Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️

Description
Gorsa fayyaa💊💉,Barreeffamoota adda addaa, Haasaawwan onnachiisoo💪, Walaloowwan🗒 Qoosaawwan😂 garaagaraafi kkf yoo feetan👇
'Join' fi 'share' gochuu hin dagatiinaa❣️

Yoo gaaffii qabaattan👉 @dr_bultoo

Fb page👇
https://www.facebook.com/bultooliko/
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes

1 month, 3 weeks ago
[#Qorichoota\_yeroon\_itti\_darbe](?q=%23Qorichoota_yeroon_itti_darbe)([#Expired\_drugs](?q=%23Expired_drugs))

#Qorichoota_yeroon_itti_darbe(#Expired_drugs)
~~~~~~~~~~~~~~
Qorichoota yeroon itti darbe fudhachuun fayyisuuf osoo hin taane summii namatti ta'uu waan maluuf hin fudhatiinaa!
Daraanuu dhukkubbii sana namatti hammeessuu danda'a.

Kanaaf, ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha suuqiirraa bittaniis ta'e, kiniina ykn shirooppii mana keessa tureeru hin fayyadamiinaa!
Yeroo qoricha bitattaniis guyyaasaa waraqaa xiqqoo ykn dugdaasaarraa ilaaluun gaariidha.
#Share

@Fayyaa_egeree

1 month, 4 weeks ago

#YEROO_HUNDUMAA_yaadadhu:

Akka wanti kaleessa darbe deddeebi'ee sin jeeqneef, waa'ee isa darbee hin dhiphatiin☺️
Namni waa'eekoo maal jedha jettee hin yaadda'iin🤷‍♀
Gammachuukeef shoora olaanaa kan taphatu suma mataakee qofaadha😅
Yeroon kan hin jijjiirre waan hin jirreef, yeroo itti kenni⌚️
Baay'istee hin yaadiin💭 ... waan hunda beekuun dirqama miti🙏
Fuula ifaa qabaadhu... rakkinni Addunyaa kanarraa hundi kankee miti🤷‍♀️
~~~~~~~
©* Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024

#JOIN & #SHARE🙏
👇👇👇

@Fayyaa_egeree

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

2 months ago

Rakkoowwan walxaxoo umurii ijoollummaan ulfaa’uun fidu

Umurii ijoollummaan ulfaa’uu (adolescent pregnancy) kan jedhamu waggaa 20 dura yoo ulfaa’anidha.

Akka adunyaatti dubartoonni umuriin isaanii 15-19 gidduu ta’an miliyoona 16 ta’an waggaa waggaan ni da’u jedhamee tilmaamama.
Akkasumas da’umsa waggaa waggaan uumamu keessaa persantaa kudhatokko (11% of all births worldwide) wayita umurii ijoollummaa dha.

Biyya guddataa jiran keessatti sababa dubartoonni umurii waggaa 14-19 ittiin lubbuu isaanii dhaban keessaa ulfii fi da’umsa waliin kan wal qabate bakka olaanaa qaba.

Akkasumas haadhaa fi daa’ima irratti illee dhiibbaa hedduu qaba.

Sababni isaas ;-

  1. Ga’umsa dhabuu qaamaa (biological immaturity ).
  2. Haalli jireenyaa, qabeenyaa, barnootaa fi nyaata isaanii kan gaarii hintaane ta’uun kan walqabatu.

  3. Umuriin Kanaan kan ulfaa’an Hedduun hordoffii ulfaa kan hinqabnee fi gargaarsa maatii kan hinqabne ta’uun kan dhufudha.

  4. Fakkeenyyaf carraan hir’ina dhiigaa godhachuu,dhiibbaa dhiigaa ulfa waliin dhufu qabaachuu fi ofiin da’uu dadhabuun baqaqsanii yaaluu barbaaduu olka’aadha.

  5. Akkasumas daa’ima yeroo malee dhalatee fi kan ulfaatina xiqqaa qabu da’uun rakkoo kana waliin dhufaniif daa’ima saaxilame qabaachuu fa’i.

Kanaafuu hanga danda’ametti umurii waggaa digdama duraa fi soddomii shan booda daa’ima godhachuu dhiisuun gaariidha.
Dr. Lemi G

@Fayyaa_egeree

2 months ago
Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️
2 months ago
[#Buna\_dhuguufi\_dhiibbaa\_dhiigaa](?q=%23Buna_dhuguufi_dhiibbaa_dhiigaa)

#Buna_dhuguufi_dhiibbaa_dhiigaa
Bunni namoota tokko tokko irratti dhiibbaa dhiigaa yeroodhaaf olkaasuu danda'a. Keessattuu, namoota darbee darbee dhugan irratti, kunis yeroodhaan booda iddootti ni deebi'a malee yeroo dheeraaf kan turu miti. Kanaaf, namni tokko buna dhugee yeroodhuma san dhiibbaa dhiigaa safaramuu hin qabu. Dhugee sa'aa 2-3 booda ta'uu qaba. Namoonni dhiibbaa dhiigaa qaban hamma guyyaatti dhugan sinii bunaa xiqqoo 2-3tti gadi xiqqeessuun gaariidha. Akkasumas, dhuganii qoricha isaanii fudhachuuf ykn qoricha fudhatanii buna dhuguuf sa'aa 2 wal irraa turuu qabu. Hunda caalaa ogeessa fayyaa isaan hordofu mariisisuun baay'ee barbaachisaadha.
Galatoomaa!!
Dr.Chala Didha

@Fayyaa_egeree

2 months ago
2 months ago

#Aaga_Dhaga'aa!
Dhaga’aa wal dhageessisaa…

Ogbarruun Oromoo tabba fi randa hedduu qabsoon keessa hulluuqee, Ilaalchaa fi jibba Ormaa dandamatee har'a ga'eera. Kaleessa Afaan Oromoo sagaleedhaan yoo dhagahame raadiyoo cabsa kan jedhame, qabsaa'ota yeroo saniin raadiyoo dhiisee hillee fi hamilee diinota isaa cabsee, akka lamuu dhaabuun hin danda'amnetti of ijaaree kunoo as gaheera.

Har'a ammoo Kitaabileen Afaan Oromoo, Oromummaa Urgaa'an, barreessitoota hancufa liqimsanii fi hawaasa biratti jaalatamummaa qabaniin barreeffamanii gabaarra turan walii galtee barreessitoota waliin raawwatame irratti hundaa'un kunoo sagaleetti jijjiiramanii karaa websaayitii keenyaa isiniif dhiyaataniiru.

kana booda jechamoonni akka;
"Anoo yeroo hin qabu"
"Hojiinko kitaaba dubbisuuf naaf hin mijatu" kan jedhanii fi sababoonni garagaraa kitaabarraa nama fageessan nagaatti jedhamaniiru.

Websaayitii www.oromobook.com seenuun qarshii 30 qofaan bitattanii Kitaabilee hedduu ji'a tokko keessatti dhaggeeffachuu dandeessu.
Karaalee; Telebirr, CBE Birr, Mpesa, CooPpay-Ebirr, Hello cash fi tooftaalee ittii maallaqa baankiidhaa sochoosan kamiinuu bitachuun ni dandeessu jechaa.

Kaayyoon keenya Dhala Oromoo sababii hanqina maallaqaafi dhiheessii kitaabatin  carraa dubbisuu dhabee fi Ogbarruu Oromoo Diijitaalessinee, Bakka Oromoon jiru maratti dhaqqabsiisuudha.
Maallaqa Kaardii moobayilaa yeroo tokkoon Kitaabilee sagaleen jiran hedduu bitadhaa dhaggeeffadha.

Oromobook.com - Sagalee Kitaabaa!

@Orobook

2 months ago

"Abbaa laman qaba! Tokko sooressa, tokkommoo hiyyeessa!..... Abbaankoo inni tokko baay'ee kan barateefi digirii hedduu of harkaa kan qabudha. Faallaa kanaa, abbaankoo inni biraan immoo kutaa 8ffaa iyyuu kan hin xumurredha....

Inni tokko doolaara miiliyoona kudhan nuuf dhiisee du'e. Inni biraan immoo, waraqaa ittiin liqiin irraa kanfalamu naaf dhiisee du'e. ....
Lachan isaaniiyyuu barnoota naaf dhaamu. Garuu akkaataa garagaraan na gorsu. Inni tokko, 'jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami' naan jedha. Inni biraan immoo, ' jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu' jedhee na gorsa.
Ilaalchi isaan qarshiif qabanis gargari. Inni tokko, 'jaalalli qarshii hundee jal'inaati' jedha; inni biraan immoo, 'dhabinsi qarshii madda jal'inaati!' jedhe naaf dhaama.

Osoon abbaa tokko qofaa qabaadheera ta'ee, yaada isaa tokkicha qofaa fudhadha yookaan fudhachuun dhiisa. Abbaa lama qabaachuunkoo filannoo yaada waliif faallaa kanaaf gorsa naa kenna. Haalaan wal bira qabee akkan filadhu na godha!"
RICH DAD, POOR DAD

Kitaabichi akkana jedha. Ana kan na dhibe garuu waan tokkotu jira!🤔 Abboota lamaan keessaa, hiyyeessi isa barateemoo hin barannedhaa?😅

Kitaabni kun shaggaadha. Jiruufi jireenyaan wal qabatee, ilaalcha madaalamaa namaaf gumaacha. Warri hin dubbifne dubbisaa.

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook

2 months, 1 week ago

Oduu Gammachiisaa
       ~~
Kabajamtoonniifi jaalattoonni Ogbarruu Oromoo akkam jirtu? Nagaan hunduma keessaniif haa ta'u jechaa, aaga tokko isiniif qabannee dhiyaannee jirra. Kunis, dhimma kitaabolee Afaan Oromoo bifa sagaleetiin qopheessuufi dhiyeessuu kan ta'udha. Qopheessiifi dhiyeessi kunis eeyyamaafi walii galtee barreessitoota kitaabota sanaa waliin kan raawwatamudha.

Akkuma beekamu, waggoota dhiyoo as kitaaboleen Afaan Oromoo baay'inaan maxxanfamanii bahuutti jiru. Kun, waan baay'ee namatti toludha. Ta'us garuu, hanga maxxananii bahan kana dubbisaa bira gahaa akka hin jirre waan hundi keenya quba qabnuudha. Kitaaboleen kunnin bakkaafi nama dhaqqabuu qabanis haalaan waan gahaa jiran miti.
Egaa nuyis, 'rakkoolee kanaan wal qabatu ni fura', akkanuma 'karaa salphaafi mijataa ta'een kitaabileen Afaan Oromoo haalaan akka jaallattoota isaa dhaqqabu ni godha' jennee kan qopheessine 'platform' haaraa tokko qabannee as bahuuf jirra. Karaa 'platform' kanaa, kitaaboleen Afaan Oromoo sagaleedhaan qophaa'anii dhiyaatu. Haala mijataafi gatii madaalawaa hunda haammatu qarshii 30 qofaan kitaaba barbaaddan argachuun kan dandaa'amudha. Jalqaba kana, kitaabolee Afaan Oromoo kanneen akka: kitaabolee seenaa Oromoo, kitaabota Asoosamaa mi'aawoo garaa garaafi kitaabolee xiinsammuu namoota hedduuf galaa ta'an muraasni sagaleedhaan qophaa'anii gadhiifamuuf jiru. Gara fuulduraatti garuu, kitaabota Afaan Oromoo baay'ee sagaleedhaan qopheessinee dhiyeessuuf kan jirrudha.
Maarree isinis, kitaabota sagaleetti nuuf haa jijjiiraman jettan nuuf eeraa. Yaada keessanis saanduqa yaadaa (Comment) keessa nuuf kaa'aa.

Dalagaalee hanga ammaa qophaa'anii jiran yoomii kaatanii akka argattan, akkanuma karaa kam akka argattan yeroo dhiyootti isin beeksifna.

Namoonni nu waliin hojjechuuf fedha qabdanis, yeroo gabaabaa keessatti bilbilaa fi 'mail' keenya ni argattu.

Aaga kana waliif qooduu (#Share) gochuu hin dagatinaa!
Barreessitoonniifi dubbistoonni akkasumas, jaalattoonni ogbarruu Afaan Oromoo carraa kanatti fayyadamuun hojiilee keessaniifi hojiilee jaalattan hawaasa bal'aa biraan gahaa isiniin jenna.

#Yeroo_dhiyootti_dhufuuf_jirra.

#Dhaabbaticha_irraati

Horaa bulaa deebanaa!🙏🏻

2 months, 1 week ago
Dr.Bulti Likisa Official Channel👨‍⚕️
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes