SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months ago
https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg
Last updated 2 months ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 1 month ago
2:125:- Yeroo Manicha (Ka’abaa) namootaaf iddoo deddeebiifi iddoo nagaa taasifnes [yaadadhaa] Maqaama Ibraahiim irraas iddoo salaataa taasifadhaa (Nutis) Ibraahiimiifi Ismaa’iiliin mana Kiyya warra isa irra naanna’aniif, warra keessa taa’aniifi warra (isa keessatti) rukuu’aafi sujuuda godhaniif qulqulleessuu isaan ajajnee jirra. وَإِذْ جَعَلْنَا ٱلْبَيْتَ مَثَابَةًۭ لِّلنَّاسِ وَأَمْنًۭا وَٱتَّخِذُوا۟ مِن مَّقَامِ إِبْرَٰهِـۧمَ مُصَلًّۭى ۖ وَعَهِدْنَآ إِلَىٰٓ إِبْرَٰهِـۧمَ وَإِسْمَٰعِيلَ أَن طَهِّرَا بَيْتِىَ لِلطَّآئِفِينَ وَٱلْعَٰكِفِينَ وَٱلرُّكَّعِ ٱلسُّجُود
Qurayshonni Sofaa fi Marwaa gidduu ni daawwatu waan turef namootni Ansaara iddoo sanatti Xawaafa gochudhan yeroo jaahliyyaa keessa ture godhani yaadu turani.
Imaamu Bukhaarii Kitaaba 25, Hadiisa 129
Asiim akka gabaaseetti: *"Anas Ibn Maalik " R.A.: "Sofaa fi Marwa gidduu naanna'u ni jibbita turte?" jedheen isa gaafadhe. Innis ni jedhe: Eeyyee! Rabbiin: "Sofaa fi Merwaan mallattoo ajaja Rabbii guutamuuti." Namni hajjiif ykn umraadhaaf mana isaa daawwate, lamaan jidduu deemee dilii isarra hin jiru. Keeyyatni hamma bu'utti yeroo bara jaahiliyah seera ture goone yaadna ture. أَخْبَرَنَا عَاصِمٌ، قَالَ قُلْتُ لأَنَسِ بْنِ مَالِكٍ ـ رضى الله عنه ـ أَكُنْتُمْ تَكْرَهُونَ السَّعْىَ بَيْنَ الصَّفَا وَالْمَرْوَةِ قَالَ نَعَمْ. لأَنَّهَا كَانَتْ مِنْ شَعَائِرِ الْجَاهِلِيَّةِ، حَتَّى أَنْزَلَ اللَّهُ {إِنَّ الصَّفَا وَالْمَرْوَةَ مِنْ شَعَائِرِ اللَّهِ فَمَنْ حَجَّ الْبَيْتَ أَوِ اعْتَمَرَ فَلاَ جُنَاحَ عَلَيْهِ أَنْ يَطَّوَّفَ بِهِمَا}.
"Ihram" إحرام jechuun jecha afaanitin "dhorka" jechuu yeroo ta'u hiikni amantii immoo haala qulqullummaa Hajjii fi Umraa keessatti mul'atu agarsiisa. Namni Ihraama keessatti seene Muhrim محرم jedhama. Mushrikoonni sofaa fi gidduu marwaa manaat kan jedhamu sanama(xa'oti) galchani ni waaqeffatu turan. Kan kan hubatan namootni Madiina ihraam maqaa manaat itti fakkaata ture.
Imaamu Bukhaarii Kitaaba 65 Hadiisa 4861
Urwaan akka gabaaseetti: *"Anis Aishatin R.A." Waa'ee soofaa fi marwaa isheen gaafadhe. Isheenis akkana jette: “Waaqa tolfamaa Manaat jedhamu Musheel taa’ee ture; Ihram maqaa isaa waan itti fakkaatef soofaa fi Merwa gidduutti Xawaafa ni godhu turani. Rabbiin immoo aayata akkana jedhu buuse: "Soofaa fi marwaan mallattoo ajaja Rabbii raawwachuuti." Kanaaf Ergamaan Rabbii "صلى الله عليه وسلم" fi Muslimoonni Xawaafa gochuu jalqaban. سَمِعْتُ عُرْوَةَ، قُلْتُ لِعَائِشَةَ ـ رضى الله عنها ـ فَقَالَتْ إِنَّمَا كَانَ مَنْ أَهَلَّ بِمَنَاةَ الطَّاغِيَةِ الَّتِي بِالْمُشَلَّلِ لاَ يَطُوفُونَ بَيْنَ الصَّفَا وَالْمَرْوَةِ، فَأَنْزَلَ اللَّهُ تَعَالَى {إِنَّ الصَّفَا وَالْمَرْوَةَ مِنْ شَعَائِرِ اللَّهِ} فَطَافَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم وَالْمُسْلِمُونَ.
Mishinaronni "Hajjii kan jalqaban Araboota waaqa tolfama(waarra sanama gabbaran)dha.kan jedhu oduu bunaa qabu. Hajjii fi dursee isa keessa jiru tartiiba Waaqni keenya Rabbiin Nabi Ibraahim olitti cimsee ajajedha. Sirna Jahliayyaa fudhannee Dinal Islam irratti ta’e Aqiidatul Rabaniyatti dabaluun bida'a fi shirkii akka ta’e sirriitti beekna. Badii raawwatoota Rabbiin jibbu keessaa inni lammaffaan sirna Jahliayyaa fudhatee Islaamummaatti dabaluu akka tahe hadiisa keessatti ifaafi wal hin shakkiin ibsameera.
Imaamu Bukhaarii Kitaaba 87 Hadiisa 21
Ibnu Abbaas akka gabaaseetti Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: "Rabbiin biratti namootni jibbaman sadiitu jiru: tokkoffaan kan karaa sirrii irraa bahee waan badaa hojjatu, inni lammaffaan kan sirna Jahliyyaa Islaamummaa keessatti hambisu kan barbaadu, inni sadaffaan" seera malee dhiiga namaa dhangalaasu." عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ، أَنَّ النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم قَالَ “ أَبْغَضُ النَّاسِ إِلَى اللَّهِ ثَلاَثَةٌ مُلْحِدٌ فِي الْحَرَمِ، وَمُبْتَغٍ فِي الإِسْلاَمِ سُنَّةَ الْجَاهِلِيَّةِ، وَمُطَّلِبُ دَمِ امْرِئٍ بِغَيْرِ حَقٍّ لِيُهَرِيقَ دَمَهُ
Rabbin keenya Allaahan garboota man isaa daawwatan nu haa godhu! Amiin.
✍Apoolojistii Islaamaa Wahiid
https://t.me/Wahidomar1
Wassalaamu Aleykum
Hajji
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
22:26:- Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi”(jennes dubbadhu.) وَإِذْ بَوَّأْنَا لِإِبْرَٰهِيمَ مَكَانَ ٱلْبَيْتِ أَن لَّا تُشْرِكْ بِى شَيْـًۭٔا وَطَهِّرْ بَيْتِىَ لِلطَّآئِفِينَ وَٱلْقَآئِمِينَ وَٱلرُّكَّعِ ٱلسُّجُودِ
''Haajj''حَآجّ ykn ''Hajj''حَجّ jechi jedhu ''hajja'' حَجَّ jechuunis ''daawwate'' jecha jedhurra kan argame yoo ta'u ''daawwanaa''pilgrimage” jechudha. Hajjin daawwanna idillee yeroo ta'u ''Umraan عُمْرَة immoo daawwanaa al-idilleedha.
2:196:- Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaa وَأَتِمُّوا۟ ٱلْحَجَّ وَٱلْعُمْرَةَ لِلهِ
3:97:- Isa keessa mallattoolee ifa ta’an Maqaama Ibraahiimtu jira Namni isa seenes nagaa ta’aRabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu danda'e irratti, manicha hajja'uutu dirqamni jira Namni kafares, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha. فِيهِ ءَايَٰتٌۢ بَيِّنَٰتٌۭ مَّقَامُ إِبْرَٰهِيمَ ۖ وَمَن دَخَلَهُۥ كَانَ ءَامِنًۭا ۗ وَلِلهِ عَلَى ٱلنَّاسِ حِجُّ ٱلْبَيْتِ مَنِ ٱسْتَطَاعَ إِلَيْهِ سَبِيلًۭا ۚ وَمَن كَفَرَ فَإِنَّ ٱللهَ غَنِىٌّ عَنِ ٱلْعَٰلَمِينَ
2:158:- Dhugumatti, Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii irraayyi Namni Manichatti hajja’e yookiin umraa godhe isaan lamaan jidduu naanna’uun badiin isarra hin jiru إِنَّ ٱلصَّفَا وَٱلْمَرْوَةَ مِن شَعَآئِرِ ٱللهِ ۖ فَمَنْ حَجَّ ٱلْبَيْتَ أَوِ ٱعْتَمَرَ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِ أَن يَطَّوَّفَ بِهِمَا
Hajjiin yeroo mataa isaa qaba.
2:189:- (Yaa Muhammad!) Waa’ee baatii reefuu baatu irraa si gaafatu“Isheen namootaaf kan yeroo ibsituufi hajji (beeksiftuu)dha” يَسْـَٔلُونَكَ عَنِ ٱلْأَهِلَّةِ ۖ قُلْ هِىَ مَوَٰقِيتُ لِلنَّاسِ وَٱلْحَجِّ
2:197:- Hajjiin ji’oota beekamoodhaNamni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate), hajjii keessatti qunnamtii saalaa gochuu, finciluufi falmii gaggeessuu hin qabu. ٱلْحَجُّ أَشْهُرٌۭ مَّعْلُومَٰتٌۭ ۚ فَمَن فَرَضَ فِيهِنَّ ٱلْحَجَّ فَلَا رَفَثَ وَلَا فُسُوقَ وَلَا جِدَالَ فِى ٱلْحَجِّ
22:28:- Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif, guyyoota beekamoo ta'an keessattis beylada irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti akka maqaa Rabbii dubbataniif (beeksisi)Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa dhabaas nyaachisaa. لِّيَشْهَدُوا۟ مَنَٰفِعَ لَهُمْ وَيَذْكُرُوا۟ ٱسْمَ ٱللهِ فِىٓ أَيَّامٍۢ مَّعْلُومَٰتٍ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلْأَنْعَٰمِ ۖ فَكُلُوا۟ مِنْهَا وَأَطْعِمُوا۟ ٱلْبَآئِسَ ٱلْفَقِيرَ
89:2:- Halkan kurnaniini, وَلَيَالٍ عَشْرٍۢ
Guyyoonni beekaman halkan kurnan jalqabaa ji’a 12ffaa Zul-hijjaa ti. Rabbiin Ibraahim baatii kanatti mana isaa akka daawwatu ajaje
22:27:- (Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi(Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu. وَأَذِّن فِى ٱلنَّاسِ بِٱلْحَجِّ يَأْتُوكَ رِجَالًۭا وَعَلَىٰ كُلِّ ضَامِرٍۢ يَأْتِينَ مِن كُلِّ فَجٍّ عَمِيقٍۢ
22:26:- Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.) وَإِذْ بَوَّأْنَا لِإِبْرَٰهِيمَ مَكَانَ ٱلْبَيْتِ أَن لَّا تُشْرِكْ بِى شَيْـًۭٔا وَطَهِّرْ بَيْتِىَ لِلطَّآئِفِينَ وَٱلْقَآئِمِينَ وَٱلرُّكَّعِ ٱلسُّجُودِ
''naannawaniif'' jedhe jechi ta'e ''lixxaa'ifina''لِلطَّائِفِينَ ta'u isaa dubbisaan ni hubata. Jechi ''Xawaaf'' طَواف jedhu ''Xaafa''طَافَ jechunis '' naanna'e kan jedhurra kan dhufe yeroo ta'u ''naanna'uu'' jechudha. Mana isaa daawwachutin yeroo torba naanna'u Gooftaan keenyi Allahan Ibraahimif ajaja keennefidha.
22:29:- Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutan Mana turaa (Ka’abaan) haa naanna’anii. ثُمَّ لْيَقْضُوا۟ تَفَثَهُمْ وَلْيُوفُوا۟ نُذُورَهُمْ وَلْيَطَّوَّفُوا۟ بِٱلْبَيْتِ ٱلْعَتِيقِ
''haa naanna'ani'' jedhame jechi ta'e ''yaxawafu''يَطَّوَّفُوا ta'u isaa dubbisaan ni hubaata. Manicha warreen naanna'an immoo ''Xaa'if''طَآئِف jedhamu.
Mucaan kun abbaa waan qabuf ''Abbaa fi haadha isaa'' jecha jedhu ni dubbisna. ''durbummaa'' jedhame kan hiikame jechi ibraayisxi ''Almaa'' yeroo ta'u ''Shamarree'' ''dubara'' ''bareedduu'' ''intala'' jechudha.
Uumamaa 24:43:-“Kunoo, ani amma burqituu bishaanii bira dhaabadheen jira; ani intala bishaan waraabbachuu dhuftu tokkoon, 'Gomboo kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi!' nan jedha;”
Bu'aa 2:8:- “Intalli mootichaa immoo deebiftee "Dhaqi!" jetteen; akkasitti intalattiin dhaqxee haadha mucichaa waamtee in fidde.”
Kanaafu Shamarren sun ykn bareeddun akkasumas dubaarri kan deessuu heerumteeti. Raajittinis Amaanu'eelitin yeroo sana dhaltettini. ilmi ishe Amaanu'eel jedhamun isaa waaqa ta'u isaa ykn waaqni dhalachu isaa takkaa iyyuu hin agarsiisu. Kanaafu jalqabumarraa isaayaas 7:14 dubbisni isaa yeroo sanatti mucaa dhalate dha. Barreessan Maatiwos raajii kana iyesuusifidha nun jedha.
Matiwos 1:22-23 kun hundinuu inni Waaqayyo gooftaan afaan raajichaatiin dubbate akka raawwatamuuf ta'e.Innoo, "Kunoo, durbi in ulfoofti ilmas in deessi, maqaa isaas 'Amaanu'el' jedhanii in moggaasu" jedhe; "Amaanu'el" jechuun "Waaqayyo nuu wajjin jira" jechuu dha.
Barreessaan Maatiwos ofi isaa iyyuu maatewos miti kun mata dure biradha. Garuu barreessaan Maatiwos isaayaas 7:14 kallattiidhan ''metaphrase quotation'' yeroo kaa'uu seeraan hin keenye ''isaayaas'' jettee ni moggaafti'' kan jedhu baay'iseeti '' ni moggaasuu'' jedhe kaa'eera. ''ni moggaafti'' kan jedhu jijjirudhan ''ni moggaasu'' isa jedhu eessaa fideeti? Maal ta'a kooppii ala godhu sirriidhan kooppii yoo godhe ? eenyutu dogoggore hafura qulqullumo barreessadha? hafurri qulqulluu waan hin dogoggoreef barreessa moo warra kanaan dura kitaabaa qophessantu dogoggoree. Yeroo itti fufu isaayaas dubara ishe caqase mucaa ishee maqaa isaa Amaanu'el jette akka waamtu ni dubbata. Maariyaam garuu mucaa ishee kan ittin waamte ''Amaanu'el'' osoo hin taane ''iyasuus'' jetteetidha.
Luqaas 1:31:- “Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!”
Luqaas 2:21:- “Guyyaan saddeettaffaan erga darbee mucicha dhagna qabuun in ga'e; akkuma ergamaan Waaqayyoo utuu isheen hin ulfaa'in dura, haadha isaatti himee turetti maqaa isaa "Yesus" jedhan.”
Kanaafu Amaanu'el jettee yoo hin waamne isaayaas dubara ishee caqase sun Maariyaam osoo hin taane yeroo (tibba) sana raajitti turteedha. isaayaas 7:14 ''waaqni ni dhalata'' isa jedhu hubachuuf takkaa hin agarsiisu. Waaqni dhaluu fi dhalachu kan jedhu amala uumamtoota hin qabu.
112:4:- Hin dhalle hin dhalannes. لَمْ يَلِدْ وَلَمْ يُولَدْ
✍Apoolojistii Islaamaa Wahiid
https://t.me/Wahidomar1
Wassalaamu Aleykum
Saaxnaa’eel
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
6:162:- Jedhi: ’’Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi. قُلْ إِنَّ صَلَاتِى وَنُسُكِى وَمَحْيَاىَ وَمَمَاتِى لِلهِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
Jechi g’izi ‛‛Saxnaa’eel’’ jechu afaan ibrootaatti ‛‛Azaz'eel’’ עֲזָאזֵל’’ yeroo ta’u, jecha lama irraa kan dhufedha. ‛‛Azaz’’ עֲזָא ’’jechuun ‛‛Jabina’’ jechuu yeroo ta’u, ‛‛eel’’ זֵל’’ jechuun immoo waaqa jechuudha. walumaa galatti ‛‛Azaz’eel’’ jechuun ‛‛waaqayyoo jabina kooti’’ jechuudha.
maqaan kun Seexana kan jedhamuf oto inni hin seexanoomin ykn seexana hin ta’in dura maqaa isaa akka ta’e kitaabotni seenaa ni dubbatu.
Henok 3:10 Sababa hojii fi barsiisa Azaz’eelin guutummaan lafaa ni balleeffamte.cubbuun namoota hunda isa irratti barra’e jedhe.
Henok 15:7 "Azaz’eel’’ irratti ni murteffama. akkasumas saba kee hundumaa fi loltoota warra maqaa Gooftaa Ergamootaatti hin amanne hundaan irratti ni murteffama.
Henok 19:10-12 Maqaan jinniiwwan sanaa akka armaan gadiiti: Angafni isaa Smaaziyaa, inni lammataa Arstikfaa, inni sadaffaan Armiin, afraffaan Kokbel jedhama. Inni shanaffaan Xur’eel, inni ja'affaan Rumyal, inni torbaffaan Daani'eel, inni saddeettaffaan Mika'el, inni sagalffaan Baraqa’eel, inni kurnaffaan "Azazel", inni kudha tokkoffaan Armaaros, inni kudha lamaffaan immoo Baxariyal dha.
Aaron re'oota lamaan irratti carraa ni busa, carraa isa tokko Yaahiwedhaaf, carraa isa kan immoo "Azaz’eeliif ni ta'a
Lewwota 16:8 Aaron re'oota lamaan irratti carraa ni busa, carraa isa tokko Yaahiwedhaaf, carraa isa kan immoo "Azaz’eeliif ni ta'a". תַן אַהֲרֹן עַל-שְׁנֵי הַשְּׂעִירִם, גֹּרָלוֹת–גּוֹרָל אֶחָד לַיהוָה, וְגוֹרָל אֶחָד לַעֲזָאזֵל.
isa afaan oromo irratti ‛‛kan gadhifamuf’’ jedhe yoo kaa’eyyu inni afaan ibrootaatin ‛‛Azaz’eel’’ עֲזָאזֵל’’ jedheti dhugaa isaa kaa’era. inni afaan Arabiffaas otoo hin shakkin ‛‛Azaz'eel’’عَزَازِيل’’ jedhe kaa’eera. akkasumas inni afaan ingliffaa Good News Translation sirridhan ‛‛Azaz’eel’’ jedhera.
Namni Yaah’wee maleef waaqa kamiifuu aarsaa godhu ni bada" jedhameera.
Ba’uu. 22:20 “Waaqayyo kophaadhaaf malee, waaqayyolii kan biraaf aarsaa kan dhi'eessu lafa irraa haa balleeffamu!”
Waaqa tokko malee qaama biraatiif wareega gochuun yakka cimaa akkasii yoo ta’e, Saaxnaa’eelif wareegama Re’e ni dhiyaata isa jedhu dhisaati, gooftaa aalama Allahatif akka wareegama gotan waamicha isinif goona. muslimni arsaa kan godhu Rabbii gooftaa adunyaa qofaatifi.
6:162:- Jedhi: ’’Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi. قُلْ إِنَّ صَلَاتِى وَنُسُكِى وَمَحْيَاىَ وَمَمَاتِى لِلهِ رَبِّ ٱلْعَٰلَمِينَ
✍Apoolojistii Islaamaa Wahiid
https://t.me/Wahidomar1
Wassalaamu Aleykum
"የተደበቀው እውነት" በአፋን ኦሮሞ "Dhugaa dhokate" በሚል ኢንሻላህ በቅርብ ቀን ይጠብቁ!
እስከዛው በአፋን ኦሮሞ መጣጥፍ ያንብቡ፦ https://t.me/Wahidomar1/62
Gaala
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Gaala jechi jedhu qur’ana keessatti jecha garaa garaatin ta’e dhufeera :- fakkenyaaf:-
1, ‛‛Naaqah′′ نَاقَة ’’ jechuun ‛Gaala dhaltu’ jechuu yeroo ta’u dinqiidhan kan argamtedha.
91:13:- Ergamaan Rabbiis isaaniin “Gaala Rabbiitiifi dhugaatii ishee (eeggadhaa)” jedhe. فَقَالَ لَهُمْ رَسُولُ ٱللهِ نَاقَةَ ٱللهِ وَسُقْيَٰهَا
2,‛ibil’ إِبِل ’ jechuun ‛Gaala dhaltuu’ jechuu yeroo ta’u waligala ‛‛Gaala dhaltuu’’ jechudha.
88:17:- Sila gara gaalaa akkamitti akka uumamte hin ilaalanuu? أَفَلَا يَنظُرُونَ إِلَى ٱلْإِبِلِ كَيْفَ خُلِقَتْ
3,‛‛Jamal’’جَمَل’’ jechuun ‛Gaala’ jechuu yeroo ta’u waliigala Gaalaa mul’isuuf kan dhufudha.
7:40:- Dhugumatti, isaan keeyyattoota keenya kijibsiisaniifi isaan irraa boonan, balballan samii isaaniif hin banamuHanga gaalli qaawwa lilmoo keessa seenutti jannatas hin seenanuAkka kanatti yakkamtoota mindeessina. إِنَّ ٱلَّذِينَ كَذَّبُوا۟ بِـَٔايَٰتِنَا وَٱسْتَكْبَرُوا۟ عَنْهَا لَا تُفَتَّحُ لَهُمْ أَبْوَٰبُ ٱلسَّمَآءِ وَلَا يَدْخُلُونَ ٱلْجَنَّةَ حَتَّىٰ يَلِجَ ٱلْجَمَلُ فِى سَمِّ ٱلْخِيَاطِ ۚ وَكَذَٰلِكَ نَجْزِى ٱلْمُجْرِمِينَ
4,‛‛Rikab’’ رِكَاب’’ jechuun ‛Gaala’ jechuu yeroo ta’u akkuma Jamal waliigala gaala mul’isuuf kan dhufedha.
59:6:- Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifneGaruu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisaRabbiinis waan hunda irratti danda'aadha. وَمَآ أَفَآءَ ٱللهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنْهُمْ فَمَآ أَوْجَفْتُمْ عَلَيْهِ مِنْ خَيْلٍۢ وَلَا رِكَابٍۢ وَلَٰكِنَّ ٱللهَ يُسَلِّطُ رُسُلَهُۥ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ ۚ وَٱللهُ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍۢ قَدِيرٌۭ
5,‛‛Badanah’’ بَدَنة ’’ yeroo ta’u lakkoofsi baay’ina Badanah ‛Bud’n’ بُدْن’ dha. kunis Gaala qalmaaf ta’u dha.
22:36:- Beeyladoota wareega Ka’abaa mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone...وَٱلْبُدْنَ جَعَلْنَٰهَا لَكُم مِّن شَعَٰٓئِرِ ٱللهِ لَكُمْ
6,‛‛ishaar’’عِشَار ’’ jechuun ‛‛Gaala rimaa’’ jechuudha.
81:4:- Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte), وَإِذَا ٱلْعِشَارُ عُطِّلَتْ
7,‛‛Him’’ هِيمِ’’ jechuun ‛‛Gaala dhebote’’ jechuudha.
56:55:- Dhugaatii akka gaala dheebottee dhugdu. فَشَٰرِبُونَ شُرْبَ ٱلْهِيمِ
8,‛‛Ba’ir''بَعِير’’ jechuun ‛‛Gaala fe’umsaa’’ jechuudha.
12:72:- Ni jedhan: “Nuti safartuu mootii dhabnee; nama isa fideefis (badhaasa) fe’aa gaalaa tokkotu isaaf jiraAni kana irratti waadaa galaadha.” قَالُوا۟ نَفْقِدُ صُوَاعَ ٱلْمَلِكِ وَلِمَن جَآءَ بِهِۦ حِمْلُ بَعِيرٍۢ وَأَنَا۠ بِهِۦ زَعِيمٌۭ
9,‛‛Damir''ضَامِر’’ jechuun ‛‛Gaala huqqataa’’ jechuudha.
22:27:- (Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi(Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu. وَأَذِّن فِى ٱلنَّاسِ بِٱلْحَجِّ يَأْتُوكَ رِجَالًۭا وَعَلَىٰ كُلِّ ضَامِرٍۢ يَأْتِينَ مِن كُلِّ فَجٍّ عَمِيقٍۢ
✍Apoolojistii Islaamaa Wahiid
https://t.me/Wahidomar1
Wassalaamu Aleykum
Garagarummaan halluu bareedina!
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin
30:22 Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan waldhabuunis mallattoo Isaa irraayyi,Dhugumatti, kana keessa aalama hundaaf mallattooleetu jiru. وَمِنْ ءَايَٰتِهِۦ خَلْقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَٱخْتِلَٰفُ أَلْسِنَتِكُمْ وَأَلْوَٰنِكُمْ ۚ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍۢ لِّلْعَٰلِمِينَ
‛‛Adam′′ آدَم ′′jechi jedhu yeroo 25 qur’ana keessa dhufeera ''Adam'' jechunis ''biyyoo'' lafa'' diimaa'' yookiin nama kan jedhu irraa kan jedhufe yoo ta'u, Rabbiin Adamin biyyoo lafa irraati isa uume.
15:28 Yeroo Gooftaan kee maleeykotaan jedhe [yaadadhu]:“Ani nama suphee (faara) dhoqqee jijjiiramarraa ta’e irraa uumaadha. وَإِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّى خَٰلِقٌۢ بَشَرًۭا مِّن صَلْصَٰلٍۢ مِّنْ حَمَإٍۢ مَّسْنُونٍۢ
38:71 Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “*Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe [yaadadhu]. إِذْ قَالَ رَبُّكَ لِلْمَلَٰٓئِكَةِ إِنِّى خَٰلِقٌۢ بَشَرًۭا مِّن طِينٍۢ
71:17 Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche. وَٱللهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلْأَرْضِ نَبَاتًۭا
71:18 Ergasii ishee keessatti isin deebiseeti, baasuus isin baasa. ثُمَّ يُعِيدُكُمْ فِيهَا وَيُخْرِجُكُمْ إِخْرَاجًۭا
20:55 Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti isin deebifna; yeroo biraas ishee irraa isin baafna. مِنْهَا خَلَقْنَٰكُمْ وَفِيهَا نُعِيدُكُمْ وَمِنْهَا نُخْرِجُكُمْ تَارَةً أُخْرَىٰ
Rabbin dachii irratti bifa garaa garaa biqilcheti jira. biyyoo irraa bifa garaa garaa godhe biqilchera.
50:7 Dachii diriirsinee gaarreen dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqnee akaakuu (biqiltootaa) babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine.وَٱلْأَرْضَ مَدَدْنَٰهَا وَأَلْقَيْنَا فِيهَا رَوَٰسِىَ وَأَنۢبَتْنَا فِيهَا مِن كُلِّ زَوْجٍۭ بَهِيجٍۢ
78:8 Cimdiis goonee isin uumne. وَخَلَقْنَٰكُمْ أَزْوَٰجًۭا
71:17 Rabbiinis biqilchuu (uumuu) dachii irraa isin biqilche. وَٱللهُ أَنۢبَتَكُم مِّنَ ٱلْأَرْضِ نَبَاتًۭا
30:22 Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan waldhabuunis mallattoo Isaa irraayyi Dhugumatti, kana keessa aalama hundaaf mallattooleetu jiru. وَمِنْ ءَايَٰتِهِۦ خَلْقُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلْأَرْضِ وَٱخْتِلَٰفُ أَلْسِنَتِكُمْ وَأَلْوَٰنِكُمْ ۚ إِنَّ فِى ذَٰلِكَ لَـَٔايَٰتٍۢ لِّلْعَٰلِمِينَ
Rabbin Adamin biyyoo garaa gara irraa uumuun isaa sanyii isaa keessatti akka bifti garaa garaa jiraatufi.
Jami at-Tirmidhi Kitaaba 47, Hadiisa 3213
Akkuma Abuu Muusaan gabaassetti Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: “Rabbiin olta’aan Adamin biyyee irraa uume.innis Kutaa lafaa hundarraa fuudhee uume. Kanaafi ijoolleen Adam tokko tokko diimaa, adii, gurraacha, magaala fi kkf ta'an. عَنْ أَبِي مُوسَى الأَشْعَرِيِّ، قَالَ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم “ إِنَّ اللَّهَ تَعَالَى خَلَقَ آدَمَ مِنْ قَبْضَةٍ قَبَضَهَا مِنْ جَمِيعِ الأَرْضِ فَجَاءَ بَنُو آدَمَ عَلَى قَدْرِ الأَرْضِ فَجَاءَ مِنْهُمُ الأَحْمَرُ وَالأَبْيَضُ وَالأَسْوَدُ وَبَيْنَ ذَلِكَ وَالسَّهْلُ وَالْحَزْنُ وَالْخَبِيثُ وَالطَّيِّبُ ”
Qaama keenya keessatti kaarboonii, ayirenii, haayidiroojiinii, naayitiroojiinii, kaalsiyeemii, maagniziyeemi, pootaasiyeemii, fosfarasii, salfari,koopparii, ziinkii jiraachuun isaa biyyee irraa akka hojjetamnef ragaadha.
✍Apoolojistii Islaamaa Wahiid
https://t.me/Wahidomar1
Wassalaamu Aleykum.
Habashoonni hoggantoonni magaala shaggar mana Rabbii kan ta'e masjiida diiguun isaanii hiika addaa qaba.
"Zuu As-suwayqateeynii" gara fuulduraa dhufuuf daandii saaqaa jiru.
Masjiidni dachii irra jiru cufti kan Allaah qofa. masjiida keesaatti Allaah waaliin waan tokkos hin gabbarru.
Manneen akka maqaan isaa keessatti fuurfamu ajaje keessatti isa faarsina.isa keessatti ganamaa galgala isa qulqulleessina.Warra masjiidota keessatti maqaan Rabbii akka hin faarfame dhoorkaniifi masjiidota diigudhaan akka hin ijaaramnef ifaajan caalaa Zaalmini eennu? isaan sodaaattota ta'anii malee isa hin seenan, isaaniif addunyaa kanattis salphinatu isaaniif jira. Aakirattis adabbii guddatu isaan eeggata.
2፥114 Nama masjiidota Rabbii akka isaan keessatti maqaan Rabbii hin faarfamne dhorgeefi onsuu isaaniitiif carraaqe caalaa namni miidhaa hojjate hin jiru.Warri sun haala sodaan guutamaniin malee isaan (masjiidota Rabbii) seenuun isaaniif hin ta’u.Isaaniif addunyaa keessatti salphinatu jira.Ammas isaaniif Aakhiratti adabbii guddaa ta’etu jira.
وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّن مَّنَعَ مَسَاجِدَ اللَّهِ أَن يُذْكَرَ فِيهَا اسْمُهُ وَسَعَىٰ فِي خَرَابِهَا ۚ أُولَـٰئِكَ مَا كَانَ لَهُمْ أَن يَدْخُلُوهَا إِلَّا خَائِفِينَ ۚ لَهُمْ فِي الدُّنْيَا خِزْيٌ وَلَهُمْ فِي الْآخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Yeroo isaan masjiida diigan harka maradhaatii ilaala hin jedhamne.haa ta'u malee Mu'umintoota lolaman sababa miidhamuu isaanitiif loluun hayyamameefi jira.
22፥39 Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif hayyamni godhameef.Rabbiinis isaan tumsuu irratti danda’aadha.
أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَاتَلُونَ بِأَنَّهُمْ ظُلِمُوا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ نَصْرِهِمْ لَقَدِيرٌ
Keewwatichi itti fufuudhaan Yeroo miidhaman qaamni haqa kabachiisuu yoo hin jiraanne, Gaadaamiin Bataskaanni Mikuraabni fi Masjiidonni maqaan Allaah baay'inaa keessatti faarfamus ni diigama nuun jedha.
22፥40 Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan Dhugumatti, Rabbiin nama (amantii) Isaa tumsu, tumsuuf jira.Dhugumatti, Rabbiin irra jabaa, injifataadha. الَّذِينَ أُخْرِجُوا مِن دِيَارِهِم بِغَيْرِ حَقٍّ إِلَّا أَن يَقُولُوا رَبُّنَا اللَّهُ ۗ وَلَوْلَا دَفْعُ اللَّهِ النَّاسَ بَعْضَهُم بِبَعْضٍ لَّهُدِّمَتْ صَوَامِعُ وَبِيَعٌ وَصَلَوَاتٌ وَمَسَاجِدُ يُذْكَرُ فِيهَا اسْمُ اللَّهِ كَثِيرًا ۗ وَلَيَنصُرَنَّ اللَّهُ مَن يَنصُرُهُ ۗ إِنَّ اللَّهَ لَقَوِيٌّ عَزِيزٌ
Kanaafuu gadaamota, Bataskaana mikuraabota fi masjiidota diiguun daangaa darbuudha.himni ijoon“Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, jedhu jala haa sararamu.tokko isa kaan haqa kabachiisudhaaf deebisuu jechuunis loluun yoo hin jiraanne daanga darbitoonni dachii balleessu.(jechuudha).
2፥190 Karaa Rabbii keessattis warra isiniin lolaniin lolaa.Daangaas hin dabrinaa.Rabbiin warra daangaa dabran hin jaalatu. وَقَاتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ الَّذِينَ يُقَاتِلُونَكُمْ وَلَا تَعْتَدُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْمُعْتَدِينَ
"Karaa Rabbii keessattis warra isiniin lolaniin lolaa " kan jedhu jala haa muramu.! Karaa Rabbii keessatti Rabbiif jecha jihaada gochuun gosummaa, sabummaa, siyaasa fi miira irraa walabadha.
Kanaafuu Bulchiinsi magaalaa shaggar yoo adabatee hin teenne Muslimni hundi gurmaa'ee loluunii qaba.kanaafuu jihaadni akka tasaa miiraan, ija dunuunfatanii osoo hin taane, Aqliidhaan,Xiinxalaan, wal-hubachuun sirnaafi mari'achuun ta'uu qaba.Warra masjiida diigu Rabbii addunyaa irratti adabbii isaanii nu haa agarsiisu Aamiin
✍Apoolojistii Islaamaa Wahiid
https://t.me/Wahidomar1
Wassalaamu Aleykum.
Masjiida Diiguu
Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa akkaan Rahmata godhaa ta'eetiin.
2፥114 Nama masjiidota Rabbii akka isaan keessatti maqaan Rabbii hin faarfamne dhorgeefi onsuu isaaniitiif carraaqe caalaa namni miidhaa hojjate hin jiru.Warri sun haala sodaan guutamaniin malee isaan (masjiidota Rabbii) seenuun isaaniif hin ta’u.Isaaniif addunyaa keessatti salphinatu jira.Ammas isaaniif Aakhiratti adabbii guddaa ta’etu jira. وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّن مَّنَعَ مَسَٰجِدَ ٱللَّهِ أَن يُذْكَرَ فِيهَا ٱسْمُهُۥ وَسَعَىٰ فِى خَرَابِهَآۚ أُو۟لَٰٓئِكَ مَا كَانَ لَهُمْ أَن يَدْخُلُوهَآ إِلَّا خَآئِفِينَۚ لَهُمْ فِى ٱلدُّنْيَا خِزْىٌ وَلَهُمْ فِى ٱلْءَاخِرَةِ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Bulchaan Aksuum mootichi kaaleb hanga yamanitti bulcha ture.Bara Awaamummaa(Jaahiliyyaa) hogganaan waraana kaaleb Abrahaah Al-Ashram ture. Bara 570 Dh.K.B.Abrahaah Al-Ashram "أَبْرَهَة ٱلْأَشْرَم" fi cibirraan isaa mana Rabbii diigudhaaf arba yaabbatanii gara makkaa dhufan. Allaah'nis Abbbootii arbaa kanniin tooftaa isaanii dhabama taasise.
105:1 Sila Gooftan kee Abbootii Arbaa irratti akkam akka dalage hin arginee أَلَمْ تَرَ كَيْفَ فَعَلَ رَبُّكَ بِأَصْحَابِ الْفِيلِ
105:2.Sila tooftaa isaanii dhabama hin goonee? (godheera)
أَلَمْ يَجْعَلْ كَيْدَهُمْ فِي تَضْلِيلٍ
Rabbiin keenna Allaah'n tuuta sinmbira dhagaa gaayii jechuunis Xuubii ”brick” isaanitti darbattu jaratti erguun akka midhaan dheedamee isaan godhe.
105፥3 Simbira garee gareedhaan isaanitti erge. وَأَرْسَلَ عَلَيْهِمْ طَيْرًا أَبَابِيلَ
105፥4 Dhagaalee xuubii (suphee gubamte) irraa taate isaanitti darbatti.
تَرْمِيهِم بِحِجَارَةٍ مِّن سِجِّيلٍ
105፥5 Akka alalaa (okaa) nyaatamee isaan taasise. فَجَعَلَهُمْ كَعَصْفٍ مَّأْكُولٍ
Yeroo san irraa jalqabee Qureyshonni yoo bara lakkaa'an "Aamal-Fiil” عامُ الْفِيل jechuunis “bara Arbaa” jedhaniin ture.Hogganaan waraana kaaleb guddichi kan masjiida diigudhaaf dharra'e; Abrahaah Al-Ashram dachee habashaa irraa akka ture xiinxalli. Namni “Allaah” “Allaah” jedhu yeroo dhabamu yeroo qur'aanni qoma manaa keessaa fuudhamu, Namni Habashaa keessaa ba'u Zuu As-suweyqatayni mana Rabbii ka'abaa diiga.
Imaamu Bukaariin kitaabaa 25, hadiisa 82
Abii hureyraan R.A akka odeessanitti፦ “Ergamaan Rabbii”ﷺ” akkana jedhan “Namni habashaa irraa ta'e Zuu As-suweyqateeyni ka'abaa ni diiga. أَنَّ أَبَا هُرَيْرَةَ ـ رضى الله عنه ـ قَالَ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم “ يُخَرِّبُ الْكَعْبَةَ ذُو السُّوَيْقَتَيْنِ مِنَ الْحَبَشَةِ ”
Imaam Muslim kitaaba 54, hadiisa 73
Abii hureyraan R.A akka odeessanitti፦ “Ergamaan Rabbii”ﷺ” akkana jedhan “Namni habashaa irraa ta'e Zuu As-suweyqateeyni Mana Allaah Azza wajalla ni diiga. عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ “ ذُو السُّوَيْقَتَيْنِ مِنَ الْحَبَشَةِ يُخَرِّبُ بَيْتَ اللَّهِ عَزَّ وَجَلَّ ”
“Zuu As-suweyqateeyni ” ذُو السُّوَيْقَتَيْنِ jechuun “Nama mogoleen isaa lamaan xiqqoo ” ykn “Nama mogoleen isaa lamaan gabaabduu” jechuudha. Namni shiraan mana Rabbii diigee qabeenya ka'abaa baasuu barbaadu isa kana.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months ago
https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg
Last updated 2 months ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 1 month ago