All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 4 Monate her
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 1 Tag, 12 Stunden her
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 3 Wochen, 1 Tag her
DHUKKUBA BUSAA (#MALARIA)
?Dhibee yeroo ammaa lubbuu danuu galaafataa jiru!
?Dhukkubni busaa gosa maxxantuu #plasmodium
jedhamuun dhufa. Maxxantuuleen kun gosaan afur (4)
kan jiran yoo tahu isaan keessaa pilasmodiyeem
falsiiparam (60%) fi pilasmodiiyeem vaayvaaksii
(37%) sadarkaa 1ffaaf lammaffaarra jiru.
?Biyya keenya dabalatee biyyoota addunyaa heddu
keessattii dhukkuba busaa heddumminaan fidun kan
beekamu gosti pilaasmoodiyeem falsipaaram yoo
dafee hin yaalamiin, dhukkuba hamaa (#severe) fida.
?Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtiilee lamaan
heddumminaan mul'ata. Kunis:
MALLATTOOLEE
♦️Gubaa qaamaa (#fever)
♦️Hoollachiisuu qaamaa (#chills & #rigor)
♦️Mataa bowwoo (#headache)
♦️Fedhii nyaataa dhabuu (#anorexia)
♦️Qaama caccabsuu (#arthralgia, #myalgia, #malaise)
♦️Sadarkaa hammaataa irra yoo gahe immoo:
✅Ofiin dhaabatanii deemuu dadhabuu (#prostration)
✅Of wallaaluu (#comatose)
✅Gaggabsoo (#convulsion)
✅Keelloo ta'uu gogaa qaamaa fi ijaa (#jaundice)
✅Fincaan diimachuu/xiqqaachuu ykn dhabamuu
(#oliguria/#anuria)
⭐Mallattoleen kun sadarkaa hammaataatti cehuu waan
agarsiisaniif hatattamaan gara mana yaalaa geessuu.
WAL'AANSA
?Dhukkubni busaa dhibee yaalaan fayyuu dandahu dha.
Kanaaf mallattooleen kunneen jiraannaan dhukkubichi
osoo hin hammaatiin qoratamuun qoricha ogeessi
kennu seeraan fayyadamuun fayyuun danda’ama.
?Hub: qoricha ajajame haala ajajameen hanga
xumuraatti fudhachuu, qoricha siniif kennames nama
biroof qooduu dhiisuun barbaachisaadha.
ITTISA
✅Dhibeee kana gara namaatti kan daddabarsitu bookee
busaa dhaltuu (#anopheles_mosquito) waan tateef
ittisni dhibee busaas bookee kana gidduugaleessa kan
godhatedha. Isaanis:
?Agoobara farra bookee qabu fayyadamuu
?Keemikaala farra bookee busaa biifsisuu
?Yeroo halkanii uffata dheeraa qaama keenya
guututti haguuguun uffachuu.
✅Bakka bookeen busaa itti walhoruu dandeessu
dhabamsiisuu fkn, balfaf bishaan ciisan. Magaalota
keessatti naannoo ijaarsi jirutti bishaan faayidaa
biroof kuufamee dagatamuufi akkasumas meeshaale
caccaboo gatamanii bishaan qabatan dabalata.
✅Yeroo gara lafa dhukkubni busaa itti hedduummatu
dhaqan, dursanii ogeessa fayyaa mariisisuun ittisaaf
qoricha fudhachuu.
Dr. Tezera G.
DHIBEE GIFIRAA (#MEASLES)
~~~
✅Dhukkuba talaalliin ittifamuu danda'u, garuu ammallee biyya keenyaaf mataa bowwoo ta'aa jira.
✅Gifirri dhibee vayirasiin dhufuufi carraa namaa namatti darbuu ol'aanaa qabu yoo ta’u, akki daddarba isaas dhangala'aa funyaan fi afaan nama dhibee kanaan qabameeni.
✅Keessattuu guyyoota muraasa shiftoon qaama irratti bahu duraa fi booda jiran hedduuminaan daddarba.
✅Dhibeen kun nama kamiyyuu kan miidhu ta’us, caalmaattii garuu daa’imman huba.
Maaltu dhibee kanaaf saaxilamuu dabalaa?
?Umurii 5 gadii fi 30 ol
?Hanqina soorataa
?Humna ittisa dhukkubaa dadhabaa
?Balaa uumamaa ykn namtolchee
?Talaallii dhabuu
MALLATTOOLEE DHUKKUBICHAA
⭐Hoo’ina qaamaa
⭐Qufaa
⭐Dhukkubbii/diimachuu ijaa
⭐Dhangala’aan funyaaniin ba’uu
⭐Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu
XAAXAA DHUKKUBICHAA (#Complications)
✅Dhibee kanaan walqabatee rakkooleen fayyaa kana:
?️Ija jaamsuu
?️Infeekshinii sammuu
?️Dhangala’aan qaamaa hir’achuu
?️Infeekshinii sombaa fi gurraa
?️Hir'ina ulfaatinaa
?️Garaa kaasaa yeroo dheeraa fi madaa’uu afaaniiti.
YAALII DHUKKUBICHAA
♦️Mallaattoowwan armaan olii yoo argitan daa’ima keessan saffisaan gara dhaabbata fayyaa geessuu.
♦️Wal’aansi kennamu Vaayitaminii A fi yaaliiwwan hojii sirna qaamaa gargaaran [#supportive_cares] ta'a
♦️Tamsa'ina dhibee kanaa ittisuufis daa’imman dhibee kanaan qabaman kutaa qofaatti (#isolated_room) wal’aanamu.
TOOFTAALEE ITTISA DHUKKUBICHAA
?️Talaallii farra Gifiraa: daa'imman talaallii kana marsaa lamaaf fudhatan dandeettiin dhibee kana of irraa ittisuu isaanii dhibbentaa 97 taha.
?️Vaayitaminii A (#Vitamin_A) fudhachuu
?️Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu
?️Tuttuqqii dhukkubsataa irraa of eeguu fi
?️Nama mallattoo dhukkubicha qabu dafanii gara dhabbata fayyatti geessuu.
Dr. Mo'iboon Camadaa
#DHUKKUBA_TOONSILII
????????????
? ? DHukkubni qoonqoo keessaa sababa infeekshinii vaayirasii ykn baakteeriyaatiin kan uumamu yoo ta'u, isaanis; karaa funyaaniifi afaanii gara qoonqootti seenuun dhukkuba kana fidu.
? ?#MALLATTOOLEEN dhukkuba kanaa maalfaati?
? Toonsiliin diimatee dhiita'uu
? Toonsilii irratti waan adii ykn keelloo fakkaatu jiraachuu
? Qoonqoo utaallootiin cufame
? Liqimsuuf rakkachuu
? Hoo'a qaamaa
?Dhiita'uu lymph nodes
? Foolii afaanii badaa
? Garaa muraa
? Dhukkubbii mormaa
? Mataa dhukkubbii
? ?#MAALTU dhukkuba kanaaf nama saaxila?
? Umurii dargaggummaa: Yeroo hedduu dhukkubni toonsilii ijoollee irratti kan mul'atu yoo ta'u, kan sababa baakteeriyaan dhufu, ijoollee waggaa 5 hanga 15 jiran irratti kan baramedha.
? Jarmootaaf saaxila bahuu:
? ? #RAKKOO WALXAXAA dhukkubni toonsilii fidu maalfaati?
? Yeroo rafan afuura baafachuu dadhabuu
? Infeekshiiniin kun gara qoonqoo gara gadiitti daddarbuu
? Dhiitoon toonsilii malaa kuufachuu
? ? #YAALA Dhukkuba Toonsilii
? Yaalli dhukkuba kanaa wantootuma sababa ta'an irratti hundaa'uun garaagara.
Kan vaayirasiitiin dhufu sababa dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaan (Immunity) waan ta'eef, qoricha fudhachuun barbaachisaa miti.
Kan baakteeriyaan dhufu yoo ta'emmoo, mana yaalaa deemuun qoricha (antibiotics)fudhachuun gaariidha.
? ? #DABALATAAN ariitiin dhukkuba kanarraa dandamachuuf:
? Boqonnaa gahaa fudhachuu
? Waan hoo'aa dhuguu; shayii, aannan, aximiitii..
? Nyaata lallaafaa ta'an soorachuu; shoorbaa,...
? Bishaan hoo'aan ashaboofi jinjibilaan lulluuqqachuu
? Burcuqqoo tokkotti damma fal'aana afur, ashaboo fal'aana nuusaafi cuunfaa loomii walitti makuun guyyaatti yeroo 2 hanga 3 dhuguun bu'aa gaarii qaba.
?Fayyaaf nagaa hin dhabiinaa?
~~
© Dr. Bulti Likisa, 2024
#Facebook page??
https://www.facebook.com/bultooliko/
#Telegram??
@Fayyaa_egeree
https://t.me/Fayyaa_egeree
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
?#Qoricha_ulfa_akkatasaa_ittisu (#Post_Pill)
☆☆☆☆☆
♦️Qorichi ulfa akkatasaa ittisuuf faarmaasii irraa bitamu(Post Pill)'n carraa ulfaa'uu percent meeqaan ittisa jettanii yaaddu❓
➢Post Pill'n maloota ulfa ittisan keessatti ramadama.
➢Dubartiin tokko walqunnamtii saalaa akka tasaa booda ykn qorichi ulfa ittisuuf duraan fayyadamaa jirtu yoo hojjechuu dide kan fudhachuu dandeessudha.
#Gosoota qorichoota ulfa akkatasaa dhorkan
▶ Combined oral contraceptives(COC)- Kan hormoonota estrogen fi progestrone of keessaa qabu yoo ta'u, yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 75% hir'isuu danda'a.
▶ Progestron only pills (POPs)- Plan B jedhamuunis ni beekama.
Kan progestron qofa of keessaa qabuufi yoo sa'aa 72 keessatti fudhatame carraa ulfaa'uu 88% hir'isuu danda'a.
▶ Cu IUCD -
Kan gadameessa keessa kaa'amu yoo ta'uufi guyyaa 5 keessatti yoo kaa'ame carraa ulfaa'uu 99.9% hir'isuu danda'a.
➢Biyya keenya keessatti baay'inaan faayidaarra kan oole kan Plan B jedhamuun beekamudha. Innis gosoota 2tu jiru.
1) Plan B One step: kan altokko qofa fudhatamu (kiniinii 1)
2)Plan B: Garaagarummaa sa'aa 12'n si'a 2 kan fudhatamudha ( kiniinii 2)
♦️Of-eeggannoo!
➢Qoricha ulfa akkatasaa dhorkuuf (Post Pill)fudhatanii yoo marsaan laguu osoo hin dhufiin torban 3 oliif walitti aansuun yoo ture, gara mana yaalaa ykn ogeessaa deemanii qoratamuun gaariidha.
➢Ulfi erga uumamee booda qoricha ulfa ittisu (Post Pill)fudhachuun faayidaa hin qabu.
➢Walqunnamtiin karoora malee raawwatame yoo jiraate, qorichoota ulfa ittisan dafanii fudhachuun gaariidha. Sababnisaas, sa'aa 72'n qaba jedhanii lafarra harkisuun, dandeettii qorichasanaa dadhabsiisaa deema waan ta'eef.
~~~~~~~
© Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024
???
@Fayyaa_egeree
Gaafa aarte daftee hin murteessiin; gaafa gammaddemmoo ariifattee waadaa hin seeniin!
HIR'INA DHIIGAA (ANEMIA)
Hir'ina dhiigaa jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu irraa gadi bu'e jechuudha.
MALLATTOO
1. Dadhabbii, afuurri cituu
2. Mataa dhukkubbii
3. Lafti namaan maruu,
4. Waa yaadachuu dadhabuu.
5. Dha'annaan onnee oduma taa'anii akka
nama fiiguu namatti dhaga'amuu.
6. Gurra keessaa namatti iyyuu
7. Dhamdhamni nyaata namatti jijjiiramuu fi kkf.
KA'UMSA
1. Dhiiguu (kanneen akka da'umsaa, balaa tasaa, marsaa laguu yeroo dheeraa, kintaarootii fi kkf)
2. Hir'ina viitamin B.
3. Hir'ina elementii ayirenii (Iron)
4. Raammoo garaa (hook worm)
5. Dhukkuba busaa (malaria)
6. Dhukkuba kalee yoo namarra ture
7. Dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni
oomishamu) miidhan.
8. Dhukkubootni biroo kan yeroo dheeraaf
namarra turan illee hir'ina dhiigaa ni fidu.
NYAATA KAMTU HIR'INA DHIIGAA ITTISA?
1. Tiruu beeyladootaa
2. Hundee diimaa.
3. Timaatimaa fi loomii.
4. Kuduraalee fi muduraalee.
5. Damma fi Aannan
6. Nyaata armaan olii kana yoo nyaannu
bunaa fi shayii waliin dhuguu hin qabnu.
Kunis xuuxamuu iron waan hir'isuuf.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
#Qorichoota_yeroon_itti_darbe(#Expired_drugs)
~~~~~~~~~~~~~~
Qorichoota yeroon itti darbe fudhachuun fayyisuuf osoo hin taane summii namatti ta'uu waan maluuf hin fudhatiinaa!
Daraanuu dhukkubbii sana namatti hammeessuu danda'a.
Kanaaf, ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha suuqiirraa bittaniis ta'e, kiniina ykn shirooppii mana keessa tureeru hin fayyadamiinaa!
Yeroo qoricha bitattaniis guyyaasaa waraqaa xiqqoo ykn dugdaasaarraa ilaaluun gaariidha.
#Share
Akka wanti kaleessa darbe deddeebi'ee sin jeeqneef, waa'ee isa darbee hin dhiphatiin☺️
Namni waa'eekoo maal jedha jettee hin yaadda'iin?♀
Gammachuukeef shoora olaanaa kan taphatu suma mataakee qofaadha?
Yeroon kan hin jijjiirre waan hin jirreef, yeroo itti kenni⌚️
Baay'istee hin yaadiin? ... waan hunda beekuun dirqama miti?
Fuula ifaa qabaadhu☺... rakkinni Addunyaa kanarraa hundi kankee miti?♀️
~~~~~~~
©* Dr. Bulti Likisa Muleta, 2024
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
Rakkoowwan walxaxoo umurii ijoollummaan ulfaa’uun fidu
Umurii ijoollummaan ulfaa’uu (adolescent pregnancy) kan jedhamu waggaa 20 dura yoo ulfaa’anidha.
Akka adunyaatti dubartoonni umuriin isaanii 15-19 gidduu ta’an miliyoona 16 ta’an waggaa waggaan ni da’u jedhamee tilmaamama.
Akkasumas da’umsa waggaa waggaan uumamu keessaa persantaa kudhatokko (11% of all births worldwide) wayita umurii ijoollummaa dha.
Biyya guddataa jiran keessatti sababa dubartoonni umurii waggaa 14-19 ittiin lubbuu isaanii dhaban keessaa ulfii fi da’umsa waliin kan wal qabate bakka olaanaa qaba.
Akkasumas haadhaa fi daa’ima irratti illee dhiibbaa hedduu qaba.
Sababni isaas ;-
Haalli jireenyaa, qabeenyaa, barnootaa fi nyaata isaanii kan gaarii hintaane ta’uun kan walqabatu.
Umuriin Kanaan kan ulfaa’an Hedduun hordoffii ulfaa kan hinqabnee fi gargaarsa maatii kan hinqabne ta’uun kan dhufudha.
Fakkeenyyaf carraan hir’ina dhiigaa godhachuu,dhiibbaa dhiigaa ulfa waliin dhufu qabaachuu fi ofiin da’uu dadhabuun baqaqsanii yaaluu barbaaduu olka’aadha.
Akkasumas daa’ima yeroo malee dhalatee fi kan ulfaatina xiqqaa qabu da’uun rakkoo kana waliin dhufaniif daa’ima saaxilame qabaachuu fa’i.
Kanaafuu hanga danda’ametti umurii waggaa digdama duraa fi soddomii shan booda daa’ima godhachuu dhiisuun gaariidha.
Dr. Lemi G
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 4 Monate her
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 1 Tag, 12 Stunden her
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 3 Wochen, 1 Tag her