Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Riyaad Raayyaa

Description
@riyaadraayyaa


Dabalatas lakk bilb;- 0937178516

Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

5 days, 6 hours ago

Qe’ee ulfoo jararraan
Nuuf baatu aduuf jiinii
Araddaa eebbifamaa
Harargee biyyi diinii,

Dirqamaan daangeffamee
Oomisha ofii gurguruu
Gaafa beelli hiraarsee
Akkasittiin hunkuru...
Warri ofirra darbanii
Kaleessa orma sooran
Beelaan manaa ba’anii
Gaafa daandiirra jooran,
Arguun nama surura
Garaa nama belbelcha
Gaddatu daangaa taree
Ibsamuuf dhaba jecha.

Madda galii hawaasaa
Albuuda baha biiftuu
Kan haati hiyyeessaa ittiin
Qoonqoo ilmaan-shee jiiftu.
Gombisaa qomoo keenya
Warra Ituu'f humbannaa
Maaddii irraa nyaanne dhiinnee
Maaliif hamaa dubbannaa?
Sona jireenya hawaasaa
Jalaa gogsuun cubbuudha
Jimaan uummata harargeef
Dhimma jiruu; lubbuudha.

Warri jaalala hiran
Gola onnee bananii
Ardaan gootota hedduu
Maaddiin quufaaf qananii,
Qe’een Elemoo Qilxuu
Kan Jaarraa Abbaa Gadaa
Caba sabaa okkolaa
Nuuf kulkulfataa madaa
Dhiibbaa duriiyyuu moo’ee
Har’a harka keenyaan badaa?

Akaakileen Sheek Bakrii
Ijoolleen Bakar Waaree
Falma Abbaa biyyummaaf
Dhugaa turanii raaree
Bu’aa aarsaa baasanii
Gidirfamuun jiraaree?

Soorri lubbuu hawaasaa
Labsii dabaan maaf gu’a
Oromoon Afran-qalloo
Beelaaf dheebuun maaf du’a?

Elaamee.....

Qaamni dhimmichi laalu
Dhuunfaas ta’u mootummaan
Irra dedeebiin yaadaa
Siniin jenna kootummaan,
Lameen waliif bu’uraa
Ummata harargeef jimaa,
Oksijiinii fi somba
Addaan baasuun ni cimaa,

Qabeenyi hawaasa kanaa
Wabii saba hundaatii,
Dinagdee biyyaatiifuu
Jimaan lafee dugdaatii,
Waanuma facaasantu
Hudhee namaaf daraaraa
Hin beelessinaa lakkii
Qe’ee nagaaf araaraa!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin. Oromoo kutaa kamiiyyuu haa ta’u dhibeen qomoo kiyyaa na dhukkubsa. dhimmi kun xiyyeeffannoo guddaa barbaachisa!

5 days, 6 hours ago
Riyaad Raayyaa
1 week, 3 days ago

Akka waan zalaalam turruu
Kan nu hiraarsitu fardii,
Sin taajjabe, sin komadhe
Ayi yaa jiruu dirra ardii.

Beellamuma malee deemtee
Addaan baafta lubbuuf nafa,
Sin komadhe, uggum! du’aa
Siifan jibbe dirra lafaa.

Egereesaa har’a tolchuuf
Nama ta’uuf of ijaaree,
Miskiina biyyarraa ba’e
Hiree jiruutiin hiraaree,

Maatiisaa gargaaruuf jedhee
Godoosaanii duufe kaasuuf
Gammoojjiitti gubaan cophee
Kan of kenne aarsaa baasuuf

Biqiltuu abdii gogsitee
Bakka garaasaa hanqifta
Soora qurxummiilee gootee
Kichuutti karaatti hambifta.

Adeemsarraa gufachiifta
Kaayyoof kiyyeessitee kiyyoo
Gar-jabinaan uffachiifta
Ajjeeftee, dirqamaan biyyoo!

Gidirsitee biyyaa baaftee
Gaafa jalqabde dararuu
Harmeen deesse akka taatu
Xiqqumallee sin mararuu?

Uggum du’aa! sin komadhe
Dungoo jiruu kan dhaamsitu,
Biyya lafaa sin komadhe
Qaroo namaa kan jaamsitu.

Egaa....

Nyaannee lubbuu tursiifachuuf
Osoo gaaraaf goda buunuu
Yerootti yaadannu dhabnee
Akka tasaas akka duunu,

Duniyaarratti akka taane
Keessummaa karaa boqate
Haqaaqamnee arguu dhabnee
Dhaamsi isaanii nu dhokatee,

Borii keenya tolchuuf jecha
Kan akkas hiraarree fiignu
Guggubannee of belbelchaa
Kan akkas ijaarree diignu,

Jechi'n ooluuf jenna malee
Kan komannuuf kana harii
Murtiin gaarumarraa darbe
Hireen kun qadaaf qadari!

Egaa isa hundaa beeku
Murtii Ilaahii didamee
Komachuun hin danda’amuu
Dhaddadda'n jirre fidamee...

Kaleessuma waliin turree
Har'ammoo of biraa dhabnee
Obboloota keenya kanaaf
Hedduu gaddaan qalbii cabnee

Inni-n duune, inni'n rafne
Rabbi mootiin irraaf jalaa
Asirraa erga dhabsiisee
Jennata haa godhuuf galaa!

Obboloota keenya rakkoo baqa bahararratti dhumaniif rabbi rahmata haa godhu. maatii isaaniifis obsa guddaa haa kennu!🤲😭

@Riyaad_Raayyaa
@Dhangaa_Walaloo join godhaa!🙏

2 weeks, 2 days ago

XIYYEEFFANNOO‼️

Godina Jimmaa Aanaa Gommaatti dhiyeessii xaa’oo bara kanaan wol qabatee, qonnaan bultoonni keenya hedduu hiraarfamaa jiru. akka kanaan duraatti xaa’oo harka daldaltootaa irraa gatii dachaan dabalanii bituun hafee, gatii madaalawaan karaa mootummaatiin dhiyaachuufiitti gammachuu guddaa qabaatanillee, xaa’ocha bitachuuf ulaagaa/unka guutuu qabu xumuratee yerootti argachuuf baankiifi waajjiratti deddeebifamuudhaan gidirfamaa jiru.

Abbootiin keenya gandootii baadiyyaa fagoorraa ka’anii kan qabu geejjibaaf qarshii hedduu baasee, kan hin qabnes halkaniin deemaa bulanii ganamaan magaalaa Aggaaroo qaqqabu. kaffaltiin Xaa'oo bara kanaa system baankiitiin waan walitti hidhameef qote bulaan hunduu mataa mataa isaatiin buukii baankii baafachuun dirqama godhame, buukii baafachuuf guyyoota 2 fi isaa ol mana baankiitti deddeebi’ama. erga buukii baafatanii kaffaltii xumuranii booda waajjiraafi mana kuusaatti guyyaa 5 fi isaa ol beellamaan deddeebifamu, guyyoota kana hunda baadiyyaa fagoorraa miilaan dhaqee miilaan gala. gariin ija ittiin maatiitti galu dhabee akka waan biyya hin qabneetti barandaarra bulee guyyaa beellamaa eeggata, gaafa guyyaan gahus beellama biraa itti kennuun ala namni isaan keessummeessee dhimma jaraa xumuruuf hin jiru. kanaanis abbootii keenya qisaasama humnaa, yeroofi maallaqaa guddaan mudateera.

Daldalaarraa mana ofii ta'anii boonanii argachuu osoo danda’anii, amanamummaa mootummaa isaaniif qabaniin baasii dachaafi adeemsa wal-xaxaa, rakkoo furmaata dhabe kanaaf saaxilaman. baayyee nama gaddisiisa! dafqa abbootii keenya aduu saafaa keessa fuul-dura waajjiraalee hiriiranii tajaajila argachuuf eeggatanii kana qaamni ilaalee furmaata kennu maaliif dhabame? sagaleen hawaasa miskiina kanaa haa dhagahamu. qaamonni dhimmi kun ilaallatu hunduu iyya kana dhageessanii qonnaan bultoota keenyaaf furmaata hatattamaa akka kennitan kabajaan isin gaafanna!

#Share nuuf godhaa ilmaan qonnaan bultootaa!

@Riyaad_Raayyaa
@Dhangaa_Walaloo join taasisaa!

2 weeks, 2 days ago
Riyaad Raayyaa
2 weeks, 6 days ago

GUYYAA GOOTOTA OROMOO

Kan alagaan qoqooddee
Oliif gad nu ariitu
Dhiigaan tokkummaa labse
Jaal Magarsaa Barii'tu
~
Amantaa fi kutaadhaan
Wal qoqoodnee gandaani
Oromummaadhaaf baane
Lakki hin baanu addaani
~
Gargar hin faffacaanu
Akka ilmaan bofaatti
Kiristaanaaf muslimaan
Nun baasinaa qofaatti
~
Dameen isaa bal'atee
Ga'us gamaa gamana
Hiddaaf jirmi tokkicha
Adda hin se'in namana
~
Warri kaabaafi kibbaa
Inni bahaa fi lixaa
Oromoon tokkichuma~abadan hin qoodamnu
Bakkumatti nu fixaa
~
Qaama isaatii du'uu
Tokko dhaabatee hin sirbuu
Jedhanii ejjannoodhaan
Waliif seenanii irbuu
~
Heera tokkummaa sabaa
Dhiigaaf lafeen tumanii
Warra boolla tokkotti
Shinniggaatti dhumani
~
Irbuu shinniggaan baana
Eebila kudha shanii
Guyyaa Goototni Oromoo
Seenaa dalagan sani
~
Si yaadachiisuun yaala
Atis ni beekta tarii
Bara hogganaa ture
Gootni Magarsaa Barii
~
Imala dhimma sabaaf
Qabsoof karaa bu'anii
Guyyaa jaallan qaqqaaliin~Kudha tokko ta'anii
Bakkumatti du'ani!
~
Alagaan alaguma
Kokkolfaa nama gantii~Soomaaleetu nyaate
Jaal Muhee Abdoo'tiif
Jaal Yiggazuu Bantii
~
Kan dhugaaf dhaabbate
Haqarraa hin goruu
Jaal Gadaa Gammadaaf
Jaal Dhaddachoo Boruu
~
Kaayyootu wolitti hidhe
Hin qoqoodne balaani
Jaal Faafam Dooyyoo'tiif
Jaal Marii Galaan'i
~
Kan alagaan qoqooddee
Oliif gad nu ariitu~dhiigaan nu tokkoomsani
Jaal Abboomaa Mitikkuu'f
Jaal Magarsaa Barii'tu

~
Dhaddachoo Mul'ataa
Falmataa'f Irranaa
Aarsaa lubbuu baasan
Yaadanii siif anaa!
~
Of qofaaf hin jiraannu
Akka haamtuuf, okkootti
Jedhanii kudha tokkoon
Dhuman bakka tokkotti!
~
Gabrummaa irra duuti..
Caaluu, warra hubatan
Warra dungoo nuuf ta'uun
Ofii jaraaf gubatan....
~
Tokkummaa Oromummaaf
Warra nuuf baasan aarsaa
Jecha kamiin filadheen
Danda'ee isaan faarsaa?
~
Bara hedduuf dhokate
Seenaan keessan golatti
Woreegaan har'a geenye
Malee, miti tolatti....
~
Gammoojjii shinniggaatti
Osoo hin qabaatin cubbuu
Haqaaf haqaaqamanii
Warra nuuf laatan lubbuu
~
Kutaa fi amantaarra
Eenyummaa caalchisanii
Tokkummaa dhiiga jaraan
Labata dhaalchisani
~
Qaroon har'arra taa'ee
Egereedhaaf akeekaa
Osoo isaan nuuf hin duunee
Har'a hin jirru beekaa
~
..... Silaa!....

Alagaan nu facaastee
Akka sangaa sadeenii
Qofa qofaan nu nyaatti
Har'a silaa gadheeni
~
Akka golgola lafaa
Lukkuun galtu qooxiitti
Kutaadhaan faffacaanee
Galla gandaaf gooxiitti
~
Silaa sirna moofaadhaan
Alagaadhaaf saganna
Fayya wolii gaddinee
Dhibee wolii ragadna
~
Akka fardaa hin gulufnu
Akka qocaa tiranna
Osoo jarri nuun duunee
Amantaan wol ciranna
~
Kutaa biraarra teenyee
Keenya hin jennu Finfinnee
Dhiigaan fufsiisaniifi
Firooma adda hin cinne
~
Jaratu aarsaa lubbuun
Ofiyyuu nu barsiise
Dhiigaan wolitti hidhamuu
Dhaloota agarsiise
~
Kan lammiif hin jiraanne
Namummaa hin qabu oota
Kanaafuu leellifanna
Sagalee ol kaafnee goota
~
Jaraafuu.. qoma dhiibnee
Oromummaan dhaadanna
Gootota keenya maraa~woggaa woggaadhaan miti
Guyyaa guyyaan yaadanna!
~
Dirra lafaa kanarraa
Biyya kamuu teessanii
Guyyaa Gootota Oromoo
Baga nagaan geessani!

✍️... @Riyaad_Raayyaa tiin Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromootiif

3 weeks, 3 days ago

#Eid_Mubarak

Akka hin deebinetti
Guyyaa qiyaamaa male
Keessummaan nurra ture
Osoon quufamin gale
,,,
Baatiin keyriif barakaa
Jiini caalu hundarra
Nu sooree adeemekaa
Galaa qabu dugdarraa
,,,
Gammachuun simannee
Gaddaan adda baanee
Kan dhufu haa geenyu
Warra milkii taanee......
,,,
Murteessaa hiree namaa
Soora qaamaa qalbiiti
Ramadaana soomanuun
Baraa kennaa Rabbiiti
,,,
Fedha Rabbii guddaatiin
Biyya duniyaarra teenyee
Baga nagaan soomannee
Nagaan goolabuu geenye
,,,
Leylatu-qadrii sana
Caaltuu baatiiwwan kumaa
Warra argate nugodhi
Rahmaan milkeessaan sumaa
,,,
Galmee azaabaa irraa
Galmee jennataatti
Galmee faqiiraa irraa
Sooressa kennataatti
,,,
Iimaanaan qalbii nujiisi
Nun godhin warra gu'u
Umrii keenya dheeressi
Nun godhin warra du'u
,,,
Ibaadaaf sooma keenya
Rahmaan nurraa qeebali
Amrii jabaa laaffisii
Qananii nuuf eegali!
,,,
Warra iklaasaan sooman
Waa sirra kajeelanii
Warra sunnaa hordofan
Karaa kee qajeelanii
,,,
Nuuf galmeessi yaa Rabbi
Umriin turuu fayyaani
Borullee nuuf banamuu
Ulaan Baabul-Rayyaani
,,,
Tola Rabbii keessaayyi
Har'a ga'uun jarana
Egereen nuhaa ga'u
Qeebalee kan baranaa
,,,
..... Ahh ....

Afaan soomanaa ooleen
Osoo hin qabaatin cubbuu
Erguma soomni seenee
Meeqa kan dhabe lubbuu
,,,
Hammina diina keenyaan
Faxriin ta'ee rasaasa
Warra islaamummaaf du'an~shahiidee akka godhu
Rahmaanittan asaasa
,,,
Erga rahmataan dhufee
Guddichi baatii soomaa
Qadar isatti geessee
Meeqatu du'e qoomaa?
,,,
Galmee warra jiruurra
Rahmatummaan lixxanii
Alhamdulillaah jedhaa
Kan nagaadhaan fixxani
,,,
Qaawwa ibaadaa keenyaa
Tola isaatiin kabee
Rabbi nuhaa godhu
Warra isaaf of qabe
,,,
Dhugaan soomaa oolee
Warra isaaf sagade
Gabaa keyrii kana
Warra haqaan nagade
,,,
Nuhaa godhu rahmaan
Gooftaan hunda caalu
Dhibee qaamaa qalbii
Inni nuhaa yaalu
,,,
Kayrii baadhatee dhufe
Warra haqaan saammate
Warra argatee gammadu
Waan Rabbitti dhaammate
,,,
Iyyaaf kadhaa keenya
Hunduma dhaga'ee
Nuhaa gammachiisu
Egereenis nu ga'ee
,,,
Rahmatummaa Rabbiitiin
Haga har'aa teessanii
Muslimootni martinuu
Baga hiikaa geessani!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa

1 month ago

SIIRAA RASUULAA (S.A.W)

Kutaa 2ffaa...

Osoo hin ergamin dura
Ergaa Rabbii namaan ga’uu,
Ofirratti argaa turani
Mallattoo Nabiyyii ta’uu,
Nama hundumarraa qoodee
Kophaatti isaan baafataa
Dhagaaf mukni dudubbisee
Salaamtaa isaan gaafataa,
Ifaaf sagaleen malaaykaa
Mul’atee, gurra isaan ga’aa,
Manaamni isaan arganu
Dhugaa ta’ee, ifa ba’aa,
Erga turaniitiin booda
Haala kanaan ji’a ja'a..

Isaanii Rabbiin gabbaruu
Kophaa ba’ee gaara hiraa
Umriin Afurtama geenyaan
Nabii keenya hundaaf firaa,
Wahyiin duraa itti buute
Karaa Jibriil, Rabbiin biraa.

Baatii Raamadaanaa keessa
Guyyaarraa guyyaa Isniinaa,
Suuraa 'Iqraa’i' itti buusee
Erge Rasuulan mubiinaa.
Aayaa shanan gama duraa
Laali suuraa "Al-Alaqi"
Rabbi dukkana nuuf ibse
Biiftuu nuuf godhe, 'balaqi'.

Erga suuraan iqraa'i bu’ee
Wahyiin dhaabbannaan ciraatti
Rasuulli eegaa turani
Deddeebiin gaara hiraatti.
Gaaf-tokko samii gubbaadhaa
Sagalee adda dhaga'anii,
Jibriiliin zaataan argatanii
Fiigaa galani na’anii.

Akkanaan guyyootaaf turee
Erga wahyiin irraa gu’ee
Suuraan Al-Muddasir dhufee
Ashrafal-kalqitti bu’e.
Rabbiin ajaja dabarseef
"Da’awaa godhi, nama waami
Ibiddarraa jennatatti
Akka dhufan itti dhaami"
Jennaan Rasuulli ka'anii
Gargaarsa Ilaahii'tiinii
Da'awaa dhoksaa jalqabani,
Nama waamuu gara diinii.

Ajaja isaatiin bulanii
Rabbiin gargaarsifatanii,
Jalqaba maatii isaanii
Islaama taasifatani.
Hunda dura simatte
Iimaanaan qomashee bantee
Dhiiraa dhalaa muslimaarraa
Kadijjaan dura amante.
Kadijjaa faana bu'anii
Ilmaan dubaraa Nabiyyii
Ittaanees islaamawani
Zeyid bin Haaris, Aliyyii...

Eeganaa Rasuulli Rabbii
Ce’anii maatiin alatti
Dhoksaan nama waamaa turan
Diinal Islaamiin jalatti
Michuu isaanii adda duree
Kan ta'an Abubakarii
Islaamummaatti aseenani
Qaamaa qalbiidhaan kakarii..
Abubakar hin callifne
Hubatanii karaa haqaa
Amananii amansiisan
Sahaabota qaban maqaa.
Muraasonni Abaabakriin
Fudhachiisan karaa keeyrii
Usmaan, Sa’adiif, Xalahaa
Abdurrahmaaniif Zubeeyri.

Haala kanaan da’waan dhoksaa
Woggaa Sadii itti fufee
Da’waa dirree kan baasu
Wahyiin biraa itti dhufe........

Kutaa #3ffaan Itti fufa inshaa allaah! Ergamaa Rahmataatti salawaata buufadhaa! Salawaatu Rabbii wosalaamu aleyhi!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa

@Dhangaa_walaloo join taasisaa!

1 month, 1 week ago

#Siiraa_Rasuulaa (s.a.w)

KUTAA 1FFAA

Dhufaa, darbaa gitni isaanii
Nama hin uumamne takkaa
Gosa "Qureysh" jedhamurraa
Badhaafamte biyyi makkaa
Abdallaah ilmi Muxxalib
Aaminaa fuudhee ulfeessee
Dhalachuu ilmasaa dura,
Aakirame duuti geessee

Baatii Rabi’ul Awwoli
Bara Arbaa keessa ture
Kan Rabbi ifaa hin dhaamneen
Dukkana addunyaarraa fure.
Hoji-duree, gara barii
Aayyoo Aaminaan miixattee
Ilmashee rahmataan deessee
Barakaadhaan nuuf hiixatte.

Ilminuu ilma qofaaree?
Caalaa hunda dhala-namaa
Irra guddaa anbiyootaa,
Kabajamaa biyya lamaa
Nama; namaa hayawaanni
Rahmatummaadhaan galatu
Badhaasichi banii aadam
Dhalatan anaa dhalatuu...

Dhalatee torbee tokkotti
Abdul-Muxxalib kittaanee
"Muhammad" jedhee moggaase
Maqaa isaaniis ittaanee
Harma harmee isaan deessee
Guyyaa muraasa hodhanii
Erganaa maatiin geessanii
Suweybaa bira godhani.
Booda kanas ni geeffaman
Gara Haliimaa As-saadiyyaa
Ilmaanshee waliin guddatan
Goobantichi abdiin biyyaa.

Haaliimaa bira osoo jiruu
Jibriil gara isaanii dhufee,
Qoma isaanii banee, onnee
Zamzamaan dhiqeefii cufe.
Ammas, yerosuma ture
Umriin ta’anii sabiyyii
Dugdatti kan rukutameef
Chaappaan 'Khaatama An-Nabiyyii'

Eeganaa...
Gochaaf jechisaa tikfamee
Sheexanni isaaf karaa dhabde
Nuura keessaaf alaa ifu
Fagootti baqachuu qabde.
Turtiinsaa haliimaa biraa
Erga waggaa lama geessee
Aaminaa biratti gale
Gara haadha isa deessee
Umriin isaanii 6 geenyaan
Aaminaanis jalaa duutee
Hireen Rasuula guddisuu
Akaakoo isaaniirka buute

Laalaaf yaaddoon yatiimummaa
Isaanillee yoom dhokate?
Umrii isaanii saddeetitti
Abdul Muxxalib boqate.
Hireen jiruu hiraarsitee
Erga akaakoon du’ee booda
Abu Xaalib'tu fudhate
Isaan guddisuudhaaf qooda
Adeerri isaa Abu Xaalib
Harka qalleessa waan ta’eef
Re'ee tiksanii gargaaran
Hanga humni isaanii ga’eef,

San booda;

Nabii keenya amanamaa
Qulqulluu akka bishaanii
Kadijjaa haati qabeenyaa
Dhageessee waa’ee isaanii

Haalaa amala isaa tolaa
Mararfattee gaafa galuuf,
Gara Shaamiitti ergite
Qabeenyasheen haa daldaluuf,
Itti heerumuus niyyattee
Sirnaan gaaffii dhiyeessitee
Ashrafal kalqiin argattee
Jiruu ofii miyeeffatte.

Rasuul umrii digdamii shan
Kan ishee 40 ta’a
Akkanaan Kadijjaa fuuchuun
Irraa dhalchan ilmaan ja’a.
Kadijjaarraa kan dhalatan
Qaqqaaliiwwan ilmaan Nabii
Abdallaa, Kulsuum, Faaximaa
Qaasim, Ruqiyyaaf Zeynabi!

Ergamaa aalamaatti salawaata buusuu hin dagatinaa. S.A.W! kutaa #2ffaan itti fufa..... inshaa allaah!

✍️.... @Riyaad_Raayyaa

@Dhangaa_walaloo join godhaa!

2 months, 3 weeks ago
Riyaad Raayyaa
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo