ABDII SABAA

Description
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Advertising
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 3 days, 4 hours ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 2 months, 3 weeks ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months ago

2 days, 16 hours ago
Balaan abiddaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa …

Balaan abiddaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Kooyyee mudatee ture to'atamuu ibsame

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti balaan abiddaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Kooyyee mudatee ture to'atamuu kominikeeshiniin magaalichaa ibse.

Kutaa Magaalichatti Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa Kooyyee Facceetti balaan abiddaa ka'umsa isaa yeroof adda hin baane kan mudate yoo ta'u, hirmaannaa uummataafi hoggansa ittisa balaa abiddaan to'atamuu himeera.

Ka'umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ibseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

3 days, 1 hour ago
[#Itoophiyaan](?q=%23Itoophiyaan) Mana Maree Nageenyaa [#Gamtaa\_Afrikaatti](?q=%23Gamtaa_Afrikaatti) teessoo …

#Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa #Gamtaa_Afrikaatti teessoo argachuuf deeggarsa gaafatte

Itoophiyaan bara 2025-2027’tti Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa keessatti teessoon argachuuf sochii eegaluu Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootewoos (PhD) dubbatan.

Geediyoon fedhii biyyattii kana kan ibsan marii ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa garagaraa teessoo isaanii Finfinnee godhatan waliin guyyaa kaleessaa gaggeeffame irrattidha.

Itoophiyaan ergama nagaa kabachiisaa fi tokkummaa Afrikaa keessatti gahee olaanaa taphachaa turuu eeruun biyyoonni Afrikaa iyyata Itoophiyaa kana akka deeggaran gaafataniiru.

Kana malees, Itoophiyaan Afrikaa sirna gita bittaa jalaa baasuu, Dhaabbata Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Afrikaa hundeeessuu, Afrikaadhaaf sagalee ta’aa turuufi Ajandaa 2063 dhugoomsuuf hojjachaa jiraachuu Geediyoon eeraniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

3 days, 23 hours ago

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaaf lolaa jiran du’aa fi madoof saaxilamaa jiraachuu ibsame

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa tumsuun Yuukreen waraanaa jiran du’aa fi madoof saaxilamaa jiraachuu Ameerikaan beeksifte.

Raashiyaan bulchiinsa Kursik to’achuuf Loltootaa Kooriyaa Kaabaa bobbaasuu Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmiir Zalaniksiin tibbana ibsanii turan.

Loltoonni kunneen naannawichatti miidhaa olaanaa keessummeessaa jiraachuu Aanga’aan olaanaan Waraanaa Ameerikaa beeksisaniiru.

Hanga loltoota miidhamanii fi odeeffannoo bal’aa ta’e kennuu baatanis loltoonni Kooriyaa Kaabaa kunneen waraanicharratti cimaa ta’anii hin argamne jedhani aanga’aan waraanaa Ameerikaa kun.

Loltoonni 200 ta’an du’uu fi madaa’uu AP’n gabaaseera.

Erga loltoonni Kooriyaa Kaabaa kuma 10 ta’an Raashiyaa tumsuun Yuukreen lolaa jiran jedhamee as miidhaan loltoota kanneenirra gahuu yeroo jalqabaaf ibsame.

Loltoonni Kooriyaa Kaabaa harki caalu waraana lafoon lolarratti hirmaachaa jiraachuu Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa fi Waayit Hawus mirkaneessaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

2 months, 4 weeks ago

Komii Barattootaa.

Barattoonni bara 2016 qormaataa kutaa 8ffaa fudhachuudhaan qabxii dorgomsiisee mana barumsaa bultii addaa isaan seensiisu galmeesisan MBBA oromiyaa komatanii jiru.

Akkuma beekkamu MBBA Oromiyaa barattootaa qaxalee bu'aa qormaata kutaa 8ffaa ilaaluudhaan dorgomsiisee kan fudhatu yoo ta'u bara kanas barattoota bara 2016 bu'aan qormaata kutaa 8ffaa isaanii bareeda ta'e ulaagaa barbaachisuu dorgomsiisee tureera.

Maarree barttoota Qormaata seensaa mana barumsichaa darban maqaa barattoota 1492 gama miidiya hawwaasaa Telegiramiidhaan maxxansanii kan turanis yoo ta'u guyyoota xiqqoo keessatti ammoo maqaa barattoota muraasaa keessaa hambisuudhaan kan maxxansan ta'uu barattoonni kunnee heeran.

Qabxii seensaa dhiiraaf 73,dubartootaaf 70 jedhamee maxxanfamee kan ture jijjiraamuudhaan dhiirootaaf 78 akkasumas dubartootaaf ammoo 75 taasisuudhaan maqaa barattoota 703 qofa maxxansuu isaanii fi kanneen hafan ammoo MA addaa Naannoo isaanitti argamutti barachuu akka danda'an haala mijeessuu isaa barattonni himaniiru.

Sababa kanaaf xin-sammuun barattootaa kanneenii akka tuqamee fii akka hedduu gaddan akkasumas maatiin illee erga qophii hedduu xumuranii jijjiirraan yaadaa kun jiraachuun barattootaa fi maatii barattoota hedduu akka miidhe dubbataniiru.

''Gochi akka kanaa bareedaa mitii boruufillee wal amantaa keenya hir'isaas''jechuudhaan barattoonnj kunneen komatan.

Kun maaliif akka ta'e ibsa bal'aa biiroo barnootaa oromiyaa fi qaama dhimmichi ilaallaturaa akka nuuf laatamuu barbaanna kan jedhan barattoonni kunneen yaadaa tasgabbii qabuun gara barnoota idilee isaaniittii deebi'uu akka barbaadanis ibsaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

? MIIDIYAA @ABDII_SABAA ?

3 months ago

#Waamicha
#Yuunivarsitii_Amboo
Beeksisa Barattoota Sagantaa Idilee fi Torbanii Yuunivarsitii Amboo Hundaaf
Guyyaan galmee Fulbaana 27-28/2017 A.L.I tti ta'uu beektanii, qaamaan argamuun akka galmooftan isin beeksisna.
Ibsa dabalataa:- Barattoonni sagantaa fooyya'insa yuunivarsiitii Ambootti hordofaa turtanii fi gabxii darbiinsaa argattan akkasumas barattoonni haaraa bara 2017 ramadamtan, guyyaan itti waamamtan fuulduratti beeksifama.
- Barataan guyyaa eerame dursee ykn dabarsee dhufe, kan hin keessummeessine ta'uu cimsinee isin hubachiisna.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
*? MIIDIYAA @ABDII_SABAA *?**

3 months ago

#Waamicha
#Yuunivarsitii_Walqixxee

  1. Barattoonni digrii jalqabaa "Natural Science, Social Science and Pre-Engineering" bara 2016 semestera lammaffaa xumuran, guyyaan iyyannoo Fulbaana 19/2017, ramaddiin daree ammoo Fulbaana 20/2017 irraa eegalee ni raawwatama.

  2. Barattoonni digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa waggaa afraffaafi isaa ol jiran hundi yeroon galmee Fulbaana 27 fi 28/2017 akka ta’ee fi barnoonni Fulbaan 29/2017 eegala.

Barattoonni Rimiidiyaala dabartan barattoota haaraa waliin waamamtu

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
*? MIIDIYAA @ABDII_SABAA *?**

3 months ago

#Waamicha
#Yuunivarsitii_Barnootaa_Kotobee

Yuunivarsitiin Barnootaa Kotebee barattoota digirii jalqabaa idilee waggaa 4ffaa fi barattoota guyyaa digirii lammaffaa waggaa 3ffaa fi isaa ol ta’aniif guyyaan seensaa Fulbaana 20/2017 ta’uun ibsameera.

Barattoonni idilee digirii jalqabaa bara 2015 seenanii fi barattoonni digirii lammaffaa guyyaa guyyaan seensaa Fulbaana 21/2017 akka ta’e ibsamee jira.

Barattoota digirii jalqabaa idilee waggaa tokkoffaa bara 2016 f waa’ee filannoo Dippaartimentii Fulbaana 20/2017 akka beeksisan himameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
*? MIIDIYAA @ABDII_SABAA *?**

3 months, 1 week ago

#Waamicha
#yuunivarsitii_Mattuu

Yuunivarsitiin Mattuu guyyaan waamicha barattoota Fayyaa Fulbaana 11 - 12/2017 ta’uu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
*? MIIDIYAA @ABDII_SABAA *?**

3 months, 1 week ago

#Waamicha
#yuunivarsitii_DirreeDawaa

Yuunivarsitiin Dirree Dawaa guyyaan waamicha barattoota buleyyii waggaa lammaffaafi isaa olii Fulbaana 8 - 10/2017 ta’uu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
*? MIIDIYAA @ABDII_SABAA *?**

We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm

🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 3 days, 4 hours ago

https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg

Last updated 2 months, 3 weeks ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 2 months ago