Infinite Entertainment, Zero Cost: Get Your Free Books, Music, and Videos Today!

ULFINA CAALU

Description
ILMA ISAA KANAAN FURAMUU,DHIIFAMU CUBBUUS ARGANNEERRA!
Ayyanichi ammayyuu in fayyisa
📢Mootummaa Waaqayyoo Labsuu.
📢Wangeela Fayyinaa labsuu.
📢Beekumsa sammuu
👉Siyasa Irraa Bilisa

👇👇👇👇👇👇
https://www.youtube.com/@JABAATUBE-
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

1 month ago

FARFANNAA NATINAEL TAMAME

1 month ago

#LALLABAA_fi_QABIISA_WALTAJJII

Dubbisaa ittiin eebbifamaa!

1 month ago

Akkatti ati hiiktu hin beeku malee......

Yesus jireenya jechuun, Yesus in jiraatama jechuudha.

2 months, 4 weeks ago

Barannoo 1.

Abdii.................................../ Hope

Abdiin :- jechuun karaa adda addaan ibsamu ni danda'ama.
Abdiin wanta tokko na ta'a jedhan eeggachu akka ta'e.ni beekamaa.
Generally:- abdiin jechuu wanta tokko na ta'a jedha eeggachu jechuudha..............

:⁠-⁠)Abdiin kee maal irraaatii hundayee jiraa ?Isa kana.

macaafaa iyoob 31:24 irratii
["Ani warqee abdii koo godhadhee, warqee qullaa'aadhaanis, 'Amanannaa koo ti' jedhee yoon jiraadhe,]
√ Abdiin kee maaliidha ?
Wanta abdiin eeggatuu jiraa moo hin jiruu ?
Abdii qabda ?
Maal abdiitetaa ?
[ Gaafiilee kaanin ufii keeti deebiisi ]
√ ABDII KEE YESUUS IRRAA KA'II
Abdiin kenyaa badee ture
Abdiin keenya cite ture
• Mee haa ilaaluu macaafaa keessa.
Jireenyi warra Waaqayyoon irraanfatanii akkas in ta'a, abdiin nama Waaqayyo malee jiraatuus akkasuma in bada; 14 abdiin isaa in cita,

Macaafaa iyoob / job 8:13
✓ Abdiin / Hope
• yoom ilee hin baduu
Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala. 1qor 13:13
• Warri waaqayyon abdiidhan eeggatuu
warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.
Isay 40 : 30
Kanaafuu atii maal addatee jirtaa ?
Eenyuu Abdiin eeggaa jirtaa ?
NAMA, Qarshii, worqii, fi k.k.f
Hin abdatiin .
Maaf yoo jeetee, isanuu ni darbaan

Channel kana shere like gochun nu jajjabbeessa.
KUUFAMA KITAABILEE HAFUURAA YKN IFA ADDUNYAA AKKASUMA DHALOOTA JIRAA
Wajjiin ta'uun kan isiinif qopha'eedha

Yaada yoo qabatan coment jaalan nu dubbisii ni dandeetaan isiin jaalana..................
Join godha nu jajjabbeessa.

3 months ago

Faarfannaa haaraan isniif dhufneerra,link kana gadiin seenaa dhaggeeffadhaa.
SUBSCRIBE GODHACHUUN MAATII JABAA TA'AA.
👇👇👇👇👇

https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn

3 months ago

Maxxansa_252ffaa

Yesus uumaa miti uumama malee jedhamee Gaaffii Jecha “ogummaa”/Wisdom/ jedhu kanaaf hiika isaa!

Gaaffii yeroo hundumaa kahan Macaafa Fakkeenyaa 8:22-23
irratti ogummaan waa’ee ofii isaa akka namaatti yommuu dubbatutti
“Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura
#na_uume; ani jalqaba bara durii duriiti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra kaa'ame” jedhe.

Hiika kanaa haala salphaa taheen waan hin hin ilaalamneef jalqaba kakuu moofaa keessatti fakkeenyonni argaman YESUS kan bakka buhan tahuu isaa ilaalla. YESUSiin bakka buhu jechuun gaadidduu isa dhufuuf jiru ibsu malee,kallattiidhaan yesuusiin tahuu hin dandahan.Wanta nuti cimsinee hubachuu qabnu YESUS bakka buhu malee YESUS tahuu miti.
Fakkeenyaaf Seera Lak. 20:7 keessatti museen dhaga rukutee bishaan baase.Kutaa kana keessatti kattaan inni museen rukute kattaa isa #uumama dha malee kattaa #uuma miti. Kun fakkeenya ykn gaadiddu isa kattaa bara baraa tahee ulee seeraan reebamuuf jiru YESUSiin nuuf ibsa.

Kattaan 1phex 2:7 , mat 21:42 , mar 12:10 , luq 20,17 kanarra kan jiru garuu isa #uumama miti. Kattaa isaa uuma(dhagaa golee qajeelchu) ulee firdiin fannoo gubbaatti reebameedha malee.
Lafti Israel biyya gibxii keessaa bahanii itti galan sun lafa uumamaadha. Biyya garbummaadha bahanii biyya birmadduutti galan. Biyyi sun isaaniif biyya nagaafi qabbanaadha. Kakuu haaraa keessatti biyyii nuti itti gallee boqonnaa arganne jireenya bara baraa dha. Inni lafa bara baraan jiraatu #kristos jedhama. Lafti kakuu moofaa keessatti ibsame lafa uumama yoo tahu, lafti inni kakuu haaraa immoo lafa isa waan hundumaan guutuu nuuf tahe,nuti irratti biqille gudanne uumaa(kristoos) dha. Kun immoo maal nuf ibsaa…. Inni kakuu moofaa keessatti fakkenyaan dubbatame marti kakuu haaraa keessatti YESUS nuuf ibsa. Inni kakuu moofaa keessaa gaadidduu(uumama)dha.inni kakuu haaraa immoo uumaa(waaqayyoo isa foon uffate)mullate sana ibsa.

Gara dubbii ijoo keenyaatti yoo deebineef,Barreesitootiin sobaa tokko tokko Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa keessaa walitti harkisuun YESUS Kiristoosiin kallattiimaan jecha “#Ogummaa” jedhu kanaan ibsuuf yaalii godhu. akkuman sila jedhe wanta kakuu moofaa keessatti barreeffame kallatiidhaan YESUS bakka buha malee kallatiin YESUS tahuu hin dandahu. Sababnisaa gaadidduun kallattiin qaama ta’uu hin danda‘u.

Gaaffii yeroo hundumaa kahan Macaafa Fakkeenyaa 8:22-23
irratti ogummaan waa’ee ofii isaa akka namaatti yommuu dubbatutti
“Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura
#na_uume; ani jalqaba bara durii duriiti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra kaa'ame” jedhe.

kanaaf 1Qor.1:24 irratti “Kiristoos humna Waaqayyoti, #ogummaa_Waaqayyootis” kan jedhu waliin wal qabsiisuun barsiisonni sobaa innii Waaqa barabaraa miti jedhu.

Dhimma kana irratti namni #James D.G. Dunn jedhamu Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa kana waliin wal-cina qabee yommuu xiinxalutti hojii nama #Philo, nama lammii Jewish- Alexandrine religious philosopher ta’ee caqasuun “ogummaan akka maqaa, ulfina, fi hafuura Waaqayyootti kan hubatamuu fi karaa waaqayyo ittiin biyya lafaa dhufeedha“ jedhe.

Ergamichi Phaawulos ergaalee isaa keessatti jecha ogummaa jedhu kana
akkamitti ilaala? Kana ilaalchisee namichi #Dunn jedhamu akka ibsetti
“Ergamichi Phaawulos walhubannaa amantoota Qorontoos keessatti dhabame
irratti keessumaa iyyuu namoota ‘ogummaa biyya lafaa kanaa/#cosmological _wisdom/ fayyadamuun dhugaa bira ga’uun in danda’ama’ jedhaniif deebii
kennuuf Phaawulos dhimma kana akka inni ibsu isa godhame!” jedha.

Akka kanaan ogummaa guddaan Waaqayyo ittiin biyyaa lafaa kanatti of mul’ise karaa Kiristoos akka ta’e hima (1Qor.1:18-20). Akka Phaawulos jedhutti warri Yihudii milikkita, warri Giriikii ogummaa barbaadu (1Qor.1:22). ogummaa biyya lafaa kanaan mul’ata Waaqayyoo isa ulfaataa bira ga’uun hin danda’amu.

3 months ago

Faarfannaa haaraan isniif dhufneerra,link kana gadiin seenaa dhaggeeffadhaa.
SUBSCRIBE GODHACHUUN MAATII JABAA TA'AA.
👇👇👇👇👇

https://www.youtube.com/@JABAATUBE-mx2kn

3 months ago
3 months ago
3 months, 1 week ago

LOLA HAFUURAA Efe 6:10--

Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. 11 Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
Efe 6:10-11

# Obboloota Koo jaal'atamoo, Nuti Kiristiyaanonni biyya lafaa keessaa gaafa Gooftaatti harka Keenya kennanne Battaluma qalbii Keenya jijjiirrannee Gooftaadhaan narratti mo'i mootii kootii fi Gooftaa Koo naa ta'i jennetti Seexana isa hamaa sanaaf immoo diina taana.

Guyyaa sanaa eegallee seexanaa wajjin Lola jalqabna. Lolli sunisimmoo Lola hafuuraati.

# Lola hafuuraa kana mo'achuufimmoo fooniin hin danda'amu.
Akkamittiree? Maaliiniree? Kan jedhu gaaffiin yoo jiraate baay'ee gaariidha galatoomaa.

Deebii:- Lola Hafuuraa Mo'achuuf:-
1) Humna waaqayyoo isa aango qabeessaatti jabaachuu qabna.
2) Mi'a lolaa isa kan waaqayyoo guutummaatti hidhachuu qabna.
3) Haxxummaa seexanaatiin mormuu qabna.

# Humni waaqayyoo inni aango qabeessi :- Wangeela Isa qulqulluu oduu gaarii isa waan  waaqarraa nutti dubbatudha.
Rom 1:16,b
√ Nuti kan waaqayyoo kan taane amantiidhaan Kiristoosiin barreeti. Amantiinimmoo ijaan hin argamu, Nuti Kiristoosiinis ijaan hin argine, garuu macaafa isaa Isa qulqulluu guutummaan isaa waa'ee isaa nutti haasa'u keessatti argine,argachaa jirras, argannasi.
Egaa Nuti Kiristoosiin beekna jechaa macaafa isa waa'ee isaa dubbatu garuu hin beeknu taanaan beekna jechuun Keenya hundee jabaa hin qabu. Macaafa qulqulluu dubbifachuutti jabaachuu qabna.
2) Mi'i Lolaa inni kan waaqayyo maali?

√ Akka sinnaaraatti ---->> dhugaa isa ta'e Kiristoosiin mudhii keenya hidhachuu,

√ Akka maddaa sibiilaatti ---->> qajeelummaa Kiristoosirraa arganne keessa dhokachuu,

√ Akka Kophee Waraanaatti ----->> Wangeela nagaa fudhannee bahuu,

√Akka Gaachana Lolaatti ---->> Amantii,
qabaannee Lola hafuuraatti yoo baane; akkasitti xiyya isa boba'aa sana dhaamsuu dandeenya.

# Kanaaf obboloota Koo, barri nuti Amma keessa jirru Kun bara ulfaataa seexanni inni yeroonsaa itti gabaabbate baay'ee fiigee xiyyasaa isa hamaa Saba waaqayyoo fi Waldaa kiristiyaanaatti darbachaa jiru waan ta'eef,

√ Gooftaatti jabaadhaa, Waaqayyoon kadhachuutti cimaa, hafuura qulqulluu isa qabdii fayyina keessanii ta'e hin gaddisiisinaa, hin ukkaamsinaa, halkanitti guyyaatti waaqayyoo wajjin dudubbadhaa kan jedhu erga galgala har'aa isiniif dhufeedha.

Eebbifamaa!!!!
Ayyaanni waaqayyoo hunduma keessanii wajjin haa ta'u.

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago