Gali Ababor Official

Description
Hubannoo sirrii uumuuf
Advertising
We recommend to visit

FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM

#DigitalResistance

ADS:
@Ads_ProxyMTProto

Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy

Last updated 2 days, 8 hours ago

Official Telegram Channel of Koorowsh🎙️

Last updated 1 month ago

• پذیرا باشیم.

Last updated 1 month ago

1 month, 1 week ago

Namni of babbareechuun dhorgaa hin qabu. Rabbiin bareedaadha; waan bareedaa jaalatas. Garuu:
1. Qisaasaan maleetti,
2. Boonaan maleetti,
3. Yeroo gubuun maleetti,
4. Faaya haraama fayyadamuun maleetti,
5. Dhiiraafi dubartiin wal fakkaachuun maleetti,
6. Dhaaddannaafi dorgommiin maleetti ta'uu qaba.

لا مانع أن تعتني بمظهرك، فالله جميل يحب الجمال، ولكن:
١. بدون إسراف.
٢. بدون كِبر.
٣. بدون إضاعة وقت.
٤. بدون استعمال محرمات التجميل.
٥. بدون تشبه الجنسين بعضهما بالآخر.
٦. بدون تباه وتنافس.

منقول

1 month, 3 weeks ago

Wantota sooma keessa eeyyamaman

1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.

Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan.
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.

2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ".

Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.

3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu.
وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.

4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu.

5/ Koobbannaa:
فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha.

6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti.
فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح.

Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru. Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.

7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.

8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.

قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan.

9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ".
Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.

10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.

1 month, 3 weeks ago

Wantoota Sooma Namaa Balleessan
*-**

Wantoonni sooma balleessan bakka lamatti qodamu. Isaanis;
1) Waan sooma balleessee qadaa /bakka buusuu namatti dirqama godhuufi
2) Waan sooma balleessee qadaa /bakka buusuu/ fi kaffaaraa /kafaltii adabbii namarrstti dirqama godhuudha.

Wantoonni sooma balleessanii qadaa qofa namatti dirqama godhan kanneen armaan gaditi:

1/ Nyaataa fi dhugaatii beekaa fudhatamu. Yoo namichi dagatee, dogongoree ykn dirqamsiifamee nyaate ykn dhuge qadaa kaffaluus ta'ee kaffaaraan isarra hin jiru.
عن أبي هريرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من نسي - وهو صائم - فأكل أو شرب، فليتم صومه، فإنما أطعمه الله وسقاه ". رواه الجماعة
Abuu Hurayraa irra akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Namni osoo soomuu dagatee nyaate ykn dhuge sooma ittuma haa guuttatu. Kan isa nyaachisee fi obaase Rabbi waan taheef”.

Wantoonni nyaata bakka bu'an kanneen akka gulukoosiis sooma ni balleessu.

2/Beekaa of haqqisiisuun/nyaata oldeebisuun sooma cabsa. Garuu yoo humnaan isa moo’atee ofiin harkaa ba’e qadaas ta’ee kaffaaraan irra hin jiruu.
عن أبي هريرة: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " من ذرعه القئ فليس عليه قضاء، ومن استقاء عمدا فليقض ". رواه أحمد وأبو داود، والترمذي، وابن ماجه، وابن حبان، والدارقطني، والحاكم، وصححه
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti Rasuulli(SAW) akkana jedhan “Namni ol-deebisaan isa moo’ate qadaan (kaffaltiin ) isarra hin jiru. Namni ofiin beekaa of balaqqamsiise haa kaffalu.”
Ahmad , Tirmiizii, Ibnu Maajaah fi kanneen biroos gabaasaniiru.

3/Aadaa ji’aa /Haydii/ fi dhiiga dahumsaa: osoo biiftuun hin lixiin dura yoo itti dhufe sooma ishee ni balleessa.

4/Istimnaa’a (fedhii ofiitiin maniyyii /ispermii ofirraa baasuu): haadha manaa isaa dhungachuun ykn ofitti maxxansuun ta’ee qaama saalaa harkaan qabuun yoo maniyyii beekaa ofirraa baase soomni isaa ni bada. Qadaa baasuun dirqamaa. Garuu yoo diqqata ilaallaan ykn yaadnaan ba’e kun sooma hin cabsu, akkasumas nama hirriba keessa maniyyiin irraa bahe soomni isaa hin badu.

5/wantootuma nyaataaf hin taanes liqimsuudhaan soomni akka badu ulamaa’onni walii galaniiru.

6/Wal qunnamtii saalaa (inni kun kaffaaraan isaas ulfaataadha.)

7/ Namni niyyaa isaatiin faxiruu murteesse osooma nyaachuu dhiseeyyuu soomni isaa ni bada.

1 month, 3 weeks ago

Hayyuun Islaamaa Ibn Alqayyim akkana jedhan:

Jechoota sadii  beektoleen Islaamaa durii barreessanii waliif erganii wal yaadachiisu turan. Osoo namni hunduu qalbii isaa irratti barreeffatee hanga qilleensa fudhatuun isii qara'ee gaariidha.

  1. Nama keessa isaa tolfate Rabbiin gubbaa isaa ni tolcha.
    ❶ من أصلح سريرته أصلح الله علانيته.
  2. Nama waan jidduu isaatiifi jidduu Rabbii tolche Rabbiin waan jidduu isaatiifi namootaa jiru ni tolcha.
    ❷ ومن أصلح ما بينه وبين الله أصلح الله مابينه وبين الناس.
  3. Nama aakhiraa isaatiif hojjate Rabbiin cinqaa addunyaa isaaf deedisa.
    ❸ ومن عمل لأخرته كفاه الله مؤونة دنياه.

📚#المصدر: الرسالـة التبوكيـة (ص٩٢).

1 month, 3 weeks ago

Rakkoon Walloo irratti yeroo yeroon deddeebi'u Kun yoomuma furmaata argata laata?
Yaa Rabbi ati dandeettii keetiin birmadhuuf.

1 month, 3 weeks ago

Dhaabbiin ramadaanaa salaata jalqaba halkaniis ta’ee dhuma halkanii of keessatti qabata. Kanarratti hundaa’uun taraawiihiinis dhaabbii ramadaanaa keessatti ramadama. Kanaafuu itti daddafuun, itti yaadda’uunii fi mindaa isaa Rabbirra barbaadanii salaatuu barbaachisa. Sababni inni “taraawiiha” jedhameef namootatu salaata dheeressuun oggaa raka’aa afur salaatanii raawwatan ni boqatu. kanaafuu Taraawiiha (haara galfachuu) jechuun waamame.

Namni jalqaba jamaa’adhaan masjiida kessatti salaate ergamaa Rabbiiti. Eeganaa ummata irratti waajiba ta’uu sodaachuun dhiisani.
«وعن أبي ذرٍ رضي الله عنه قال: صُمْنا مع النبيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فلَمْ يقُمْ بنا حتى بَقِي سَبْعٌ من الشَّهْرِ، فقامِ بِنَا حتى ذَهبَ ثُلُثُ اللَّيْل، ثُمَّ لم يقم بنا في السادسة ثم قام بنا في الخامسة حتى ذهب شَطْرُ الليلِ أي: نصفُه، فقلنا: يا رسول الله لو نَفَلْتَنَا بَقيَّة ليلتنا هذه؟ فقال صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: " إنَّه مَنْ قام مع الإِمامِ حَتَّى ينصرف كُتِبَ له قيام ليلة»رواه أصحاب السنن
Abii zarri irraa akka odeeffametti akkana jedhe: “Ergamaa Rabbiitii wajjiin (ramadaana) soomnee hanga ji’a irraa guyyaan torba hafutti nuun hin dhaabbanne (hin salaanne). Gaafas hanga 1/3’n halkanii darbutti dhaabbate. Eeganaa gaafa jaha hafu nu hin sagachiifne. Gaafa shan hafu immoo hanga walakkaan halkanii darbutti nuun dhaabatte. Maal osoo halkan keenya kana isa hafes itti nuu dabaltee hoo? Jenne. Rasuulliis (SAW) “hanga imaamni raawwatee irraa gara galutti namni imaama wajjin dhaabbate dhaabbiin halkanii isaaf barreefama” jedhan. Warra sunana arfaniitu gabaase.

Akka hadisni kun akeekutti kophaa manatti salaatuurra imaamaa wajjiin hanga dhumaatti salaatuutu caala. Salafoonni /worri nuduraa/ lakkoofsa salaata taraawiihaa kessatti wal dhabaniiru. Afurtamii tokko, soddomii sagal, digdamii sagal, digdamii sadii, kudha tokkoo fi kan biroos jedhameera. Akka sheikh Usaymin (rahimahullaah) jedhanitti kudha tokko ykn kudha sadii salaatuutu filatamaa dha.
عن عائشةَ رضي الله عنها «أنهَا سُئِلَتْ: كيفَ كانتْ صلاةُ النبيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ في رمضان؟ فقالت: ما كانَ يزيدُ في رمضان ولا غيره على إحدى عَشرةَ رِكعةً» رواه البخاري ومسلم
Aa'ishaa irraa kka odeeffametti akkaataa salaata Rasuulaa (SAW) kan Ramadaana keessaa gaafatamtee akkana jette: “Ramadaana keessas ta’ee yeroo biraas raka’aa kudha tokko irra kan dabalu hin taane” Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
وعن ابن عباس رضي الله عنهما قال: «كانتْ صلاةُ النبيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ثَلاَثَ عشْرةَ ركعةً يعني مِنَ الليل» رواه البخاري
Abdallaah bin Abbaas irraa akka odeeffametti akkana jedhe: “Salaatni ergamaa Rabbii halkan irraa raka’aa kudha sadii ture.” Bukharitu gabaase.
وعن السائب بن يزيد رضي الله عنه قال: أمرَ عُمَر بنُ الخطابِ رضي الله عنه أُبَيَّ بنَ كَعْب وتميماً الداريَّ أنْ يقُومَا للنَّاس بإحْدى عَشرةَ ركعةً
Muwaxxa’i Maalik keessa akka jirutti Saa’ib bin Yaziid akkana jedhe: “Umar Ibnul khaxxaab Ubayyi Ibnu ka’abii fi Tamiim Addaariyyi akka raka’aa kudha tokkoon nama salaachisanu ajaje.”

Kanaafuu filatamaan raka’aa kudha tokko yoo ta’u yeroo tokko tokko kudha sadii salaatunis ni ta’a. salafoonni salaata ramadaanaa kana baay’ee dheressanii salaatu.
Akka hadiisa saa’ib keessatti dhufetti aayata dhibba dhibbaan lakkaa’amu qara’u turan. Kanaafu salaata kana xuma’aniinaadhaan suuta jedhanii salaatuutu barbaachiisa.

3 months, 1 week ago

Mootummoota Shanan Gibeetiin wal baraa

Mootummoota shanan Gibee kanneen jedhaman:
1. Limmuu Innaariyaa
2. Guumaa
3. Gomma
4. Jimmaa Abbaajifaariifi
5. Geeraadha.
Tartiibni hundeeffama mootummaa isaaniis akkuma ani tarreesse kana.
Mootoleen Jimmaa Abbaajifaa bulchan dabareedhaan:

  1. Abbaa Faaroo (Osee Koobii) [1742-1782]
  2. Abbaa Magaal (Daangilaa Osee) [1782-1824]
  3. Abbaa Raagoo Abbaamagaal [1824-1830]
  4. Abbaa Jifaar Guddaa (Sannaa Daangilaa) [1830-1854]
  5. Abbaa Reebuu Abbaajifaar [1854-1858]
  6. Abbaa Booqaa Abbaamagaal[1858-1864]
  7. Abbaa Gommol Abbaabooqaa[1864-1878]
  8. Abbaa Jifaar Xinnaa (Muhammad Daawud Alii) [1878-1932]
  9. Abbaajoobir Abbaaduulaa Abbaajifaar (1932...)

Warra kana keessaa mootummaa Jimmaa ijaaree kan xumure Abbaa Jifaar guddaadha. Bara isaanii keessa bulchiinsi Diggoo aanolee naannoo kanneen akka Saqqaa, Dedoo, Qarsaa, Abbaltii, Naaddaafi kkf dabalate. Warri bu’uura kaa’ame ilaale mootii Jimmaa Kakaa jalqabaa Abbaa Faaroo godhe. Warri xumuramuu isaa ilaale immoo mootii Jimmaa jalqabaa Abbaa Jifaar guddaa godhe.

Hiddi latiinsa mootii Jimmaa kan armaan gadiiti:

A/Joobir, A/Duulaa, A/Jifaar, A/Gommol, A/Booqaa, A/Magaal, A/Faaroo, Koobii, Horoo, Diggoo, Jaarsoo, Koloo, Waayyuu, Hariiroo, Jimmaa, Hakaakoo, Macca, Raayya.

Mootiin sadii sarara kanaan ala turan. Abbaan Raagoofi Abbaa Jifaar guddaan kan Abbaa Magaali; obbolaa Abbaa Booqaati. Abbaan Reebuu immoo kan A/Jifaar A/Magaali. Ilmaan Abbaa Reebuu yeroo ammaa baay’inaan Buuyyootti argamu.

3 months, 2 weeks ago

Mas'uud Alhamadaaniin nama gaarii kan baay'inaan namootaaf dhiifama godhu ture. Nama isatti balleesseen "kan darbe hin dubbatamu" jedhee araaramaaf.
Erga inni inni du"ee abjuun argamee "Rabbiin kee akkam si godhe?" jechuun gaafatame.
Unnis 'Rabbiin kiyya fuuldura Isaa na dhaabee "yaa Mas'uud kan Darbe hin dubbatamu. Gara jannataa isa geessaa" naan jedhe.
Zahabiitu dubbate.
ذکر الإمام الذهبي ترجمة مسعود الهمذاني ‏ووصفه بأنه من خيار الناس ‏وأنه كان كثيرا ما يعفو ويصفح ويتجاوز عمن أخطأ بحقه قائلا: "الماضي لا يُذكر"
‏وقيل أنه بعدما توفي، رُؤي في المنام، فقيل له: ما فعل الله بك؟!
‏قال: أوقفني الله بين يديه، وقال لي ‏(يا مسعود: الماضي لا يُذكر، انطلقوا به إلى الجنة)

رحماك يا رب!

3 months, 4 weeks ago

https://fb.watch/pqfpDNDM6O/?mibextid=Nif5oz
ماذا قال الباقلاني رحمه الله؟
Abu Bakri Albaaqillaaniin maal jedhe?

5 months, 3 weeks ago

Fayyaa Ilkaan Keenyaa Eeggachuuf

  1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).

  2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.

  3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama, waanta ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

  4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

(American Dental Associations)

We recommend to visit

FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM

#DigitalResistance

ADS:
@Ads_ProxyMTProto

Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy

Last updated 2 days, 8 hours ago

Official Telegram Channel of Koorowsh🎙️

Last updated 1 month ago

• پذیرا باشیم.

Last updated 1 month ago