Getu Official

Description
WE ARE HERE
to love!
to serve!
to inspire!
to support!
to live truth!
Buy ads: https://telega.io/c/Getu_Official
https://www.youtube.com/@Grace_Media24

Yaadaaf: @Getpostbot / @YaadafiGaaffii_bot
@Getu_Abera
Advertising
We recommend to visit

Community chat: https://t.me/hamster_kombat_chat_2

Twitter: x.com/hamster_kombat

YouTube: https://www.youtube.com/@HamsterKombat_Official

Bot: https://t.me/hamster_kombat_bot
Game: https://t.me/hamster_kombat_bot/start

Last updated 1 Woche her

Turn your endless taps into a financial tool.
Join @tapswap_bot


Collaboration - @taping_Guru

Last updated 1 Monat, 2 Wochen her

#FreeDurov
🦴 Your easy, fun crypto trading app for buying and trading any crypto on the market

Last updated 2 Tage, 19 Stunden her

3 months, 3 weeks ago

■ Namni wangeelaaf hojjechaa ture tokko akkas jedha:

"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture." jedha.

■ Dubbiin namicha kanaa 100% dhugaa dha.
• Maalifan milkaa'uu dhabee?
• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?
• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!

• Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.

Fakkeenya tokkon siif fudhadha.

■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer waan beektu natti fakkaata. Inni bara isaa waggaa 38 jiraate keessatti mirga walqixxummaa gurraachotaaf falmu hoogganaa ture. Sababa kanaaf yeroo baay'ee mana hidhaatti darbatamaa akka ture rakkinni gurguddaan isa irra gahaa akka ture beekamaa dha. Haa ta'u malee mirgi gurraachotaa kabajamee, warri adii fi gurraachonni mirga walqixaa qabaatanii akka jiraatan osoo hin argin lubbuun isaa addunyaa kana irraa namoota badiin dabarte. Garuu inni ofii isaa rakkachaa turee milkaa'ina rakkoo isaa osoo hin argin du'u iyyuu, har'a ilmaan isaa bu'aa rakkina isaatii dhamdhamaa jiru.

■ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

■ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

■ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

■ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

■ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

■ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.

■ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

■ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.

• Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har'a jijjiirama eegali!

@Getu_Official
@Getu_Official

3 months, 3 weeks ago

Uffee faarfannaa Kun akkam namatti tolaa‼️

Natinael Tamane

@Getu_Official
@Kakuu_Studio

3 months, 3 weeks ago

Hojjetaa Amanamaa Ta'i! (Mat. 25:21)

❍ Namni Waaqayyoo biratti amanamummaa hin qabne nama biratti amanamummaa hin qabu. Namni nama akka isaatii biratti amanamummaa hin qabne Waaqayyo isaa ol jiru birattis amanamummaa hin qabu.
❍ Namoota baay'ee iddoo isaaniitii kan gadi baasee, harcaase amanamummaa dhabuu dha. Waaqayyoof amanamuu dhabuudhaan namoonni cubbuutti kufan; du'a bara baraa ofitti fidan.
❍ Namni amanamummaa hin qabne hawwaasa keessattis, mootummaa birattis Akkasumas Waaqayyo birattis iddoo hin qabu.
❍ Nama amanamaa badhaasa addaa kan nama hin geenyetu isa ga'a.
❍ Nama amanamummaa hin qabne garuu waanumti nama irraa hafaa fakkaatu iyyuu isa hin ga'u! Amanamaa Ta'i!!!

"... Gooftaan isaa immoo, 'Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!' jedheen.”
— Mat. 25:21

"... Waan baay'ee xinnoo irratti' amanamaa kan ta'e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta'a; waan baay'ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta'in waan guddaa irrattis immoo amanamaa hin ta'u.”
— Luq. 16:10

@Getu_Official
@Getu_Official

5 months, 2 weeks ago

#Dubbisa 127ffaa

ICCITII ILLUMINAATII (666)
#Kutaa 3ffaa

WAYYOO KANA DUBBISTEETTAA?

Warri illuminaatii yeroo durii kaasaanii hanga ammaatti gabaajee (abbreviation) iccitii of keessaa qabu fayyadamuun toora internet, wantoota uffannu irratti fi meeshaalee gara garaa itti fayyadamnu irratti maxxansuun nu wallaalchiisaa turan. Keessumaa bara kana caalchisanii itti dhimma ba'aa jiru. Anis gooftaan ana gargaaree, naaf ibsee keessa galee qoradhee dafee isin biraan ga'eera. Gabaajee kanneen akka #wud, #hud, #lol, #yolo, #brb, #wtf, #lmao fi kan kana fakkaatan fayyadamaa jiru. Mee hiikkaa sirrii gabaajeewwan kanaa waliin haa ilaallu.

#HUD: HEAVEN UNDER DEVIL
Hiikkaa: Waaqni seexana jalatti bulti

#LOL: LUCIFER OUR LORD
Hiikkaa: Luusiifer (seexana) gooftaa keenya

#WUD: WORSHIP UPON DEVIL
Hiikkaa: Seexana (irratti) waaqessuu

#SWAG: SATAN WORKS AGAINST GOD
Hiikkaa: Seexanni Waaqayyo irratti ni hojjeta
#JC: JESUS IS CRAZY
Hiikkaa: Yesuus maraatuudha

#YOLO: YOUTH OBEYING LUCIFER'S ORDERS
Hiikkaa: darggaggoota abboommii luusiiferiif abboomamaa jiran

#LMAO: LUCIFER MASSACRES ALL OPPRESSORS
Hiikkaa: Luusiifer warra nama cunqursan hunda ni ajjeesa.

#TL; DR: TRUST LUCIFER, DIE RICH
Hiikkaa: Luusiiferiin amanadhu; Badhaadhaa ta'ii du'i!

#WTF: WORSHIP THE FALLEN
Hiikkaa: Warra waaqa irraa kufan waaqessi

#BRB: BEEL ZEBUL RULES BELOW.
Wanti hunduu bi'eel zebuul jalatti bula.

Hubadhu: Gabaajee kana karaa hedduu hiika ofii keenya itti laachuu dandeenya garuu hiikkaa gabaajee kanaa warra illuminati tu itti laatee ittiin Waaqayyon mormaa gooftaa isaanii isa ta'e seexana ittiin jaju.

Yeroo dhiyoon asitti gabaajeewwan kana kophee keessatti, kaalsii irratti, uffata uffannu bakkee isaa irratti fi keessa isaa naannoo bobaa jalaa fi fidoo mudhii isaa fi shurraaba naannoo dugda isaa fi saggootti argamuu ni danda'u.

#FURMAATI isaa Wantoota nuti itti fayyadamnu kanneen biyya alaatti oomishaman irraa addumatti of eeguun barbaachisaadha. Keessumaa keessumaa barana gabaajeewwan kun miidhaginaa (beauty) fi ammayyummaa (mod ernism) fakkaatanii uffataa fi wantoota gara garaa irratti maxxanfamanii ba'aa jiru. Adaraa ani qaroomeera, abshaala, beekadha uffata
ammayyaa'aa fakkatan malee hin uffadhu jettee waan gootu hiika isaa hin wallaaliin. Wantoota guyyaa guyyaan bittan adda baasaatii bitaa. Itti dadhabee qorachuun, hiikee maxxansuun, isin biraan ga'uun jaalalan isiniif qabu mul'iseera.

Wantoota guyyaa guyyaan bittan irraa caalchisaatii of eegaa. Jarri kun company
addunyaa mara dhuunfachaa jiru waan ta'eef yaa obboloota koo.

Maaloo dubbistee yeroo biraafis #like godhi. Jaalalaa fi yaada obboloota keef qabdu mul'isuuf #share fi invite godhi🙏 Yaada fi ergaa qabdu immoo #comment godhi! Dubbistee #like #share fi #comment #invite #join hin dagatiin!

KUN ICCITII SEEXANAATI. WAAQAYYO AKKA NUTI SEEXANA IRRATTI DAMMAQNU FEDHA MALEE AKKA NUTI RAFNU MITI.

Yaadaa fi gaaffii qabdan kamiifiyyuu na qunnamuu dandeessu!
👇
https://t.me/Getu_Abera

Channel kana #unmute gochuudhaan ergaalee isiniif maxxansinu yeroodhaan argachuu dandeessu! Share gohuudhaan View 0.5K+ yommuu ta'etti immoo kutaan itti aanu ariitiidhaan ni dhiyaata! Galatoomaa!

@Getu_Official
@Getu_Official

5 months, 3 weeks ago

Far. 18
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
³⁰ Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.
³¹ Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree? Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree? 🙏

@Getu_Official

5 months, 3 weeks ago

#Dubbisa 126ffaa

ICCITII ILLUMINAATII (666)
#Kutaa 2ffaa

KAAYYOOWWAN HAWAASA ICCITII (SECRET SOCIETY) FI GAREE ILLUMINAATII

❍ Namootni tokko tokkoo #ADDAM WESHAPTI'n illuminaatoota kan hundesse addunyaa dhoksaan to'achuuf yaada jedhu kaasu, kaan immoo kaayyoo hanga ammaatti beeknuu alatti kaayyoo dhidhimaa waan qabuufi jedhu. Sanas ta'ee kanas hundeessaa waldichaa kan ta'e Addam Weeshaaptiin akka ibsuutti kaayyoowwan sirrii waldichaa hoggantoota olaanoo illuminaantii yookiin #Ariyojag qofaaf ifaa ture.

⌲ Haa ta'u malee kaayyoon waldichaa inni dhumaa dhalli namaa dogoggora kan hin qabnee fi kabajamaa (to perfect and ennoble man kind) akka ta'u gochuudha jedheeti ibsaa ture.

#Akkasumas ilaalcha hunda isaanii tokkoo godhu qabu ture, ilaalchi kunis Weeshaaptiin Addunyaa kana to'achuu fi mootummaa addunyaa tokkicha hundeessuuf akka karoorfate qorannoowwan adda addaa ni ibsu. Karoorri baafates Mat-dureen isaa "protocols of the learned elders of Zion" jedhu keessatti haala armaan gadiin argama.
• Mootummoota addunyaa balleesuu
• Abbummaa qabeenya dhuunfaa balleessuu
• Mirga dhaalaa namaa ballessuu
• Sabboonummaa biyyaa balleessuu
• Amantiiwwan addunyaa Mara ballessuu
• Seera maatii, fuudhaa fi heerumaa ballessuu
• Lakkoofsa uummata addunyaa hatattamaan xiqqeeasuu
• Sirna addunyaa haaraa hundessuu fi wantoota badoon bakka buusuu fa'a ture.

⌲ Xaxoo fi takaallaa illuminaatootni yeroo ammaa kana addunyaa irratti raawwataa jiran beeknee akka dammaqnuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen

Yaadaa fi gaaffii qabdan kamiifiyyuu na qunnamuu dandeessu!
👇
https://t.me/Getu_Abera

Channel kana #unmute gochuudhaan ergaalee isiniif maxxansinu yeroodhaan argachuu dandeessu! Share gohuudhaan View 0.5K+ yommuu ta'etti immoo kutaan itti aanu ariitiidhaan ni dhiyaata!

@Getu_Official
@Getu_Official

7 months, 2 weeks ago

Tajaajila Channel Kanaan dhiyaatu:
👇
» Barnoota Amantii Cimsannaa
» Dhugaa Wangeelaa
» Ergaa Ganamaa
» Leenjiilee Hafuuraa
» Ergaa Dargaggootaa
» Qo'annaa Macaafa Qulqulluu
» Kadhata Qulqullaa'aa
» Barnoota Gaa'elaa

👇
❍► Join ❍►
    ❍► Join ❍►
    ❍► Join ❍►

¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
    Thιʂ ιʂ 𝙷𝙾𝙿𝙴 𝙿𝚁𝙾𝙼𝙾𝚃𝙸𝙾𝙽
          αԃʋҽɾƚιʂιɳɠ ƚҽʅҽɠɾαɱ
                ƈԋαɳɳҽʅʂ/ɠɾυσρʂ
                 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕
ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ

Ads
@hopepromotion
@bittaafigurgurtaachannel

7 months, 2 weeks ago

#Dubbisa 86ffaa • BIRMADUMMAATTI JIRAACHUU@Getu_Official

🔖 Kutaa 2ffaa

Ibr. 6:4 “Warri ga'an yoo garagalan immoo, attamitti isaan deebisuun danda'ama ree? Isaaniif takka ifeeraaf; isaan kennaa waaqa irraa miyeeffataniiru; hafuura qulqulluuttii hirmaataniiru.”

• Warra dhugaa hubatanii duuba deebi’an deebisuun hin danda’amu jedha dubbiin Waaqayyoo. Fayyinuma isa foonii iyyuu cimee akka nuuf dhaabbatuuf ga’een mataa keenyaa jira. Kan fiixaan baafatu nuyidha.

Seexanni bahee maaliif deebi’a?
Dhukkuba irraa fayyanii maalif namatti deebi’a? Ga’een kee jira, innis fayyina kee yookin birmadummaa kee eeggachuudha.

Eeggachuun kun karaa baay'ee of keessaa qaba; isaan keessaa Afur ilaalla.

1. Dubbii Waaqayyoon Guutamuu

Mat. 12:43-45 ¯¯¯¯¯¯ ⁴³Yesus, "Hafuurri hamaan nama keessaa yommuu ba'u, iddoo itti aara galfatu barbaaduuf lafa bishaan hin jirre keessa in deddeebi'a; garuu tokko illee hin argatu. ⁴⁴ Kana booddees, Mana koo isa ani keessaa ba'ettan deebi'ee gala' jedha. Yommuu deebi'ee dhufus, manichi duwwaa isaa haramee, qopheeffamee in argata. ⁴⁵Ergasii dhaqee hafuurota torba isa irra kan hammaatan of duukaa in fida; isaanis manichatti galanii keessa taa'u. Jireenyi namicha sanaa inni gara booddee isa duraa irra kan itti hammaatu ta'a; kan dhaloota hamaa kanaas akkasuma in ta'a" jedhe. Iddoo qullaa gaafa argatu seexanni dacha ta’ee deebi’a.

• Seexanni iddoo inni bahe dubbiin gooftaa guutamuu qaba. Dubbiin gooftaa nama keessa jiraannaan seexanni iddoo hin qabu.

Qol. 3:16 “Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundumaan wal barsiisaa, wal gorsaas, qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis galata garaa keessanii Waaqayyoof faarfadhaa!”

• Har'a Hafuurri hamaan si keessaa bahee boris mana isheetii ibidda fudhatta taanaan yookin qodaa isheetti bubbuuta taanaan wanta hafuurri hamaan ba’e sun deebi’ee sitti hin galleef hin jiru. Isa durii irra caalee dachaadhaan sitti gala. Kanaafuu gaafa hidhaa diinaa irraa hiikamtu dubbiin gooftaa qajeelfama jireenya keetii godhachuu qabda.

2. Cubbuu Hojjechuu Dhiisuudha.

Siluma iyyuu burqaan dhukkubaa cubbuudha, cubbuu kan hojjechiisu immoo seexanadha.

Marq. 8:25-26 ¯¯¯¯¯¯ ²⁵ Inni ammas harka isaa ija namichaa irra kaa'e, yommus iji namichaa fayyee, hubatee ilaalee waan hundumaas ba'eessa godhee arge. ²⁶ Kana booddee Yesus, "Gandichatti hin deebi'in iyyuu" jedhee namicha gara mana isaatti erge.

• “Kan caalu akka sitti hin dhufneef deebitee cubbuu hin hojjetin” jedha.

Yoh. 5:13-14 ¯¯¯¯¯ ¹³ Namichi fayye sun garuu eenyu akka isa fayyise hin beekne; Yesus immoo namoonni iddoo sanatti waan tuuta'aniif achii adeemee ture. ¹⁴Ergasii Yesus namicha fayye sana mana qulqullummaatti argatee, "Kunoo, amma fayyiteetta; egaa kan kana irra caalu akka sitti hin dhufnetti, si'achi cubbuu hin hojjetin!" ittiin jedhe.

• Karaa ittiin seexanni nama rukutu (Attack nu godhu) keessaa inni guddaan cubbuudha. Fayyina yookin birmadummaa arganne kan fiixaan bahu yoo of qabneedha.

@Getu_Official
@Getu_Official

7 months, 2 weeks ago

Ergaa Ganamaa | BibleQuotes

Mat. 5:4-9

⁴ Warri garaan isaanii gadde haa gammadan, isaan jajjabina in argatu.
⁵ Warri garraamiin haa gammadan, isaan biyya isa abdachiifame in argatu.
⁶ Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela'anii, akka bishaanii dheebotan haa gammadan, isaan geessifachuuf jiru.
⁷ Warri namaaf oo'an haa gammadan, isaan oo'a in argatu.
⁸ Warri yaadni garaa isaanii qullaa'oo haa gammadan, isaan Waaqayyoon in argu;
⁹ Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee Waaqayyoo in jedhamu. ¹⁰ Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari'ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kanisaanii ti.
Mat. 5:4-9

@Getu_Official
@Getu_Official

7 months, 3 weeks ago

TOP BOOKS 🥇
[Kitaabilee Addunyaatti beekamoo ta'anii fi Ergaalee gurguddoo qaban, akkasumas afaan addunyaa hedduutti hiikamuun tajaajila kennaa jiran ni barbaaddu taanan barreeffama kana irratti yeroo tokko qofa gadi tuquudhaan join follow taasisaa!

🔖 Join 🔖
🔖 Join 🔖
🔖 Join 🔖](https://t.me/+c_42H5MgPWY4MTU0)
Ads:
@hopepromotion
@BittaafiGurgurtaaChannel

We recommend to visit

Community chat: https://t.me/hamster_kombat_chat_2

Twitter: x.com/hamster_kombat

YouTube: https://www.youtube.com/@HamsterKombat_Official

Bot: https://t.me/hamster_kombat_bot
Game: https://t.me/hamster_kombat_bot/start

Last updated 1 Woche her

Turn your endless taps into a financial tool.
Join @tapswap_bot


Collaboration - @taping_Guru

Last updated 1 Monat, 2 Wochen her

#FreeDurov
🦴 Your easy, fun crypto trading app for buying and trading any crypto on the market

Last updated 2 Tage, 19 Stunden her