Community chat: https://t.me/hamster_kombat_chat_2
Twitter: x.com/hamster_kombat
YouTube: https://www.youtube.com/@HamsterKombat_Official
Bot: https://t.me/hamster_kombat_bot
Game: https://t.me/hamster_kombat_bot/
Last updated 3 months, 2 weeks ago
Your easy, fun crypto trading app for buying and trading any crypto on the market.
📱 App: @Blum
🆘 Help: @BlumSupport
ℹ️ Chat: @BlumCrypto_Chat
Last updated 3 months, 1 week ago
Turn your endless taps into a financial tool.
Join @tapswap_bot
Collaboration - @taping_Guru
Last updated 6 days, 5 hours ago
#መልካም_ዜና 💥🦅:
ሊበን የቢዝነስ አማካሪ እና ጠቅላላ የሂሳብ ስራ ድርጅት በቀጥታ እና በዲጂታል መንገድ ተገኝቷል!💥🦅
Liiban Consultancy & Accountancy Firm በአሁኑ ጊዜ ፍላጎታችሁን በተሻለ መልኩ ለማሟላት ሁሉን አቀፍ በቀጥታ አድራሻችን እንዲሁም በኢንተርኔት የግንኙነት መስመሮች አገልግሎቶችን እየሰጠ መሆኑን ስንገልጽ ታላቅ ደስታ ይሠማናል።
በእጆ ባለው ስልክና ኮምፒውተር በጥቂት ክሊኮች ብቻ ወይም በአንድ ጉብኝት፣ የንግድ ስራዎ እንዲሳካና እንዲያድግ ለማገዝ በዘርፉ ብቁ እውቀትና ልምድ ባላቸው ፕሮፌሽናል ባለሙያዎች የተነደፉትን ሙያዊ ምክረ-ሃሳቦችን እና የመፍትሄ ሐሳቦችን ማግኘት ይችላሉ።
#በሊበን የሚሠጡ አገልግሎቶች
ከታች የተዘረዘሩትን ዋና ዋና አገልግሎቶች ጨምሮ ሌሎችም ሰፋ ያሉ ልዩ የማማከር እና ጠቅላላ የሂሳብ ስራ አገልግሎቶችን ይሠጣል :-
‣ ጠቅላላ የቢዝነስ ስራ አማካሪ
‣ የቢዝነስ አስተዳደር እና ማኔጅመንት አማካሪ
‣ የኢንቨስትመንት እና የፋይናንስ እቅድ የኢንቨ
‣ የኦዲት ሪፖርት የሂሳብን የማዘጋጀት አገልግሎቶች
‣ የንግድ እቅድ(Business Plan) ማዘጋጀት
‣ የፕሮጀክት የአዋጭነት ጥናት(Feasibility Study) ማዘጋጀት
‣ የማርኬቲንግ፣ የገበያ ማማከር እና የደንበኞች ግንኙነትን ማደበሪያ (CRM) አማካሪ
‣ የግብር ስርዓቶችና ስትራቴጂ ማማከር እንዲሁም የግብር ህጎች ተገዢነት አማካሪ
‣ ወቅታዊ የሂሳብ(Financial Statements) ሪፖርቶችን ማዘጋጀት
‣ የኢንቨስትመንት ፕሮፖዛል(Investment Proposal) ማዘጋጀት
‣ የሠው ሐብት አያያዝና አስተዳደር የማማከር አገልግሎት እና HR policy & procedure manuals (የሠው ሐብት መመሪያ ማኑዋል) ማዘጋጀት
‣ የደመወዝ ዝግጅት(Payroll) ማዘጋጀትና የማማከር አገልግሎቶች
‣ የወጪ እና የአስተዳደር የሂሳብ አያያዝ እና ለውስጥ አመራር የሚዘጋጁ ሪፖርቶችን (Cost & Managerial Accounting Reports) ማዘጋጀት እና ማማከር
#ተጨማሪ አገልግሎቶች
~ተካፉል(ኢስላማዊ ኢንሹራንስ) አገልግሎትን ማገናኘት እና ማማከር
~ ከወለድ ነፃ ፋይናንሲንግ(ብድር) ማማከር
~ ከወለድ-ነፃ የፋይናንሺያል ኢንቬስትመንትን ማማከር
የሊበን አማካሪ ድርጅት ለምን ተመረጠ ??
👉 በዲጂታል አማራጭ እና በአካል በመገኘት የሚከተሉትን እንደምናቀርብ እናረጋግጣለን፡-
◍ ምቾት፡- ከቤትዎ ወይም ከቢሮዎ ሆነው አገልግሎቶቻችንን ያለችግር ማግኘት።
◍ ቅልጥፍና፡ ፈጣን እና ውጤታማ አገልግሎቶች
◍ አለማቀፍ ተደራሽነት ፡ የትም ብትሆኑ የእኛ ባለሙያዎች የመልእክት ወይም የስልክ ጥሪ ቆይታ ያህል ርቀት ላይ ነው ሚገኙት።
📍እንዴት ያገኙናል ...
በአካል መገኛችን:ፊንፊኔ/አዲስ አበባ ከተማ
📞 በስልክ ቁጥሮች፡-
09-09-06-82-41
09-23-32-64-86
09-11-61-91-46
07-03-08-08-03
07-03-28-48-68
📧 email፡ [email protected]
💻 ከኛው ጋር ይቆዩ፡ የእኛን የዲጂታል አቅርቦቶች ለማግኘት እና አዳዲስ መረጃዎችን ለመከታተል የማህበራዊ ሚዲያ ቻናሎቻችንን ይጎብኙ
👉🏾 በቴሌግራም ይቀላቀሉን-
https://t.me/Liiban_Official
በ Liiban Business Consultancy እና Accountancy Firm፣ ንግድዎን በሙያዊ ምክረ ሃሳቦች፤ በመፍትሄ ሐሳቦች ለማገዝ እና በልዩ አገልግሎት ለማበረታታት ቁርጠኞች ነን።
አንድ ላይ ሆነን ፣ ለቢዝነስ ስራዎ ስኬትን እንፍጠር!
#ሊባን ኮንሰልታንሲ
#የቢዝነስእድገት
#ዲጂታልትራንስፎርሜሽን
#የፋይናንስልቀት
#ኢስላማዊፋይናንስ
#የማማከርባለሙያዎች
#ስኬትአጋሮች
#ለኢኖቬሽን #ለንግድ
Dhaabbata Gorsaa fii Herregaa Liiban keessatti, kalaqaa fii olaantummaadhaan daldala keessan humneessuuf waadaa seennee jirra. Hegeree daldala keessanii waliin haa bocnu!
#GorsaaLiiban #OgeeyyiiHerregaa #FurmaataDaldalaa #KarooraMaallaqaa #TaaksiiKabajamuu #GorsaHooggansaa #FayinaansiiIslaamaa #GorsaTakaful #TooftaaInvastimantii #GuddinaDaldalaa #GorsaDijiitaalaa #MichootaMilkaa'inaa #OdiitiiFiGabaasa #FurmaataMindaa @highlight #QorannooDandeettii #KalaqaDaldalaaf
🔤🔤🔤🔤🔤 🔤🔤🔤
Exciting Announcement: 💥🦅
Liiban Consultancy & Accountancy Firm Goes Digital!🔫🦅
We are delighted to announce that Liiban Consultancy & Accountancy Firm is now offering a comprehensive range of online and on-site services to better cater to your needs. With just a click or a visit, you can access our professional expertise and customized solutions designed to help your business succeed—anytime, anywhere.
Our Services
We provide a wide range of specialized consultancy and accountancy services, including:
‣ Business Consultancy
‣ Management Consultancy
‣ Financial Planning Advisor &, Investment Consultancy.
‣ Marketing & CRM Consultancy
‣ Taxation Strategy & Compliance Consultancy
‣ Audit Report Services on Inveice
‣ Periodic Financial Report
‣ Investment Proposal
‣ Business Plan
‣ Project's Feasibility Study
‣ Payroll Preparation Services
‣ Cost & Management Accounting & Internal Report Services
Additional-Service Takafful (Islamic Insurance and interest free banking) Advising & Broker
Why Choose Liiban Consultancy?
By going digital and maintaining on-site availability, we ensure:
Convenience: Seamless access to our services from the comfort of your home or office.
Efficiency: Streamlined processes for faster and more effective results.
Global Reach: Wherever you are, our expertise is just a message or call away.
How to Reach Us
📍 On-site Location: Finfinnee/Addis Ababa and surrounding areas.
📞 Phone Numbers:
09-2332-64-86
07-0308-08-03
09-0906-82-41
07-0328-48-68
📧 Email: [email protected]
💻 Stay Connected: Visit our social media channels to explore our online offerings and keep up with the latest updates.
👉🏾 Join us on telegram: https://t.me/Liiban_Official
At Liiban Consultancy & Accountancy Firm, we are committed to empowering your business with innovative solutions and exceptional service. Together, let’s shape a successful future for your business!
#LiibanConsultancy
#BusinessGrowth
#DigitalTransformation
#FinancialExcellence
#IslamicFinance
#ConsultingExperts
#SuccessPartners
#InnovationForBusiness
Oduu Gammachiisaa💥🦅:
Dhaabbanni Gorsaa fii Herregaa Liiban Karaa Dijiitaalatiiniis Isiniif Dhufe!💥
Dhaabbanni Gorsaa fii Herregaa Liiban amma maammiltoota keenya haala gaariin tajaajiluuf tajaajila toora interneetii fii bakka hojii guutuu tahe dhiheessuu isaa gammachuu guddaadhaan isin beeksifna!
Bilbila keessan qofaan, ogummaa ogeeyyii keenyaa fii furmaata isaan laatan haala barbaadamuun qophaawee fii daldalli keessan akka guddatu gargaaruuf, bakka kamittiyyuu yoo jiraattan tajaajila keenya argachuu dandeessu.
Waan Nuti Toora Interneetii fii bakka sanatti Dhiheessinu Tajaajila Dhaabbata Gorsaa fii Herregaa Liiban Kennu.
‣ Gorsa Daldalaa
‣ Gorsa Hooggansaa
‣ Gorsaa Karoora Faayinaansii fii, Gorsaa Invastimantii.
‣ Gorsa Gabaa fii CRM
‣ Gorsa Tarsiimoo Gibiraa fii Ulaagaa
‣ Tajaajila Gabaasa Odiitii Inveice irratti
‣ Gabaasa Faayinaansii Yaroo Yaroon
‣ Yaada Invastimantii
‣ Karoora Hujii
‣ Qo’annoo Gahumsa Pirojektii
‣ Tajaajila Qopheessa Mindaa
‣ Tajaajila Herrega Baasii fii Hooggansaa fii Gabaasa Keessoo
Tajaajila Dabalataa Takafful (Inshuraansii Islaamaa fii baankii dhala irraa bilisa tahe) gorsaa fii faddalummaa.
Nu waliin Online fii on-site hojjachuun maaliif gaariidha?
Kurfii: Tajaajila keenya mijataa mana ykn waajjira keessan teesanii argachuu dandeessu.
Gahumsa: Adeemsa sirrii fii yaroon deebii saffisaa laachuu.
Dhaqqabamumnaa: Bakka daldalli kee si geessu hundatti ergaa tokko qofa fagaannaa haloo jannaan isin biraan baana!
💻 Miidiyaa hawaasaa keenya hordofuun tajaajiloota haaraya dhiheessii onlaayinii keenya qoradhaa!
👉🏾 Channel telegram keenya link kanaan join godha: https://t.me/Liiban_Official
Dhaabbata Gorsa Daldalaa Bilbilaa: 09-2332-64-86 /07-0308-08-03/ 09-0906-82-41 / 07-0328-48-68
Bakka: Finfinnee/Addis Ababa fii naannoo isaa.
📧 Gaaffii yoo qabaattan ykn mariif beellamuuf
Email:[email protected] irratti nu qunnamaa
#MorningMotivation ??➕?
? Dear Family ?
Good morning ?
"In an interconnected world, our greatest strength is our diversity; together, we can weave a tapestry of innovation and resilience." ECOROMIA
Have a great working day! ✔️??
Olmaya hujii/boqonnaa gaarii isiniif haa tahu! ???
Carraaqqii tarsiimoon milkeeysa ?? ➕
Ecoromia ~ Stay informed to stay ahead of businesses???
Focus on 21st-century knowledge, insights, and growth ?❤️
➡️ Contact: @Ecoromian✅?
➡️ Join us: @Ecoromia_official ✅?
#MorningMotivation #Ecoromia #Knowledge #Insights #Growth #Business #Entrepreneur #21stCentury #Researcher #Ikoonomii #Technology #DiinaggeeAfaanOromoo #business #insights #growth #trend #data #analysis #portfolio
#Ecoromia.
Dhaabbilee faayinaansii diinaggee keessatti gehe akkami qabu??
Dhaabbileen faayinaansii biyya takka keessatti bu’uuraalee faayinaansii fii tajaajila faayinaansii barbaachisoo tahan dhiheessuun guddina diinaggeetii fii tasgabbii diinaggee biyya tokkoo tumsu keessatti gahee murteessaa qabu. Gaheen isaanii keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
Qusannoo jajjabeessu: Dhaabbileen faayinaansii qusannoo maatii fii daldala irraa walitti qabuun, sana booda gara invastimantii oomishaatti kan geessuu taha. Kunis ramaddii qabeenya gahumsa qabuuf kan gargaaru yoo tahu, jaarmaya raasammana (Capital) kan jajjabeessu taha.
Invastimantiif haala mijeessuu: tajaajiloota liqii fii faayinaansii dhiheessuudhaan, dhaabbileen daldalaa bu’uuraalee misoomaa, teeknooloojii, fii humna namaa irratti horii dhangalaasuuf akka isaan dandeessisu gargaaru yoo tahu, guddina industirii fii ammayyummaa ni jajjabeessu.
Deeggarsa daldaltoota: Dhaabbileen faayinaansii keessumaa waldaaleen liqii fii qusannoo (microfinance) fii dhaabbileen kaappitaala veenturee dhaabbilee haaraya kara daldalaatti galaniif fii daldaltoota xixiqqoof maallaqa ni liqeessu. Kunis carraa hojii uumuuf kan gargaaru yoo tahu, keessumaa diinaggee guddachaa jiran keessatti kalaqa kan dadammamessu taha.
Daldala Guddisuu: Baankonni tajaajila faayinaansii daldalaa, kan akka xalayaa liqii fii wabii, kan daldala biyya keessaa fii idil-addunyaa haala mijeessuu, guddina diinaggeef gumaachu guddaa qabu.
Bu’uuraalee Misoomaa misoomsuu: Jaataniiwwan bu’uuraalee misoomaa gurguddoo kanneen akka daandii, anniisaa, fii telekoomii maallaqaan gargaaruudhaan dhaabbileen faayinaansii oomishtummaa dameewwan diinaggee biroo fooyyessuuf gargaaru.
Raawwii Imaammata Maallaqaa: Baankonni biyyaalessaa dhiheessii maallaqaa fii dhala kan tohatu yoo tahu, kunis qaala’iinsa (inflation), hojii, fii tasgabbii diinaggee waliigalaa irratti kallattiin dhiibbaa kan taasisuudha.
Hiyyummaa Hirisuu fii hammatamu Faayinaansii: Dhaabbileen faayinaansii tajaajila faayinaansii hawaasa hunda biraan gayuun kennuudhaan namoota dhunfaa fii hawaasa galii gadi aanaa qabaniif carraa uumuun, kanaanis hiyyummaa hirisuu fii guddina hunda hammate ni jajjabeessu.
Invastimantii Biyya Alaa: Tajaajila baankii barbaachisaa tahe laachudhaan invastimantii biyya alaa (FDI) hawwachuu keessatti akka wirtuutti kan tajaajiltu yoo tahu, kunis dadabarsa teeknooloojii, carraa hojii uumuu, fii diinaggee adda addaa uumuuf ni gargaara.
Dhaabbileen faayinaansii gahee kana taphachuudhaan guddina diinaggee fii misooma itti fufiinsa qabuuf haala dandeessisu uumuuf ni gargaaru. Haa tahuu garuu wanni dhaabbilee faayinaansii biyya teenyatirraa arkaa jirru faalla kanaati. Akka biyya teenyatti dhaabbilee faayinaansii keessa waldaaleen liqii fii qusannoo hanga irraa eeggamuus tahuu baatu yaroo tattaafii godhan ni mullatu garuu Baankonni biyya teenya irraa jireessan hujiin isaanii qabatamaan wanna arkaa jirru waan kanaan fallaati.
Haa tahuu garuu imaammata fii tarsiimoon amma isaan hujiirra oolchaa jiran kun gaafa baankiileen biyya alaa industirii kanatti makaman dorgomummaa isaanii gaafi keessa kan galchu taha. Kuniis akka isaan tarsiimoo isaanii irra deebiidhan laalan ni taasisa tahuus garuu yoo adeemsi isaa sirnaan hin hornagamne akkuma bu'aa qabu miidhaa hammaatas geessisuu dandaha. Qabatamaan wanni biyyoota biraatti tahees kanuma ragaa baha.
Barruu tanaa fii Barruulee teenya asiin durarraa hubannoo gaarii arkattan abdii qabna. Maatii #Ecoromia yoo hin tahin ammuma channel telegram username (@Ecoromia_official) fii Facebook Ecoromia
Hub: link'n sanduyaa (comment) jala jirtuun ykn #QR_code suurarra jiru scan godhuun join godhii maatii #Ecoromia tahu ni dandeeysu.
Carraaqqii tarsiimoon milkeeysa ?✨️?
Ecoromia~ Stay informed to stay ahead of business ✌? ?
Hundee Murti-Guutoo ~ Ogeeysa biyya kuush!
Fuulbana 18, 2024 Finfinnee Kuushlaand irraahi. ?✨️??
#Amazon: Amaazoon kalaqaan adda dureedha. Dhaabbatichi yeroo hunda teeknooloojiiwwanii fii oomishaalee haaraya raajii jaarraa kanaa warra tahe kanneen akka sammuu namtolchee (Artificial intelligence), Kilaawd kompiitiing (Cloud computing) fii geejjibaa diroonii ( Drone Deliver) irratti invast godhaa jira. Amaazoon tajaajila maamiltootaa gaarii tahe kennuu fii maamiltoota isaa waliin hariiroo cimaa uumuu irrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Haa tahuuti garuu dhaabbileen daldalaa biyya teenya keeysa jiran tajaajila fii teeknooloojiiwwan olitti ibsaman kana hujiirra oolchuuf ammatti itti ulfaachuu mala garuu karaa qunnamtii isaanii fooyyessuu qabu #Fakkeenyaaf Miidiyaa hawaasummaa (Social Media) fii Maarsireetti (Website) dhaabbileen isaaniitiif tolchuun haala qunnamtii maamiltootaa isaanii waliin qaban hanga humna isaanitti teeknooloojii fii tooftaa jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf isaan qaadhimu fayyadamuu qabu.
#Google: Google's akkasuma warra kalaqaan adda duree tahani. Dhaabbatichi yaroo hunda oomishaalee fii tajaajiloota haaraya kanneen akka konkolaataa ifiin oofamu (self driving car), Addunyaa qilleensa (virtual reality) fii sammuu namtolchee (Artificial intelligence) hujiirraa oolchuudhan hangafumma qabateeti jira. Google wannii adda isa taasisu keeysaa garee cimaa jaaruu (Build a strong team) fii haala hojii gaarii uumuu (Creating positive work environment) irrattis xiyyeeffatee hojjechaadha. Akkuma sadarkaa daldalaa biyya teenyatti yoo yaanne kalaqoota olitti tarreeysine kana humuu fii bituuniis ulfaatu mala garuu garee cimaa jaaruu fii haala hojii gaarii uumuun ni dandahama. Garuu dhugaan qabatamaan biyya keenya jiru faalla waan tahe fakkata. Wanni biraa haa hafuti hojjataan biyya keenya miinduma isaatu guyyaa seerri dhaabbata akka kafaluuf isaaf mureeysetti arkacha hin jiru. Kun tahuun isaa gita hujii itti miindeeyfamerratti itti gaafatamummaa seeran itti kenname bahachuu dhabuu isaatiif dhiibbaa guddaa akka itti tahu meeqa keenyatu beeka?! Kun itti gaafatamummaa gahumsaan bahachuu akka hojjataa hanqisu qorannoolee gargaraa ni mirkaneeysa. Dhibbaa akkamii akka qabu ballinaa mata-duree biraa keeysatti waliif kan qoonnu taha.
#Tesla: Tesla'n itti fufiinsa (Sustainability) irratti hangafumman dursa. Dhaabbatichi makiinoota tirikaan (electric vehicle) fii oomishaalee anniisaa aduu (solar energy) oomishuun xiyyeeffatee hojjeta. Teslaan dhiibbaa sababa oomishaaleetiin naannoo irra gahu hirisuu fii hegeree itti fufiinsa qabu jaaruufis murateeti jira.
Kuni fakkeenyota muraasa tarsiimoo daldalaa jaarraa 21ffaa keeysatti dhaabbileen daldalaa bebbeekkamoo fii milkaahoo tahuu sadarkaa addunyaatti daadda hin qabne fayyadamuun milkaahinaa fii maqaa arra qaban kana goonfachuuf isaan dandeeysise keeysa hangafoota.
Isiniis tarsiimoo kanneen fudhachuudhaan dhaabbileen daldalaa diinaggee addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru kana keeysatti carraa milkaahina daldala keeysanii akka isiniif tinnisu shakkii hin qabu.
Barruu tanaa fii Barruulee teenya asiin durarraa hubannoo gaarii arkattan abdii qabna. Maatii #Ecoromia yoo hin tahin ammuma channel telegram username (@Ecoromia_official) fii Facebook Ecoromia
Hub: link'n sanduyaa (comment) jala jirtuun ykn #QR_code suurarra jiru scan godhuun join godhii maatii #Ecoromia tahu ni dandeeysu.
Carraaqqii tarsiimoon milkeeysa ?✨️?
Ecoromia~ Stay informed to stay ahead of business ✌? ?
Hundee Murti-Guutoo ~ Ogeeysa biyya kuush!
Reposted Fuulbana 13, 2024 Finfinnee Kuushlaand irraahi. ?✨️??
#Ecoromia #Treasure #Knowledge #Insights #Growth #Business #Entrepreneur #21stCentury #Researcher #Ikoonomii #Technology #Islamic #Banking #DiinaggeeAfaanOromoo #InterestFreeBanking #IFB# business #insights #growth #trend #data #analysis #portfolio #visionbankluminary
#Jaarraa 21ffaaf maaltu barbaachisaa?
*??
Tarsiimoo Jaarraa 21ffaa Milkaa'ina Daldalaa. Jaarraa 21ffaa keeysatti dhaabbileen daldalaa haala diinaggee addunyaa hanga libsuu ijaatti jijjiiramaa oolu kana keeysatti milkaahuuf tooftaalee haaraya daldalaa jaarraa 21ffaa waliin tarkaanfatu fayyadamuun sadarkaa milkaahinaa fii dorgomummaa isaanii eeysisuuf akkaan isaan barbaachisa. Akkasumaas dhaabbilee daldala isaaniin dorgumu irrattiis ol-aantummaa isaanii mirkaneeysuun qooda gabaa (Market share) daran akka ballifatan isaan taasisa.
Tooftaaleen ijoo dhaabbileen daldalaa jaarraa 21ffaa keeysatti akka milkaahoo tahan isaan dandeeysisu keeysa kanneen armaan gadiiti.
✔️ Kalaqa irratti xiyyeeffachuu (Focus on innovation): Kalaqni jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf nama dhunfaatiifiis tahe dhaabbilee daldalaatiif furtuudha. Dhaabbileen daldalaa dorgommii keeysatti gararree (ahead) jiraachuu fii fedhii maamiltoota isaanii guutuuf yeroo hunda kalaqa irratti xiyyeeffachuu qabu. Kana jechuun qorannoo fii dagaagina irratti invast godhuu, akkasumas oomishaa fii tajaajiloota haaraya irratti galchuuf kasaara fudhachuuf onnee qabaachuu jechuudha.
✔️ Teeknooloojii madayfachuu (Embrace technology): Teeknooloojiin akkaataa daldaltoonni daldala itti geggeeyfatan jijjiiruun sadarkaa daldalichaa ol kaasa. Dhaabbileen daldalaa gahumsa, oomishtummaa fii tajaajila maamiltootaa isaanii fooyyessuuf teeknooloojii madaqsuun milkaahina daldala isaaniitiif oolfachuu qabu. Kana jechuun teeknooloojiiwwan haaraya kanneen akka Miidiyaa hawaasummaa (Social media) Maarsireet (website) fii Gurgurtaa qilleensarraa (online selling) irratti invast gochuu jechuudha.
✔️ Maamilarratti Xiyyeeffachuu (Customer Centric): Daldalaa kamiifuu maamiltoonni dugugguruu lafee duuydati. Jaarraa 21ffaa keeysa ammoo bara odeeyfannoon hanga libsuu ijaatti addunyaa wal geeysu kana keeysatti maamiltoonni yaroo kamiyyuu caalaa humna guddaa akka qabaatan taasiseeti jira. Jaarraa kan keeysa dhaabbileen daldalaa tajaajila maamiltootaa gaarii tahe kennuu fii maamiltoota isaanii waliin hariiroo gaarii uumuu irratti xiyyeeffachuu qabu. Kana jechuun fedhii (demand) fii qaala (need) isaanii hubachuu, akkasumas yaada isaaniif deebii quubsa yaroon laachu jechuudha.
✔️ Faxina (Agile) fii Madaqoo (adaptable) tahu: Baruma kam keeysattu haalli daldalaa jijjiiramaadha. Bara amma nuti keeysa jirru kanatti immoo saffisaa tilmaamuuf nama dhubuun jijijjiiramuun amala daldala jaarraa 21ffaa tahuu hubachuun akkaan barbaachisasha. Dhaabbileen daldalaa jijjiirama kanaaf deebii kennuudhaaf daddafoo fii madaqoo tahuu qabu. Kana jechuun akka barbaachisummaa isaatti tooftaalee fii tarsiimoo yaroo waliin isaan tarkaanfachiisu fii hujii isaanii saffisaan jijjiiruu dandahuu fayyadamuu jechuudha.
✔️ Garee cimaa jaaruu (Build a strong team): Jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf gareen cimaan akkaan barbaachisaa dha. Dhaabbileen daldalaa hojjettoota isaanii irratti invast godhuu fii haala hojii gaarii uumuu qabu. Kana jechuun carraa leenjii fii gahumsaa isaanii dagaagsu kennuu, akkasumas bu’aa hojjettootaaf beekamtii, onnachiistuu fii badhaasaa kennuu jechuudha.
✔️ Itti fufiinsa qabaadhu (Be sustainable): Itti fufiinsi maamiltootaa fii invastarootaaf barbaachisummaan isaa daran dabalaa dhufaa jira. Dhaabbileen daldalaa dhiibbaa naannoo irratti qaban hirisuu fii hegeree itti fufiinsa qabu jaaruuf tooftaalee itti fufiinsa qaban fudhachuu qabu. Kana jechuun faalama qilleensa xiqqeessu, anniisaa haaromfamuu dandahu fayyadamuu, akkasumas meeshaalee deebisanii fayyadamuu(recycling) fii irra deebiin fayyadamuu (reusing) jechuudha.
Tooftaalee olitti tarreeyfamanii fii haala qabatamaa daldalaa isaanii waliin tarkaanfatu fudhachuudhaan jaarraa 21ffaa keeysatti carraa milkaahina daldala isaanii dachaan dabaluu ni dandahu.
Akkaataa daldaltoonni tooftaalee kanneenitti fayyadamaa jiran fakkeenyota addaa tokko tokko kunooti:
Fakkeenyaaf dhaabbileen daldalaa jaarraa 21ffaa kana keeysatti tooftaalee kanaan milkaawaan haa waliin laallu.
#MorningMotivation ??➕?
? Dear Family ?
Good morning ?
"The challenges of the 21st century are not barriers, but stepping stones to a better world." Ecoromia
Have a great working day! ✔️??
Olmaya hujii gaarii isiniif haa tahu! ???
Carraaqqii tarsiimoon milkeeysa ?? ➕
Ecoromia ~ Stay informed to stay ahead of businesses???
Focus on 21st-century knowledge, insights, and growth ?❤️
➡️ Contact: @Ecoromian✅?
➡️ Join us: @Ecoromia_official ✅?
#MorningMotivation #Ecoromia #Knowledge #Insights #Growth #Business #Entrepreneur #21stCentury #Researcher #Ikoonomii #Technology #DiinaggeeAfaanOromoo #business #insights #growth #trend #data #analysis #portfolio
#Ecoromia.
#MorningMotivation ??☄️?
? Dear Family ?
Good morning ?
Why did the businessman cross the road? To get to the other side of the profit margin. It's just mocking ? to make your day. Have a great working day! ✔️??
Olmaya hujii gaarii isiniif haa tahu! ???
Carraaqqii tarsiimoon milkeeysa ?? ?
Ecoromia ~ Stay informed to stay ahead of businesses???
Focus on 21st-century knowledge, insights, and growth ?❤️?
➡️ Contact: @Ecoromian✅?
➡️Join us: @Ecoromia_official ✅?
#MorningMotivation #Ecoromia #Knowledge #Insights #Growth #Business #Entrepreneur #21stCentury #Researcher #Ikoonomii #Technology #DiinaggeeAfaanOromoo #business #insights #growth #trend #data #analysis #portfolio
#Ecoromia.
Community chat: https://t.me/hamster_kombat_chat_2
Twitter: x.com/hamster_kombat
YouTube: https://www.youtube.com/@HamsterKombat_Official
Bot: https://t.me/hamster_kombat_bot
Game: https://t.me/hamster_kombat_bot/
Last updated 3 months, 2 weeks ago
Your easy, fun crypto trading app for buying and trading any crypto on the market.
📱 App: @Blum
🆘 Help: @BlumSupport
ℹ️ Chat: @BlumCrypto_Chat
Last updated 3 months, 1 week ago
Turn your endless taps into a financial tool.
Join @tapswap_bot
Collaboration - @taping_Guru
Last updated 6 days, 5 hours ago