Dive into the Ultimate Free Library: Your One-Stop Hub for Entertainment!

BURQAA BEEKUMSAA

Description
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago

3 недели назад

[Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!
    ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣  ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Seenaa Barsiisoo
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
  Qur'aanaa fi hadiisa
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Jechoota mimmiidhagoo
┗━━━━━━━━━━┛

┏━━━━━━━━━━┓
Barnoota bu'uura islaamaa
┗━━━━━━━━━━┛

Waliin barannee waliis haa barsiifnuu📚📚

❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!

███▓▒►JOIN ►▒▓███
  ███▓▒►JOIN ►▒▓███
  ███▓▒►JOIN ►▒▓███
  ███▓▒►JOIN ►▒▓███
  ███▓▒►JOIN ►▒▓███](https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8)

3 недели назад

🧶Chaanaalota   Akkamii  barbaadduu
Chaaneloota afaan oromoo chaanaalii filatamoo ta'an kaneen armaan gadiitti dabalamaa

🧶ምን አይነት ቻናል ይፈልጋሉ
ከታች የተመረጡትን ቻናሎች ይቀላቀሉ

𝐓𝐡𝐢𝐬 𝐈𝐬 𝐇𝐨𝐩𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐢𝐨𝐧
         𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
          𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬
       ---------------

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬//𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬 10𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐖𝐚𝐯𝐞𝐫 @Rafiqul_Islaam

3 недели назад

Sarariitii Jechuun kana.

Yeroo tokko Namni duukkaana qorichaa(Pharmacy ) qabu tokko mana pharmacy isaa keessatti sarariitiin waan argameef,rakkoo qulqullinaan himatamee mana murtiitti dhi'aate. Dabareen isa ga'e. Abbaa murtii ''Yakka ittin himatamte dhufte beekta?Lakkii gooftaakoo! Maaliif akkan himatame waanan beeku hin qabu!'' jedhe deebiseef. pharmacy keetti sarariitiin argameera.Mani qorichaa kee qulqullinna hin qabu jechuudha.Mani qorichaa immoo dirqama qulqulluu ta'uu qaba'' jedhe.

Yeroos namichi ani sarariitii hin beeku jedhu himatamaan isaa duuba dhaabatee dabaree isaa eeggachaa ture tokko namicha durattii darbee,gad jedhe teessoo abbaan murtii irra taa'ee ture jala sarariitii fuudhe,''Ilaa! Sarariitiin kunooti!'' jedhee itti agarsiise.Yeroo kana abbaan mana qorichaa sun akkas jedhe ''KABAJAMAA ABBA MURTII !MAARREE WAAN ISINITTI MURTEESSISU IRRA TEESSANII ANATTI MURTEESSITUU? jedhee gaafate.
Of ilaalun gaariidha ergaan kun jireenya baay'ee keenyaa bakka bu'aa,Waantii guddan of argu danda'udha.
Midiiyaa hawaasa irraa.

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

3 недели, 1 день назад

#Furmaanni_Dammaquudha!

Namichatu abjuudhaan bosona guddaa keessa deemaa ture. Osoo bosona addaan kutee deemaa jiruu, hoomaan waraabessaa gaana kaase, itti dhufe.Rifatee gara fuulduraatti osoo fiiguu, of duratti haroo bal‟aa naachi keessaa mul‟atutti dhufe. Waan godhu dhabnaan, muka tokko koruuf yaadee, gara mukaatti fiige. Koruu eegale. Muka yaabbachaa osoo jiruu gara irraan jawwee muka irraa isa nyaachuuf itti deemu arge. Namichi kun jalaan waraabessa, fuulduraan haroofi naacha, gara irraan immoo jawweedhaan marfamee jira. Rakkoo hamaa isa muudhate kana keessaa bahuuf maal gochuu qabaa? Namni kun yoo fiiges, utaales, gara samii barrisees, nyaatamuu jalaa of oolchuu hin danda'u.

Rakkoo walxaxaa kana keessaa bahuuf fala tokko qofa qaba. Innis dammaquudha. Namichi kun hirriiba keessa jira. Kana jechuun gaafa dammaqe wanti inni akka rakkootti ilaalu kun rakkoo hin jirredha. Kana jechuun wanti namicha kana rakkise marti akka inni itti ilaalaa jiru irraa madda. Ilaalchi yoo jijjiirame rakkoon ni furama.

Midiiyaa hawaasa irraa!
https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

3 недели, 4 дня назад

Milkaa'inni irra deddeebi'anii yaaluu fi Abdii muruu dhiisuu irraan dhufti
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
#Toomaas Ediisan abbaan argannoo ‘Ampuulii’ ijoollummaa isaatti barnoota dadhabuudhaan mana barumsaa irraa akka ar'atamu taasifame. Guyyaa tokko barsiiftuun isa barsiiftu xalayaa akkas jedhu barreessitee itti laattee akka inni galee maatii isaatti kennuuf itti himte. Xalayichi akkas jedha. “Toomiin kee barumsa waan hin dandeenyeef,akka lammata mana barumsaatti hin ergine!’’ jettee xalayaa barreessitee isumatti laatte.

Ediisan dubbisuu waan hin dandeenyeef, xalayicha osoo banee hin ilaaliin akkuma jirutti galchee harmee isaatti laate. Harmeen isaa xalayicha dubbistee, hirqistee boosse. Innis harmee isaatiin.....“Maal taate?” jedhee gaafate. Isheenis....“Toomiin kee cimaadha!” jettee barsiiftuun kee xalayaa naaf barreessite......“Kana booda mana barumsaa hin deemtu. Manumattin si barsiifadha!” jetteen Toomiidhaan.

Akka seenaan isaa jedhutti ji'oota lama qofa barate Toomaas Ediisan. Garuu, abbaa argannoo addunyaa kanaa ifa nuuf laataa jirtuuti. Ampuulii kalaquuf yeroo 9999 yaalee, si'a 10000 irratti milkaa'e. Isayyuu xumura irratti ampuulii kalaqee hojjettoota isaa keessaa nama tokkotti akkanni bakka wayii ka'uuf itti laate. Innis harkaa fuudhee battaluma sanatti ampuulichi lafa harkaa rukutee caccabe. Eediisan dadhabbii amma kanaa itti dadhabee.....yeroo amma kanaa itti fixee yommuu jalaa caccabu, baay'ee nama hin aarsu. Nama aarsa dhugaa dubbachuuf! Ammas abdii muree hin dhiisne. Irra deebi'ee hojjechuu isaati. Hojjetee ammas hojjetaadhuma gaafa jalqabaa sanatti deebisee laate.

Hojii Eedisan kana irraa irra deddeebi'anii yaaluun milkaa'ina akka namaaf argamsiiftu barachuun baay'ee salphata. Abdii muruu dhiisuu dabalatee jechuudha.

Henerii Foordii abbaan argannoo konkolaataa, guyyaa tokko akkas jedheen Eedisaniin...“Wanti kun tasumaa hin danda'amu;koottuutii na waliin kaampaanii koo keessa hojjennaa!” jedheen. Kanas hin dhageenye inni. Xumura irratti ampuulii hojjetee...“Inni ati hin danda'amu jette sun;ni danda'ama!” jechuun ampuulicha itti agarsiisuu danda'eera. Ajaa'iba!

Pirezedaantii Ameerikaa 16ffaa kan ture Abrahaam Liinkan waggaa isaa 52ffaatti Ameerikaa bulchuuf carraa argate. Sanaan dura garuu kufaatii danuu jireenya isaa keessatti nama keessummeessedha. Garuu, mormiiwwanii fi kufaatii amma kanaatiif abdii muree dhiisuu hin dandeenye. Irra deddeebi'ee yaaluudhaan milkaa'eera!

Bulchaan guddaan Afrikaa Kibbaa duraanii, Nelsan Maandellaan bilisummaa uummata gurraachaa fiduuf waggoota 27'f mana siirreessaa keessa ture. Achiitii ba'ee Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa ta'uu danda'eera. Wal-qixxummaa Adiif Gurraachaas mirkaneessuu danda'eera. Badhaasa beekamaa Addunyaa ‘Nobel Peace Prize’ fudhachuus danda'eera. Ajaa'iba. Wanti hundi kutannoo gaafatti!

Walumaagalatti, waan hundi kutannoo, irra deddeebi'anii yaaluu, abdii muruu dhiisuu irraan dhufa! Galatoomaa!

Egaa jedhaa! Walitti deebina yeroo biraa! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattiidha!

Leenjiwwan barsiiso
Fi
Carraa business

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

4 недели назад

Chaarlii Chaapliin yeroo tokko daawwattoota isaa fuulduratti qoosaa tokko dubbate.

Jalqabarratti namni hundi baay’ee kolfe. Irra deebi’uudhan qoosuma sana yeroo 2ffaaf isaanitti hime, namoonni muraasni qofti kolfan. Ammas itti dabaluudhan yeroo 3ffaaf qoosuma san yommuu himu namni kolfe tokko hinjiru ture. Hunduu ni callisan.

Achii booda Charlie Chaplin ammasumatti nuffanii callisuu isaanii erga hubatee booda akkana jedhe…“Qoosaa tokkoon irra deddeebitanii kolfuu fi gammaduu erga dadhabdanii gaddaa fi rakkina tokko qofaan Maalif irra deddeebitanii boossuu ree! Jireenya wanti hundi dhaabbii hinqabne tana keessatti miidhama takkaan yeroo hunda gadduu fi boo’uu dhiisaa. Yeroo jireenya keessanii hundatti gammadaa!” Jechuun namoota gaafas isa fuuldura turan qofaaf miti dhala namaa hundaaf dhaamsa hanga dhumaatti barnoota ta’u kaa’ee darbe!

Midiiyaa hawaasa irraa natti tollaan isiniif qoode. Dubbii guddoodha, qalbifadhaa!🗒👂

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

4 недели, 1 день назад

Dr.Ewnetu Hailu
OF MISOOMSUU(SELF-DEVELOPMENT!
👉Of misoomsuun of arguudha!Ofqaruudhaafi of guddisuu dha.

👉1.Of madaqsuuf;-Yeroo waliin deemuu
Qottoon keenyaa gabaa har'aaf qaramuu qaba.gabaa boruuf itti seeni
👉2.Ogummaa yaada_qalbii ijaarrachuu;-Kan sodaa qofa sodaatuu irraa.....yaada qalbii jijjirama qabu ijaarrachuu
3.Yaada leenjii guyyuu:- yaada gaarii ofif qabaachuu,guyyuu ofii milkeessuuf
4.Of arguuf;-keessoo ofii baruuf ,Of arguun of argachuu
5.Cichuu fi miiraa tasgabbii
...Jabaatan jabaa tahuuf tasgabbii keessoo jiruun ofqabuudha.
6.Fayyummaa waliigalaa(holistic)
Fayyummaa beekumsa
Fayyummaa dinagdee
Fayyummaa hawaasummaa
*Fayyummaa hafuuraa
""" Leenjisaan ofiisa leenjisuuf leenjii walitti fufaa yoo fudhate leenji'a cimaa tahu danda'a.
"""Leenjiin of misoomsuu Īmàlà Jìrèènyaati.
"""Galaan Īmàlà Jìrèènya hamma hafuurri nu keessa jirutti itti fufa.
""""Sanyii gaarii facaasuun dhaloota dhufuuf seenaa lafa ka'aani darbuudha.
👇*👇*👇👇👇👇👇👇 Join godhadhaa

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

1 месяц назад

MOO'ATAA TA'I!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu.

❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu.

❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha.

❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada.

❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha.

❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha.

❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena.

❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu.

❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu.

❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an.

❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu..

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

1 месяц назад

Lees Biraawun (Les Brown) beektuu?

Bara 1945, Ameerikaa kutaa bulchiinsa Filooriidaa, magaalaa Maa’amiitti dhalate. Obboleessasaa lakkuu Wiisleey waliin. Maatii hiyyeessa keessatti waan dhalateef, dhalatanii torbee 6-tti, dubartii Maime Brown jedhamtuun guddifachaan fudhataman.

Biraawun, barnootaanis barataa suutee ture. Bara kutaa 6ffaa baratu, barattoota dafanii waa hubachuun rakkisu (educable mentally retarded) jedhamuun kutaa 6ffaa irraa gara kutaa 5ffaatti akka deebi’u taasifamee ture.

Obboleessi isaa Wiisleey-n barataa cimaaf keenna addaa qabu waan tureef, ijoolleen Biraawuniin “doofaa” jechuun itti qoosu turan. Kun cufti walitti ida’amee Biraawun ofitti amanamummaa isa dhabsiise. ‘Akka ofii ta’e osoo hin taane akka isaan jedhan akka ta’e’ amanee akka fudhatu isa taasise.

Guyyaa tokko barsiisaan isaa gara fuulduraatti bahee gaaffii gabatee irratti barreeffame akka furuuf gaafate. Inni garuu hin danda’u jechuun dide. Barsiisichi jajjabeessuu yaalus Biraawuun garuu ani barataa suuteedha; hojjachuu hin danda’u jechuun ija-jabeenyaan itti dubbate. Ijoolleen itti kolfan. Barsiisichis, "Lammata akkas hin jedhiin, yaadni namni biraa siif qabu abadan eenyummaa kee dhugaa ta'uu hin danda’u" jechuun ciichee itti hime.

Wanta barsiisaan sun ittin jedhe yoomuu akka hin dagannee fi jijjiirama jireenyaa isaaf yayyaba akka ta’e dubbata Biraawun jedha maddi odeeffannoo koo. Har’arratti, Biraawun dubbii dammaqsoo/onnachiisoo dubachuun addunyaarraa nama adda dureedha.

Kitaaboota heddus barreesseera.
◉It's Not Over Until You Win
◉You have Got to be Hungry:
.The Greatness Within You
◉The Courage to Live Your Dreams
◉The Power of Purpose: How to create the life You Always Wanted- kunniin kitaabilee isaa isaan ijoodha!

Mee gaaffii si'i haa gaafadhuu?

Mee ofduuba deebi’i ykn bakkuma jirtu dhaabadhuu of ilaali! Wantoota akka jijjiiramtuuf sababa siif ta’an qabaadhu!

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

1 месяц назад

Faayidaa Leenjii Guddina Dhuunfaa
(Benefits of Personal Development Training)

1. Of-beekuu fi Sammuu Miiraa: Guddinni dhuunfaa of-ilaaluu fi of-ilaaluu kan jajjabeessu yoo ta’u, namoonni dhuunfaa waa’ee ofii isaanii hubannoo gadi fagoo akka argatan taasisa. Namoonni cimina, dadhabina, gatii fi amantaa isaanii qorachuudhaan of-beekuu guddaa horachuu danda’u. Of beekuun guddate kun sammuu miiraa kan guddisu yoo ta’u, namoonni dhuunfaa miira ofii isaanii haala bu’a qabeessa ta’een akka hubataniifi akka bulchan, akkasumas namoota biroo akka hubataniifi akka mararfatan kan taasisudha.

2. Barnoota fi Guddina Itti Fufiinsa Qabu: Guddina dhuunfaa irratti bobba’uun beekumsa, dandeettii fi muuxannoo haaraa dammaqinaan barbaaduu jechuudha. Yaada barumsa umurii guutuu, guddinaa fi guddina dhuunfaa gama jireenyaa adda addaatiin guddisuu ni jajjabeessa. Beekumsa haaraa horachuu fi dandeettii jiru fooyyessuudhaan namoonni dhuunfaa dandeettii isaanii babal’isuu, ofitti amanamummaa isaanii guddisuu fi carraa haaraadhaaf balbala banuu danda’u.

3. Galma Kaa’uu fi Galma Ga’uu: Guddinni dhuunfaa galma addaa, safaramuu danda’u, galma ga’uu danda’u, barbaachisaa fi yeroon itti murtaa’e (SMART) kaa’uu of keessatti qabata. Galma ifa ta’e kaa’uudhaan namoonni dhuunfaa jireenya isaanii keessatti kallattii fi xiyyeeffannoo argatu. Kaayyoo isaanii tarkaanfiiwwan xixiqqoo tarkaanfii fudhachuu danda’anitti caccabsuu kan danda’an yoo ta’u, kunis guddina akka argataniifi bu’aa barbaadan galmaan ga’uuf isaan gargaara.  Yeroo hunda galma kaa’uu fi galmaan ga’uun kaka’umsa ni guddisa, oomishtummaa ni dabala, akkasumas of adabuu ni guddisa.

4. Hariiroo fi Walqunnamtii Fooyya’e: Guddinni dhuunfaa dandeettiiwwan namoota gidduu jiru kan akka walqunnamtii bu’a qabeessa, dhaggeeffachuu dammaqinaan, waldhabdee furuu fi gara laafina of keessatti qabata. Dandeettiiwwan kana guddisuun namoonni dhuunfaa haala dhuunfaa ykn ogummaa keessattis ta’e namoota biroo wajjin hariiroo cimaa fi fayya qabeessa ta’e akka ijaaran taasisa. Walqunnamtii fi gara laafina bu’a qabeessa ta’e hubannoo, tumsaa fi walsimsiisaa fooyya’aa kan guddisu yoo ta’u, kunis hariiroo caalaatti gammachiisaa fi hojii garee fooyya’aa ta’e fida.

5. Ofitti amanamummaa fi dandamachuu dabaluu: Guddinni dhuunfaa namoota dhuunfaa ofitti amanamummaa fi dandamachuu akka ijaaran gargaara. Beekumsa, dandeettii fi muuxannoo haaraa akkuma horatanitti dandeettii fi gahumsa kan qabaatan yoo ta’u, kunis ofitti amanamummaa isaanii guddisa. Dabalataanis, guddinni dhuunfaa namoonni dhuunfaa qormaata isaan mudatan, kufaatii akka carraa guddinaatti akka fudhatan, akkasumas duubatti deebi’iinsa mudatu keessatti dandamachuu akka guddifatan jajjabeessa. Ofitti amanamummaa fi dandamachuu dabaluu namoota dhuunfaa gufuulee mo’uu, balaa fudhachuu fi galma isaanii kutannoo guddaadhaan akka hordofan humna isaaniif kenna.

https://t.me/Burqaa_Beekum_saa

We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago