Coba Qalamaa

Description
Waraana sammuu keessaa kan hin daawwatamne, qalamaan barreessineetu asiin hordoftoota keenya biraan geenya!
Advertising
We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 3 months, 3 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 day, 21 hours ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 weeks, 2 days ago

5 months, 2 weeks ago

Amanuu dhabuu (mistrust)

Daa'imman amanuu dhabuu fi yeroo hunda akka isaan waan sirrii tahe gochuu hin dandeennetti shakkii itti baay'isuu fi waanuma hunda jala deemanii qulqulleessaa oolun ofitti amanamummaa isaanii kan miidhuu fi of danda'anii waan tokko murteessuf akka rakkatan isaan godha. Dabalataanis shakkii kan baay'isaanii fi ofittis tahee namatti amanamummaa guutuu waan hin qabaannef hariiroo fi walqunnamtii iftoomaa tahe hin qabaatan.

  1. Reebuu/dhaanuu (beating)

Reebichi, akkuma qoricha dhukkubbii yeroof dandamachuuf fudhachuu, rakkoo mucaan sun uumu irraa yeroodhaaf maatii dandamachiisa malee rakkoo mucaa san wal'aanuu ykn fayyisuu hin danda'u. Inumaayyuu warra malaa fi tasgabbiin amala daa'immanii sirreessuf yaalu caalaa warri ijoollee reebu amalli ijoollee yeroo gara yerootti tohannoo isaanitiin ala ta'aa deema.
Ijoolleenis daran hammaachaa deemuun badii fedhan raawwachuuf kan of duuba hin deebinee fi ofii isaanitiifis amala reebichaa (abusive behaviour) qabatanii guddachuun waanuma hundaa reebichaan argachuu akka danda'anitti yaadu.

#Source: Dr. Hesham Al-Awadi, author of "Children Around the Prophet
Gorsa kan waan dubbiftaniif Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa hin dhabinaa!

? Share & Join Us•                 
?Channel •|| @Coba_Qalamaa

5 months, 2 weeks ago

#Gorsa_Akkaan_Barsiisaatii_Isinfayyadaa_Dubbisaa
Wantoota 10 Maatiin Daa'imman /Ijoollee Waliin Gochuu hin Qabne!!

  1. Itti Iyyuu/lallabuu (screaming)
    Daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuun/lallabuun madaa (goddaannisa) sammuu fi miiraa yeroo dheeraa taheef kan saaxiluu fi reebicha caalaa akka hamaa tahetti amanu hayyootni tokko tokko.

Daa'imman yeroo itti iyyan sirni narvii isaanii deebii kennuu waan dhaabuuf sammuun isaanii waan itti iyyamuuf san fudhachuu dhaaba. Kuni immoo daranuu itti dabalanii akka iyyan nama godhus sammuu daa'immanii caalatti hadoochaa adeema.

Haaluma kanaan daa'imni itti iyyamaa guddate rakkoo xinsammuu fi dhibee sammuu kan akka dallansuu baay'isuu, ofitti amanamummaa dhabuu, mukuu, dhiphinaa fi rakkoo haala namoomaa (personality disorders) garagaraatif saaxilamuu danda'a.
Kanaafuu daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuu irraa of qusachuun yoo tasa itti iyyine tahes of tasgabbeessun sossobanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha.

#Dhiifama gaafachuun miira itti dhagahamerraa fayyisuun cinatti dogoggora uumame sirreessuun akka danda'amuu fi itti gaafatamummaa kan barsiisuudha.

  1. Komachuu/quba itti qabuu (blaming)

Komatuun hariiroo ni laaffisa, ofitti amanamummaa gadi buusa, ijoolleen yeroo waan badaa hin hojjennellee ittisa irratti akka argaman kakaasa. Anas b. Maalik, yeroo sana daa’ima waggaa 10 ture, akkana jedhe: “Ani waggaa sagal Rasuula صلى الله عليه وسلم tajaajileera waa’ee waanan hojjedhe, maaliif akkas akkan godhe, ykn waa’ee waan ani hin hojjenne, ati maaliif hin goone jedhee hin beeku. ” Yeroo mucaa keessaniif yeroo dubbattu wanti afaan keessan bahu qeeqa, komachuu fi ajaja qofa ta'ee fi faaruu, jechoota jaalalaa, jaalala ykn bashannana baay'ee xiqqaa ta'e yoo jiraate akka warraatti nama isaan barbaadan osoo hin taane mucaa isaaniif madda gadhee taata jaalala ykn deeggarsa argachuuf gara koottaa.

  1. Ajaja baay'isuu (nonstop order)

Osoo hin amansiisin, osoo hin barsiisin ykn fakkeenyummaan itti hin agarsiisin ajaja itti baay'isuun daa'imman roobootii akka gochuuti, gaafa guddatan waan ajajaman kamiyyuu gaaffii tokko malee osoo itti hin amanin kan raawwatanii fi fakkeessaa jiraatu. Daa'imman waan itti himan caalaa waan itti agarsiisan irra qabatu waan taheef fakkeenyummaan itti agarsiisaa barsiisuun caluma jedhanii ajajaa oolurra filatamaadha.

  1. Sodaachisuu (threatening)

Sodaachisuun/doorsisni diddaa daa'imman agarsiisan yeroof irra aanuf fayyadus turi turii keessa daa'imman ni miidha. Ilaalchi doorsisaan horatamu miira dhugaa hin tahinii fi fakkeenyummaa qabu yoo tahu daa'imman jireenya sodaan guutame akka jiraatan ykn yoo doorsifaman malee homaa akka hin hojjennetti amanaa jiraatu.

  1. Itti Kofluu/qoosuu (sarcasm/making fun)

Daa'imman itti koflanii rifachiisuu fi qaanessuun daa'imman sodaachaa miira of shakkiin guutamee fi ofitti amanamummaa hin qabneen akka guddatan isaan taasisa.

  1. Arrabsoo/Abaarsa (cursing)

Daa'imman arrabsuu fi abaaruun arrabsoo fi abaarsa isaan barsiisuudha. Wanta ittiin isaan arrabsine san dursa haadha fi abbaa irratti, itti aansee miseensa maatii biroo, hiriyyoota isaanii fi namoota alaa biroo irratti fayyadamu. Kunimoo ijoollee naamusa hin qabnee fi guddis-badii kan isaan taasisuu fi hariiroo namoota waliin qabaatan irratti dhiibbaa uuma.

  1. Walbira qabuu/madaaluu (comparing)

Daa'imman keessan nama kamiinuu waliin hin madaalinaa, keessattuu obboleeyyan. Wal bira qabuun miira hinaaffaa, aarii fi of ittisuuf (self defense) isaan saaxila. Ofitti amanamummaa gadi aanaa horachuun nama biratti fudhatamaa ykn gaarii akka hin taanetti amananii guddatu. Karaa tahe kamiinuu.namoota biroo irraa fudhatamumma fi xiyyeeffannoo argachuuf garmalee tattaafataa jiraatu.

  1. Gorsa Itti Fufiinsa Qabu (continuous advice)

Dandeettiin xiyyeeffannaa daa'immanii daqiiqaa 3 hanga 5 waggaa umrii isaanii kan hin caalleedha. Fkn. daa'imman umriin isaanii waggaa 3 tahe daqiiqaa 9 hanga 15 caalaa waan tokkotti xiyyeeffatuu hin danda'an. Sa'aatii dheeraaf itti fufiinsaan gorsuun akka nuffanii ergaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa hin kennine godha.

  1. ??
5 months, 3 weeks ago
. [⇣

.                  [⇣
? Barnoota Gaa'elaa Karaa Qindaa'aa ta'een Barachuu ni Barbaaddaa? ?

▬▬▬▬▬▬▬▬
Waa'ee warra waljaalatanii fi Iccitii jaalalaa gurguddoon maal fa'a? ❤️

▬▬▬▬▬▬▬▬
? Abbaan manaa fi haati manaa gaa'ela keessatti jaalalaan akkamitti waldanda'anii turu? ?     

▬▬▬▬▬▬▬▬
? Bakkuma jirtan jiraattanii  barnoota kana bilisaan barachuu dandeessu! ?

▬▬▬▬▬▬▬▬
? Wanti isin irraa eegamu link armaan gadii tuquun «JOIN» tuquun nutti dabalamuu qofa! ?
?
JOIN ALL CHANNEL
         ●«JOIN»●
         ●«JOIN»●
         ●«JOIN»●
         ●«JOIN»●
❍ Itti Gammadaa](https://t.me/+a4GHJ8becqU1M2M0)

6 months ago
7 months ago

Mee Jechoota namoota beekamoo kana irraa qicadhaa!
??????????
1.????? ?????????? ??? ???????? ??????????? ??? ????.( ??????? ??????)
2.???????? ???? ??????? ???? ??? ???? ???????? ?? ??? ???????????? ..??? ????? ?? ????? ??'? ???? ??? ?????????? ?????.(???? ?????)
3.?????? ??????? ??????'???????, ?????? ??????? ??????? ??????? ??????? ?? ?????? ?????.( ????? ?????)
4.???????? ??????? ?????????? ?????? ????????? ??????? ???? ??'?? ??????.(??????? ??????)
5.?????? ??? ?????? ????????? ????????? ??? ?????????,???? ?????? ????????????? ??'?? ??? ????????.(??????? ???????)
6.??? ??'?? ??'?? ????? ???????? ?????? ???? ??? ??'?? ??'?? ???????????? ?????? . (??????? ?????)
7.????? ????? ????????? ??'?? ??? ?????????? ??? ????????, ????????? ??'??? ????? ??? ?????? ???? ????????'?? ?? ???????.(???? ?. ???????)
8. ????? ??? ???????? ??? ????? ????? ??? ????? ??? ??????? ???????? ??? ??? ????????? ??'? ????? ???????? ??? ????????.(???? ???????)
9.??? ?? ????? ??'?? ????. ??????? ???? ??????? ???.(??? ?????)
10.??????? ?????? ??????? ???????? ???? ??? ??'?? ?????? ???????????? ?? ????????.(?????? ????? ?????????)
✍️ #Kandubbisnerraa (?)
????Galatoomaa???

? Share & Join Us•                 
?Channel •|| @Coba_Qalamaa

7 months, 2 weeks ago

Haala Qarmaata Kutaa 6ffaa fi 8ffaa #Bara2016

????Galatoomaa???

? Share & Join Us•                 
?Channel •|| @Coba_Qalamaa

7 months, 2 weeks ago

QABXIILEE JAJJABOO KUDHA TOKKO LUKKUU HAADHOO IRRAA BARATAMAN?

1. Osoo hin hammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti
KAROORA QINDAA'AA

2. Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu/hammattu sochii ni xiqqeessiti
NAAMUSA.

3. Sababa hanqaaquu ishee hammachuutiin Nyaatni hir'achuu irraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa hir'ata
WAREEGAMAA FI OF KENNUU

4. Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi.
ALLOOGUMMAA FI ARJUMMAA.

5. Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti.
AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU

6. Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti
XIINXALAA FI HUBANNOO.

7. Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee tan qabdu kunuunsuu eegalti
OGUMMA, DAMMAQINA FI DHUGAA

8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu
KUNUUNSAA FI JAALALA.

9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi
# TOKKUMMAA FI KAAYYOO.

10. Ilmoolee ishee osoo of hin dandeenye kophaa hin dhiistu
ITTI GAAFATAMUMMAA

11. Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti.
#HOGGANSA FI FAKKEENYUMMAA

Amala Lukkuu kanarraa maal barattu?

✍️ Kanan dubbiserraa (?)

????Galatoomaa???

? Share & Join Us•                 
?Channel •|| @Coba_Qalamaa

7 months, 3 weeks ago

#Coba_Qalamaa
Hojii ogummaan faayame, Dhangaa Qoor Qalbii dhalootaa gabbisu, #Channel kana seenuun Subscribe gochuun waliifis share gochuun waan daansa.?

??????

https://youtu.be/MmSTIZbDDiw?si=XelsHGAAEIpOI783

YouTube

ILAAMEE..

#Coba\_Qalamaa Hojii ogummaan faayame, Dhangaa Qoor Qalbii dhalootaa gabbisu, #Channel kana seenuun Subscribe gochuun waliifis share gochuun waan daansa.

We recommend to visit

All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH

Partnerships: [email protected]

Last updated 3 months, 3 weeks ago

Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

Contact us @Burqasupport

Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 day, 21 hours ago

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 weeks, 2 days ago