All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 4 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 3 weeks, 4 days ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 1 month, 2 weeks ago
#DANDEETTII OFIIKEE HUBACHUU.
@Nama hubachuu fi namni akka sihubatuuf lafa dheeraa fi humna Baay'ee hin fixin!
✍️ @Miratuu Shaanqoo Giddii
Of hubachuun qabeenya guddaadha.qabeenyi of hubachuudhaan argamu,qabeenya qabeenya ta'ee namaaf hafuudha.of hubachuu keessa waan hedduutu jira.of hubachuun sanyii biqilee guddatuudha.yoo facaaste ni biqila.ni dagaaga.innis sanyii kan biroo siif kenna.dhalootaa gara dhalootatti ni darba.of hubachuun ofiif hubachuu of keessaa qaba.
ofiikoo akkan hubadhuufan dhaladhe.of fudhadhu.ofiif yeroo kenni.ofkabaji.ofii wajjin marii qabaadhu.ofiikee nyaata gaarii affeeri.ofii waliin kolfi.garuu ofitti hin kolfin.
wantoonni ani armaan olitti tarreesese kun yeroo dubbistu Baay'ee sslphaa sitti fakkaachuu danda'a garuu yoo yeroo kennitee ofiikee irratti hojite jireenya kee fi fiixaan ba'umsa keef iddoo guddaa qabu.
Qorattoonni addunyaa kanaa Baay'een waa'ee wanta ta'ee tokko qorachuuf yeroo,humna fi beekumsa isaanii Baay'ee fayyadamuun; bu'aa qorannoo isaanii yeroo xumuramutti qaama barbaachiseef ibsa taasisu.kunis Gaariidha.addunyaan kun bu'aa qorannoon fideen waan baay'ee jijjiirteetti.har'as jijjiiraa jirti.garuu bu'aa guddaa qorannoon dhufu caalaa, dhalli namaa hundumtuu maaliifi eessa ga'uuf akka dhalate osoo sirriitti of hubatee addunyaan kun lafa har'a geesse caalaa baay'ee gara fuula duratti tarkaanfachuu ni dandeessi jedheen amana.of harkaa hin xumurreedha.
Namoonni baay'een nama hubachuufi namni akka isaan hubatuuf lafa fagoo deemu.namni yoo osoo isaan hin hubatin hafe,nama sana hubachiisuuf bu'aa ba'ii baay'ee keessa darbu.
Yoo namtichi bira jiraate qaamaan isa hubachiisuuf yaalii taasisu.yoo namtichi isaan irraa fagoo ta'e immoo bilbilaan yookiin iimeeliin akkasumas karaa elektirooniksii ammayyaa hunda fayyadamanii nama hubachiisuuf yaalu.yaaliin isaanii kun namni kun karaa malee waan na hubateef,ani nama akkasii miti jechuun ofii kee haala gaarii ta'een namticha biratti fudhatama argachuuf karaa fagoo deemta.kunis Gaariidha.garuu Wanti guddaan bara ammaa kana ofiikee hubachuudha.
Namni akka ati yaaddutti guutummaa guutuutti si huubatu yoomillee hin argattu.boris hin eegin.
Namni yeroodhaaf waan karaa hundumaa si hubate sitti fakkaachuu ni danda'a garuu mee yeroo kenniifii ilaali.xiqqoo turtee yeroo ati namtichuma kaleessa baay'ee na hubataam/na hubatteem/ jecha turtetu,osoo inni/isheen/akka malee si hubatu argitaatii.kanaafuu,namoota biratti jalqabuma irraa wanti ati hubachuu qabdu,hubatamuu dhiisuu akka dandeessuu hubachuu qabda......itti fuufa
⩩ Kitaaba hin barreefamne barreessuuf kitaaba barreefaman dubbisuun dirqama.
⩩ Dubbii hin dubbatamne dubbachuuf dubbiiwwan dubbataman dhaggeeffachuun dirqama.
⩩ Nama ta'uu qabdu ta'uuf nama ta'uu hin qabne ta'uu irraa of fageessuun dirqama.
⩩ Waan hin hojjatamne hojjachuuf waan hojjataman baruun gaari dha.
Coba Yaadaa
Yaada Fudhachuu:-
Yaada si'a lama fudhachuu qabda: inni 1ffaan hojii tokko gaafa hojjennu bu'a hojii sanan argamsiisne irraati namoonni yaada maali akka qabanifi ilaalcha isaaniti hojiichi bu'ansa maal akka fakkaatu baruuf yaada fudhachuudha. Yaada nuti erga waan tokko xumurree adeemsa hojii keenyarrati obboloonni cina keenya yaada akkami qabu isa jedhu baruuf, akkasumaas tarii waan fooyyeesu qabnufi cimina qabnu itti fufsiisun nurra jiraatu namootarra yaada fudhachuuf nugargara.
Inni 2ffaan, Utuu hojjechuu hin jalqaabin hojjechuu yaada yaadne irraati marii nutii obboloota hiriyyoottanifi michuu keenya amanamoo yaada fooyya'a ta'e nuuf kennu danda'an irra fudhannudha. Oromoonu yoo mammaaku, "mariyaatan goowwa hin qabu" jedha. Wanta tokko gochuuf waanuma murteessine duwwadhaf hin goonu. Waan tokko raawwachuuf murteessun gaarii ta'us murtoo duwwaati yeroo hundaa amanun immoo yaada namootarra akka fagaannufi altokko tokkos raakkinoota utuu hin hubatinif akka saaxilamnu nutaasisa. Kanaafuu wanta hojjechuuf yaada keessa qabnu ogeessaa waan sanarrati miuuxxanno hojiifi beekumsaa waliigalasaa qabu mariisisun gaarii ta'a. Barbaachisaadhas. Business jalqaabuf yaadde sana haala business jalqaabuf yaadde sana namoota hojjetta jiraanif turan muuxxannoo isaan kanan dura hojiicharrati qaban isaanirra qooddachuuf, ogeessa business business sanarrati beekumsaa qabu mariisisun adeemsa kamin haala yeroo wajjin bu'a akka nuuf buusu beekumsa hojiicha keenyaf nu barbaachiisu isaarra argachuufi naanno hojii itti hojjechuuf yaadne sana qo'aachufi qoraachun nurra barbaachiisa.
Kanaafuu, wanta hojjechuuf yaadnefi yaadnu tokkorrati namoota beekumsafi muuxxannosa qaban irra hubanna hojiicha waan hojjechuuf yaadne sanaf nu gargaaru argachuu qabna. Kanaafuu yaadni nama hin tuffaatamu liqiimfaamu isaatu hafa male.
Ati nama ta'u yoo barbaadde gartuu namoota yaada namoota gonkumaa hin fudhannefi hin barbaanne keessa bahun anamoofi of guddisuuke ofirra cabsi!
Ogeessi nama nama mariisisa. Kophasa murteessus yaada dabaaloota ogeessotarra fudhatun immoo murtoo keessa deebi'e ilaala. Of duwwarrati hin xiyyeeffatin! Ogeessoota dhaggauf gurra qabadhu!
Gslgaala gaarii!
Barreessan: WamearnToleraa Banti ti
Joinformore: @Gorsa_jireenya
Akkam jirtu jaalatamtoota Koo turtii waggaa sadii oliif channel kana irraa waan adda addaa Akka argachaa turtan Nan amana. Garuu Har'a nama as duubaa taa'ee isin gorsaa tureenis wal barattu, akkasuma waan xiqqoo takka wayii isinirraan barbaada.
Innis Dorgommii dhaabbanii #BAJAI_NARASH Jedhamu barattoota qofaaf qopheesse irraatti anis Akka barataa tokkotti dorgomeera
"Abdii Aabbiyyoo jedhama. Yuuniversiitii Arsiitti Barataa saayinsii fayyaa waggaa Afraffaatti (medicine C-1). Miidiyaalee adda addaa fayyadamuun akkamitti barattonni Barnoota isaaniitiin Akka ciman tajaajila qayyabannaa fi gorsa kennaa jira.keessumaayyu Waggaa sadan darbaniif karaa telegram dhaan channela " milkaa'ina Jireenyaa" jedhuun gara barattoota 20,000 oliif gorsa adda addaa kennuun Akka barattonni haala kamiin qayyabatanii milkaa'oo ta'uu danda'an hubannaa kennaafii tureera. Kanumarraa ka'uun barattoota Kanaaf muxannoowwaani fi muudannoowwan ofii koofi hiriyyoota koo irraa walitti kuusee , research garagaraas kan jalqabe xumuree yeroo dhiyotti barattootaf gumaachuun fedha. Dorgommii kana yoon moo'adhe haala addaan nuffii tokko malee research kana xumureen barattoota sadarkaa olaanoo fi gadi aanootiif Nan gumaacha."
AKKUMA AN WAGGAA SADIIF NUFFII TOKKO MALEE GORSA ADDA ADDAA ISINIIF KEENNAA TURE , ISIN AMMOO SECOND SHAN NAAF KENNAATII NA MOOSISAA.
Link gadii kanaan seenaatii #like #comment #share naaf godhaa
?????
Isinan jaaladha!
14ኛው mission 100k free fund!ተጀምሯል... - Bejai Nerash Naiker
14ኛው mission 100k free fund! ተጀምሯል ተወዳደሩ! "መመሪያውን አለማክበር ከውድድር ውጭ ያደርጋል" ይህ የንግድ ሥራ ሃሣብ ውድድር ለሁሉም ለሥራ የደረሡ ተማሪዎች (እዚህ ጋ ተሻሽሏል ) እና ለሁሉም መምህራን ነው።ከዛሬ...
Mallattoolee jaalalli hiriyyoota lamaan gidduu jiru gaariidha ykn jaalala sirriidha jechuu nu dandeessisan
?Jaalalli sirriin maal akka ta’e ibsuun dura beekuu kan qabnu tokkotu jira. Innis, wanti tokko sirriidha ykn sirrii miti jechuudhaaf safartuun dhaabbataa ta’e waan hin jirreef, waan isaaf sirrii ta’e abbaatu murteeffata. Haata’u malee wanti waliif nu galchuu danda’u, jaalala keenyarraa gammachuu fi ofitti amanamummaa argachuu qabna. Wanti nama tokko gammachiisu isa biraa gammachiisuu dhiisuu danda’a jechuu kooti. Darbee darbee walitti dheekkamuun tarii yoo jiraateyyuu gammachuu guyyaa baayyee zeeroo gochuu hin danda’u.
jaalala isaaniimoo? oohh! Waaqni ija irraa isin haa hambisu kan jedhameef warra akkamiifi?
?Kanaafuu amaloota ykn mallattoolee jaalalli hiriyoota lamaan gidduu jiru jaalala gaaridha ittiin jechuu dandeenyu keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.
??1) Jaalallee kee faana akka barbaaddetti odeessuu kan dandeessu yoo ta’e. Kana yoo jennu waan keessa kee jiru jaalallee keetti yoo himte natti aara/aarti, jaalala keenyatu bada jettee kan hin sodaanne yoo ta’ee fi waan kamiyyuu ifatti odeessitanii irratti waliif galtu taanaan gaariidha. Fknf balleessaa jalallee keetii itti himuu, rakkina kee itti himtee gargaarsa gaafachuu, akkam akka siif gochuu qabdu/qabu itti himuu…
??2) Amanamummaa ykn walshakkii dhiisuu. Hamma xiqqoo walshakkiin yoo jiraates homaa miti. San akka qaphxii 1ffaa jalatti ilaalleen furachuu yoo danda’ame gaariidha. Akkasumas, nama afaanii qofa osoo hin taane nama gochaa ta’anii waliif argamuun murteessadha. Fknf beellama kabajuu fi soba dhiisuu. Asin jira jennaan achitti nama argamu ta’uun barbaachisaadha. Kan biraa keessattuu isheen shamaraa hiriyaasheetti ofgatuu yoo dandeesse Jaalala gaariidha. Fkf, yeroo waliin mana tokko bulan hirriiba ho’aa rafti yoo ta’e, icciitii isaa funaanuu hin feetu yoo ta’e, Icciitii ishee naaf eega jettee isatti nama amanu yoo taate, Qaamashee hin dhoksitu yoota’e fi kkf, isuma dhugaa jaalala bareedaadha.
??3) Walhubachuu ni dandeessu yoo taatan. Walumaa galatti afaan keessan walitti yoo siniif qajeele, arraba waliirraa jecha buttanii wal hin falmitan yoo ta’e, akkaataan sin jaalala waliif ibsitan isinuma lamaantu muuxannoodhaan gabbifachaa dhufe yoo ta’e, jaalalli keessan qabbana qaba.
??4) Waan waliif isin hin galchinerratti akka waliif hin galle yoo waliif galtan. Jechi kuni xiqqoo walxaxaa fakkaata. Garuu wantin jechuu barbaade, dhimma yoo irratti waliif galuu baattanis rakkoo hin qabne dhiisu yoo dandeessan, kiyya malee kee hin ta’uu yoo hin qabdan ta’e, isin warra walta’e.
??5) Nama ofiif yaadee galma kaayyoo mataa mataa keessaniirratti waljajjabeessu yoo taatan kunis jaalala bareedaa ta’uu argisiisa. Akka dhuunfaatti biizinesii ykn fedhii qabda taanaan jaalalleen kee si fuuldura kan hin dhaabbanne ta’uu qaba. Deemee deemee kanuma waliiti waan ta’eef.
??6) Nama hanqinaa fi cimina ofii beeku yoo taatan. Dogoggora ofii nama fudhatu ta’uu, dhiifama gaafachuu, dhiifama gochuu fi walgaafatanii walirraa baruu, dogoggora jaalallee ofiitti aaruu osoo hin taane gorfachuu yoo dandeessan jaalala miidhagaadha ijarraa isin.haa hanbisu!
??7) Abdii walii keessanii yoo taatan. Dhuguma jaalala gaarii waliin qabdu taanan isin wabii waliiti. Yeroo walbira jirtan gammachuutu sinitti dhagayama. Wal bira teessanii gara biraatti yaadaan hin baddan.
Walumaa galatti jaalalli gaarin soorata sammuuti. Haata’u malee kallattiiwwan armaan olii kanarraa maqee yeroon gufuu walitti ta’an, waldhiphisan fi fayyaa walii rakkina guddoo keessa galchan ni jira. Kanaafuu, dursa jaalala kennuurratti xiyyeeffadhu, jaalalleen keemmoo dachaa isaa siif kenna/kenniti.
Gorsi kiyya kuni sinitti toleera jedheen abdadha. Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.
Waan dubbistaniif galatoomaa!
Fuulbarruu kiyya kana #follow
godhattanii guyyarraa waan heddu argachuu dandeessu???
✍ Abdi Abiyo Edao
Join @Gorsa_jireenya
Maal yoo ta'eyyu of jiraachiisu waan dandeessuf hagaasmara waa'ee jirenyakeef sammuukee garmaale hin dhiphisin! Dhiphachuurra yoo gammaadde waayya! Waan sirra fagoo haalala jiru ilaalte garaakee hin gaaddisiisin! Yoo sabaabuma ittin of gammaachiistu dhabdee dhabde harka, miillafi dhaqnaa nagaa fi faayya qabeessa ta'e qabattee sochoo'ukee gad taa'iiti ofitti himi! Gudda dhabde ilaalte cannaaqamurra xiqqoo of harkaa qabduuti gammaadun boqonnaa fi tasgaabbi sammuu fi yaada ofiif kenni! Jireenyi bara kana isa itti toleef akka jaannata, isa carraansa itti balleesse fi karaashee dhabeef akka si'ooli. In gubaa. In dhiphaata. Waan kamiifu yeroo qabaniiti gammaadun gaariidha.
Obboleessa Keessaan WameranTolera Benti
Qoraasuma Sammuu
"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf
Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
#Dubbisuun:-
Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.
Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.
Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.
Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a.
.
Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a.
"Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha.
Waluumagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha.
.
Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane,ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a.
Ammaaf xumureera! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!
Kitaaba Eebbisaa Baayisaa "Abjuu koo hin gurguru" jedhu keessaa kan fudhatame.
"Qabeenyi Addunyaa kanaa guutummaan isaa Harka Namoota dhibbantaa Ja'aa (6%) qofa kan jiru yoo ta'u, Namoonni muraasni itti bashannananii Biliyoonanni garuu fedhiiwwan Bu'uraa isaanii guuttachuu dhabuun ciniinsifachaa jiraatu"
"Jireenyi Namoota kaaniif hin jiraatamne jireenya jiraatame otoo hin taane, jireenya qisaasa'eedha. Jireenyikee jireenya jedhamee lakkaa'amuuf ulaagaan guddichi jireenya namootaa isaan kaanii tuquu danda'uu keeti"
Jechuun dubbata!
Jireenyi nuti jiraannu namoota kan biroof maal buuse laata? Namoota naannoo keenya jiraatan dhiibbaa gaarii irratti uumaa oollamoo? Hamilee isaanii cabsaa jiraanna?
Jiraachuu keenyaan namoota kaaniif jireenyi nii salphatee? Moo Itti ulfaatee?
Dubbisaa Akkuma Deemteen Gidduu kitaabichaa keessatti "Hojii gaarii hojjechuuf yeroon hunduu sirriidha" jedha
Namootaaf jiraachuu Haa shaakallu, kitaabicha guutummaa isaa dubbisaa
Galatoomaa!
Kanan dubbiserra!
Like share Gorsa Jireenyaa page!
☑️GATIIN MUL'ATA kee WARRA MUL'ATA QABAN BIRAATTi GUDDADHA
Mul'atnii kee warra mul'ata qaban birattii fudhaatamumma yoo qabatu, warra mul'ata him qabnee biraattii gowwaa sii fakkeessa. Mul'atnii kee gatiin isaa warra waa'ee mul'ata beekaniif mul'ata qaban biraattii guddadha. Kabaajan mul'ata keetiif malus warra mul'ata Bira jira. Warrii mul'ata him qabneef mul'atniis maal akka ta'ee waa'ee isaa him beeknee mul'ata kee sii harkaattii busheessuu. Haamilee mul'ata keetii sii adeemsiisuu isaan biraa him jiru kan haamilee sii cabsuu male.
☑️MUL'ATAF keetiif HIRIYYAA filaadhu.
Abba mul'ataf nama mul'atan mul'ataf adeemuu yoo taate nama hundumaa hiriyaa him godhaatiin. Isaan keessa yoona kan waa'ee mul'ata beekuu muraasa warrii kaan mul'aticha kee gufaachiisuu. Hiriyaa filaadhu. Hiriyaa filaatu keessayyuu nama waa'ee mul'ata sirritti hubaatee beekuuf mul'ata kee wajjiinis wal maadalu barbaadadhu. Hiriyaa gadheen amaala gaarii mancaasa akkuma jedhan, hiriyaan mul'ata kee wajjiin wal him maadale siinis mul'ata keetiif gatii maleessa sii gochuu daanda'a. Kaanaafuu, hiriyaa mul'ata kee galmaa sii gahu argaachuf ykn kan barbaaduu yoo ta'ee hiriyaa mul'atiicha kee wajjiin wal maadaluf mul'atichaa kee irrattis sii gargaaruu hubaannan barbaadadhu. Hiriyyuumma isaa wajjiinis jalqaabu dursaa haammamta nama hiriyaa kee ta'uf jiru hubaadhu.
☑️MUL'ATA KEETIIS,,,,,,,
Mul'ata keetiif gahan dursa sii'i. Mul'atnii kee dursa sii biraatti gahooma argaachun sii bira gatii isaa malu yoo him argaatiin quba itti qaba nama hunduma ta'aa. Hunda dursa, mul'atnii kee sii biraattii kabaaja argaachu qaba. Mul'ata keetiis kabaajii. Mul'ata kee kabajufis eenyuun hin gaafatiin murtoo mataa keetiin itti adeemii.
☑️MUL'ATA KEE ORMAAN,,,,,,,,
Mul'ata kee ormaan him maadaliin of harkaattii busheessita. Kan ormaa wajjiinis wal Bira qabdee maadalun gatii maleessa him godhiin. Mul'atnii namichaa kan kee him ta'u, mul'atumma keetu siif kan keetii. Mul'atnii namiichayyuu immoo yoona him beektu malee hangaa kan keetii gatii qabeessa ta'u dhiisuu mala. Kaanaafuu, hundumaa caalaa kan kee caalee sit haa argaamu kan ofittu kan ofitti malee kan orma kan ormaattii kan ofii him ta'u. Mul'atumma atii amma qabduttu kan keetii isumaa of harkattii gatii qabeessa taasiisii. Of harkaattii eeggadhu. Kufaatii mul'ata namoota baayeef sabaabnii of harkaatti tuffaachu mul'aata isaanitti.
☑️DAANDII MUL'ATA,,,.
Daandii kee milkeessu dursaa osoo ofii barbaaduu ykn argaachu him daanda'iin nama Bira him gaafatiin. Tarii, namichii daandii mul'ata keetiif maluf maadaluu sitti agaarsiisuu dhiisuu daanda'aa. Daandiif karaa mul'ata keetiif ta'uf maadaluu kan beekuu sii qofa. Ormii mul'atnii sii keessa jiru hangaam haama inni gahu waan him beekneef daandiif karaa hangaa mul'atiicha gahuf maadaluu siif arguu dhiisuu daanda'a. Him arguus, him beekuus. Daandiif karaa mul'atnii kee yoo irraa imaaleef sochoo'ee milkaa'uf galmaa Isaa barbaachiisuu gahu daanda'uu sirrittii akkataa mul'ataa sanaf maluttii kan beekuuf hubaatee nama tokkichaa, innis sii Abbumma mul'atiicha qofa. Abba mul'ata malee waa'ee mul'ata isaa hangaamta isaa namnii beekuu daanda'uu him jiru.
Kaanaafuu, karaaf daandiin mul'ata keetiif ta'uf maadaluu suman abba mul'atichaa Bira jira. Siin Abba mul'aticha males namnii daandii mul'atichaa milkeessuu beekuu daanda'uu him jiru.
Hin dagaatiin,Daandii mul'ata milkeessus mul'atichumma keessa jalqaaba.
Galaatooma!
Barreessaan; WameranTolera Bantin before 3yrs!
Daa'imman amanuu dhabuu fi yeroo hunda akka isaan waan sirrii tahe gochuu hin dandeennetti shakkii itti baay'isuu fi waanuma hunda jala deemanii qulqulleessaa oolun ofitti amanamummaa isaanii kan miidhuu fi of danda'anii waan tokko murteessuf akka rakkatan isaan godha. Dabalataanis shakkii kan baay'isaanii fi ofittis tahee namatti amanamummaa guutuu waan hin qabaannef hariiroo fi walqunnamtii iftoomaa tahe hin qabaatan.
Reebichi, akkuma qoricha dhukkubbii yeroof dandamachuuf fudhachuu, rakkoo mucaan sun uumu irraa yeroodhaaf maatii dandamachiisa malee rakkoo mucaa san wal'aanuu ykn fayyisuu hin danda'u. Inumaayyuu warra malaa fi tasgabbiin amala daa'immanii sirreessuf yaalu caalaa warri ijoollee reebu amalli ijoollee yeroo gara yerootti tohannoo isaanitiin ala ta'aa deema.
Ijoolleenis daran hammaachaa deemuun badii fedhan raawwachuuf kan of duuba hin deebinee fi ofii isaanitiifis amala reebichaa (abusive behaviour) qabatanii guddachuun waanuma hundaa reebichaan argachuu akka danda'anitti yaadu.
|••
|••••
|•••••
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa Hin Dhabinaa!
Dr Abdi K Gada
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 4 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 3 weeks, 4 days ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 1 month, 2 weeks ago