Walaloof baacoowwan 😁

Description
Walaloowwan jaalalaa fi baacoowwan hidhii walitti nama hin qabachiisne yoo barbaaddan ......
YouTubehttps://www.youtube.com/@milkiitubes
Yaadaaf qeeqa qabdan karaa @wabiif na biraan gahuu dandessu
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes

1 week, 5 days ago

Dhoqqeef bosoqqee'rraa
Bidiruun hin soofamu,
Galaana goge irrattis
Tasumaa hin oofamu !
Bosoqqee bor cabu irraa
Dhiisi bidiruu soofuu,
Namni namaan oofamu
Tasa bidiruu hin oofu !
Argamtee mullachuuf
Ifaajjee hin dadhabin
Dhiisi yaa namana-dhoqqee bareechitee
Waliin hin caccabin !

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

2 weeks ago

Dhirsishee manaa baanaan
Abbayya daakuu dhaqxe
Durayyuu dirqiif teesse
Gaangeen hidhaa kutatte

Tokko nyaaraan xaqasti
Dhirsa bira osoo teessuu
Dubartii hanna barte
Dheegdeefis hin dandeessu

Akka hiriyoota kee
Hojii ooltees dadhabdu
Dubbiin manaa si eegdi
Galtees boqonnaan qabdu

Maal nyaatteef eessa oolteen
Mataa si dhukkubsiti
Ati beekaa callisnaan
Arraba si quubsiti

Aariin laphee qolloftee
Si bulchitiim hagabuu
Dubartii akka kanaa
Waaqayyo sirraa qabu.

Dhiira laaxxee yoo taate
Ameen jedhii fudhadhu
Fuutee jirta yoo taate
Carraa keetiim gubadhu!

Akkasaatti danda’i
Bultii lama hin dhaabani!
Dubbiin dhimma wal shakkuu
Hin cima kanaafani!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

2 weeks, 1 day ago

Kaan ofiisaan ooda
Kan waliisaa qooda
Tokko jajuun wal raasa
Tokko madoodhaan hasaasa
Kaaniin maraate jedhu
Maraataa fayyoomsuu fedhu
Waanti lafa kanaas na dhibee
Utuu fayyaan wal jibbuu
maraataan wal dhaqqabee😳
Lafa nagaa oolaa!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

2 weeks, 3 days ago

https://www.facebook.com/ArraataONM/videos/413324391335561/

Facebook

Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

3 weeks, 2 days ago

Waloo Araarsaa Jabeessaa tiin
.
Kutaa 76ffaa Jaal Battee Waliin 😭

Ana

Seenaa lubbuu qabu
Garaatti nu naqxee
Biyya galli hin jirre
Hacee bira dhaqxee ?

Jaal Battee

Eeyyee an deemeera
Iddoo gootota haqaa
Ajjeestee na gatte
Impaayerri raqaa

Ana

Dhugaa wayya jette
Cooma cubbuu lagattee
Addakee rasaasaaf
Laattekaa Jaal Battee

Jaal Battee

Halkan walakkeessa
Ciisaa na kaasanii
Rasaasota ja'a
Na keessa baasanii

Ana

Anaani garaamiikoo
Yaa Battee Urgeessaa
Goota dhugaa malee
Hin beekne fakkeessaa
Goota qixxee hin qabne
Tokkicha hanga kitilaa
Dhiiga kee lola'een
Goota xiiqiit biqilaa

Jaal Battee

Dhalootni of gatee
Marmaratee ciisee
Hunduu oduu malee,
Gumaa baasuu dhiisee
Ani kanan jedhi
Dhamsa ani dhaamuu
Yaa dhaloota qubee
Hin ta'iinaa haraamuu

Ana

Dhaloota barii boo'ee
Waaree booda ragadu
Sinsinnooftuu taane
Fixeensa argame badu

Jaal Battee

Ilaamee Sabakoo
Saba lafee dugdaa
Gumaakoo naaf baasaa
Gatii dhiiga furdaa

Ana

Hin hafu gumaankee
Har'aaf oolee bulus
Siif baasa dhalootni
Guyyaan isaa turus

Jaal Battee

Dhoksuu yoo yaalanis
Ifa jira haqnikoo
Gumaakoo naaf baasa
Hin dhiisu waaqnikoo
Reeffa nama dhugaa
Bineensuu hin nyaatu
Warra na nyaataniif
Barumsa haa taatuu
Namni na nyaannaan,
Waraabessi na dhiise
Yeroon reeffa ta'e
Hurufa galee ciisee

Ana

Ciisichaa kaasanii
Yoo si geessan bakkee
Waan dubbatte qabdaa
Galgalicha yaa Battee ?

Jaal Battee

"Maaliif na ajjeestu
Yaa dhaloota nanaa
Kan harki hidhamee
Ajjeefamuu anaa ?"
Jedhee isaan gaafannaa,
Garaa jabaatanii
Ijoolleekoo irraa
Biyyeef na laatani

Ana

Jechan dhabe Gootakoo
Akkam jedhu maaloo 😭
Kanarra hin dubbadhu
Dhaamsa qabdaa Jaaloo ?

Jaal Battee

Haadhakoo naaf gorsaa
Dhaqaa naaf dubbisaa
Waan qabdan gumaachaa
Ilmaankoo guddisaa
Dhalootaaf jiraadhaa
Dhiisaa bu'aa garaa
Tokkummaa qabaadhaa
Sabakoo hadaraa
Jireenya bor darbuuf
Walitti hin maliinaa
Cooma dharraatanii
Qe'ee gumaa hin galiinaa
Nagaatto qomookoo
Yaa qomoo marartee
Utuun siif dadhabuu
Lubbuunkoo dabartee

Ana
Oolmaakee lakka'een
Dhalootatti odeessaa
Nagaatti Gootakoo
Jaal Battee Urgeessaa
Imimmaankoo kuni
Galaa siif haa taatuu
Lubbuukeef waaqayyo
Boqonnaa haa laatuu

Araarsaa Jabeessaa

@walaloo430
@walaloo430

3 weeks, 3 days ago

#Jaal_Battee!
Hireema keetitu hiree bade malee
ta'ee hiree moofaa
Sireerra teesseetu nyaachuu qabda ture atoo miti doofaa!
Dachiima keenyatu aadeffate malee
Gaarii kutuuf q*luu
Kabajamuu qabda akka hayyummaa keef isa kan sii malu!

Silaahoo...
Dhiphina siyaasaa biyya hamtuu kanaaf yaada gaarii laattee
biyyaaf taatee furee
Duubaan si hidhanii karaa dariirratti
dhiiga kee lolaasuun
siif hin malu ture!

Akka gaarummaa keef ijoollee keetirra buluu ituu qabduu
Si galaafattekaa carraan jireenyakee
taatee ishee dabdu!

Kaayyoo goototaarraa isa kamiin nyaattee
Imaanaa maal gattee?
Seenaan kee hin du'u boollaa ol jiraata
Nagaatti jaal Battee!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

2 months, 4 weeks ago

Amma ...🤔

osoon riqaa siif ta'ee
Riqicha boolla hamaa
ofii ceetee na kuffista
namni yoomuu shakkama

osoon lafa siif ta'ee
narra deemtee hamma yaaddu
nan beeka guyyaa tokko
gaarummaa kankoo haaltee
hamenya akka naaf yaaddu

otuma wal jaalannee
siif arjoomee dhiigakoo
naaf hin taane dhiignikee
naan jetta guyyaa tokko

osoon bishaan siif ta'ee
dheebuukee seeraan baase
osoon midhaan siif ta'ees
kalakees achi kaasee

hin haalta guyyaa tokko
gaarummaa waliin tarree
naan jetta achi ilaalte
iji kiyyaa hin agarre!
By Let's Negeri

@walaloo430
@walaloo430

3 months ago

SIN_DHABU
~
Sirraa adda na baasus
Golfaaf dhibeen baraa
Akkaman si buusee
Yaada wanta yaraa
~
Na keessaa hin foxxoqxu
Nii jiraatta boontee
Jireenyi du'adha
Yoo na dhiistee deemte
~
Onneekoo walakkaa
Mana qabda ijaartee
Ol-naan kaafatteetta
Dhugaan na gargaartee
~
Gaafa qorraaf cabbiin
Darabeen na tume
Humni jaalalakee
Takkaa hin beeku dhumee
~
Gaafa aduun saafaa
Gube mara yaabee
Situ dibaabeekeen
Gaaddisa naaf dhaabe
~
Yeroon abdii kutu
Dhuftee na barbaadda
Maarree akkamitti
Oonneekoorraa baddaa?
~
Sin gatu dhugaadha
Irbuukee rarraasee
Siifan bakka qaba
Kophaattillee baasee
~
Siin alatti boris
Fakkaattiikee hin qabu
Sin mararsiifadha
Jaalladhee sin dhabu
~
Jiraadhu boontuukoo
Sabboontuu hintalaa
Kan sitti na hidhe
Soba-miti jaalala.
~
@walaloo430
@walaloo430

3 months ago

Osoo akka afaankee
Ta'ee yaadnikee sirrii
Silaa sabni guddaan kun
Nagaarran fedhu birrii
Situ arrabaan sobee
Garaat hammina baata
Badhaadhina afaaniin
Hunduu du'aaf wal laata
Har'a jiraachuuf jedhee
Nagaa afaanii labsa
Ofiima seera tumee
Jalqaba ofii cabsa
Egaa
Si arrabses si gorses
Dhiisiif silaan dhageessu
Waaqni saba garraamii
Lafan galle sanatti
Nagaan si haa gaggeessu.

@walaloo430
@walaloo430

4 months, 3 weeks ago

Kan rabbi waliin uume
Namni hin baasu gargari
Araddaa tufaa munaa
Qe'ee keenya shaggari!
~~
Ormaaf garaa bal'attee
nuuf qabaattus sinsinnee
Uumaan walittii qabna
Firooma addaan hin- cinne,
Seenaaf seeraanis tokko
Adda'n baanu Finfinnee..!
~~
Qallittii hanga jaatoo
Biyya soraa lumee ti
Sodaatee harka-n lannee
Kumaatamaan dhumeet!.
~~
yaa araddaa gafarsaa
Biyya Axaalee jaatanii
diddaa gabrummaa sanaan
du'uun biyyee taatani!
~~
Awwaareefi kaazanchiis
Daalattii'f' Araat kiiloo'
Duulaa Ara'ee'tu qota
Camadee daaleef giiloo!
~~
Eekkaadhaafi Qabbannaa
Qe'ee Habeebee Tufaa
Diinni hamaa itti yaadee
gaaduuf adeemee kufaa
'shoolaafi magganaanyaa'
hanga boolee ga'utti
gootummaan tiksaa ture
Hanga biyyee ta'utti...
~~
Biyya Dammoo Daadhii ti
Haqaaqiif Boolee kibbaa
osoon yartuun nun dhaalin
saba kootu irraa sirbaa!
~~
shiroo meedaa' jedhanis
Araddaa caffee tumaa
Seenaa rirmi hin nyaatu
Abbaa biyyaatu numaa!
~~
Dirree hurufa boombii
yoo jedhanis " jaan meedaa"
Margatu irra ture
dur loon keenyatu dheedaa!
~~
"Kaazanchis" jarri jedhan
nu qarsaa jennee waamna
Seenaan jiruu utuba
dhaloota dhufuuf dhaamna!
~~
"Araadaa goorgis" jedhan
Ganda birbirsa yaa'ii
Dur Marii guullalleeti
qoradhu ; barii ta'ii!
~~
Sabaattenyaa'hin beeknu
Keenya qarsaa jabbiitii
"Tekle haymaanots' sunis
Dur sulula Garbiiti.
~~
'Xuqur anbassaa 'jedhan
Araddaa Baaroo kormaa
Maqaa hangafaa qabna
Hin baannu waaroo ormaa!
~~
Rugaa'eli nuun jedhaa
ganda adaamii tulluu
fuggisoo kanaa jiruu
akkamiin woliin bulluu?
~~
Araddaa Tiksee jimaa
jamoo fi raphii labuu..
Dachee keetu warqiidha
Kanaaf siif qalbii dhabu!
~~
Finfinnee fi holataa
Ejereef boolla worqee
Ooyiruu keenya nu saame
Alagaatu nu qorqe!
~~
Oromiyaa cabsanii
Qe'ee nu buqqisanii
saba orma gargaaru
Gabrummaan huqqisani!
~~
Araddaa abbaa keenyaa
kosii jaraan faalanii
nurratti wol horanii
qe'ee keenya dhaalanii!
~~
Bakka faajjii nageenyaa
dhagaa araaraa diiganii
finfinnee hundeeffatani
kanaaf qoomoon dhiigani!

@walaloo430

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated hace 1 mes, 1 semana

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated hace 1 semana, 6 días

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated hace 1 mes