Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

Gorsa Jireenyaa✈️

Description
Channel keenya #join godha!
Ergalee barsiiso ta'an gaggaari ni argattu. March 5 2020

Join @Gorsajireenya_group

Yaadaaf:: @Gorsajireenya_bot
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes

1 month, 1 week ago

Akkam jirtu jaalatamtoota Koo turtii waggaa sadii oliif channel kana irraa waan adda addaa Akka argachaa turtan Nan amana. Garuu Har'a nama as duubaa taa'ee isin gorsaa tureenis wal barattu, akkasuma waan xiqqoo takka wayii isinirraan barbaada.
Innis Dorgommii dhaabbanii #BAJAI_NARASH Jedhamu barattoota qofaaf qopheesse irraatti anis Akka barataa tokkotti dorgomeera

"Abdii Aabbiyyoo jedhama. Yuuniversiitii Arsiitti Barataa saayinsii fayyaa waggaa Afraffaatti (medicine C-1). Miidiyaalee adda addaa fayyadamuun akkamitti barattonni Barnoota isaaniitiin Akka ciman tajaajila qayyabannaa fi gorsa kennaa jira.keessumaayyu Waggaa sadan darbaniif karaa telegram dhaan channela " milkaa'ina Jireenyaa" jedhuun gara barattoota 20,000 oliif gorsa adda addaa kennuun Akka barattonni haala kamiin qayyabatanii milkaa'oo ta'uu danda'an hubannaa kennaafii tureera. Kanumarraa ka'uun barattoota Kanaaf muxannoowwaani fi muudannoowwan ofii koofi hiriyyoota koo irraa walitti kuusee , research garagaraas kan jalqabe xumuree yeroo dhiyotti barattootaf gumaachuun fedha. Dorgommii kana yoon moo'adhe haala addaan nuffii tokko malee research kana xumureen barattoota sadarkaa olaanoo fi gadi aanootiif Nan gumaacha."

AKKUMA AN WAGGAA SADIIF NUFFII TOKKO MALEE GORSA ADDA ADDAA ISINIIF KEENNAA TURE , ISIN AMMOO SECOND SHAN NAAF KENNAATII NA MOOSISAA.
Link gadii kanaan seenaatii #like #comment #share naaf godhaa
👇👇👇👇👇

https://www.facebook.com/100002028524680/posts/pfbid02AfMi9JWgL4CxTqbsk1QHxQepz6vPLfGGryKoDP6bhedmGtxy78wjv4ddhC17eMNRl/?app=fbl

Isinan jaaladha!

Facebook

14ኛው mission 100k free fund!ተጀምሯል... - Bejai Nerash Naiker

14ኛው mission 100k free fund! ተጀምሯል ተወዳደሩ! "መመሪያውን አለማክበር ከውድድር ውጭ ያደርጋል" ይህ የንግድ ሥራ ሃሣብ ውድድር ለሁሉም ለሥራ የደረሡ ተማሪዎች (እዚህ ጋ ተሻሽሏል ) እና ለሁሉም መምህራን ነው።ከዛሬ...

1 month, 1 week ago

Mallattoolee jaalalli hiriyyoota lamaan gidduu jiru gaariidha ykn jaalala sirriidha jechuu nu dandeessisan

🔱Jaalalli sirriin maal akka ta’e ibsuun dura beekuu kan qabnu tokkotu jira. Innis, wanti tokko sirriidha ykn sirrii miti jechuudhaaf safartuun dhaabbataa ta’e waan hin jirreef, waan isaaf sirrii ta’e abbaatu murteeffata. Haata’u malee wanti waliif nu galchuu danda’u, jaalala keenyarraa gammachuu fi ofitti amanamummaa argachuu qabna. Wanti nama tokko gammachiisu isa biraa gammachiisuu dhiisuu danda’a jechuu kooti. Darbee darbee walitti dheekkamuun tarii yoo jiraateyyuu gammachuu guyyaa baayyee zeeroo gochuu hin danda’u.

jaalala isaaniimoo? oohh! Waaqni ija irraa isin haa hambisu kan jedhameef warra akkamiifi?

🔆Kanaafuu amaloota ykn mallattoolee jaalalli hiriyoota lamaan gidduu jiru jaalala gaaridha ittiin jechuu dandeenyu keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.

🔅🔅1) Jaalallee kee faana akka barbaaddetti odeessuu kan dandeessu yoo ta’e. Kana yoo jennu waan keessa kee jiru jaalallee keetti yoo himte natti aara/aarti, jaalala keenyatu bada jettee kan hin sodaanne yoo ta’ee fi waan kamiyyuu ifatti odeessitanii irratti waliif galtu taanaan gaariidha. Fknf balleessaa jalallee keetii itti himuu, rakkina kee itti himtee gargaarsa gaafachuu, akkam akka siif gochuu qabdu/qabu itti himuu…

🔅🔅2) Amanamummaa ykn walshakkii dhiisuu. Hamma xiqqoo walshakkiin yoo jiraates homaa miti. San akka qaphxii 1ffaa jalatti ilaalleen furachuu yoo danda’ame gaariidha. Akkasumas, nama afaanii qofa osoo hin taane nama gochaa ta’anii waliif argamuun murteessadha. Fknf beellama kabajuu fi soba dhiisuu. Asin jira jennaan achitti nama argamu ta’uun barbaachisaadha. Kan biraa keessattuu isheen shamaraa hiriyaasheetti ofgatuu yoo dandeesse Jaalala gaariidha. Fkf, yeroo waliin mana tokko bulan hirriiba ho’aa rafti yoo ta’e, icciitii isaa funaanuu hin feetu yoo ta’e, Icciitii ishee naaf eega jettee isatti nama amanu yoo taate, Qaamashee hin dhoksitu yoota’e fi kkf, isuma dhugaa jaalala bareedaadha.

🔅🔅3) Walhubachuu ni dandeessu yoo taatan. Walumaa galatti afaan keessan walitti yoo siniif qajeele, arraba waliirraa jecha buttanii wal hin falmitan yoo ta’e, akkaataan sin jaalala waliif ibsitan isinuma lamaantu muuxannoodhaan gabbifachaa dhufe yoo ta’e, jaalalli keessan qabbana qaba.

🔅🔅4) Waan waliif isin hin galchinerratti akka waliif hin galle yoo waliif galtan. Jechi kuni xiqqoo walxaxaa fakkaata. Garuu wantin jechuu barbaade, dhimma yoo irratti waliif galuu baattanis rakkoo hin qabne dhiisu yoo dandeessan, kiyya malee kee hin ta’uu yoo hin qabdan ta’e, isin warra walta’e.

🔅🔅5) Nama ofiif yaadee galma kaayyoo mataa mataa keessaniirratti waljajjabeessu yoo taatan kunis jaalala bareedaa ta’uu argisiisa. Akka dhuunfaatti biizinesii ykn fedhii qabda taanaan jaalalleen kee si fuuldura kan hin dhaabbanne ta’uu qaba. Deemee deemee kanuma waliiti waan ta’eef.
🔅🔅6) Nama hanqinaa fi cimina ofii beeku yoo taatan. Dogoggora ofii nama fudhatu ta’uu, dhiifama gaafachuu, dhiifama gochuu fi walgaafatanii walirraa baruu, dogoggora jaalallee ofiitti aaruu osoo hin taane gorfachuu yoo dandeessan jaalala miidhagaadha ijarraa isin.haa hanbisu!

🔅🔅7) Abdii walii keessanii yoo taatan. Dhuguma jaalala gaarii waliin qabdu taanan isin wabii waliiti. Yeroo walbira jirtan gammachuutu sinitti dhagayama. Wal bira teessanii gara biraatti yaadaan hin baddan.

Walumaa galatti jaalalli gaarin soorata sammuuti. Haata’u malee kallattiiwwan armaan olii kanarraa maqee yeroon gufuu walitti ta’an, waldhiphisan fi fayyaa walii rakkina guddoo keessa galchan ni jira. Kanaafuu, dursa jaalala kennuurratti xiyyeeffadhu, jaalalleen keemmoo dachaa isaa siif kenna/kenniti.

