Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

@KIRKIRA _JIREENYAA

Description
Gufuu jireenyaa
Jireenya keessatti wantoota namni hin tilmaamne
rakkoolee fi gufuulee  adda addaattu nama mudata.
gufuu jireenyaa kan dandamachuuf immoo
dandeetti gad fageenyaan yaaduu
gabbifachuu fi Obsa qabaachuun murteessaadha.
@Gufuu_Jireenyaa
Advertising
We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago

1 week, 2 days ago

#!!!!
Bakka tokko tokko yeroo ilaalttu wanta gaarii waan nama gammachiisu hin argiitu! akkasuma haasa'a namoota tokko tokkos yoo dhageessu jecha gaarii afaan isaaniti bahu hin dhageessu.

Nan sobeere? obboleewwaan koo

2 weeks, 5 days ago
Idoon ati ooltu fi namoonni ati …

Idoon ati ooltu fi namoonni ati woliin ooltus murteessaadha,gaarummaa keetiifis ta'e milkaa'innaa keetiif.
Idoon gaariin sammuu keetiif gaariidha.
Namoota waan gaarii Yaadaan woliin yeroo kee yoo dabarsitu gaarummaa keettiiti ni gammadda atis!
Namootni Fuuldura isaaniif milkaa'uu akka barbaaddan yeroo si taphachisaan hawwiin ati milkaa'inaaf qabdu dabalaa adeema.

3 weeks, 1 day ago
@KIRKIRA _JIREENYAA
3 weeks, 5 days ago

Galma keerratti jabadhu kan sin jedhu hin jiruu yoo ta'e,galma keeirratti jabadhu ofiin jedhi atumti malee Abdii kutee ofduuba hin deebiin.

3 weeks, 5 days ago
@KIRKIRA _JIREENYAA
1 month, 3 weeks ago

Akkam jirtu jaalatamtoota Koo turtii waggaa sadii oliif channel kana irraa waan adda addaa Akka argachaa turtan Nan amana. Garuu Har'a nama as duubaa taa'ee isin gorsaa tureenis wal barattu, akkasuma waan xiqqoo takka wayii isinirraan barbaada.
Innis Dorgommii dhaabbanii #BAJAI_NARASH Jedhamu barattoota qofaaf qopheesse irraatti anis Akka barataa tokkotti dorgomeera

"Abdii Aabbiyyoo jedhama. Yuuniversiitii Arsiitti Barataa saayinsii fayyaa waggaa Afraffaatti (medicine C-1). Miidiyaalee adda addaa fayyadamuun akkamitti barattonni Barnoota isaaniitiin Akka ciman tajaajila qayyabannaa fi gorsa kennaa jira.keessumaayyu Waggaa sadan darbaniif karaa telegram dhaan channela " milkaa'ina Jireenyaa" jedhuun gara barattoota 20,000 oliif gorsa adda addaa kennuun Akka barattonni haala kamiin qayyabatanii milkaa'oo ta'uu danda'an hubannaa kennaafii tureera. Kanumarraa ka'uun barattoota Kanaaf muxannoowwaani fi muudannoowwan ofii koofi hiriyyoota koo irraa walitti kuusee , research garagaraas kan jalqabe xumuree yeroo dhiyotti barattootaf gumaachuun fedha. Dorgommii kana yoon moo'adhe haala addaan nuffii tokko malee research kana xumureen barattoota sadarkaa olaanoo fi gadi aanootiif Nan gumaacha."

AKKUMA AN WAGGAA SADIIF NUFFII TOKKO MALEE GORSA ADDA ADDAA ISINIIF KEENNAA TURE , ISIN AMMOO SECOND SHAN NAAF KENNAATII NA MOOSISAA.
Link gadii kanaan seenaatii #like #comment #share naaf godhaa
👇👇👇👇👇

https://www.facebook.com/100002028524680/posts/pfbid02AfMi9JWgL4CxTqbsk1QHxQepz6vPLfGGryKoDP6bhedmGtxy78wjv4ddhC17eMNRl/?app=fbl

Isinan jaaladha!

Facebook

14ኛው mission 100k free fund!ተጀምሯል... - Bejai Nerash Naiker

14ኛው mission 100k free fund! ተጀምሯል ተወዳደሩ! "መመሪያውን አለማክበር ከውድድር ውጭ ያደርጋል" ይህ የንግድ ሥራ ሃሣብ ውድድር ለሁሉም ለሥራ የደረሡ ተማሪዎች (እዚህ ጋ ተሻሽሏል ) እና ለሁሉም መምህራን ነው።ከዛሬ...

3 months, 1 week ago

#ZOONII GAMMACHUU UUMADHU!

Wanti keessa namaa hin gammachiisne kisaaraadha malee bu'aa miti.
Shaakalli jireenyaa inni guddaan Jireenya ofiitti gammadanii jiraachuudha.dhandhama Jireenyaa gammachuu qabu qabatanii jiraatuun Baay'ee Namatti tola.yemmuu rakkoon nama muudatu dhandhama Jireenyaa gammachuu qabu amala godhachuun barbaachisaadha,akkuma tasgabbaa'anitti turuu jechuudha.

Bilisummaadhaan jiraach jiraachuu yoo barbaadde iftoominna qabaadhu.
hanqinna kee yoo ta'e ofii keetii fi namaafis ibsi.dogongoroota kee, hanqinnoota kee,ciminna kee fi waan kana fakkaatan ofii keetii fi nama birootiillee ifa taasisii Bilisummaadhaan jiraadhu.hanqinnoota,dadhabinna,dogongoroota kan namoota biroo irraa biri,akkasumas irraa of-eegi.sammuu naggayaatiin jiraachuu yoo barbaadde balleessaa balleessiteef dhiifama gaafadhu.akkasumas,kan namni sitti balleesseefillee dhiifama godhi.miira namoota garagaraa keessa jiru kallattii garagaraatiin hubadhu:miira hawaasaa,miira nama dhuunfaa.miira isaanii osoo hin jeeqin gammachuu ofiif kennii jiraadhu.miira namaa hubachuu dandeenyaan nama sana hubachuu dandeessa.nama hubannaan immoo namaan waliin galta.namaan walii gallaan gammachuu argatta.
Gammachuu maaltu caalaree ? fiixxeen milkaa'innaa gammachuudha.

@Maddii isa kitaaba #Icciitii_Jireenyaa irraa.

#Kirkira_Jireenyaa.

3 months, 2 weeks ago

Guyyaa tokko namichi ta'e Mahaveeraa akkas jechuun gaafata.

"Namni Qulqulluun dhugaa kami? kamimmo CubbamaanG?"

Namichi gaafate kun tarii Macaafa Qulqulluu fi Qur'aana faana deebii walitti dhufu argachuu fedheeti. garuu kan akka  Mahaveeraa hubannoo mataa isaaniirraa waan ta'e dubbatu. kan dubbate hedduu miidhaga. hiikni laates addadha. Seenaa dhala namaa keechatti gonkumaa walfakkeenya hinqabu.

Mahaveeraan akkas jedhe....
" Kan Dammaqe Qulqulluudha, kan Rafe ammoo Cubbamaadha."

#Osho

Salphaa, garuu hedduu kan barbaachisu.... "Dammaqiinsa" kan qabu Qulqulluudha. Sammuu dammaqe dhabuun ammoo cubbamummaadha. Cubbuuwwan kan maddan waa beekuuf hubachuu dhabuurraani. hiddasaa kutaa, hiddasaa dhahaa.... Baalasaa hinkutinaa.

Namootni Hindammaqne isaan Sirna alagaa, ilaalchaaf amantaa alagaa tarkaanfachiisaniif keessa gangalataniidha. Yoon kana jedhu  dammaqiinsi Of ta'uun, ofitti amanamummaa qabaachuun socho'uudha.

3 months, 3 weeks ago

#YAADA HAARAA MADDISIISUU
👉Yaada haaraa maddisiisuun adeemsa jireenya dhala namaa keessatti baay'ee barbaachisaadha.
Dandeettii yaadota haaraa maddisiisuu gabbifachuudhaaf, hojjechuu fi jireenya kee fooyyeessuu akka dandeessu amani.
Jechi"Hin danda'amu!" jedhu gara kufaatiitti waan si oofuuf, dandeettii yaadota haaraa maddisiisuu gabbifachuudhaaf, jecha kana sammuu kee keessaa dhabamsiisuu qabda.
Hin rincicin.
👉Ilaalcha rincicummaa dhabamsiisuudhaaf, sammuunkée yaadota haaraa akka fudhatuu fi baratuuf banaa godhi. Guyyaa guyyaatti wantoota haaraa hojjedhu.
Guyyaa guyyaatti hojii kee fooyyeessuudhaaf tattaafadhu malee, bakkuma tokkoo lafa dhiitaa hin oolin.
👉Hojii tokko hojjechuudhaaf karaan filatamaan tokko qofa akka hin taane sammuu kee amansiisi.
Namootni biroon akka haasa'aniif onnachiisi.
Namoota ogummaan isaanii kankeen wal fakkaatu waliin yeroo yerootti wal argii haasa'i.
👉Wayita yaadotni haaraan sammuukee keessa dhufan akka si jalaa hin badneef jabeessii qabadhu.

#Dubbisaa

4 months, 1 week ago

Qoraasuma Sammuu

"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf

Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
#Dubbisuun:-

Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.

Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.

Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.

Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a.
.
Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a.
"Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha.

Waluumagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha.
.
Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane,ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a.

Ammaaf xumureera! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!

We recommend to visit

buy ad: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii

CEO @Obsamilli


Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii

Last updated 1 month, 3 weeks ago

Chaanaalii kana irratti Faarsaa Kanneen Bara Durii,akkasuma Haaraa Qilleensarra kan Oolan @full Album,,, argachuu dandeessu #faarfannaa qabdan kara kana nuu ergu dandesu @Faarfannaahaaraa_bot
#group_keenya @faaruutuubee
#Channel keenya @OboroMedia
🙏🙏🙏

Last updated 3 weeks, 5 days ago

📈 If stock market experts were so expert, they would be buying stock, not selling advice. 🤔
~Norman Ralph Augustine | @Stockbot

Contact: @Executive_Robot

Last updated 1 month, 2 weeks ago