Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Description
Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Walaloowwan🗒 Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇
'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️

Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo

Fb page👇
https://www.facebook.com/bultooliko/
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

2 weeks, 5 days ago

🛑#Qoricha_ulfa_akkatasaa_ittisu (#Post_Pill)
☆☆☆☆☆
♦️Qorichi ulfa akkatasaa ittisuuf faarmaasii irraa bitamu(Post Pill)'n carraa ulfaa'uu percent meeqaan ittisa jettanii yaaddu

➢Post Pill'n maloota ulfa ittisan keessatti ramadama.
➢Dubartiin tokko walqunnamtii saalaa akka tasaa booda ykn qorichi ulfa ittisuuf duraan fayyadamaa jirtu yoo hojjechuu dide kan fudhachuu dandeessudha.

#Gosoota qorichoota ulfa akkatasaa dhorkan

Combined oral contraceptives(COC)- Kan hormoonota estrogen fi progestrone of keessaa qabu yoo ta'u, yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 75% hir'isuu danda'a.

Progestron only pills (POPs)- Plan B jedhamuunis ni beekama.
Kan progestron qofa of keessaa qabuufi yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 88% hir'isuu danda'a.

Cu IUCD -
Kan gadameessa keessa kaa'amu yoo ta'uufi guyyaa 5 keessatti yoo kaa'ame carraa ulfaa'uu 99.9% hir'isuu danda'a.

➢Biyya keenya keessatti baay'inaan faayidaarra kan oole kan Plan B jedhamuun beekamudha. Innis gosoota 2tu jiru.
1) Plan B One step: kan altokko qofa fudhatamu (kiniinii 1)
2)Plan B: Garaagarummaa sa'aa 12'n si'a 2 kan fudhatamudha ( kiniinii 2)

♦️Of-eeggannoo!

➢Qoricha ulfa akkatasaa dhorkuuf (Post Pill)fudhatanii yoo marsaan laguu osoo hin dhufiin torban 3 oliif walitti aansuun yoo ture, gara mana yaalaa ykn ogeessaa deemanii qoratamuun gaariidha.
➢Ulfi erga uumamee booda qoricha ulfa ittisu (Post Pill)fudhachuun faayidaa hin qabu.
➢Walqunnamtiin karoora malee raawwatame yoo jiraate, qorichoota ulfa ittisan dafanii fudhachuun gaariidha. Sababnisaas, sa'aa 72'n qaba jedhanii lafarra harkisuun, dandeettii qorichasanaa dadhabsiisaa deema waan ta'eef.
~~~~~~~
© Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024

#FOLLOW & #SHARE🙏

👇👇👇
@Fayyaa_egeree

3 weeks ago

Gaafa aarte daftee hin murteessiin; gaafa gammaddemmoo ariifattee waadaa hin seeniin!

@Fayyaa_egeree

3 weeks, 3 days ago

HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.

MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.

KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.

NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)

@Fayyaa_egeree

2 months, 1 week ago
[#Qorichoota\_yeroon\_itti\_darbe](?q=%23Qorichoota_yeroon_itti_darbe)([#Expired\_drugs](?q=%23Expired_drugs))

#Qorichoota_yeroon_itti_darbe(#Expired_drugs)
~~~~~~~~~~~~~~
Qorichoota yeroon itti darbe fudhachuun fayyisuuf osoo hin taane summii namatti ta'uu waan maluuf hin fudhatiinaa!
Daraanuu dhukkubbii sana namatti hammeessuu danda'a.

Kanaaf, ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha suuqiirraa bittaniis ta'e, kiniina ykn shirooppii mana keessa tureeru hin fayyadamiinaa!
Yeroo qoricha bitattaniis guyyaasaa waraqaa xiqqoo ykn dugdaasaarraa ilaaluun gaariidha.
#Share

@Fayyaa_egeree

2 months, 1 week ago

#YEROO_HUNDUMAA_yaadadhu:

Akka wanti kaleessa darbe deddeebi'ee sin jeeqneef, waa'ee isa darbee hin dhiphatiin☺️
Namni waa'eekoo maal jedha jettee hin yaadda'iin🤷‍♀
Gammachuukeef shoora olaanaa kan taphatu suma mataakee qofaadha😅
Yeroon kan hin jijjiirre waan hin jirreef, yeroo itti kenni⌚️
Baay'istee hin yaadiin💭 ... waan hunda beekuun dirqama miti🙏
Fuula ifaa qabaadhu... rakkinni Addunyaa kanarraa hundi kankee miti🤷‍♀️
~~~~~~~
©* Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024

#JOIN & #SHARE🙏
👇👇👇

@Fayyaa_egeree

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

2 months, 2 weeks ago

Rakkoowwan walxaxoo umurii ijoollummaan ulfaa’uun fidu

Umurii ijoollummaan ulfaa’uu (adolescent pregnancy) kan jedhamu waggaa 20 dura yoo ulfaa’anidha.

Akka adunyaatti dubartoonni umuriin isaanii 15-19 gidduu ta’an miliyoona 16 ta’an waggaa waggaan ni da’u jedhamee tilmaamama.
Akkasumas da’umsa waggaa waggaan uumamu keessaa persantaa kudhatokko (11% of all births worldwide) wayita umurii ijoollummaa dha.

Biyya guddataa jiran keessatti sababa dubartoonni umurii waggaa 14-19 ittiin lubbuu isaanii dhaban keessaa ulfii fi da’umsa waliin kan wal qabate bakka olaanaa qaba.

Akkasumas haadhaa fi daa’ima irratti illee dhiibbaa hedduu qaba.

Sababni isaas ;-

  1. Ga’umsa dhabuu qaamaa (biological immaturity ).
  2. Haalli jireenyaa, qabeenyaa, barnootaa fi nyaata isaanii kan gaarii hintaane ta’uun kan walqabatu.

  3. Umuriin Kanaan kan ulfaa’an Hedduun hordoffii ulfaa kan hinqabnee fi gargaarsa maatii kan hinqabne ta’uun kan dhufudha.

  4. Fakkeenyyaf carraan hir’ina dhiigaa godhachuu,dhiibbaa dhiigaa ulfa waliin dhufu qabaachuu fi ofiin da’uu dadhabuun baqaqsanii yaaluu barbaaduu olka’aadha.

  5. Akkasumas daa’ima yeroo malee dhalatee fi kan ulfaatina xiqqaa qabu da’uun rakkoo kana waliin dhufaniif daa’ima saaxilame qabaachuu fa’i.

Kanaafuu hanga danda’ametti umurii waggaa digdama duraa fi soddomii shan booda daa’ima godhachuu dhiisuun gaariidha.
Dr. Lemi G

@Fayyaa_egeree

2 months, 2 weeks ago
Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️
2 months, 2 weeks ago
[#Buna\_dhuguufi\_dhiibbaa\_dhiigaa](?q=%23Buna_dhuguufi_dhiibbaa_dhiigaa)

#Buna_dhuguufi_dhiibbaa_dhiigaa
Bunni namoota tokko tokko irratti dhiibbaa dhiigaa yeroodhaaf olkaasuu danda'a. Keessattuu, namoota darbee darbee dhugan irratti, kunis yeroodhaan booda iddootti ni deebi'a malee yeroo dheeraaf kan turu miti. Kanaaf, namni tokko buna dhugee yeroodhuma san dhiibbaa dhiigaa safaramuu hin qabu. Dhugee sa'aa 2-3 booda ta'uu qaba. Namoonni dhiibbaa dhiigaa qaban hamma guyyaatti dhugan sinii bunaa xiqqoo 2-3tti gadi xiqqeessuun gaariidha. Akkasumas, dhuganii qoricha isaanii fudhachuuf ykn qoricha fudhatanii buna dhuguuf sa'aa 2 wal irraa turuu qabu. Hunda caalaa ogeessa fayyaa isaan hordofu mariisisuun baay'ee barbaachisaadha.
Galatoomaa!!
Dr.Chala Didha

@Fayyaa_egeree

2 months, 2 weeks ago
2 months, 2 weeks ago

#Aaga_Dhaga'aa!
Dhaga’aa wal dhageessisaa…

Ogbarruun Oromoo tabba fi randa hedduu qabsoon keessa hulluuqee, Ilaalchaa fi jibba Ormaa dandamatee har'a ga'eera. Kaleessa Afaan Oromoo sagaleedhaan yoo dhagahame raadiyoo cabsa kan jedhame, qabsaa'ota yeroo saniin raadiyoo dhiisee hillee fi hamilee diinota isaa cabsee, akka lamuu dhaabuun hin danda'amnetti of ijaaree kunoo as gaheera.

Har'a ammoo Kitaabileen Afaan Oromoo, Oromummaa Urgaa'an, barreessitoota hancufa liqimsanii fi hawaasa biratti jaalatamummaa qabaniin barreeffamanii gabaarra turan walii galtee barreessitoota waliin raawwatame irratti hundaa'un kunoo sagaleetti jijjiiramanii karaa websaayitii keenyaa isiniif dhiyaataniiru.

kana booda jechamoonni akka;
"Anoo yeroo hin qabu"
"Hojiinko kitaaba dubbisuuf naaf hin mijatu" kan jedhanii fi sababoonni garagaraa kitaabarraa nama fageessan nagaatti jedhamaniiru.

Websaayitii www.oromobook.com seenuun qarshii 30 qofaan bitattanii Kitaabilee hedduu ji'a tokko keessatti dhaggeeffachuu dandeessu.
Karaalee; Telebirr, CBE Birr, Mpesa, CooPpay-Ebirr, Hello cash fi tooftaalee ittii maallaqa baankiidhaa sochoosan kamiinuu bitachuun ni dandeessu jechaa.

Kaayyoon keenya Dhala Oromoo sababii hanqina maallaqaafi dhiheessii kitaabatin  carraa dubbisuu dhabee fi Ogbarruu Oromoo Diijitaalessinee, Bakka Oromoon jiru maratti dhaqqabsiisuudha.
Maallaqa Kaardii moobayilaa yeroo tokkoon Kitaabilee sagaleen jiran hedduu bitadhaa dhaggeeffadha.

Oromobook.com - Sagalee Kitaabaa!

@Orobook

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago