Bilchina Sammuu 🏆

Description
• Dubbiilee hayyootaa
• Gorsaa fi Xinsammuu
• Ergaalee kitaabaa
• Seenaa beektotaa
Join Us https://t.me/Barruu_Bektoota
Bilchina sammuu https://t.me/Bilchina_Sammuu
Namuusa Namuummaa
https://t.me/Namuusa_Namuummaa
Contact me @Guluma_Hailu0912
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 3 weeks, 4 days ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 1 month, 2 weeks ago

4 months, 3 weeks ago

Waan sirrii jabeeffachuu fi kan sirrii hin taane sirreeffachuu malee walitti qabanii harka reebuufiin nama hinsiiqsu. Nama waan dogoggoraatti akka sirriitti hamilee namaaf kenne caalaa namni nama miidhe jira natti hin fakkaatu. Namni akkanaa akka hin barre nama godha; dogoggoras hundeen dagaagsa. Sirriin sirrii jedhee, dogoggorattis quba qabee kan namatti himu qajeelchaadha. Kanatu nu barbaachisas.

Waan amaleeffanne tokko qabna. Nama sirrummaa keenya nutti himu olkaafna; kan nu jajes ni jajna! Nama mudaa keenya nutti agarsiisu immoo ni balaaleffanna.

Sababa malee olkaasuu fi gadi buusuu! Kana sammuutti qabanneetu yaada barbaachaaf waa qabannee gara nama biraa deemna. Ajaa'iba! Durayyuu sirrummaa keenya qofaa dhagahuu feenaa maaliif gara nama biraa deemnee nama biraa qorra? Ani beekaa!

Dhumni shaakala akkanaa komii fi hamii ta'a. "Abaluun hojii koo gadi buuse. Kana immoo sababa malee hin jenne, ana irraa dhimma dhuunfaa qaba. Maal narraa qabaa? Maaltu keessa isa galche? Na goomateetu... gufuu natti ta'uufi... Muu!" Jechaa gara komii fi maqaa balleessiitti deemna.

Namuma silaa gargaarsaaf itti dhiyaanneen maaltu isa galche jennee komanna. Ofuma keenyaa yaada gaafannee yaada balfina, ofuma keenyaa nama tuqnee nan tuqame jenna. Kana summichi! Summii guddina keenyaa!

Wantin jechuu barbaade ifaadha! Sirriidhaan sirrii, dogoggoraanis dogoggora jechuun fala. Hamma kana hin taanetti, kan dabe hin sirratu, muuxannoon barbaachisus hin argamu. Kanaaf falli, waan sirrachuu qabu sirreessuudha. Madaala sirrii fi kan dogoggoraa adda baasuutu furmaata. Gochaan kun, dogoggoraa fi sirrii adda baasee fudhatamummaa isa sirrii ol kaasa. Kanaafuu sirrachuufis ta'e sirreessuuf qophaa'aa haa taanu. Walitti qabnee jajuu fi dimshaashumatti gadi buusuu irraa of eeguu haa barru. Waan goonu hundumaa keessatti hubannaan haa mul'atu. Akkanaan egeree keenya, egeree dhalootaa haa faayannu. Egeree sirriin waanuma sirrii irraa madda!

?Join
https://t.me/+AIgxvEi9SCQ1YTA0

4 months, 3 weeks ago

Namni kamiyyuu Jireenya milkaa'aa, karaa milkaa'aa fi Gabaa milkaa'aa Keessa jiraachuu akka barbaadu waan irratti mari'atamu miti.

Milkaa'inaaf sababni:- haala jireenya maatii kee, haala biyya keetii fi iddoo jireenya keetii utuu hin ta'in,
Karoora,
Sagantaa,
yaadaa fi
Ilaalcha mataa keetiif qabdu irratti hundaa'a.

Furtuun Milkaa'inaa Dandeettii fi Humna qabduun haala kamiyyuu keessatti of jijjiiruuf kutannoo jijjiiramaaf ati gochuu qabduu dha.

Mee har'aaf Wantoota 4 milkaa'inaaf barbaachisoo ta'an haa ilaallu:

Wanta barbaadduu fi eessa akka adeemtu murteessi!
—(Decide what you want and where you want to go)

Galma xumuuraa qopheessi! Galmicha gahuuf karoorsi!
—(Set a deadline and make plan to get there)

Karoora kee irratti hojjadhu! guyyaa guyyaadhaan kallattii galmichaatti imali!
—(Take action on your plan; do something every day to move toward to your goal)

Hanga milkaa'inaatti Gonkumaa:
hin dhaabatin!
hin laafin !!
harka hin kennin!
—(Until Succed, you will never give up)
https://t.me/+AIgxvEi9SCQ1YTA0
https://t.me/+AIgxvEi9SCQ1YTA0

4 months, 3 weeks ago

Gamni gorsa dhagaha

Dargagummattii wanti ani yaadu hunduu sirriidha yaada jedhu keessa bahi, waan hundayyuu arge malee hin amanu hin jedhiin, dhagahanii amanuun, warra dogongorerra barachuun hubannaa ta'uusa hin dagatiin!

Beekumsa nama waggaa 80 argachuuf dirqama umuriinke 80 ta'uu hin qabu, warra umuriin isaani 80 guute hubannan dhaggeeffadhu     
                                                                                              gorsa yoo dhaggeffatte tola baratta, gorsa dhagahuu yoo didde garuu gatii kanfaltee akka barattu beeki, gatii kanfalanii barachuun dadhabsiisaa akkasumas nama gaabbisisa
gamna yoo taate waan namarra gaheerraa baratta gowwaa yoo taate garuu gaafa sirra gahu irraa baratta     
                                                                                     waan agarte mul'isi, waan sitti hin mul'atiin dhiisi, waan sirritti hin hubanne hin barsiisiin, waan hin dhamdhamiin nama hin afferiin, waan dhageesse hunda hin amaniin, waan haasofte hundaan sirridha hin jedhiin

kan laatte irranfadhu malee hin odeessiin, dhumasaa osoo hin argiin galata hin bayisiin, osoo aduun hin dhihiin guyyaan kun bareedadha hin jedhiin   
                                                      ijjikee waan fulduraan argamu yoo yaadeyyuu garaanke boodasaa waan dhufu ha yaadu, waan boriirra akka geessuf isa kaleessa in dagatiin, karaan irra deemtu akka si jalaa hin badnetti karaa irra dhufte hin dagatiin.           
                                                                                      hojii gaarii abboota fkn godhadhu, jireenya isaan dabarsanirraa baradhu malee jajjuus cabsituus hin ta'iin, namoonni kan biraa waan isaan ta'uu qaban gaafa bartu ati waan ofii ta'uu qabdu akka si jalaa hin badnetti of eeggadhu  
                                                               jallinni si hin ho'isiin waan gaariniis sitti hin qorriin, jal'inaaf dandeettii yoo qabattee waan gaariifis dandettii waan qabduuf hojiin kee filannoo keerratti waan hundawuuf itti yaadi.

Kanan dubbiserraa
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Waliif qooda #join godha
:¨·.·¨: ❀?  
 `·.  Gulumma
https://t.me/+AIgxvEi9SCQ1YTA0

4 months, 3 weeks ago

https://t.me/+AIgxvEi9SCQ1YTA0

Telegram

Bilchina sammuu

√√√√√√√ ***💌******💌******💌*** √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ***❤️******💚******❤️*** √√√√√√√

Bilchina Sammuu 🏆
4 months, 3 weeks ago

Of ta'i (be your self)

"Of taatee dhalattee akka of taate beektee jiraattuuf, waanjoo ormaa jalaa ba'ii mul'ata kee faana bu'i" Ati gaafa dhalattu suma mataa kee taateeti maaf tarsiimoo fi imaammata nama biraa hordofta?

Ati dhaloota hordofaa miti. Dhaloonni hordofan nama biraaf mitii ofiifiyyuu furmaata ta'uu hin danda'u, ofiif iyyuu furmaata barabaada.Dhaloonni of ta'e addunyaaf furmaata kaayyoo itti dhalatte beektee, naannoo kee waliin hariiroo gaarii uumtee, fuulduratti yoo aggaamte of ta'uun kee ifaa fi bilisa.

Yaa ilmoo namaa..! Eenyummaa kee beekii of ta'ii tokkicha gita hin qabne! Kennaa addaa addunyaa kanaati. Namni tokkoyyuu bakka si hin bu'u.Ati bakka biroo hin buutu erga akkas ta'er of ta'i of ta'i...!

Namoota addunyaa kanarratti milkaa'ani namoota kaayyoo isaan irratti hanga lubbuu ofii laatanitti ga'an.Ati garuu haala mijataa fi hin mijanne keessa dhaabattre obsa maaliif dhabdaree.? Namni of ta'an of danda’oodha, namni of ta'an humna guutuu qabu..!

Atis akka kee ta'i!
https://t.me/Bilchina_Sammuu

4 months, 3 weeks ago

"kufaatiin qamaa jireenyaati, hin kufnu taanan hin barannu, hin barannu taanan Gonkumaa hin jijjiiramnu. "

GALMA namni qabu nama kayyoo qabu namni kayyoo qabu immoo rakkoo miti rakkoof furmaata arga jireenya hadhaa'aa har'aan miti qabeenya har’aa qabuuniis miti kayyoo jiraatuf beeke jireenya guutuu abdii keessa isaan jiraata

Yeroo tokko tokko taate har’aa rawwaatnu ilaalame namoota tokko tokkof waan kayyoo hin qabne itti fakkaata dhugaan isaa garuu jireenya keessatti dogoggorri karaa lamaa akka uumamu beekuudhaan kan jalqabaa maatii, oollaa, hiriyoota ykn gaggeessaa keenyaan dhiibbaa nurraa Ga'uu ta'u danda'a ; kan lammaaffaa jireenya nuti haalota bakkeen mul'atan to'aachuuf tasifnuudha . yoo ati amantee ni fudhaata taate ilaalchi jal'aan jireenya kee irraatti dhiibbaa hamaa ati tasumaa mo'aachu hin dandeenye siif uume darba.

Namootni si qeequf aango guutuu qabu Sababni isaa eenyummaa kee isaa sirri si caala kan beeku hin jiru Kanaaf namootan nan qeeqiin jechuuf aangoo hin qabdu guddummaa fi kabaja kee garuu situ eeggachuu danda'u qaba.

Yoo Dhugumaa kayyoo hin qabdu taate galma hin qabdu ceephoon namoota jireenya kee irraatti ba'aa guddaa ta'uu danda'aa.

Jireenyi kayyoo hin qabne garba nama godhaa garbummaan immoo nama qofaan miti Waantootni jireenya nama hin jijjiirre kamiyyuu garba namaa godhaatanii kayyoo ofii irraa addaa nama baasu.

Namni kayyoo isaa hin beekne immoo jireenyi isaa borii duwwaadha Kanaafan jiraadha waan jedhuu tokko hin qabu. namni waan bor jiraatuf hin qabne immoo abdii hin qabu namni abdii hin qabne jireenyi isaa gammaachuu hin qabu namni gammaachuu hin qabne uuma wajjiin wal komata.

Qabeenyi gatii jabeessi karaa duraa hin jiru bu'aa ba'ii hedduu bodaa kan argachuun danda'amu yoo Dhugumaa badhadhummaan jirachuu barbadnaa taane dandeetti dhokataa keessa keenya jiru beekne itti hojjeechu qofan.
https://t.me/Bilchina_Sammuu

4 months, 4 weeks ago

Waan barbaadde qofa irratti xiyyeeffadhu!

  1. Sammuu kee keessatti, bu'aa barbaaddu irratti yaadi!

  2. Qabatamaan: Namoota bu'aa barbaadan beekan waliin ta'i!

  3. Miidiyaalee bu'aa keetiif karaa si agarsiisan qofa hordofi!

  4. Kitaabilee bu'aa barbaaddu akkamitti akka argattu sitti agarsiisan dubbisi!

  5. Hojii gara waan barbaaddutti si geessu guyyaa guyyaan, tolaan illee, jaalala onnee keetiin hojjedhu!

  6. Rakkoo, qalbii keetiin baattee deemuuf fedhii hin qabaatin!

  7. Jecha keetiin yeroo hundumaa waa'ee fedhii keetii haasa'i!

  8. Waa'ee waan ta'aa jiruu osoo hin taane, waan ta'uu barbaaddu haasa'i!
    Guyyaa guyyaan wantoota kana qofa hojjedhu!

  9. Halkan kontiraata kee cufiitii waan boriif sirreeffamuu qabu yaadi!

  10. Halkan utuu hin ciisin dura daqiiqaa digdamaaf siree irra ciisiitii jireenya akka fiilmii bal'inaan jiraattu yaadi! Kanas akkuma ganama hirriibaa kaateetti raawwadhu!

  11. Fedhii keetiin kana yommuu gootu qalbiin kee ofumaan gara yaada gaarii bu'aa addaatti si geessa! Sana booda fedhiidhaan qalbii kee gara yaada fedhii keetti si geessa. Kun salphaatti qalbii leenjisuu jechuudha. Kana irra deddeebitee yommuu gootu bu'aa dinqii karaa miidiyaa namoota hedduu barsiisuu dandeessu argatta.

Namni bu’aa yaada isaa lafa irratti argamuuti. Gaaftokko seenaa milkaa'inaa kee ummataaf yeroo dhiheessitu nan arga.

Hiriyootaaf share godhi!
https://t.me/Bilchina_Sammuu

5 months ago

#Yaa_Ilma_Koo...!
Yaa ilma koo...

Bara jiraattu hunda dhugaaf akka jiraattun si gorsa. Addunyaan kun namoota dhugaatti cichaniif bakka mijattuu akka hin taane wallaalee miti. Sana inuman beeka. Addunyaan kun dhagaa sobaan bu'uureffamtee, keenyan sobaan ijaaramtee, utubaa sobaatti hirkattee jirti. Addunyaa goodaa hanga gararraatti ribuu sobaan walitti hidhamtee jirtu kana keessa jiraachaa dhugaaf jiraachuun gatii hadhawaa akka si baasisu nan hubadha. Garuu waan tokkotu jira: Jireenya sobaa jiraachuu irra du'a dhugaa du'uu wayya! Maal jechuun barbaade seete? Nama jireenya sobaa jiraatu irra isa du'a dhugaa du'etu seenaa qaba.

Carraa argatte hundaan soba balaaleffadhu. Hiriyyoota sobaa naannoo kee jiranis adda baafadhu. Hiriyyoota dhugaa warra sobaa irraa adda baafattee beekuun hojii salphaa sitti hin fakkaatiin. Sababni isaas uumama Waaqni uume keessaa kan akka dhala namaa sobee fakkeessu hin jiru. Keessoo sobaa irratti bullukkoo dhugaa uffatanii, namoota dhugaa otoo hin ta'iin of fakkeessanii kan jiraatan lakkoofsa hin qaban. Ati immoo ala isaanii malee keessa namootaa arguu hin dandeessu. Maaliif? Ati Waaqa miti; nama qofa waan taateef.
Hiriyyaan dharaa qoraattii dhoqqee keessaan tokko. Gaarummaa isaa isa inni fakkeessuuf sitti agarsiisu malee hammeenyi onnee isaa keessa jiru sitti hin mul'atu. "Obboleessa koo!" siin jechaa boolla qotee itti si darbatan. Diinota dhugaa naannoo kee jiran caalaa hiriyyoota sobaa si marsanii jiran sodaadhu. Xiyyi daran si madeessu kan diina kee otoo hin taane kan fira kee isa sobaati.

Ganama ganama gaafa hirriba irraa kaatu, "Yaa Waaq diina koo anuu beekaa fira koo isa sobaa na irraa eegi!" kan jedhu kadhannaa kee keessaa hin hambisiin. Diinni kee yoom iyyuu gaarii akka siif hin yaadne waan beektuuf hamma dandeesse irraa of eeggatta. Diinni ati irraa of eeggachuu hin dandeenye diina kee isa fira fakkaatee sitti dhi'aatudha.

Yaa ilma koo...!
Ani garuu irra deebi'een siin jedhaa dhugaaf jiraadhu. Dhugaaf qofa! Gaafa dhugaaf jiraattu karaa hedduu miidhamta. Kuma keessaa tokko hiriyyaa dhugaa waan hin arganneef, dhugaa yoo filatte qofummaaf saaxilamta. Dhugaan fira baay'ee hin qabdu. Karaa dhugaa irra namoota muraasa qofatu imala! Karaan dhugaa dhiphoodha; bu'aa ba'iitu itti baay'ata; beelaa fi dheebuu qaba; hin miyaa'u ni hadha'a! Ani garuu nan jedha: kuma wajjin daandii sobaa deemuu irra qofaa kee karaa dhugaa irra deemi. Cittee gaafa dhugaatti haftu gatii baasta. Gatiin ati dhugaaf dhaabachuuf baastu garuu gatii lafatti badu miti. Gatii dhalootaaf bu'aa qabudha.
Jireenya kee keessatti ejjennoon dhugaa irratti qabdu dhaabbataa haa ta'u. Haala, yeroo fi nama ilaaltee dhugaa hin gurguriin. Lubbuu kee kan si gaafatu illee yoo ta'e dhugaaf gatii baasuu hin sodaatiin. Har'as ta'u bor gaaf tokko du'uun kee mirkana. Yoo baay'ate ni bubbulta malee akkuma nama kamuu atis inuma duuta. Kun hiree uumamaati. Du'a gaaf tokko hin oolle sodaatte dhugaa hin ganiin.

Yaa ilma koo...
Dhugaa haala qabatamaa dhala namaan wal hin qabsiisiin. Namni ati garaa irraa jaallattu waan dubbateef sobni dhugaa hin ta'u. Faallaan kanaas akkasuma. Namni ati garaa guutuu jibbitu dhugaa yoo dubbate sun soba hin ta'u. Maal jechuu seete kun? Sobni nama ati jaallattuun dubbatame yoomuu dhugaa hin ta'u; dhugaan nama ati jibbituun dubbatames yoom iyyuu soba ta'uu hin danda'u! Baay'inni deggertootaas gama kanaan dhiibbaa uumu hin qabu. Namoota sagaltamii sagaliin waan dubbatameef sobni dhugaa hin ta'u; nama tokko qofaan waan dubbatameef immoo dhugaan soba hin ta'u. Laali ilma koo: haala kam keessattuu, yoomuu, iddoo kamittuu dhugaan dhugaadha; sobni immoo soba. Kanaafuu, firooma kee soba irraa hiikkattee dhugaatti akka hidhattun si gorsa.

Ergaa dabalataaf
https://t.me/Bilchina_Sammuu

Telegram

Barruu Beektotaa

• Dubbiilee hayyootaa • Gorsaa fi Xinsammuu • Ergaalee kitaabaa • Seenaa beektotaa irraa waliin ilaalla Join Us https://t.me/Bilchina\_Sammuu Comment Us @Guluma\_Hailu0912 Bilchina sammuu https://t.me/gulehas

[#Yaa\_Ilma\_Koo](?q=%23Yaa_Ilma_Koo)...!
5 months ago

Siif safuu Jireenyaa !

Yaa isa fayyaa fuutee
Naafa gootee harkistuu,
Yaa isa jabaa huutee
Laafaa gootee rakkistuu,
Yaa isa garraamiidhaan
"Budaa" jettee moggaastuu,
Yaa isa waraana kee
Jallinaaf bobbaastuu,
Yaa isa daboo dharaaf
Kaffaltee bobbaastuu,
Yaa isa abbaa dhugaa
Imimmaan'saa obaastuu,

https://t.me/Bilchina_Sammuu

5 months, 1 week ago

?✍?Kitaaba "Milkaa'ina Kee Rewiring: Icciitii Namoota Milkaa'oo 20n (1)" jedhu kan Yohaannis Qureshiin barreeffame irraa barnoota 10:

  1. Milkaa'inni DHIMMAA CARRAA MITI. Namoonni milkaa’an carraa qofa miti; tarkaanfii fudhachuu fi duubatti deebi’iinsa keessa darbee cichuudhaan carraa ofii isaanii tolfatu.

  2. MILKAA'INNI IMALA MALEE GALMEE MITI. Milkaa'inaaf foormulaan nama hundaaf ta'u hin jiru. Wanti nama tokkoof hojjetu nama biraatiif hojjechuu dhiisuu danda’a. Wanti guddaan daandii milkaa’ina mataa keetii barbaaduu fi karaa irratti aarsaa barbaachisu kaffaluuf fedhii qabaachuudha.

  3. Milkaa'inni Qarshii MITI. Maallaqni barbaachisaa ta’us, milkaa’inaaf kan madaalamu isa qofa miti. Namoonni milkaa’oo ta’anis hojii isaanii keessatti gammachuu argachuun addunyaa irratti dhiibbaa gaarii geessisu.

  4. Milkaa'inni AMALA. Namoonni milkaa’an amala kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf isaan gargaaru horataniiru. Amalli kun wantoota akka galma kaa’uu, tarkaanfii fudhachuu fi gonkumaa abdii kutachuu dhiisuu dabalata.

  5. Milkaa'inni YAADHA. Namoonni milkaa’an yaada gaarii gufuu osoo hin taane waan ta’uu danda’u akka argan isaan dandeessisu qabu.

  6. MILKAA'INAAN WAA'EE GUDDINA DHUUNFAA TI. Namoonni milkaa’an yeroo hunda barachaa guddachaa jiru. Naannoo mijataa isaaniitiin ala tarkaanfachuun waan haaraa yaaluun hin sodaatan.

  7. MILKAA'INNI WAA'EE DEEBISUU KENNUUTI. Namoonni milkaa’an milkaa’ina argatan namoota biroo gargaaruuf itti fayyadamu. Kophaa isaanii akka hin taane beeku, hawaasaaf deebisee kennuunis itti gaafatamummaa itti dhagahama.

  8. MILKAA'INNI DHALA DHIHEESSUU JEDHA. Namoonni milkaa'an addunyaa kanarratti jijjiirama fiduu barbaadu. Gumaacha gaarii taasisaniin yaadatamuu barbaadu.

  9. MILKAA'INNI NAMA HUNDAAF NI DANDA'AMA. Eessaa dhufte ykn haalli kee maal haa ta'u, abjuu kee galmaan gahuu dandeessa. Hojii cimaa, of kennuu fi cimina kan gaafatu taʼus, dandeettii kee guutuu galmaan gaʼuun ni dandaʼama

https://t.me/+XeB7M1P2wmUyNWZk

Telegram

Bilchina sammuu

√√√√√√√ ***💌******💌******💌*** √√√√√√ Guddaa yaadi guddaa ta'ii Kaayyoo kee galmaan ga'ii Ofjabeessii ofii keetif cimii Jabaa ta'uu kees ofiif himii Abdii hin kutiin kutaata koo Milkiidhan galta gaf tokkoo √√√√√√√ ***❤️******💚******❤️*** √√√√√√√

***?******✍?***Kitaaba "Milkaa'ina Kee Rewiring: Icciitii Namoota Milkaa'oo 20n (1)" jedhu kan Yohaannis Qureshiin barreeffame irraa barnoota 10:
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 3 weeks, 4 days ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 1 month, 2 weeks ago