Riyaad Raayyaa

Description
@riyaadraayyaa


Dabalatas lakk bilb;- 0937178516

Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

3 days, 4 hours ago

Ani....
Akkati na jaalattu
Utuun sirriitti beekuu
Akkati na laalattuuf
Sitti bubbutee ceekuu,
Akkati na jibbitee
Garaa narraa murattuu
Badii baayyeen dalage
Ija kan kee durattuu.

Ati garuu...
Onneekee qulqulluu
Erga naaf kudhaamtee
Akkuma waan duuddee
Agartuun kees jaamtee,
Dabakoo ni beekta
Ijaan ni agarta,
Dhiibdee dhidhiibbattee
Na bira dabarta,
Jaalala naaf qabduuf
Hundumaa sabarta.

Isan sitti dabu
Jedhee “yoos na dhiiftii”
Kan kee onneen diddee
Jaalaluma biiftii..
Miidhaan sitti ooleef
Deebiin kee jaalalaa,
Dhugaan na jaallatta
Miirrikees naa-galaa...

Garuu.....
Miidhama kee aartee
Maaf booree'n baafanne,
Waanan sin simanneef
Maaliif nan gaafannee?
Madaa garaa keetii
Afaanii baafattee,
Sababan si dheessuuf
Osoo na gaafattee...?

Waan akkana sirraa
Garaakoo na mure
Iccitii duubasaa
Sittan himan ture.

Sittan hima ture...

Addunyaa jaalalaa
Kanaan dura lixee
Humnaafi yerookoo
Keessatti akkan fixe,
Dhugaadhaan jaaladhee
Amanee ganamee
Hangam akka ceephoon
Mataan na baname,
Keessatti caccabee
Mataa hanga miilaa
Addunyaa kanarraa
Akkan qabu jiila...
Xiyyisaa woraanee
Onneekoo na huree
Madaa akkan qabu
Sittan himan ture.

Egaa.....
Of-miidhuuf, wal miidhuuf
Maaliif bututama
Maafan gufuu tokkoon
Lama rukutamaa?

Kanaaf.....
Si gowwoomsuun fedhu
Siif rukutee dibbee,
An si jibbees miti
Jaalaluman jibbee,
Murtiin kun si miitus
Borimmoo si kiiftii
Anis sin hubadhaa
Naaf hubadhu giiftii...

Jaalala hin qabne
Madaa, gaabbiif aarii
Naaf ta’ii jiraadhu
Obboleettii gaarii!

©️ Riyaad Raayyaa

@Dhangaa_Walaloo join godhaa!♥️

1 week, 3 days ago

Wanti galma nu hanqisee
Baraan lukti keenya naafu,
Alagaatti akeekna malee
Numatu woliif hin laafu.
~
Maaddiima tokkorraa nyaataa
Micciirree wal caccabsina,
Jiraachuu wolii jibbinee
Karaarraa wal daddabsina.
~
Akka waan waliin hin taanee
Gammachuufi gaddi keenya,
Afaan keenya wal hin qabu
Wal hin baatu; addi keenya.
~
Gurri wal nu hin dhaga’u
Dubbiin walii nu xuqqa’a
Ofiif mogolee wal buufna
Ormaaf harki nu luqqa’a.
~
Kan orma walirraa eegnu
Ofiif wolirratti kaanee...
Guddinarraa wal ittifnee
Kunoo baraan-achee taane!
~
Obbolummaaf oromummaa
Tasuma hin qabnu haajaa
Rabbumaan haa dhibu male
Keenya kunoo nama raaja!

©️ Riyaad Raayyaa

@Dhangaa_Walaloo

2 weeks, 4 days ago

Qe’ee ulfoo jararraan
Nuuf baatu aduuf jiinii
Araddaa eebbifamaa
Harargee biyyi diinii,

Dirqamaan daangeffamee
Oomisha ofii gurguruu
Gaafa beelli hiraarsee
Akkasittiin hunkuru...
Warri ofirra darbanii
Kaleessa orma sooran
Beelaan manaa ba’anii
Gaafa daandiirra jooran,
Arguun nama surura
Garaa nama belbelcha
Gaddatu daangaa taree
Ibsamuuf dhaba jecha.

Madda galii hawaasaa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaan-shee jiiftu.
Gombisaa qomoo keenya
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbannaa?
Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan uummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha.

Warri jaalala hiran
Gola onnee bananii
Ardaan gootota hedduu
Maaddiin quufaaf qananii,
Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Soorri lubbuu hawaasaa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaaf dheebuun maaf du’a?

Elaamee.....

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan,
Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa,
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa,

Qabeenyi hawaasa kanaa
Wabii saba hundaatii,
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii,
Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin beelessinaa lakkii
Qe’ee nagaaf araaraa!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin. Oromoo kutaa kamiiyyuu haa ta’u dhibeen qomoo kiyyaa na dhukkubsa. dhimmi kun xiyyeeffannoo guddaa barbaachisa!

2 weeks, 4 days ago
Riyaad Raayyaa
2 weeks, 4 days ago
Riyaad Raayyaa
2 weeks, 5 days ago
SINGITAN DISTANCE EDUCATION

SINGITAN DISTANCE EDUCATION

Giddu-galli Barnoota Fagoo Singitan Godina Jimmaa, Godina Buunnoo Beddellee fi Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti sagantaa KG hanga kutaa 4 barsiisaa kan jiru yoo ta’u, sagantaa barnoota fagootiinis kutaa 7-12 tti barattoota baayyee simatee kan barsiisaa jiruufi qorumsa ministirii akkasumas qorumsa Entrance kutaa 12ffaaf barattoota qopheessee qoraa kan tureefi ammas itti jiruudha.

Kana malees, Giddu-galli Barnoota Fagoo Singitan sagantaa TVET’n leenjiiwwan gaggabaaboo ni kenna. maarree isinis hojii idilee keessanii hojjataa barnoota keessan hordofuun dheebuu barumsaa qabdan bahuuf, yeroo keessanitti fayyadamtanii sadarkaa barnoota keessanii fooyyeffachuuf akkasumas daa’imman keessan ganamaan sammuu qara ta’eefi amala qabeessa ta’anii akka isiniif guddataniif filannoon keessan Giddu-gala Barnoota Fagoo Singitan haa ta’u gaafa jennu gammachuu guddaadhaani!

Bakka garaa garaa teessanii barachuu kan barbaaddan lakkoofsa bilbilaa kanaan karaa telegram qunnamaa!👇
0911615648

3 weeks, 2 days ago

Akka waan zalaalam turruu
Kan nu hiraarsitu fardii,
Sin taajjabe, sin komadhe
Ayi yaa jiruu dirra ardii.

Beellamuma malee deemtee
Addaan baafta lubbuuf nafa,
Sin komadhe, uggum! du’aa
Siifan jibbe dirra lafaa.

Egereesaa har’a tolchuuf
Nama ta’uuf of ijaaree,
Miskiina biyyarraa ba’e
Hiree jiruutiin hiraaree,

Maatiisaa gargaaruuf jedhee
Godoosaanii duufe kaasuuf
Gammoojjiitti gubaan cophee
Kan of kenne aarsaa baasuuf

Biqiltuu abdii gogsitee
Bakka garaasaa hanqifta
Soora qurxummiilee gootee
Kichuutti karaatti hambifta.

Adeemsarraa gufachiifta
Kaayyoof kiyyeessitee kiyyoo
Gar-jabinaan uffachiifta
Ajjeeftee, dirqamaan biyyoo!

Gidirsitee biyyaa baaftee
Gaafa jalqabde dararuu
Harmeen deesse akka taatu
Xiqqumallee sin mararuu?

Uggum du’aa! sin komadhe
Dungoo jiruu kan dhaamsitu,
Biyya lafaa sin komadhe
Qaroo namaa kan jaamsitu.

Egaa....

Nyaannee lubbuu tursiifachuuf
Osoo gaaraaf goda buunuu
Yerootti yaadannu dhabnee
Akka tasaas akka duunu,

Duniyaarratti akka taane
Keessummaa karaa boqate
Haqaaqamnee arguu dhabnee
Dhaamsi isaanii nu dhokatee,

Borii keenya tolchuuf jecha
Kan akkas hiraarree fiignu
Guggubannee of belbelchaa
Kan akkas ijaarree diignu,

Jechi'n ooluuf jenna malee
Kan komannuuf kana harii
Murtiin gaarumarraa darbe
Hireen kun qadaaf qadari!

Egaa isa hundaa beeku
Murtii Ilaahii didamee
Komachuun hin danda’amuu
Dhaddadda'n jirre fidamee...

Kaleessuma waliin turree
Har'ammoo of biraa dhabnee
Obboloota keenya kanaaf
Hedduu gaddaan qalbii cabnee

Inni-n duune, inni'n rafne
Rabbi mootiin irraaf jalaa
Asirraa erga dhabsiisee
Jennata haa godhuuf galaa!

Obboloota keenya rakkoo baqa bahararratti dhumaniif rabbi rahmata haa godhu. maatii isaaniifis obsa guddaa haa kennu!🤲😭

@Riyaad_Raayyaa
@Dhangaa_Walaloo join godhaa!🙏

3 weeks, 2 days ago
Riyaad Raayyaa
3 weeks, 2 days ago
Riyaad Raayyaa
4 weeks, 1 day ago

XIYYEEFFANNOO‼️

Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti dhiyeessii xaa’oo bara kanaan wol qabatee, qonnaan bultoonni keenya hedduu hiraarfamaa jiru. akka kanaan duraatti xaa’oo harka daldaltootaa irraa gatii dachaan dabalanii bituun hafee, gatii madaalawaan karaa mootummaatiin dhiyaachuufiitti gammachuu guddaa qabaatanillee, xaa’ocha bitachuuf ulaagaa/unka guutuu qabu xumuratee yerootti argachuuf baankiifi waajjiratti deddeebifamuudhaan gidirfamaa jiru.

Abbootiin keenya gandootii baadiyyaa fagoorraa ka’anii kan qabu geejjibaaf qarshii hedduu baasee, kan hin qabnes halkaniin deemaa bulanii ganamaan magaalaa Aggaaroo qaqqabu. kaffaltiin Xaa'oo bara kanaa system baankiitiin waan walitti hidhameef qote bulaan hunduu mataa mataa isaatiin buukii baankii baafachuun dirqama godhame, buukii baafachuuf guyyoota 2 fi isaa ol mana baankiitti deddeebi’ama. erga buukii baafatanii kaffaltii xumuranii booda waajjiraafi mana kuusaatti guyyaa 5 fi isaa ol beellamaan deddeebifamu, guyyoota kana hunda baadiyyaa fagoorraa miilaan dhaqee miilaan gala. gariin ija ittiin maatiitti galu dhabee akka waan biyya hin qabneetti barandaarra bulee guyyaa beellamaa eeggata, gaafa guyyaan gahus beellama biraa itti kennuun ala namni isaan keessummeessee dhimma jaraa xumuruuf hin jiru. kanaanis abbootii keenya qisaasama humnaa, yeroofi maallaqaa guddaan mudateera.

Daldalaarraa mana ofii ta'anii boonanii argachuu osoo danda’anii, amanamummaa mootummaa isaaniif qabaniin baasii dachaafi adeemsa wal-xaxaa, rakkoo furmaata dhabe kanaaf saaxilaman. baayyee nama gaddisiisa! dafqa abbootii keenya aduu saafaa keessa fuul-dura waajjiraalee hiriiranii tajaajila argachuuf eeggatanii kana qaamni ilaalee furmaata kennu maaliif dhabame? sagaleen hawaasa miskiina kanaa haa dhagahamu. qaamonni dhimmi kun ilaallatu hunduu iyya kana dhageessanii qonnaan bultoota keenyaaf furmaata hatattamaa akka kennitan kabajaan isin gaafanna!

#Share nuuf godhaa ilmaan qonnaan bultootaa!

@Riyaad_Raayyaa
@Dhangaa_Walaloo join taasisaa!

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo