DHUGAA_CARII

Description
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

3 weeks, 6 days ago

Akka barte hafi
Garuu na beellami
Abdii natti hori
Dhufaatii kee dhaami

Har'atti mirqaanee
akkan hawwuuf boru
Narraatii goodanee
Yaadni qalbii dhoru

Beeki nan dagadha!

Isan siree soome
Hirriba lagadhee
Isaan siif abjoodhe
Ofii koo dagadhee

Namaan adda bahee
Akkan dhabe koodee
Isan of alagoomse
ofii kankoon oodee

Osoon haasaa qabuu
Isan afaanii qabame
Osoon si eeguutii
Isan ofii koo dhabame

Akkan siif jedhee
Ta'e karaa bulaa
Yaada keen jooree
Deemuuf gahe qullaa

Mucaan fayyaa qabu
Kanan nagaa dhabe
Namni waliisaa waamee
Quba natti qabe

Maatiisaas boonsee
Biyyasaatiif ta'aa
Jennee eegnee malee
Yoom seene ni raata'aa!

Akka naan jedhan
Naaf hidhii xuuxaa
Na ilaaluu balfanii
Nama kaanin qixa

Akka nama yakkee
Dalagee balleessaa
Isan Ilaaluuf dadhabe
Ija namaa keessa

Hundumaan dagadha
Nan dhufa yoo jettu
Onneen koo siif lafa
haaloo hin qabattu

Hin baddee kee yaadee
Amman yaadaan jooru
Haftus na beellami
Akkan hawwuuf boru

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

1 month, 2 weeks ago

Hamma ati miidhagdu
Sitti himuu kan na rakke
Deebitee of jaallatteetu
Na jibbitaan shakke.

Tarii yoon sitti hime...

Seeqni kee akka biiftuu
Dacheef dungoo ta'uu
Simboon dubbii keetii
Beekaa akka booji'uu...

Gita akkati hin qabne
Dachee bal'oo kanarraa
Tarii ani sitti himee
Yoo dhageesse narraa

Sumarraa jaalalli si qabee
Of jaallachuu eegalta
Miidhaga keen mo'amtee
Anaan na dagatta.

Kana sodaan koo😳

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

2 months, 2 weeks ago

Harmee koo
Si haa barbaadan dhufanii
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!
Hiika onnee namummaa
Harmee kiyya yaa deessee
Maqaa koo dha'iin namni
Maqaa kee achi fageessee!
Safara lapheefi ribuu
Gaarummaa kee sanaafi
Si cinaatti waamamuun
Ulfinadha anaafi!
- -
Otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote
Dhala koo - cuucee koo jettee
Afaan nadhii dubbatta
Furrii fi xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta!
Sin jaalladha yoon jedhe
Kan kee hin baasu gatii
Naaf jiraadhu harmee koo
Eenyummaa koodha ati!

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

2 months, 2 weeks ago

Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Siif dhiisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha

Miira kiyya maraan
Ittiin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittiin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Miilli koo, koo miti
Fudhuu ittiin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin

Of siif laadheera tiruu koo
Kee qofan ta'ee hafaa
Si qofaafan jiraadha
Dhugaa waaqaaf lafaa

Eenyummaan kiyya keetii
Qulqulluun hin faalamne
Situ na horatee
Kan lamuu hin dhaalamne
Ani of siif laadheera dhugaa
Kan booda hin haalamne

Ana ana ha urgaa'u
Hafuurri ati baafattu
Deebiin kee ana ha ta'uu
Gaaffiin ati gaafattu

Lafa nan kaayin tasa
Na dhiistee manatti
Homaas na cinaa hin kaa'in
Hin qixxeessin anatti

Ani keeti siin jedheeraa
Na hin ilaalin akka ormaatti
Lafa na keessee hin imalin
Na fannifadhu mormatti

Erga na dhuunfattee
Eenyuunuu nan caalchisin
Duutu na fudhuu du'i
Homaa nan dhaalchisin

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

2 months, 2 weeks ago

Siif walalee hin quufuu
Utuu haalli kam dhufee
Takkaa sin irraanfadhu
Balbala koo sitti cufee

Jiraachuutu ulfaate
Onnee koos adabee
Obseen tahaa jedhes
Sii obsuun dhadhabee.,

Sumaafan maraadhaa
Halkaan hirriba dhiisee
Jaalalli kee natti cimee
Baayyee na dhiphiisee

Utuu naf danda'aamee
Si liqimsuufaan yaalaa
Nadhiin gorora keetiis
Nadhii dammaa caalaa

Eessaan si argaree
Atoo mana hin baatuu
Anoo jaalala keef jedhee
Qaatan ta'ee maraatuu
Isa uffata malee jiraatuu..!

Adaraa naan dhamasiin
Nama sammuu dhabee
Adaraa naan taasisiin
Simbira baalleen cabee..

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

2 months, 3 weeks ago

........
Sin jaaladha hedduu
Baayyeesaa garmalee
Kiloon bira hin ga'uu
Hangasaa madalee
.........
Ciisu suman yaadaa
Ka'ullee bar sumaa
Jalalli akkasii
Maaluma jedhamaa?
........
Onneen koo siif rukutti
Dachaa dachaadhanii
Hunduma caalchisee
Sin jaaladha anii
..........
Akkanatti osoon si jaalluu
At koo ta'uu baannaan
Addunyaan Balleessaa
Atis badda waliin.
.....
Daangaa Jaalala koo
.
Sin jaaladha yoon jedhu
Dhuguma onneerraa
Shakkii malee fudhadhu
Sin nyaatinii garaa
.
Ammam na jaalattaa?
jettee hin gaafatin naani
Jaalalli urjiidhaa
Beekaniin lakkaa'anii

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

2 months, 3 weeks ago

Isheen....

Sagantaa jiruu keenya
Rarrastee hanbiste
Kudhaama hirbuu keenya
Galaana nyaachiste

Isheen firaan ormaa taate
Gola keenya lixxe
Anaan ala baafte

Ifoomuun iccitii
Ana gabaa oolche
Ija jabinni ishee...
Gola keenya bulche

Isheen siif giiftii; anan bakka buute
Onnee si mo'atu; qalbii si dhunfatu
Eessatti argatte; eessatimmoo fuute?

Moo....!

Anatu akka amala koo
Waan hunda arjoomee
Iccitiin si argadhe
Isheef balbaloome

Milkii

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

3 months ago

(Awwaalcha koo hin dhufin)

Hubadheera sirriitti
Cimina humna jaalalaa
Du'aayyuu akka kaasu
Addaan diige awwaala
Bakka awwaala koo
Quba keetiin tuqxee
Nan ni baafta ati
Biyyoo gargar saaqxee
Garuu macci arguu
Mortuudha siin jedha
Dhagaa sitti guuree
Si ajjeessuu fedha
Qooda kiyya duutee
Hanga boolla buutu
Awwaalcha koo hin dhufiin
Yoosi kan lubbuun turtu!

By Amaanueel Naggaa

https://t.me/jireenyaaartiidhaan
https://t.me/jireenyaaartiidhaan

3 months, 1 week ago

faarsi faarsi ekeraa kee
ekeraa seenaa fokkuu
silas maal keetu fakkaata
ilma abbaa Bokkuu

gogaan kee xuriidha
xurii keessa hallatta
fira fakkaachuuf
dubbiif afaan bal'atta

takka bubbuluuf
ormaaf gugguufta
waan garaadhaa hin qabne
miixattee dhudhuufta...

faarsi ekeraa kee
ekeraa fakkii keetii
eegee raasiif akka amala keetii

yoo fira ta'eef
isa firaa ganteetta
fira mitiif malee
atiyyuu himatteetta

faarsuu dhiistee
yoo waaqessite
akka barbaaddetti
yoo dhaadessite...

dhimma koo miti
gugguufiif akka feete
har’a miti kan ati
daangaa ceete...

garuu waa beeki
dhugaa haadh'ooftuu
umuriin kee gabaabatteetti
utuu waliin dhooftuu... https://t.me/jireenyaaartiidhaan

4 months, 3 weeks ago
humni si harkisu yoom laafee beeka

humni si harkisu yoom laafee beeka
kaan furtuu konkolaataa siif akeeka
kaan maallaqa sitti agarsiisa
siif arjoomuuf kaardii magariisa

naafis hin dhibamne kan luka natti bantu
ishee jaallattee lubbuun koo akka si gantu
qaama bareedaa dhaqna koo dheebuu baasu
ho'ina aduu caalu kan qaama koo kaasu
gudeeda bareedaa mudhiin na hawwatu
mamii tokko malee garashee na darbatu
mi'aa wanta sanaa gaafan asii achi tilmaamu
harkisa isheen qabamuuf ijayyuu hin sukkuumu
garuu waatu jira waan jabaa
sin jaalladha akka mucaa dhabaa
jaalala isa dharraa nama biraa balleessu
xuraawaa yaadaa kan qulleessu

egaan giiftii koo giiftii dharraasiftuu
qaama kee kan nama biraa hin taasiftuu?
dhuguma kennaa jaraa bira tartaa?
yoo miira'uuf kaate daftee of bartaa?
moo sitti tola huccuun bifa toleessi
furtuun konkolaataa gurbaan sooressi
maallaqni baay'een jiruu kee gammachiisu
jaarsa akaakaa kee kan si hammachiisu
kennaan gaarii luka si bansiisaa?
qaamni kee kan biraaf gad ciisaa?
yoo akkas ta’e dafii naaf himi
ammumarraa sooressatti cimi

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo