Official Telegram Channel of Koorowsh?️
Last updated 5 months ago
Last updated 10 months, 4 weeks ago
Last updated 5 days, 9 hours ago
Sila Mawlida kabajuun Rabbitti nama dhiheessa moo Rabbirraa nama fageessa?
???????
Mawlida jechuun dhaloota jechuudha. Dhaloota eenyuutuu kabajuun amantii Islaamaa keessa hin jiru. Kanaafuu:
. Ergamaan Rabbii (saw) mawlida hin kabajne; kabajuuttis hin ajajne.
. Khaliifonni arfan warri Soddaa Rasuulaas (saw) hin kabajne.
. Sahaabonni hunduu mawlida hin kabajne.
. Mazhabni afranuu mawlida hin kabachiifne.
. Salafoonni hunduu mawlida hin kabajne.
Wanti jarri kun hundi hin hojjatin Rabbitti nu dhiheessuu danda'aa? Yoo akkas ta'eef hiikti jechaa Nabiyyii (saw) armaan gadii maal ta'a laata?
إنَّهُ ليس شيءٌ يُقَرِّبُكُمْ إلى الجنةِ إلَّا قد أَمَرْتُكُمْ بهِ ، و ليس شيءٌ يُقَرِّبُكُمْ إلى النارِ إِلَّا قد نَهَيْتُكُمْ عنهُ
Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: "waan gara jannataatti isin dhiheessu hundaayyuu isin ajaju malee hin dhiifne; waan gara ibiddaatti isin dhiheessu kamuu irraa isin dhorgu malee hin dhiifne."
Yoo mawlidni jannatatti nu dhiheessa ta'eef akkamitti Nabiyyiin (saw) nu ajajuu dhiisan jettu? Bareechaa xiinxalaa. Sammuun xiinxaluuf nuu kenname. Waan Rabbitti isin dhiheessu malee hin hojjatinaa.
Ws wr wb
https://t.me/glababor/799
Muslimni ayyaana lama malee hin qabu. Isaanis Iida Fixriifi Iidal Ad-haa jedhamu. Ayyaana hordoftoota amantii biroo kabjuus ta'ee eebbisuun hin eeyyamamu. Ayyaana Kiristaanaa kan akka Masqalaa, kan Waaqeffataa kan akka Irreechaafi kkf ayyaaneffachuufi eebbisuun Muslimaaf gonkuma hin eeyyamamu. Jijjiirraa baraa isa kamuu ayyaaneffachuunis Islaama keessa hin jiru. Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa kan ani waggaa sadii dura barreesse fuula 126 - 128 dubbisaamee. Liinkii armaan gadii irraa buufadhaa.
https://t.me/glababor/435
Telegram
Gali Ababor Official
Oromummaafi Islaamummaa
Miidhaa Sabboonummaan Guutuu Addunyaatti fide
''Nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan''
Miidhaan guddaan addunyaa kana irratti uumame sababa sabboonummaa akka ta’e eenyunuu ni hubata. Innis waraana addunyaa lammaffaa kan lubbuu namoota miliyoona shantamaa olii baase, namoota lakkaa’uuf hin mijoofne bakka bu’an dhabamsiise, qabeenya baay’ina isaa tilmaamuuf ulfaatu barbadeesseedha. Sababni isaa sabboonummaa biyya Jarmanii keessatti daangaa darbee gara of tuuluutti jijjiirameedha. Lammiin Jarmanii Adolf Hitlar walakkeessa jaarraa digdammaffaa keessa Heeraanvook jedhamuudhaan kan beekamu doktiriinii sabboonummaa labsaa ture. Ijjannoo sabboonummaa isaa kana irraa kan ka’e yeroo sana kan armaan gadii jedhee ture:
"Nama akka qamalee leenjisanii akka inni abukaatoo ta’u karaa agarsiisuun yakkamaafi maraatuu nama godha. Akkasumas gochi kun cubbuu hojjachuufi seera ittiin bulmaata keenyaa cabsuudha."
Ilaalcha sabboonummaa hangana isa keessatti guddateen “Ardii Awrooppaa keessa sanyiin qulqulluun Jarmanoota qofa; isaanis Aariyaanotaati” jedhaa ture.
Dhiphina guddaa sabboonummaan ummata Jarmanii keessatti uume kana ilaali. Akka seera isaaniitti namni saba Aariyaanotaa hin ta’in hunduu qamaleedha. Namni qamaloota kana waa barsiisee akka saba Jarmanii nama ta’een falmu godhe yakkamaa ta’uu bira darbee cubbuu Rabbiin wal nama lolchiisu hojjachuudha. Waraanni addunyaa lammaffaa sababni isaa sabboonummaa kana ta’uun maddoolee seenaa hunda keessattuu ibsameera. Bu’urri of tuulummaa sabaa ulfaataa kana Yahuudota akka ta’e maddoolee baay’eetu dubbatan.
Anis odeeffannoo ana bira jiru isiniin haa ga’u: bu’urri sabboonummaa namoota hunda biraawuu ni jira. Garuu of tuuluu guddaa akka kanaatiin sabni kamuu Yahuudota hin dursine. Isaantu yaada Awrooppaa keessa babal'isee addunyaa waliin gahe jechuu dandeenya. Kanumti Naazistii Jarmaniifi Faashistii Xaaliyaanii yaada Yahuudotaa kana irraa burqe. Yahuudonni amantii isaanii irraa eegalanii akka ilmaan Rabbii ta’an labsaa turan. Kun sabboonummaa isa hanga dhumaatti daangaa tare ta’uu wajjin kijiba kana caalu addunyaan keessummeessitee hin beektu:
? Yahuudonniifi Kiristaanonni
"Nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalallee Isaati" jedhan. Atis "maaliif badii keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi” jedhi. [Almaa’idaa: 18]
Dabalatas akka saba Rabbiin biratti filatamoo ta’aniifi yoo ummata biraa irratti badii fedhe raawwatan yakka hin taane labsu. Qabeenya saba biraa fudhachuun isaan irratti yakka hin ta’uus wal barsiisan. Isa kana Qur'aannis nutti himeera.
"Warra kitaabaa irraa nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jira. Ammas isaan irraa kan yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jira. Kun waan isaan “wallaaltota [qabeenya isaanii nyaachuu] keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi. [Aali Imraan: 75]
Of tuuluun guddaan kun isaan biratti argamuudhaaf sababni guddaan ergaa Kakuu Moofaa (Tawraat) keessa jiru isaan jijjiirratanii barreessan ykn jal'isanii hiikaniidha. Of tuuluu kana keessaa tokko nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan. Sababa kana yeroo nabi Muhammad [saw] Araba irraa ergaman osoma nabiyyii ta’uu beekanii itti kaf*aran.
Yahuudonni of tuulummaa isaanii kana Talmuud keessatti barreessan. Kitaabni kun yeroo booda gara Afaan Awrooppaatti hiikame. Of tuulummaan Jarmanii inni guddaan asirraa jalqabe. Itti fufa...
Bal'ina isa kanaatiif Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa jedhu kan Ustaaz Injinar Gali Ababor n barraahe fuula 218 irraa kaasaa dubbisaa.
Juhaatu harree kudhan bitatee oofee gara manaa deemaa ture jedhan. Isii tokko irra taa'ee lakkoofnaan sagal qofa taate. Irraa bu'ee duubarraan lakkoofnaan kudhan guutte. Deebi'ee irra taa'ee lakkoofnaan sagal qofa taate. Irraa bu'ee lakkoofnaan kudhanitti deebite. Achumaan "harree irra taa'ee tokko kasaaruu irra miilaan deemee harree kudhan qabaachuu naaf wayya" jedhee miilaan deemee gara manaa gale jedhan!
Leenca dhugaaf bookkisu ta'uu dadhabdus saree dharaaf duttu hin ta'un jedhan.
Hattuu tokkotu Imaamu Ahmadii wajjin hidhame jedhan. Yeroo Imaamu Ahmad baay'ee azzabamu argee hattichi akkana jedheen: "yaa Imaam obsi! Ati haqaaf azzabamaa jirta; anuu marsaa meeqan hannarratti azzabamee obse" jedhe.
akki jedhe: "hanguman azzabamee cinqamuun jecha gurbaa sanii yaadadheen obsa ture."
Imaamu Ahmad erga hidhaa baheellee gurbaa sanaaf du'aa'ii godhaa ture.
Yaa Rabbi dhugaarratti gadi nu dhaabi.
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال
أهنئكم بعيد الأضحى المبارك، أعاده الله علينا بالأمن والإيمان والسلامة والإسلام.
?عيد مبارك?
Document from Gali Ababor
Du'aa'ii kana kadhaa.
Hadiisa guyyaa saglan Zulhijjaa jalqabaa Nabiyyiin (SAW) soomuu gabaasu Albaaniin Sharhii Abii Daawud keessatti Sahiiha (sirriidha) jedhe.
عن حفصة رضي الله عنها قالت: (أربع لم يكن يدعهن النبي صلى الله عليه وسلم: صيام عاشوراء، والعشر، وثلاثة أيام من كل شهر، والركعتين قبل الغداة) رواه أبو داود وغيره.
Hafsaa irraa Odeeffamee (RA) akkana jette: "Nabiyyiin (SAW) waa afran kana hin dhiisan ture: Aashuuraa (muharram 10ffaa) soomuu, saglan Zulhijjaa soomuu, baatii hunda irraa guyyaa sadii soomuufi laaqana dura raka'aa lama salaatuudha." Abuu Daawudiifi kanneen birootu gabaasan.
Kanaafuu jidduu kana soomuun baay'ee jaalatamaadha. Osoma hadiisni inni kun sahiiha ta'uu baatees soomni gosa hojii khayrii keessaa isa filatamaadha waan ta'eef soomuun gaariidha. Sooma kana hunda keessaa inni filatamaan isa guyyaa Arafaati. Isa ilaalchisee Nabiyyiin (saw) "yakka waggaa lamaa nama irraa harcaasa" jedhan.
Yoo dandeenye guyyaa saglan kana walitti dhaabnee soomuun filatamaadha. Yoo dadhabnes hanguma dandeenyu keessaa soomna. Kanaafuu khayriin guyyoota kanaa akka nun darbinen isiniin jedha.
Official Telegram Channel of Koorowsh?️
Last updated 5 months ago
Last updated 10 months, 4 weeks ago
Last updated 5 days, 9 hours ago