FAYYAA OROMOO 👨‍⚕️

Description
Odeeffannoo//Gorsaa // Barnoota Fayyaa.
Yaadaaf gaaffii 📩 👉 @gaaffiikoo_bot irratti naaf barreessaa!
Garee 👉 @drmoii JOIN godhaa!
Advertising
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm

?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 months ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 2 months ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 1 month ago

2 months, 2 weeks ago

Kabajamoo hordoftoota channel kanaa akkuma baayyeen keessan beektan barreeffamoota fayyaan walqabatan siniif maxxansuurra darbee; karaa bot keenya "Gaaffii fayyaa" jedhuun gaaffiii keessan gaafattanii dhimma barbaaddan irratti sin mariisisaa turreerra. Haa ta'u malee yeroo dhihoo asitti bot keenya tajaajila duraa laachuj waan hin dandeenyeef karaa haraa qabannee dhufneerra....
Garee @fayyaaoromoo Join godhaa!
Gaaffii qabdaniif karaa @jechabot nu qunnamaa!

2 months, 3 weeks ago

BOOKEEN BUSAA 🦟 DHIBEE HIV NAMATTI NI DABARSITII?

Kaleessa gaaffii kana tora fb fi tg koon siniif dhiheesseen ture. Namoonni 54% hin dabarsitu yoo jedhan 46% immoo ni dabarsiti jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Deebii koo:
Qorannoolee haga ammaa jiran kan mirkaneessan Bookeen busaa dhibee HIV namaa gara namaatti dabarsuu akka hin dandeenyedha. Kunis ta'uu kan danda'e sababoota armaan gadiitiini:
👉 Vaayirasiin HIV Bookee busaa fi Geeroo(Tukaanii) dabalatee qaama ilbiisotaa keessa jiraachuu ykn wal horuu hin danda'u. Kunis sababa ilbisonni kun gosa dhiigaa Adii T-cell jedhamu kan Vaayiresiin kun keessatti walhoruu waan hin qabneefi.
👉 Bookeen busaa dhiiga nama HIV qabuu xuuxxeen booda  guyyaa 1-2 garaacha ishee keessa turuu haa danda'u malee Vayireesiin kun walhoruus gara xannacha isheetti faca'uus hin danda'u.
Bookeen busaa immoo yeroo nama idditu dhiiga nama irraa waraabbatte osoo hin tahiin; hancufa ishee kan dhiiga qallistee xuuxuuf ishee gargaaru qofa gara qaama namaatti gadhiifti.
💥 Kanaafuu Bookeen busaa dhibee kana Namaa namatti dabarsuuf hin dandeenye jechuudha!
Nagaa hin dhabiinaa!
@drmoii dha
#forward waliif godhaa!

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1

3 months, 3 weeks ago

Amaloota ONNEE keenya miidhan Kudhan (10) !!

  1. Yeroo dheeraaf taa'uu ( fknf. TV ilaaluudhaan, fiilmiiwwan adda addaa irraa taa'aa oolu).

  2. Yeroo halkan rafan kurruufuu cimaa (qoquu) (snoring) osoo qabanii yaalamuu ykn ilaalamuu dhiisuu.

  3. Sababoota adda addaan hirriba ga'aa raguu dhabuu.

  4. Ilkaan keenyaa sirriitti qulqulleeffachuu dhiisuu.

  5. Sammuun baay'ee dhiphachuu (Stress).

  6. Araada akka tamboo fi alkoolii fayyadamuu.

  7. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu.

  8. Nyaata ashaaboo itti guddisanii nyaachuu.

  9. Dhiibbaa dhiigaa osoo qabanii (osoo akka qaban hin beekiinis ta'uu mala) yaalamuu dhiisuu.

  10. Ulfaatina qaamaa olka'aa qabaachuu.

Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa (Speeshaalistii Dhibee Keessaa)

Gorsa fayyaaf
👉 @fayyaaoromoo
Gaaffiif
👉 @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
👉 @jechama1

5 months, 1 week ago

Baakteeriyaan "foon nyaatu" Jaappaan keessatti haala yaaddessaan babal'achaa jira
Baakteeriyaan foon nyaatu kun Group A hemolytic streptococcus kan jedhamu yoo ta'u, kunis gogaa keessa seenun, foon kan nyaatuu fi tishuu kan ajjeesuun qaamni namaa akka dadhabu taasisa. Baakteeriyaan kun dhibee kanaan ala bal'inaan dhukkuba tonsilii fiduudhaan kan beekamudha. Jalqaba bara 2024 irraa eegalee namoonni baakteeriyaa kanaan qabaman 977 yoo ta'u, rikoordii bara darbe ji'oota jaha keessatti namoota 941 qabaman cabseera.

Gorsa fayyaaf
? @fayyaaoromoo
Gaaffiif
? @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
? @jechama1

5 months, 3 weeks ago

Fuula nama baratee!

Caamsaa 20 guyyaa yaadannoo sirni Dargii itti kufee wayyaaneen aangoo itti qabate sababeeffachuun waajjiraaleen mootummaa danuu cufaa turan. Akka har'aa kabajamamoo hin kabajamuun shakkii keessa otuu hin galiin; waggoota 25nii oliif walitti fufee kabajameera.
Guyyaa kana turee egaa akka hojjetaa mootummaa tokkotti boqonnaakoo dabarsuuf akkasumaas laaqanakoo nyaachuuf  mana nyaataa kanaan seene. Namoota danuutu  ture.
kaan nyaachuuf eeggata, Kaan nyaataa jiraa, kaan nyaatee taa'ee boqota. Kaan yaadaan badee kan darbeef kan dhufu gidduutti cinqama. Kaan hunda dagatee haasaa fi kolfaan of wal'aana.

Kana keessa ture kan ijikoo waa irra bu'e, fuula nama baratee. Namni baratee danuun hojjetaa mootummaati jechuunis qacarameetu mana mootummaa ykn dhuunfaa keessaa dalaga. Fuulli nama baratee ifee kan ibsuu qabu, kolfee gammachiisuu kan qabu, bareedee hawwatamuu kan qabu ture. Tureen garuu ta'ee miti. Tureen garuu tureen hafe. Kan kolfee taphatu keessaa, kan gammadee dhichiisu, keessaa fuula nama barateen dhabe. Fuulli nama baratee mana nyaataa sana keessaa gara hin mul'anneen dhokatee, keenyaan manichaatti siiqeetu jira. Nyaarri akka foo'aa harkifameetti guduunfamee, iji akka dubartii dhabduu keessatti cabee, maddiin coligee simboo dhabee, hiidhiinis silaa nyaatee hin dhugnee, yookaan nyaatee yookaan dhugee, kan irraa yoo jiidhe kan jala goge fakkaatee ta'aa nama gadda dhaqe.

Qaamni itti tolee kan dhiichisu, nyaanni garaa guutee, dhugaatiin kan deefachisuu, keessaa fuulli nama baratee darbee darbee qofa argama. qubaan lakkaa'ama.

Barumsamoo kan barateetu gatii dhabe, essatti barnoonni kan cabe?

Biyya beekaa fi beekumsi keessa hin jirre dhabbattee ni turtiiree? Dhaloota keessatti fedha barnoota ajjeesaa essa gahama?

@jechama1 tti dabalamuun bashannanaa baradhaa!
Yaada qabdan ?? @jechabot

6 months ago

KAANSARII AFAAN KEESSAA(ORAL CANCER):

Kaanserii afaan keessatti bakka kamittuu argamudha.kaamseriins Kunis yeroo cinaa arrabaarraa Kan ka'uu Fi caasaa afaan keenya haguugee jiru(mucosal layer) irraa uumama.

# mallattoolee:
- madaa ykn dhiitoo qoricha farra baakteriyaa fudhachuun fayyu hin dandeenye Kan dabalaa deemu.
Case Kun baay'acha waan jiru namoonni Fi ogeessonni fayyaaa madaa Fi dhiitoo afaan keessaa yeroo dheeraaf ture yeroo argitan gara specialist baqaqsanii yaaluu afaanii Fi fuulaa argamutti akka ergitan.
Hubachiisa : Dafanii yoo yaalama. Guutummaan guutuuttii fayyuun ni danda'ama.
Fayyaan waan hunda!
✍️ @drgudeta1
-

Gorsa fayyaaf
? @fayyaaoromoo
Gaaffiif
? @gaaffiikoo_bot
Bashannanaaf
? @jechama1

7 months, 1 week ago

? Kaanserii Harmaa ittisuuf...
1?. Tamboo/sigaaraa aarsuu dhiisuu
2.?‍♀️ Ulfaatina ofii to'achuu
3.? Alkoolii dhuguu dhiisuu/hir'isuu
4.? Harma Hoosisuu
5.?‍♀️ Sosochii qaamaa gochuu
6.? Carallaa irraa of eeguu
Hub: yeroon yaalamuun lubbuu ni baraara.

This is how you can prevent breast cancer:
? Don't smoke
? Control your weight
? Limit or avoid alcohol
? Breastfeed
?‍♀️ Be physically active
☢️ Avoid exposure to radiations

And remember:
Timely diagnosis saves lives

#share
World Health Organization (WHO)

@fayyaaoromoo
t.me/fayyaaoromoo

Telegram

FAYYAA 👨‍⚕️

Beeksisa hojii / Odeeffanno haraa // gorsaaf barnoota Fayyaa adda addaa. Yaadaaf gaaffii qabdan @gaaffiikoo\_bot irratti naaf barreessaa! Garee ***👉*** @drmoii JOIN godhaa!

***?*** Kaanserii Harmaa ittisuuf...
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm

?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa

?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 months ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 2 months ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 1 month ago