Gorsi kiyya kuni sinitti toleera jedheen abdadha. Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

Waan dubbistaniif galatoomaa!

Fuulbarruu kiyya kana #follow
godhattanii guyyarraa waan heddu argachuu dandeessu👇👇👇
Abdi Abiyo Edao

Join @Gorsa_jireenya

1 month, 2 weeks ago

Maal yoo ta'eyyu of jiraachiisu waan dandeessuf hagaasmara waa'ee jirenyakeef sammuukee garmaale hin dhiphisin! Dhiphachuurra yoo gammaadde waayya! Waan sirra fagoo haalala jiru ilaalte garaakee hin gaaddisiisin! Yoo sabaabuma ittin of gammaachiistu dhabdee dhabde harka, miillafi dhaqnaa nagaa fi faayya qabeessa ta'e qabattee sochoo'ukee gad taa'iiti ofitti himi! Gudda dhabde ilaalte cannaaqamurra xiqqoo of harkaa qabduuti gammaadun boqonnaa fi tasgaabbi sammuu fi yaada ofiif kenni! Jireenyi bara kana isa itti toleef akka jaannata, isa carraansa itti balleesse fi karaashee dhabeef akka si'ooli. In gubaa. In dhiphaata. Waan kamiifu yeroo qabaniiti gammaadun gaariidha.

Obboleessa Keessaan WameranTolera Benti

Join @Gorsa_jireenya
@Gorsa_jireenya

3 months, 1 week ago

Qoraasuma Sammuu

"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf

Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
#Dubbisuun:-

Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.

Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.

Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.

Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a.
.
Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a.
"Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha.

Waluumagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha.
.
Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane,ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a.

Ammaaf xumureera! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!

Join @Gorsa_jireenya. @Gorsa_jireeny

3 months, 1 week ago

Kitaaba Eebbisaa Baayisaa "Abjuu koo hin gurguru" jedhu keessaa kan fudhatame.

"Qabeenyi Addunyaa kanaa guutummaan isaa Harka Namoota dhibbantaa Ja'aa (6%) qofa kan jiru yoo ta'u, Namoonni muraasni itti bashannananii Biliyoonanni garuu fedhiiwwan Bu'uraa isaanii guuttachuu dhabuun ciniinsifachaa jiraatu"

"Jireenyi Namoota kaaniif hin jiraatamne jireenya jiraatame otoo hin taane, jireenya qisaasa'eedha. Jireenyikee jireenya jedhamee lakkaa'amuuf ulaagaan guddichi jireenya namootaa isaan kaanii tuquu danda'uu keeti"
Jechuun dubbata!
Jireenyi nuti jiraannu namoota kan biroof maal buuse laata? Namoota naannoo keenya jiraatan dhiibbaa gaarii irratti uumaa oollamoo? Hamilee isaanii cabsaa jiraanna?
Jiraachuu keenyaan namoota kaaniif jireenyi nii salphatee? Moo Itti ulfaatee?
Dubbisaa Akkuma Deemteen Gidduu kitaabichaa keessatti "Hojii gaarii hojjechuuf yeroon hunduu sirriidha" jedha
Namootaaf jiraachuu Haa shaakallu, kitaabicha guutummaa isaa dubbisaa
Galatoomaa!

Kanan dubbiserra!

Like share Gorsa Jireenyaa page!

Join @Gorsa_jireenya @Gorsa_jireenya

3 months, 2 weeks ago

☑️GATIIN MUL'ATA kee WARRA MUL'ATA QABAN BIRAATTi GUDDADHA

Mul'atnii kee warra mul'ata qaban birattii fudhaatamumma yoo qabatu, warra mul'ata him qabnee biraattii gowwaa sii fakkeessa. Mul'atnii kee gatiin isaa warra waa'ee mul'ata beekaniif mul'ata qaban biraattii guddadha. Kabaajan mul'ata keetiif malus warra mul'ata Bira jira. Warrii mul'ata him qabneef mul'atniis maal akka ta'ee waa'ee isaa him beeknee mul'ata kee sii harkaattii busheessuu. Haamilee mul'ata keetii sii adeemsiisuu isaan biraa him jiru kan haamilee sii cabsuu male.

☑️MUL'ATAF keetiif  HIRIYYAA filaadhu.

Abba mul'ataf nama mul'atan mul'ataf adeemuu yoo taate nama hundumaa hiriyaa him godhaatiin. Isaan keessa yoona kan waa'ee mul'ata beekuu muraasa warrii kaan mul'aticha kee gufaachiisuu. Hiriyaa filaadhu. Hiriyaa filaatu keessayyuu nama waa'ee mul'ata sirritti hubaatee beekuuf mul'ata kee wajjiinis wal maadalu barbaadadhu. Hiriyaa gadheen amaala gaarii mancaasa akkuma jedhan, hiriyaan mul'ata kee wajjiin wal him maadale siinis mul'ata keetiif gatii maleessa sii gochuu daanda'a. Kaanaafuu, hiriyaa mul'ata kee galmaa sii gahu argaachuf ykn kan barbaaduu yoo ta'ee hiriyaa mul'atiicha kee wajjiin wal maadaluf mul'atichaa kee irrattis sii gargaaruu hubaannan barbaadadhu. Hiriyyuumma isaa wajjiinis jalqaabu dursaa haammamta nama hiriyaa kee ta'uf jiru hubaadhu.

☑️MUL'ATA KEETIIS,,,,,,,

Mul'ata keetiif gahan dursa sii'i. Mul'atnii kee dursa sii biraatti gahooma argaachun sii bira gatii isaa malu yoo him argaatiin quba itti qaba nama hunduma ta'aa. Hunda dursa, mul'atnii kee sii biraattii kabaaja argaachu qaba. Mul'ata keetiis kabaajii. Mul'ata kee kabajufis eenyuun hin gaafatiin murtoo mataa keetiin itti adeemii.

☑️MUL'ATA KEE ORMAAN,,,,,,,,

Mul'ata kee ormaan him maadaliin of harkaattii busheessita. Kan ormaa wajjiinis wal Bira qabdee maadalun gatii maleessa him godhiin. Mul'atnii namichaa kan kee him ta'u, mul'atumma keetu siif kan keetii. Mul'atnii namiichayyuu immoo yoona him beektu malee hangaa kan keetii gatii qabeessa ta'u dhiisuu mala.  Kaanaafuu, hundumaa caalaa kan kee caalee sit haa argaamu kan ofittu kan ofitti malee kan orma kan ormaattii kan ofii him ta'u. Mul'atumma atii amma qabduttu kan keetii isumaa of harkattii gatii qabeessa taasiisii. Of harkaattii eeggadhu. Kufaatii mul'ata namoota baayeef sabaabnii of harkaatti tuffaachu mul'aata isaanitti.

☑️DAANDII MUL'ATA,,,.

Daandii kee milkeessu dursaa osoo ofii barbaaduu ykn argaachu him daanda'iin nama Bira him gaafatiin. Tarii, namichii daandii mul'ata keetiif maluf maadaluu sitti agaarsiisuu dhiisuu daanda'aa. Daandiif karaa mul'ata keetiif ta'uf maadaluu kan beekuu sii qofa. Ormii mul'atnii sii keessa jiru hangaam haama inni gahu waan him beekneef daandiif karaa hangaa  mul'atiicha gahuf maadaluu siif  arguu dhiisuu daanda'a. Him arguus, him beekuus.  Daandiif karaa mul'atnii kee yoo irraa imaaleef sochoo'ee milkaa'uf galmaa Isaa barbaachiisuu gahu daanda'uu sirrittii akkataa mul'ataa sanaf maluttii kan beekuuf hubaatee nama tokkichaa, innis sii Abbumma mul'atiicha qofa.  Abba mul'ata malee waa'ee mul'ata isaa hangaamta isaa namnii beekuu daanda'uu him jiru. 
Kaanaafuu, karaaf daandiin mul'ata keetiif ta'uf maadaluu suman abba mul'atichaa Bira jira. Siin Abba mul'aticha males namnii daandii mul'atichaa milkeessuu beekuu daanda'uu him jiru. 
Hin dagaatiin,Daandii mul'ata milkeessus mul'atichumma keessa jalqaaba.

Galaatooma!

Barreessaan; WameranTolera Bantin before 3yrs!

#share share share share
#join join join join join

@Gorsa_jireenya
@Gorsa_jireenya @Gorsa_jireenya

4 months, 2 weeks ago

Daa'imman amanuu dhabuu fi yeroo hunda akka isaan waan sirrii tahe gochuu hin dandeennetti shakkii itti baay'isuu fi waanuma hunda jala deemanii qulqulleessaa oolun ofitti amanamummaa isaanii kan miidhuu fi of danda'anii waan tokko murteessuf akka rakkatan isaan godha. Dabalataanis shakkii kan baay'isaanii fi ofittis tahee namatti amanamummaa guutuu waan hin qabaannef hariiroo fi walqunnamtii iftoomaa tahe hin qabaatan.

  1. Reebuu/dhaanuu (beating)

Reebichi, akkuma qoricha dhukkubbii yeroof dandamachuuf fudhachuu, rakkoo mucaan sun uumu irraa yeroodhaaf maatii dandamachiisa malee rakkoo mucaa san wal'aanuu ykn fayyisuu hin danda'u. Inumaayyuu warra malaa fi tasgabbiin amala daa'immanii sirreessuf yaalu caalaa warri ijoollee reebu amalli ijoollee yeroo gara yerootti tohannoo isaanitiin ala ta'aa deema.
Ijoolleenis daran hammaachaa deemuun badii fedhan raawwachuuf kan of duuba hin deebinee fi ofii isaanitiifis amala reebichaa (abusive behaviour) qabatanii guddachuun waanuma hundaa reebichaan argachuu akka danda'anitti yaadu.

Source: Dr. Hesham Al-Awadi, author of "Children Around the Prophet: How Muhammad ‎ﷺ Raised the Young Companions.

|••
|••••
|•••••
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa Hin Dhabinaa!
Dr Abdi K Gada

4 months, 2 weeks ago

WANTOOTA KUDHAN MAATIIN DAA'IMMAN/IJOOLLEE WALIIN GOCHUU HIN QABNE.

  1. Itti Iyyuu/lallabuu (screaming)

Daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuun/lallabuun madaa (goddaannisa) sammuu fi miiraa yeroo dheeraa taheef kan saaxiluu fi reebicha caalaa akka hamaa tahetti amanu hayyootni tokko tokko.
Daa'imman yeroo itti iyyan sirni narvii isaanii deebii kennuu waan dhaabuuf sammuun isaanii waan itti iyyamuuf san fudhachuu dhaaba. Kuni immoo daranuu itti dabalanii akka iyyan nama godhus sammuu daa'immanii caalatti hadoochaa adeema.
Haaluma kanaan daa'imni itti iyyamaa guddate rakkoo xinsammuu fi dhibee sammuu kan akka dallansuu baay'isuu, ofitti amanamummaa dhabuu, mukuu, dhiphinaa fi rakkoo haala namoomaa (personality disorders) garagaraatif saaxilamuu danda'a. Kanaafuu daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuu irraa of qusachuun yoo tasa itti iyyine tahes of tasgabbeessun sossobanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha. Dhiifama gaafachuun miira itti dhagahamerraa fayyisuun cinatti dogoggora uumame sirreessuun akka danda'amuu fi itti gaafatamummaa kan barsiisuudha.

  1. Komachuu/quba itti qabuu (blaming)

Komatuun hariiroo ni laaffisa, ofitti amanamummaa gadi buusa, ijoolleen yeroo waan badaa hin hojjennellee ittisa irratti akka argaman kakaasa. Anas b. Maalik, yeroo sana daa’ima waggaa 10 ture, akkana jedhe: “Ani waggaa sagal Rasuula صلى الله عليه وسلم tajaajileera waa’ee waanan hojjedhe, maaliif akkas akkan godhe, ykn waa’ee waan ani hin hojjenne, ati maaliif hin goone jedhee hin beeku. ” Yeroo mucaa keessaniif yeroo dubbattu wanti afaan keessan bahu qeeqa, komachuu fi ajaja qofa ta'ee fi faaruu, jechoota jaalalaa, jaalala ykn bashannana baay'ee xiqqaa ta'e yoo jiraate akka warraatti nama isaan barbaadan osoo hin taane mucaa isaaniif madda gadhee taata jaalala ykn deeggarsa argachuuf gara koottaa.

  1. Ajaja baay'isuu (nonstop order)

Osoo hin amansiisin, osoo hin barsiisin ykn fakkeenyummaan itti hin agarsiisin ajaja itti baay'isuun daa'imman roobootii akka gochuuti, gaafa guddatan waan ajajaman kamiyyuu gaaffii tokko malee osoo itti hin amanin kan raawwatanii fi fakkeessaa jiraatu. Daa'imman waan itti himan caalaa waan itti agarsiisan irra qabatu waan taheef fakkeenyummaan itti agarsiisaa barsiisuun caluma jedhanii ajajaa oolurra filatamaadha.

  1. Sodaachisuu (threatening)

Sodaachisuun/doorsisni diddaa daa'imman agarsiisan yeroof irra aanuf fayyadus turi turii keessa daa'imman ni miidha. Ilaalchi doorsisaan horatamu miira dhugaa hin tahinii fi fakkeenyummaa qabu yoo tahu daa'imman jireenya sodaan guutame akka jiraatan ykn yoo doorsifaman malee homaa akka hin hojjennetti amanaa jiraatu.

  1. Itti Kofluu/qoosuu (sarcasm/making fun)

Daa'imman itti koflanii rifachiisuu fi qaanessuun daa'imman sodaachaa miira of shakkiin guutamee fi ofitti amanamummaa hin qabneen akka guddatan isaan taasisa.

  1. Arrabsoo/Abaarsa (cursing)

Daa'imman arrabsuu fi abaaruun arrabsoo fi abaarsa isaan barsiisuudha. Wanta ittiin isaan arrabsine san dursa haadha fi abbaa irratti, itti aansee miseensa maatii biroo, hiriyyoota isaanii fi namoota alaa biroo irratti fayyadamu. Kunimoo ijoollee naamusa hin qabnee fi guddis-badii kan isaan taasisuu fi hariiroo namoota waliin qabaatan irratti dhiibbaa uuma.

  1. Walbira qabuu/madaaluu (comparing)

Daa'imman keessan nama kamiinuu waliin hin madaalinaa, keessattuu obboleeyyan. Wal bira qabuun miira hinaaffaa, aarii fi of ittisuuf (self defense) isaan saaxila. Ofitti amanamummaa gadi aanaa horachuun nama biratti fudhatamaa ykn gaarii akka hin taanetti amananii guddatu. Karaa tahe kamiinuu.namoota biroo irraa fudhatamumma fi xiyyeeffannoo argachuuf garmalee tattaafataa jiraatu.

  1. Gorsa Itti Fufiinsa Qabu (continuous advice)

Dandeettiin xiyyeeffannaa daa'immanii daqiiqaa 3 hanga 5 waggaa umrii isaanii kan hin caalleedha. Fkn. daa'imman umriin isaanii waggaa 3 tahe daqiiqaa 9 hanga 15 caalaa waan tokkotti xiyyeeffatuu hin danda'an. Sa'aatii dheeraaf itti fufiinsaan gorsuun akka nuffanii ergaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa hin kennine godha.

  1. Amanuu dhabuu (mistrust)
4 months, 3 weeks ago

Barreessaan ana obbooleessa keessan; WameranTolera Benti'ti.

Barreeffamaan kanan dura isiniif qoode turedha.

Like share our Gorsa Jireenyaa page! Follows godhaa! Galatoomaa!

Join @Gorsa_jireenya

6 months ago

Jireenya jiraattu keessatti wanti hubachuu qabdu jira.

1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.

2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kenniin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!

3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutiin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.

4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin booniin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.

5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'iin (bira hin gahiin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatiin!

Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha!

● Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabaalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima.

● Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee.

● Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

Maadda; Garee Baallee Kitaaba

Join formore: @Gorsa_jireenya

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes