Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

ሁሉንም በአንድ 😷

Description
ዘና እያልን ምንማማረበት እውቀትን

ምንጨብጥበት የተለያዩ መሳጭ ታሪኮችን ትኩስ ትኩስ

መረጃዎችን (ዜናዎችን) እንዲሁም አሸላሚ ጥያቄዎችን

ምናገኝበት ምርጥ ቻናል ተቀላቀሉንና አብረን ፈታ እያልን

እንማማር ያሎትን አስተያየት እና ሀሳብ ያድርሱን

@Eksunzbot

እናመሰግናለን
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

6 months, 1 week ago

Areeda Ifirraa Ciree Fatanaa Ajaa’ibaa Keessa Seene
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Nama Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Dallansiisin

Shamarreen biyya Ameerikaa keessa jiraattu takka maatii ishee ziyaaruuf jecha gara biyya warra isheetti dhufte. Karaadhuma sanaan dargaggeessa iimaanaa fii akhlaaqa gaarii qabutti heerumuu akka barbaaddu adeera isheetti himuun nama gaarii barbaachifachuu eegalti.

Adeeraan ishees bifa isatti himame irratti hundaa'uun dargaggeessa diinii isaa irratti jabaa dha jedhee yaadu eega yaadaa ture booda dargaggeessa masjiida keessatti beekuun tokko ofitti yaamuun yaada kana mari'achiise.

Dargaggeessichi yaada eega dhageeffatee booda marhabaa jedhee fudhate. Abbeeraan shamarree kunis dargaggeessa kanaa fii mucayyoo walitti fidee
walbarsiiseen. Mucayyoonis gurbicha yeroo dheeraaf eega haasofsiiftee booda gurbaa sirna qabuu fii
bareedaa tahuu isaa barte jaalatteen.

Guyyaa tokko maatii ishee biratti affeerraa laaqana qopheessitee gurbaa jaalatte kana manatti waamte. Eega laaqana nyaatanii xumuranii booda isa geggeessuuf jecha gurbaa wajji gara alatti gadi
baate. Gurbaan areedni isaa sunnaa dha. Areeda dheeraa qaba.

"Maashaa Allah" kan nama jechisiisuu dha. Isheenis areeda isaa kana ilaaltee akkana isaan jette.

"Ani akkaataa fii haala kee hunda jaaladhee jira. Yeroo dhihoo keessattis nikaaha ni hidhanna. Haa tahuu garuu areedni kee kun jaarsa si fakkeessee jira." jetteen.

Dargaggeessichis "kuni si hin yaachisin..." jechuun guyyaa itti aanu areeda isaa guutumaan guututti haadatee dhufe.

Mucayyoonis gurbaa areeda isaa haaddatee dhufe kana ilaalteetiin ni dallante malee hin gammadne.

Akkanas jetteen "Ati ajaja kootiif jettee ajaja Nabiyyii ﷺ kan diigduu gonkumaa jaarsa kan koo tahuu hin dandeessu!" Jechuun kophatti isa gattee biraa kutte.

Allahu Akbar!

Mee wollaahi dhugaa dubbachuuf meeqa keenyatu nama gammachiisuuf jecha ajaja Rabbii fii Ergamaa Rabbii ﷺ diigeetiin bira dabraa jira? Mannumti nu haa
laakkawuu!

Ilaalaa Xiinxallaa, Dargaggeessi kun sunnaa irraa tahee sunnaa irraa hin taane. Mucayyoo irraa tahee
mucayyoo irraa hin taane. Bilaasha lafatti hafe. Rabbiin nu haa tiksu!

Allahumma arinal haqqa haqqan warzuqnaa ittibaa'a,
wa arinal baaxilaa baaxilan warzuqnaa ijtinaaba,

Yaa Allah! Haqa haqa tahuu ishee nu beeksisi ishee hordofuu nu waffaqi, Yaa Allah! Baaxila baaxila tahuu ishee nu beeksisi ishee irraa of tiksuus nu waffaqi!

Aamiin Yaa Rabbi!

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Areeda Ifirraa Ciree Fatanaa Ajaa’ibaa Keessa Seene
6 months, 2 weeks ago

💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞
💞#Biqiltuu_Kunuunsi_Tole💞
💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞

#Asoosama gabaabaa
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
by Abdul-Aziz Ahmedin
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

@kennaapost @kennaapost

Caaltuun dhalootaan godina wallaggaa bahaa magaalaa naqamteet. Maatiin ishee ilma dhiiraa waan hin qabneef Caaltuun akka ilma hangafaatti ilaalamti malee akka intalaattii miti. Caaltuun barnoota ammayyaa fi amantii islaamaatiinis akkaan cimtuu fi jabduu namaati. Bilchina sammuu kanas haadhaa fi abbaa ishee irraa waan dhaalte fakkaatti. Qormaanni dargaggummaa fi haalli jireenyaa, akkasumas dubartummaan gonkumaa ishee hin gufachiifne. Qaruuxummaa isii kanaaf abbaa fi haati ishee gahee leencaa taphatu.....
Guutuu asoosama kanaa dubbisuuf linkii armaan gadii kana xuqi👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

6 months, 3 weeks ago

Bara bulchinsa keetii
Nama taate dubartiin
Erga Rabbiin si filee
Kan qixxaatte dhiiratti

Diin keetiin kabajamee
Hiyyeessa qalbiin ciise
Humna qabeessaa fi laafaa
Situ wal nuuf qixxeesse!!

Bakka bu'aa kee dhabnee
Har'a Roorroon gubannaa
Sabni qomoon wal-qoodee
Wal-balleessaa jiraannaa!!!

Rabbiin nuuf haa kennu
Hogganaa akka kee
Kan hamma danda'uun
Hordofu faana kee

Yaa Rabbi sin kadha
Nuuf buusi nagaa kee
Afaan wal taasisi
Hunda Uumama kee

Akkaanan jaaladha
Ani ergamaa kee
Irratti naaf buusi
Nagaa fi Rahmata kee

صلى الله عليه وسلم
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

Jum'aa Kheeyrii qabaadhaa!!!

@AbdiiBiyyaa

@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Bara bulchinsa keetii
6 months, 3 weeks ago

TAAJJABBII KOO
●●●●●●●●●●●●●●●●●
Dhimma Aalimmanii
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu, Obboloota koo!!!

Amantiin nuti hordofaa jirru tun amantii qajeelfamaa fi heerri isii guutuuti. Amantii nuti of biraa akka nutti tolee fi akka nutti fakkaatetti bocannee ittiin jiraannu osoo hin taane amantii Rabbiin nu uume akka nuuf ta'utti akka jireenya duniyaa gabaabduu kana ittiin jiraannuuf nuuf kennedha. Burqaan qajeelfamootaa fi heerotaa kunis Qur'aana . Itti aansuun kan Qur'aanaa nuuf ibsu immoo #Hadiisa ergamaa Allaah ti. Ergaa Allaah n karaa Ambiyoota isaa nu biraan gahe, dhaaltonni isaanii immoo Ulamoota.

Kaayyoon Rabbiin ambiyoota nuuf ergeef waan nu miidhu hunda irraa nu dhoorkee, waan nu fayyadutti nu ajajuufi. Waan dhoorkamne dalaguun miidhaan isaa numa dhaqqaba, waan itti ajajamne yoo hojjennes kan itti milkaa'u numa.

Waan Allaah n nuuf #Halaal godhe addunyaan guutuun irratti waliigalus #Haraam gochuu hin danda'an. Akkasuma waan Allaah n #Haraam nurratti godhes hammam jaalannus addunyaa guutuu hiriira itti baafnus halaal gochuu hin dandeenyu. Nuti gaheen keenya #Shari'aa akka nutti dhufetti hordofuudha malee #Edit gochuuf mirga tokko hin qabnu.

Aalimman dhaaltota Aanbiyaati.

Dhimma #Halaal fi #Haraam hunda ulamootatu nuuf ibsa. Nuti wallaaltonni waan nuuf hin galin isaantu adda nuuf baasa. #Fatwaan hojii aalimmaniiti. Aalimman waan Rabbiin isaan beeksise hawaasaaf ibsuun dirqama isaaniiti, anaa fi situ ajaja osoo hin taane Rabbiitu isaan ajaje.

Aalimman ilma namaati, tarbiyaa diinii keeysatti tarii dogoggoruutu mala, waan diin irra hubatan akka hubatanitti si hubachiisu waan ta'eef yeroo tokko tokko karaarraa goruu malu. Haa ta'u garuu isaan gara lachuuttuu milkaa'oodha. Yoo haqa qunnaman hojii kheeyrii hawaasa barsiisaniin hamma hawaasni sun hojii kheeyrii sana hojjetuun mindeeffamu. Yoo haqa irraa sigigaatanis ta'aabbii haqa argachuuf taasisaniin mindeeffamu. Kana kan arguu fi sirreessu immoo anaa fi si warra beekuu caalaa beekamuuf social media kanarraa daqiiqaa fi sekenditti suura jijijjiiru osoo hin taane #Aalimman sadarkaa diiniitiin fagaatanidha. Beekaan bakka dogoggoraatii fi akka itti dogoggora sirreessu beeka.

Kanarraa kan hafe social media kanarraa akka nama #Aalimman caalaa hawaasa kanaaf quuqama qabuutti ajandaa uummattanii warri baay'ina hordoftootaa argachuuf #Foon aalimmanii nyaachaa ooltan dhuguma kasaaraa keessa jirtu. Akkuma wal-irra dubbii bareechinuun, akkuma wal-irra jechoota fayyadamnuun #Aalimmanitti xiyyeeffachuun kufaatiidha. Dhuguma dubbachuuf #Eenyumtuu Aalimman caalaa hawaasa hin jaalatu. Baay'een har'a sumunii social media tanaaf jecha namoota gurguddaa hawaasni hordofu fayyadamtanii beekamuuf ariifattan isin dhumti keessan hin bareedu.

Garuu warri duula warra sumunii isaaniitiif jecha qabsaa'anii kana dhugaa seetanii isaanii wajjiin #Aalimman irratti duultan Rabbiin hubannaa diinii isiniif haa kennu. Maaliyyuu yoo ta'e ollaa wajjiin mana keessan hin diiginaa!.

Rabbiin warra haqa beekee hordofu, warra sharrii beekee irraa of eegu nu haa taasisu!!

Kanumaaf as baanee, Nu ofkolchaa!!!
@AbdiiBiyyaa

✍️Abdul-Aziz Ahmedin

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

TAAJJABBII KOO
7 months, 2 weeks ago

IRREECHAA FI ISLAAMUMMAA
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷

✍️ Abdul-Aziiz Ahmeddiin
Kutaa 1ffaa

Assalaamu Aleeykum warahmatullaahi Wabarakaatuhuu!!
Kabajamtootaa fi jaalatamtoota ummata Oromoo kanneen amantaa Islaamaa hordoftan hundaaf.
Akkuma beekamu amantiin islaamaa amantii heeraa fi seera Mataa isaa qabudha. Amantiin waaqeeffannaas akkasuma. Oromummaan immoo dhiiga keenyadha. Oromummaan keenya kennaa badhaasa Rabbii keenyaati. Saba bal'aa seenaa fi aadaa boonsaa qabu kana keessaa dhalachuu keenyaaf farfamaan Rabbii tokkicha carraa kana nuuf kenneef haata'u. Sababni isaa fedha Rabbii keenyaatiini malee ofii keenyaaf miti kan Oromoo taanee dhalanne. Haata'u garuu Saba kana keessaa dhalannus ammas fedha Rabbiitiin amantii tokkicha isa Dhugaa daandii milkii, karaa jannataa kan ta'e islaamummaa qabannee Jirra. Bakki amantii keenyaas mana Rabbii kan ta'e masjidattidha malee tulluu irra ykn qarqara bishaanii malkaa malkaa miti. Gabbartiin nuti Rabbii keenya gabbarrus waggaatti yeroo Lama ykn sadi osoo hin taane jireenyumti keenyayyuu Rabbii keenyaafidha. Rabbiin nuti gabbarrus Rabbii uumaa waan uumama ta'e hundaati. Rabbiin kunis uumaa Haawaa fi Aadam irraa kaasee hamma anaa fi sihi harraatti uumaa jiruuti malee waaqa uumaa saba tokkootii miti. Rabbiin keenya kunis waan hanqina jedhame hunda irraa qulqulluudha. Uumama keessaa wanti isa fakkaatu tokkolleen hin jiru. Halluun Isaas Diimaa,Adii,Gurraacha, fi kkf jedhamee hin ibsamu.
Walumaagalatti aadaawwanii fi duudhaaleen Ummanni oromoo qabu kanneen amantii islaamaatiin walitti hin buune hunduu nuuf heyyamamoodha .Faallaa kanaatiin immoo wantoonni ayyaana #IRREECHAA tiin walqabatan hundi isaaniituu amantaa waaqeeffannaati. Dhugaa dubbachuuf amantiin dhugaa tokkoo fi tokko qofa. Innis amantii islaamummaa. Namni amantii kana malee amantii biraa barbaade dhugaa Kafaree jira. Sababni isaa Irreechi SHIRKII waan ta'eef.

Maarree erga dubbiin akkana ta'ee namoonni baayyeen maqaa islaamaa qabatanii maaliif irreecha irratti hirmaatuu?

Namoonni hedduun ilaalchota lamaan liqimfamanii guyyaa irreechaa irreecha irratti hirmaatu.

  1. WALLAALA(HUBANNOO DHABA)
    A, Namoonni baayyeen amantiin isaan hordofaa jiran, maal akka ta'e, maal maal akka mormu, maal maal akka heyyamu, hubannoo humaatuu hin qaban. Sababbiidhuma kanaaf irra hedduun qeerroo fi qarree ISLAAMAA Kan jam'aa fii jum'aa irrattuu hin hirmaanne gaafa irreechi gahe dibbee tumaa fiigan.
    B, Namoonni muraasni immoo yaada sabummaan(sabboonummaan) liqimfamanii irreechaa fi oromummaa wal qixxeesu. Akka yaada warra kanaatti Oromummaan namaa tokkoo yoo marga qabatee dirree irreechaa dhaabbate qofaadha. Akkuma hundi keenya beeknu Oromummaan dhiigadha malee gad-xiqqeessinee yoo irreechaa wajjiin wal-qixxeessine dogongora guddaadha. Irreechi duudhaa ummanni Oromoo qabu kumaatama keessaa tokkodha malee murteessaa ykn mallattoo Oromoo ta'uu fi dhiisuutii miti. Garuu nama amantii waaqeeffannaa hordofuuf irreeffachuun dirqama taha.Nama amantii biraa hordofuuf hin heyyamamu, sababni isaa manni amantii tokkoo kanuma amantichaati malee namni barbaade akka barbaadetti dhaqee borcuu hin qabu ture. Kana kan mormachuu qabu silaa warruma waaqeeffattootaa ture.Garuu isaanis akka waan hanqina hirmaataa qabanii Sobanii kan hunda keenyaati jechuun nama sabakuu malee waanuma kanaatuu hin qaban.

Kutaa itti aanu dubbisuuf linkii kanaa Gad jiru xuqaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

IRREECHAA FI ISLAAMUMMAA
7 months, 2 weeks ago

Maal mudate dhaloonni!!!
¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤¤
Miila soofaarra kaa'ee
Suuqiin jiraa odeessaa
Hoteelaan jira jedhee
Manaa shiroo bukeessa

Kan reef hirribaa ka'u
Dhufee na eegi jedha
Adaamaa buna dhugaa
Naqamteen jira jedhaa
Isa kamiin fudhannu
Jecha kamtu dhugaadhaa!!!?

Akka waan albee qara
Morma isaarra kaa'anii
Hin sobin oolta taanaan
Si qal*la ittiin jedhanii!!!

Dhalli namaa hundumtuu
Sobaatii wal sobsiisaa
Lafa dhaqxan hundattuu
Kijiba wal barsiisaa
Namni tokko kijibe
Dhibba caala mindaan isaa!!

Akka waan jedhamee

Manni amantaa hunduu
Kanuma biyya gorsuu
Hayyuu fi barsiisanis
Soba biyya barsiisuu??

Maal taate yaa nama koo
Maaf soba qofa taataa??
Sobaan barii ol kaatee
Maaf sobaan dhiisifatta?
Dhugaa qofa dubbattu
Mindaatu sirraa citaa???

@AbdiiBiyyaa

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Maal mudate dhaloonni!!!
7 months, 3 weeks ago

MAALUMMAA TAWHIIDAA
____
Tawhiida jechuun;- Rabbiin (s.w) argamaa ta'uu isaa, Gooftummaa (Rubuubiyyaa) fi Gabbaramaa (Uluuhiyyaa) kophaa ta'uu isaa amanuudha. Akkasumas maqaa isaatii fi amala ykn sifa isaa hundatti amanuudha.

Towhiinni bantuu ganda Nagayaati, shirkii irraa nama qulqulleessiti. Ibidarraa walaba nama baafti. Hiikni Toowhidaa; Mootuma Rabbii keessatti qaama biroo odoo isatti hin xindeessin, Uumaa uumamtoota hundaa ta'uusaa, Gabbaramaa ta'uusaa, akkasumas, Maqaa fi Sifa isaan malu qabaachuu isaatiin isuma qofa kophaa baasanii gabbaruu jechuu dha. Gabbartiin dhugaa kan Allaaha qofa. Kaayyoon Ambiyoonni hundi ergamaniifis isuma kana. Qur'aanni akkana jedheera:

قال الله تعالى: {وَمَا أَرْسَلْنَا مِنْ قَبْلِكَ مِنْ رَسُولٍ إِلَّا نُوحِي إِلَيْهِ أَنَّهُ لَا إِلَهَ إِلَّا أَنَا فَاعْبُدُونِ}(الأنبياء:25)،

(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine. (Suuraa Anbiyaa'a 21:25)

.Rabbiin ilmaan namaa hunda akka isatti amananii fi isa qofa gabbaraniif uume. Uumamni hunda ilmaan namaa amantaa isa sirrii irratti dhalatan.

(Yaa Muhammad!) karaa haqaatti dabuun fuula kee diiniif sirreessi. Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa). Uumaa Rabbii jijjiiruun hin jiru. Santu amantii qajeelaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu. (Suuraa Arruum 30:30)

"Hadiisa Abuu Hureeyraa (Rabbiin isarraa haa jaalatuu) irraa odeeffame kessatti, ergamaan Rabbii (s.a.w) akkana jedhan:
(“Dhalataan hunduu yeroo dhalatu, Islaamummaa irratti dhalata. Abbaa fi haadha isaaniituu isaan yahuudomsa yookaan kiristaanomsa, yookaan immoo warra ibidda gabbaru isaan taasisa.) (Sahiih bukaarii,4775,Musliim,2658)

.Tawhiida wajjiin malee Islaamummaan hin jirtu. Salaannis Xahaaraa ykn qulqullina wajjiin malee fudhatama hin qabdu. Kanaafuu, Tawhiida qabachuun ijoo ykn bu'uura amantaati.

Tawhiida malee jiraachuu fi amantaa Malee jiraachuun garaa garummaa homaatuu hin qabu. Namni Tawhiida hin qabne Islaamummaa maqaa malee hin qabu.

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

MAALUMMAA TAWHIIDAA
7 months, 3 weeks ago

Gaafa firri awwaalanii
Laadiikoo natti cufan
Yeroo Nakiriif Munkar
Didichaa natti dhufan

Miliqee jalaa bahuuf
Anoo hin qabuu tooftaa
Akkaman ta’a laata?
Sodaadheera yaa Gooftaa

Fuuldurakee dhaabbachuuf
Anoo hin qabuu galaa
Eessa Abbaakoon lixaree?
Fitnaa qabirii jalaa

Badiinkoo adada dhabee
Homaa na dhorkatee sabrii
Yoon yaadu na yaaddessa
Gaaffiin su’aala qabrii

Akka jiruu zalaalamaa
Biyya lafaatiin hatamee
Jiruu har’aatoo nu joorsaa
Kan aakiraa dagatamee

Lafa dhi’ee nuuf bari'uun
Gochaaf jechi keenya shiraa
Anaan baayyee na yaaddessa
Isin hin yaaddeessuu firaa?

Akka waan duuti hin jirree
Wal hamanna, wal jibbina
Guddina walii gaddinee
Kufaatii walii sirbina,

Akka waan kanirraa citee
Umriin nu’iif ida’amuu
Jireenyarraa wal gaggeessuuf
Kunoo waliif hin ta'amu

Guddummaa Rabbii morminee
Aangoo Rahmaan baafnee birkii
Maasiyaa dhiifama-n qabne
Katabataa oolla shirkii

Rizqii harka Rabbii jiruuf
Mooraan jiruu wal sallabna
Har'a bullee quban qabnu
Sheeyxaana hiinee qallabna

Gola cubbuu sagal lixna
Dabalachuuf horii keenya
Gammachuu har’aan dagamnee
Daganneerra borii keenya

Kalaamakee tarkaanfatee
Namuu dhoksee jala diba
Of nu yaadachiisi malee
Waa’een keenya nama dhiba!

@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost

Telegram

KENNAA

KENNAA Dhaloota Qubeetiif!! Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!! Chaanaalii kana irraa***👇*** ***👉***DA'AWAA ***👉***ODEEYFANNOO ***👉***WALALOO ***👉***ASOOSAMA ***👉***SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!! ***✍***yaadaaf***👇*** @AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!

Gaafa firri awwaalanii
1 year, 2 months ago
[#AAY\_DUNIYAA](?q=%23AAY_DUNIYAA)■■?

#AAY_DUNIYAA■■?

Halkan guyyaa ifaajjee
Ijaartus mana bal'aa
Lafarraa ol fagaattus
Qabaattus fooqii viillaa!!!

Faashina uffattullee
Torbee torbeen jijjiirtee
Dhangaa feete soorattus
Kan qalbii kee filattee!!!!!

Beekamtus hayyuu taatee
Siyaasaan hunda caaltee
Qaamaan humna horattus
Leenjii ispoortii fudhattee!!!

Ni deemta hunda dhiiftee
Guyyaan kee gaafa ga'u
Eenyummaan kee asirraa
Yoos si oolchuu hin danda'u!!

Ni dhumata gaaf tokko
Biyyi duniyaa kanumaa
Isheedhaan hin sobamin
Qabadhu waaqa uumaa

Abdul-Aziiz Ahmeddiin

@Kennaapost @Kennaapost

1 year, 3 months ago
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu,

Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu,

Obboloota koo kan Muslimaa, dhiyeenya kana maqaan ergamaa Allaah , Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi wasallam) haala hin taaneen yeroo ka'u ni argina.

Kanaafuu nuti immoo yeroo kamiyyuu caalaa yeroo diinonni keenya maqaa isaanii hammeenyaan kaasan tanatti jaalala isaaniif qabnu caalatti mul'isuufii siiraa isaanii baruuf qophaa'aa ta'uu qabna!

Warri ergamaa Allaah jaalattan ❤️ tuqaa , ergaa isiniif darbu hordofaa!!!

👇👇👇👇👇👇

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago