Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

Jechoota Gaggaarii️️

Description
👉Fuula Fb Keenyaa Like Gochuun Yeroo Mara Hordofaa Fb.me/Jechoota.gaggaarii

👉 Channel YouTube Keenya Kana https://youtu.be/l-byKcjI72s Subscribe Gochuun Nu Hordofaa
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago

1 week, 2 days ago
Balaa xiyyaaraa Seenegaal keessatti mudateen namoonni …

Balaa xiyyaaraa Seenegaal keessatti mudateen namoonni 11 madaa’an..!!

Balaa xiyyaaraa namoota 78 fe’ee ture Seenegaal keessatti mudateen namoonni 11 madaa’an.

Xiyyaarri Booying 737-300 BAN Daakaar irraa gara Maaliitti osoo balali'uu balaa 'skid' mudateen miidhame.

Xiyyaara kana keessa namoonni 78 kan turan yoo ta'u, namoonni 11 madaa'aniiru, sababni balaa kanaas qoratamaa jira.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

1 week, 4 days ago
Kafyaalew Tufaa Yaadetaa to'annaa seeraa jala …

Kafyaalew Tufaa Yaadetaa to'annaa seeraa jala oolee jira...!!

Namni kun jechoota jibbiinsaa garaagaraa fayyadamuun Amantaa Islaamaa fi hordoftoota Amantichaa yeroo dheeraaf karaa miidiyaa hawaasummaa irra-deddeebiin arrabsuun kan beekamu yoo ta'u dhaabbata Muslimoota biyya kanaa bakka bu'u Majliisa irratti qoosuun barruu hedduu maxxansuun isaa ni yaadatama.

Kafyaalew n namoota hawaasummaa Oromoo diiguuf baajata guddaan diinonni Oromoo bobbaasan yoo ta'u garee dhimma kana waliin milkeessan ijaaruun sochii bal'aa taasisaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

1 week, 4 days ago
Hizbullaah n Kaaba Israa'iil tti haleellaa …

Hizbullaah n Kaaba Israa'iil tti haleellaa Diroonii geggeesseen loltuu Israa'iil 2 ajjeese...!!

Erga lolli Waraanaa Gazzaa jalqabee as Hizbullaah fi Israa'iil gidduutti haleellaan geggeeffamaa kan ture yoo ta'u haaluma kanaan garee lamaan irraayyuu loltuun hedduu wareegamanii jiru.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

1 week, 4 days ago

Israa'iil Jiila marii ishee gara Masriitti akka ergitu amma murteessite...!!

Kaabineen Waraanaa Israa'iil ibsa amma baaseen garee marii walii-galtee dhukaasa dhaabuu irratti mari'atan amma hundeessinee jirra, garichis boru Masrii ni dhaqqaba jettee jirti.

Dubbi himaan Kaabinee kanaa ibsa amma kennaniin "Yaadi walii-galtee dhukaasa dhaabuu fedhii Israa'iil giddu-gala kan hin godhanne haa ta'uyyuu malee garee marii walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana irratti hirmaatan boru ni ergina!" Jedhee jira.

Haaluma kanaan jiilli marii walii-galtee dhukaasa dhaabuu Hamaas bor Masrii magaalaa Kaayiroo akka dhaqqaban kan himame yoo ta'u yoo milkaa'eef walii-galtichi sadarkaa 3n kan dhumu ta'a! Sadarkaa 3n kan goolabamu walii-galteen dhukaasa dhaabuu kun Hamaas Booji'amtoota Israa'iil gadilakkisuun Israa'iil ammoo loltoota ishee Gazzaa keessaa baasuun jalqaba, adeemsuma kanaan sochiin Gazzaa marsuu Israa'iil akka dhaabbatu ni taasifama jedha Aljazeera n.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

1 week, 4 days ago

Hamaas walii-galtee dhukaasa dhaabuu fudhate...!!

Hoogganaan Hamaas Ismaa'iil Haniyi n walii-galticha akka fudhatan galgala kana Pirezidaantii Turkii Rajab Xayyib Erdogan tti kan himan yoo ta'u yaada walii-galtee dhukaasa dhaabuu kan dhiheessan Biyyoota Qatarii fi Masriif ifatti walii-galticha akka fudhatan galgala kana beeksisanii jiru.

Kanuma hordofuun amma kan eegamu yaada Israa'iil dha! Israa'iil yeroo duula waraanaa Magaalaa Raafah labsitee geggeessuuf imalaa jirtu Hamaas walii-galticha fudhachuuf murteessuun isaa dhimmicha muddama keessa seensisee jira.

Israa'iil dhimma kana irratti yaada 2 muddama keessa seentee jirti:-

1 Walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana yoo fudhatte keessoo isheetti qoodamiinsa siyaasaa ol'aanaa tu ishee mudata! Beniyaamiin Netaniyaahoo n shakkii tokko malee aangoo isaa dhabuu mala, Ben Gevir fi kanneen isa fakkaatan namoonni siyaasaa finxaalawoo Israa'iil walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana Israa'iil akka hin fudhanne dhiibbaa taasisaa kan jiran yoo ta'u walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana yoo fudhatte Israa'iil akka injifatamteetti fudhatama jedhanii wawwaataa jiru.

Hamaas haga dhumaatti yoo hin barbadoofne humna Waraanaa isaa kan durii caalaa jabeessee dhufa sodaan jedhu Israa'iiloota biraa maddaa jiraachuun isaa gufuu guddaa walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana sakaaluu malu dha.

2 Israa'iil walii-galtee kana fudhachuu yoo didde ammoo ifatti hawaasa idil-addunyaa waliin wal dhabdi! Walii-galtee kana kan hin fudhanne yoo ta'e qoqqobbii hedduu keessummeessuu akka dandeessu diippilomaatiin Israa'iil duraanii Alon Liyal Aljazeera tti himee jira!! Murtee kana kan murteessitu yoo ta'e Israa'iil michoota ishee dhabuu dha dandeessi, Beekamtii Ameerikaan kan qophaa'e walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana fudhachuu dhabuun dhiibbaa idil-addunyaa balaafamaaf Israa'iiliin akka saaxilu diippilomaatichi akeekee jira.

Israa'iil walii-galticha yoo didde biyyoonni Addunyaa mufachuun beekamtii biyyummaa Falasxiiniif kennuu malu waan ta'eef murteen 2ffaa kun Israa'iil f ulfaataa dha! Yeroo ICCn Aanga'oota Israa'iil irratti ajaja hidhaa qopheessaa jira jedhamee dubbatamaa jiru kanatti murteen Israa'iil murteessitu muddama keessa seenuun isaa waan oolu miti.

Xumura irratti Israa'iil murtee 2 kana keessa tokko filachuuf ni dirqamti, Gaaga'ama siyaasa keessoo ykn dhiibbaa ulfaataa idil-addunyaa!!

Hamaas yeroo filatee murtee bilchaataa murteessee jira!

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

1 week, 4 days ago

Hamaas waamicha dhukaasa dhaabuu Israa'iil irraa guyyoota muraasa dura dhihaateef fudhachuu galgala kana beeksisee jira.

Bal'ina isaa isiniif barreessuun yaala, mataa na dhukkubaa jiru obsee.

2 weeks, 3 days ago
2 weeks, 4 days ago

Ameerikaan Mana Murtii Idil-addunyaa (ICC) akeekkachiiste...!!

Manni Murtii Idil-addunyaa hooggantoota biyya michuu ishee Beniyaamiin Netaniyaahoo fi qondaalota ol'aanoo Israa'iil irratti ajaja hidhaa kan dabarsu yoo ta'e Ameerikaa n dhaabbaticha irra qoqqobbii ol'aanaa akka keessu akeekkachiiste! Abbootiin seeraa Ameerikaa ibsa guyyaa har'aa kennaniin Manni Murtii Idil-addunyaa kan maqaa ICC jedhuun beekamu hooggantoota Israa'iil irratti murtee hidhaa kan dabarsu yoo ta'e adabbiin Ameerikaa irraa isa eeggatu ulfaataa dha jechuun ifoomsanii jiru.

Ameerikaan dhaabbata kana irra qoqqobbii kaa'uu qofa osoo hin taane aanga'oota dhaabbatichaa irra dhorkaa imalaa akka keessus dabaluun akeektee kan jirtu yoo ta'u ICCn hojii isaa kana irraa saffisaan akka dhaabbatuufi hooggantoota Israa'iil irratti ajaja hidhaa dabarsuu irraa akka of qusatu hubachiistee jirti.

Biyyi ani waardiyyaa Diimokiraasii ti jettee munaagduu fi Abukaatoo mirga namoomaa gootee of waamtu, Kan maqaa Diimokiraasii n biyyoota hedduu mancaastee balleessite Impeeriyalistittiin Ameerikaa akka bara kanaatti of salphistee hin beektu! Biyyi akka Ameerikaatti dhiittaa mirga namoomaa raawwatuu fi deeggaru akka hin jirre Addunyaan amma mirkaneeffatee jira.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

2 weeks, 4 days ago

Yaada walii-galtee dhukaasa dhaabuu Israa'iil dhiheessite...!!

Walii-galteen dhukaasa dhaabuu Hamaasi fi Israa'iil dhiibbaa biyyoota hedduu booda gara maayiitti dhihaachaa waan jiru fakkaata! Walii-galtee dhukaasa dhaabuu kanaaf weerartuun Israa'iil haal-duree ishee tarreessitee jirti, Haal-duree Israa'iil kanaaf deebiin Hamaas irraa kennamu akkuma eegametti jira.

Haal-duree dhukaasa dhaabuu lola Gazzaa kanaaf Israa'iil keesse qabxii lamaa kan of keessaa qabu yoo ta'u inni jalqabaa:-

- Qabxii jalqabaa kanaan haal-duree n Israa'iil keesse Hamaas Booji'amtoota Israa'iil baayyinni isaanii 20 haga 33 dhaqqabu gadi-lakkisuun Israa'iil ammoo gama isheetiin walii-galtee dhukaasa dhaabuu torban 6f turu ni taasisti.

- Qabxiin lammaffaa yoo haal-dureen qabxii jalqabaa keessa jiru milkiin xumurame Booji'amtoonni Israa'iil hafanii fi loltoonni akkasumas reenfi isaanii haala inni ittiin deebi'uu danda'u irratti darbees lolaa fi waraana tokko malee marii geggeessuu fi hanga dhumaatti dhukaasa dhaabuuf walii-galtee taasifamu irratti marii ni taasifna kan jedhu dha.

Haal-duree fi wixinee nagaa buusuu Israa'iil dhiheessite kana irratti Hamaas deebii kennuuf qabxiilee Israa'iil keesse kana xiinxaluun irratti mari'achaa kan jiru yoo ta'u Hoogganaan Hamaas Yaahyaa Sinwaari deebii inni sa'aatii 24 kana keessatti kennuu eegamaa jira! Asiin dura yaadi dhukaasa dhaabuu qaamota biraa qofaan dhihaachaa kan ture yoo ta'u amma garuu Israa'iil mataa isheetiin yaada dhukaasa dhaabuu kana ofii isheetiin dhiheessuun ishee carraa milkaa'uu walii-galtichaa ni bal'isa.

Amma murteen walii-galtee dhukaasa dhaabuu kun harka Hamaas qofa kan jiru yoo ta'u Hamaas yaada Israa'iil dhiheessite kana irratti kan waliif-galu yoo ta'e torban 6 dhufuuf Gazzaan sagalee Misaa'ilaa fi dhukaasa Meeshaalee Waraanaa irraa ni obbaafatti.

Ameerikaan gama isheetiin yaada Israa'iil dhiheessite kana irratti ibsa kenniteen "Yaada gaarummaa guddaa gidduu-gala godhate" jechuun Israa'iil kan dinqisiifatte yoo ta'u murteen harka Hamaas jiraachuu isaa akeektee jirti.

Israa'iil lola Waraanichaa erga jalqabdee baatii 7 kan guute ta'us garuu lolichaan Israa'iil karoora waraanaa ishee tokkollee kan milkeeffatte hin qabdu! Hooggantoota ol'aanoo Hamaas kan ajjeestes ta'e kan boojite kan hin qabne Israa'iil kanuma hordofuun Hamaasiin balleessuu akka hin dandeenye hubachuu isheetiin darbees dhiibbaan idil-addunyaa ishee irra gahaa jiru ulfaataa ta'uu isaatiin walii-galtee dhukaasa dhaabuu kana akka dhiheessitu ishee dirqisiisee jira!! Hamaas ammoo gama isaatiin tibba kana tarkaanfii inni loltoota Waraanaa Israa'iil irratti fudhachaa jiru kan durii irra hammeessee kan jiru yoo ta'u kaleessaaf har'a qofaatti axxee hidhuun loltoota Waraanaa Israa'iil danuu isaanii galaafachuun dhumaatii loltoota Israa'iil saffisiisee jira.

Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii

2 months, 3 weeks ago
Jechoota Gaggaarii️️
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago