Horn Media (HM)

Description
#HM is based in Addis Ababa,Ethhiopia is balanced media outlet that delivers fresh news to it's audience. It is an independent Media Outlet which delivers news and education to people in Ethiopia.
We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm

?BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 months, 2 weeks ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 weeks, 4 days ago

1 month, 2 weeks ago
ውድ ተከታታዮቻችን

ውድ ተከታታዮቻችን
ከዚህ በፊት ለአመታት Arat Kilo Daily በምል መጠሪያ የተለያዩ ይዘት ያላቸዉን ሚዛናዊ መረጃዎችን ስናጋራችሁ ቆይተናል ፡፡ በቆይታችንም የናንተ አስትያየት ብርታት ሆኖን በትጋት እንድናገለግልዎ ረድቶናል፡፡ ለዚህም ታላቅ አክብሮት አለን፡፡
ከዛሬ ጀምሮ ስያሜያችንን ወደ Horn Media የቀየርን ምሆኑን በአክብሮት እያሳወቅን የተለመደ ትብብራችሁ እዳይለየን በታላቅ ትህትና እንጠይቃለን፡፡
በለሎች አማራጮችም እንገኛለን ተከታተሉን
Facebook = https://web.facebook.com/aratkilodaily
YouTube = http://www.youtube.com/@HND24
Telegram = https://t.me/aratkilo

1 month, 2 weeks ago
Kabajamtoota hordoftoota keenya:

Kabajamtoota hordoftoota keenya:
Fuulli keenya kun kanaan dura maqaa Arat Kilo Daily jedhuun waggootaaf odeeffannoowwan madalawaa ta’an garaa garaa isin biraan gahaa ture ammaarraa kaasee maqaasaa gara Horn Media tti jijjiiruusaa kabaja olaanaan isin beeksisaa, isinis turtii kana keessatti yaadaa fi qeeqaa nukennaa turtaniif galatoomaa jechaa fuuldurafis miidiyaan kun akka jabaatuuf gaheen keessan murteessaa waan ta’eef yaada, qeeqaa fi dhimmoota fooyya’uu qaba jettan yoo nuu qooddan gammachuu guddaan simanna.
Madden odeefannoo keenyaa :
Facebook = https://web.facebook.com/aratkilodaily
YouTube = http://www.youtube.com/@HND24
Telegram = https://t.me/aratkilo

1 month, 2 weeks ago

Barnoonni Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Minesootaa Keessaatti Kennamuu Eegale

Barootaa dheeraaf akka baduu fi akka ittiin hindubatamneef cunqurfaamaa kan ture Afaan Oromoo yeroo ammaatti afaan hojii fi barnootaa naannicha keessatti ta’uurra darbee sadarkaa idil- addunyaatti barsiifamuu eegalee jira.
Afaan Oromoo barootaaf hacucamaa turee fi akkaa baduuf shirri hedduun xaxamaa ture wareegama ilmaan oromoon yeroo ammaa biyya keessatti afaan barnootaa, hojii nannichaa fi barnoonni hanga digrii 3ffaa (PhD) kennamaa jiraachuun isa ani beekama.
Yeroo ammaa kanatti ammo barbaachisummaan afaanichaa sadarkaa biyyaarraa darbee dhabbilee barnoota idil-addunyaa keessatti akka barnootaatti akka kennamuuf yaaliin taasifamaa turee jira. Qaama yaalii Afaan Oromoo sadarkaa idil-addunyaatti akka baratamu taasifamu keessaa tokko kan ta’e Yuunivarsiitii Minisootaatti Kolleejjii Liberaal Arstis keessatti sagantaa Afaan Oromoo sirna barnootaa keessatti hammatamee barsiisuun eegalamee jira.
Barnoota Afaan Oromoo kanas barattoota muummee adda addaatiif kireeditii 5 kan kennameef yoo ta’u barattonni heddunis fedha isaniin kan galma’anii barachuuf qophiitti jiran ta’uu beekameera.
Kolleejjii kana keessattis itti gafaatumummaa kanaa kan fudhatan barsiisaa Yunivarsiitii Finfinnee duranii fi qabsa’aa gameessa Obbo Baqqalaa Garbaa ta’uu odeeffannoon Arat Kilo Daily qaqqabe irraa hubachuun danda’ameera.
Obbo Baqqalaan baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Oromoo fi Itoophiyaa keessatti karaa nagaa qabsaa’uun kan beekamanii fi sababuma qabsoo uummataa karaa nagaa geggeessaniif yeroo adda addaatti bara ADWUI kaasee hanga sirna amma biyya bulchaa jiruutti hidhaa fi dararaan irra gahaa tureera.
Yeroo Mana hidhaa Qaallittii turanitti kitaabota argatanii dubbisaa turan keessaa tokko ture kitaaba Maartiin Luuter "I Have a Dream" jedhu dubbisaniin haala ofii keessa jiran, amantaa ijoollummaarraa jalqabee qabaataa turan waliin walfakkaatee arganii Kitaabota Maartiin Luuter Kiingi Xiqqichaa, 'Mul'atan Qaba' jedhu mullatoofi haasawaa addunyaa jijjiiran jedhamu gara Afaan Oromootti hiikuun dubbistootaaf dhiheessuun isaanii kan yaadatamudha.

11 months ago

Seenaa Gabaabaa Nimoonaa Xilahuun (1986-2014GC)

Nimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magalaa Jimmaa arjootti bara 1986GC dhalate. Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul’ataa irraa godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjootti dhalate.
Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004GC yuunvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka’een murtii jal’aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta’an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame.
Nimoonaa Xilahuun (1986 2014GC) Waggaa tokko boodas barumsa isaatti debi’ee bara 2005-2007GCtti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifame. San booda bara 2007GC keessa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa Shanootti mindeeffamee achitti hojii eegale. Achitti utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Patrol/3F kan jedhamuun humnooti tika wayyanee ukkaamsanii fudhatan.
Haga ji’a tokkootti Mayikalawwitti dhoksaan hidhamee mana dukkana akeessatti gidiraa guddaa argaa ture. Dhiibbaa fi iyyannaa qaamota miran namoomaatiin dhiyaachaa tureenis, himannaan itti banamee gara mana Hidhaa Qaallittiitti dabarfame. Manni murtii Wayyaanees dhaddecha jallootiin murtii jalloo waggaa 11 akka hidhamuuf itti murteesse.
Nimoonaan mana hidhaa Qaalittii, Zuwayii fi Qilinxoo keessaatti garafamaa ture; Reebicha garmalee irra ga’eenis dhibeef saaxilame. Mana hidha akeessatti wal’aansa gahaa waan dhabeef hedduu miidhame. Dhukkuba kanaan erga hiraarfamee boodas, bara 2012GC keessa gara Hospitalaa Xiqur-Anbassaatti geeffamee ture.
Haata’uutii, wal’aansa garaa baqaqsaa godhameef iyyuu sirnaan otuu madaan isaa hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti deebifame. Achitti doorsisaafi dararaa guddaattu irra ga’aa ture.
Dhukkubni isaa itti hamaachaa waan dhufeef, dhiyeenya kana gara Hospitaala Xiqur-Anbassaatti deebisan. Garuu, qaamni laafee, bututee waan jiruuf dhibee san irraa dandamachuu dadhabee Waxabajjii 6, bara 2014GC ganama barii keessaa saatii 6:00 irratti lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabarte.
Sirni awwaalcha Nimoonaa Xilahuun bakka warrii fi lammileen hedduu argamanitti bakka dhalootasaa Arjotti raawwatee jira.
“Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa.

We recommend to visit

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

@Abdii_Sabaa

?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm

?BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university

?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa

Last updated 2 months, 2 weeks ago

asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 4 months, 3 weeks ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 2 weeks, 4 days ago