All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 1 day, 21 hours ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 weeks, 2 days ago
✅ Carraawwan daldalaa 10
?kanneen deeggarsa maallaqaa Xiqqaa qabaniif ykn kanneen qusannoo hin daangeffamne barbaadaniif Itoophiyaa keessatti daldala hiika qabuu fi bu’aa argamsiisu jalqabuuf abdataniif gargaaraa ta’uu danda’an Bizineesiin kun
Itti gargaaramaa
1.✅Tajaajila/Mana Barumsaa Kunuunsa Daa’immanii Tajaajilli Kunuunsa Daa’immanii, ykn akkuma tajaajila kunuunsa guyyaa jedhamuunis beekamutti, yeroo tokkotti daa’imman hedduu to’achuu fi kunuunsuudha. Umriin isaanii daa'ima torban 6 irraa kaasee hanga daa'ima gara waggaa 13tti argama. Qulqullinni giddugala kunuunsa daa’immanii Itoophiyaa keessatti argamu guddina waliigalaa daa’imaa irratti dhiibbaa guddaa ni qabaata; kanaaf, kaayyoon ergama mana barumsichaa ifa ta’e maxxanfamee agarsiifamuu qaba.
2.✅Cilee Hojjechuu Ijaarsi manneen, waajjiraalee, mall, gamoo mootummaa fi kkf Itoophiyaa keessatti dhohinsa dhugaa argee jira. Garuu eebba damee ijaarsaa keessatti argamu kun dhaabbilee gurguddoo qabeenya maallaqaa guddaa qaban caalaa bal’aadha. Daldaltoonni xixiqqaa hanga giddu galeessaas guddina ijaarsaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru irraa qooda fudhachuu fi bu’aa baay’ee gaarii argachuu danda’u.
3.✅Gurgurtaa fi Tajaajila Paanaalii Aduu Gatiin Paanaalii Aduu sadarkaa gadi aanaa irra kan jiru yoo ta’u, guddina ariifataa teeknooloojii kuusaa baatirii waliin walqabatee, moodeela daldalaa bu’aa guddaa argamsiisu Itoophiyaaf mijaa’ina qabdu. Namni dhuunfaa kamiyyuu amma haala kana fayyadamee akkaataa istaandaardii haaraa kanaan paanaalii aduu galchuu danda’a.
4.✅Tajaajila Qulqullinaa Tajaajila Qulqullinaa ykn Tajaajilli Kontiraaktii Qulqullinaa Itoophiyaa keessatti fedhiin isaa dabalaa dhufeera. Keessumaa Addis Ababa keessatti waajjiraalee hedduu ta'uu irraa kan ka'edha. Lakkoofsi N.G.O., dhaabbilee idil-addunyaa, fi daldala biyya keessaa dabaluu isaatiin barbaachisummaan dhaabbilee tajaajila qulqullinaa dabalaa dhufeera.
5.✅Buna bilcheessuun Waa'een buna yoo ilaalle Itoophiyaan baqalaa Arabaa jedhamuun beekamti. Baqalaa kun lafa olka’aa keessatti kan biqilu yoo ta’u, qilleensi qabbanaa’aa fi oomisha bunaatiif mijataa dha.
6.✅Uffata Hodhuu fi Uffata Hojjechuu Kunneen daldala Itiyoophiyaa keessatti dagaagaa jirudha. Kanaaf sababoonni hedduun, gita giddu galeessaa uffata mimmiidhagoo barbaadu guddachaa dhufuu fi daldaltoonni gurguddoon tokko tokko qofti uffata qophaa’e gurguraa jiraachuu isaanii dabalatee.
7.✅Oomisha Meeshaalee Gogaa Industiriin gogaa Itiyoophiyaa industirii biyyattii keessatti dullooman keessaa tokko yoo ta’u, milkaa’ina al-ergii bara dheeraa qaba.
8.✅Qopheessuu fi Paakeejii Nyaataa Itiyoophiyaan damee qonnaa bal’aa waan qabduuf, qopheessuu fi paakeejii nyaataa qaama diinagdee barbaachisaa taasiseera.
9.✅Tajaajila Supha Biskileetii Daldala xixiqqaa hedduu Itoophiyaa keessatti dagaagaa jiran keessaa isa tokkodha. Tajaajilli suphaa biskileetii biyyattii keessatti lakkoofsi namoota biskileetii oofan baay’ee ta’uu fi geejjibni ummataa amanamaa ta’e dhabuu irraa kan ka’e ta’uu hin oolu.
#File Mobile Kessan irratti #Duplicate ta'ee iddoo mobile Kessanii qabatee jiru balleesuf #appi Install godhaa liinkii asii gadii banuun #Remove duplicate file and Install app
?✅?✅?✅?✅?✅
bit.ly/445EiyL bit.ly/445EiyL
bit.ly/445EiyLbit.ly/445EiyL
Telegramii Beeksisa hojii join godhaa #Share hiriyaa jaallatuuf godhi #Chaanela Beeksisa Afaan Oromoo
??
https://t.me/michujobs
https://t.me/michujobs
🔎 site:Egeree.com https://egeree.com Egeree.com - Egeree New Application – Google Search
Jaarmiyaan Obbo Kaasahuunfaa guyyaa dafqaan bultootaa addunyaa akka biyyaatti kabajamu irratti miseensota isaanii waliin ba'uun gaaffilee rakkoo hojjettootaan walqabatan gaafachuuf karoorfatanii sirnicha dhorkamee akka ture BBCtti himanii turan.
Yeroo sana gaaffii isaanii qabatanii qaama dhimmi ilaallatutti deemuun akka gaafatanis ibsanii turan.
Haaluma kanaan gaaffilee kunneen Ministira Muummee Abiyyiif wayita dhiheessan gaaffichi sirrii ta'uu fi irratti hojjetaa jiraachuu akka itti himan kaasan Obbo Kaasahuun.
''Achuma walga'ii sanarratti dhimmi kun akka irratti hojjetamu qondaaltota mootummaaf hoji-manee kennaa turan. Ka'umsi miindaas, dhimmi gibiraas ammoo qorannoo barbaachisa, waltajjiima tokkorratti kan deebii argatu miti. Garuu deebii abdii namaaf kennu nuuf deebisan.''
Obbo Kaasahuun akka jedhanitti ka'umsi miindaa sirrachuu qaba yeroo jedhamu, miindaan argamu haala qabatamaa biyyattii keessa jiruun jiraachisuu danda'aa? kan jedhuudha.
''Haalli gabaa jiru qoratamee isarratti hundaa'uun mindaan kana waliin deemuu danda'u ka'umsi isaa hanga kana jedhamee taa'a.''
Haalli gabaa ilaalamee mindaan sana madaalu yoo murtaa'e hojjechiisaan (kubbaaniyyaan) kamuu sanaa gaditti hin qacaru, ka'umsa mindaa murtaa'ee fi sanaa oliin qacara jedhan.
''Kana murteessuu jechuun hojjetaaf carraa guddaadha.''
Konfedereeshiniin waldaalee hojjettoota Itoophiyaa waldaalee 2300 kan of keessaa qabu yoo ta'u miseensota miiliyoona 1 ol qaba jedhan Obbo Kaasahuun.
Konfedereeshiniin kun kanaan dura Guyyaa Hojjetoota Addunyaa (May Day) Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti kabajuudhaaf sagantaan qabatee ture dhorkamuu isaatiin haqamuu beeksisee ture.
Konfedereeshinichi miindaan akka dabalamu, ka'umsi miindaa hojjetootaa isa gadi aanaa akka foyyaa'uufi murtaa'u guyyaa kanarratti gaafachuuf karoorfatee ture.
Gaaffilee kunneen amma ministira muummee Abiyyiif dhiyeessuu fi kallattii qabsiisuu ibseera jaarmiyaan kun.
Dhimmi ka’umsa miinda hojjettootaa (minimum wage) akka qoratamu Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangawoota mootummaaf kallattii kaa’an.
Roobii darbe (Hagayya 30, 2023) Ministirri Muummee Abiy Ahimed bakka buutota hojjettoota Itophiyaa waliin yeroo wal arganii mari'achuu Pirezidantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa Obbo Kaasahuun Foolloo BBC’tti himaniiru.
Qaala'iinsa jireenyaa biyyattii keessatti hammaateen hojjetaan mindaa argatee jiraatu daran miidhamaa jiraachuu fi dhimmoota rakkoo kana furuu danda'anirratti xiyyeeffachuun Ministira muummee Abiy waliin akka dubbatan himan Obbo Kaasahuun.
''Gibirri miindaa hojjetaarraa muramu akka gadi xiqqaatu fi miindaan ka'umsaa (minimum wage) akka biyyaalessaatti akka jiraatu kan jedhurratti mari'anneerra,'' jedhan.
Mindaan ka'umsaa akka jiraatu kanaan dura labsiin ba'uu kan ibsan Obbo Kaasahuun, ''akka labsii kanaatti boordiin dhaabbateetu kana murteessa. Boordiin kun ammoo labsii manni maree ministeerotaa baasuun dhaabbata. Kunis hanga yoonaa hin dhaabbatin jira,'' jechuun hanqina jiru ibsan.
''Boordiin kun dhaabbatee gara hojiitti akka seenuu fi qorannoorratti hundaa'ee miindaan ka'umsaa akka murtaa'u, kallattiin akka kaa'amu dhiheessine.''
Gareen hojjetaa, hojjechiisaa fi mootummaa irraa ijaaramuun walitti dhufee dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa irratti yeroo yeroon maria'atu- Advisory Board jedhamu waggaa lamaaf addaan citeeti kan ture jedhan Obbo Kaasahuun.
''Gareen rakkoo hojjetaa ilaalee mariin sirreessu kun akkanni itti fufu mari'anneerra.''
Gaaffilee fi yaadota isaan dhiheessan Ministirri muummee Abiy deebii abdachiisaa ta'e kennuufii dubbatan qondaalli konfedereeshinii waldaalee hojjettootaa kun.
Gibirri hojjetaarraa citu akka hir'atuu fi ka'umsi miindaa akka murtaa'u gaaffii dhiheessan irratti Ministirri Muummee kallattii kaa'uus himan Obbo Kaasahuun.
Rakkoo qaala'iinsa jireenyaa hojjettoota mindeeffamanii jiraatan mudatu gaafachaa turuu kan dubbatan Obbo Kaasahuun, ''haala kanaan carraa Ministira muummee fi ministiroota kaan waliin mari'achuu argachuun rakkoon kun furmaata akka argatu abdii namatti hora,'' jedhan.
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 1 day, 21 hours ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 weeks, 2 days ago