jalatti, Godinoota Wallaggaa arfan clastara tokko jalatti deebbisuuf hojjetamaa jira.
?Kunimmoo imammata #kifla_heger jedhan sanatti deebbisuu dha. Adeemsa sanaan naannoo wanti jedhamu hafee Mootummaan waaltaa Unitary government ta'uun kallattiin clastara irraa, clastarrimmoo Caasaa gandaa irraa gabaasa fudhachuun akka tolutti hojjetamaa jira.
?Adeemsichii yaalii Oromoo wal dura dhaabuu akeekkate fakkaata. Godina Boorana bahaa hundeessuu keessatti rakkoo muudateef hariiroo hawaasichaa irratti balaa dhalate hanga har'aa waliin quba qabna.
#Xiyyeeffannoo!
GodaanniGodaannisa Seenaa
Loolla guyya kaaleessa shiftoota naannoo somaalee itoophiyaan ummata keenya Anaa Cinaaksan irraa gaheen lubbun nama 3 darbite ,nama 3 midhaan guddan irraa gahe jira.
Namoota lubbun darban:-
1. #Afrikaan_Ahmad (bubbee irraa)
2. #Ahmadtalyan_Husen_Ibrahim (bubbe irraa)
3. #Abdusamad_Mahammad_Dawid (mudhii dawwe)
Namoota midhaan cimaan irraa gahe :-
1. #Shafii_Habib_Abdulay (bubbee)
2. #Mahammud_Abdii_Abdulay (bubbee)
3. #Bahari_Kalif_Ibrahim (bubbee)
#DIRQIIN_DHALOOTA_WARAANSISU itti Fufte Ppn.
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa #Jimmaa_Raaree, aanaa #Habaaboo_Guduruu, aanaa #Guduruu fi #Coomman_Guduruu keessatti biltsiginnaan ijoollee dirqamaan qabdee leenjii RIB deemsisuuf walitti qabdee jirti.
Har'a maatiin magaalaa shaambuutti dubbisuuf jennan dhorkatanii bor halkaan akka fudhanii deeman itti himuun haatii ijoollee ishee osoo argitu,osoo boossu dhiiste deebi'aa jirti.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 4 months, 1 week ago
Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.
Headquartered in Mogadishu.
Last updated 4 days, 15 hours ago