All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 1 day, 21 hours ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 weeks, 2 days ago
#Mammaaksa tokko ture.
Dinna kee guyyaatti yeroo tokko eeggadhu,fira kee guyyaatti yeroo dhiba eeggadhu.jedha.
Jiraachaa hojjadhu
Har'a jiraachaa hojjadhu malee hojjachaa hin jiraatin. Yeroon milkaa'en jiraadha jechuun Doofummaadha. Namni tokko tokko har'a osoo hin jiraatin qarshi (birr) argachuuf jecha fayyaa ofii nii dhaba. Yeroo qarshii argate san immoo fayyaa argachuuf jecha qarshii argate sana nii dhaba. Milkaa'inni isaa kufaatidha. Deeme deeme dhumarratti zeerodhaan (0) baay'isa. Ati garuu nama jiraachaa hojjatuudha kaayyoo akkana hin qabdu jedheen yaada.
Icciitii Milkaa'inaa Sadan
,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,,
..........#C3...........
--------‐--------‐----------------------
Competence(Gahumsa)
Character(Amala)
Chemistry(Keemistirii)
-----‐----------------------------------
Namni tokko dirree ogummasaatti, barbaadamummaa, fudhatamummaa
akkasumas nageenyummasaa mirkaneessuuf wantoota armaan oliitti heeraman sadan, walfaana horachuu qabaa jedhama.
Gahumsa qabda taanaan bakka hundaatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef, hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'eet siin eega. Situ dhaqee, banee hiika kennaaf.
Gahumsa kee kanaan:
addunyaatu si mararsiifata;
kan rakkatetu si iyyaafata;
halkan hirribaa si kaafata;
rakkoosaaf fala si gaafata;
Eeyyeen, gahumsicha keetu kanaan si gahe. Qabda taanaan, ittuu jabeeffadhu; hin qabdu taanaan, hulaasaarra kuti!
Amalli kee namoota biraatti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaakeefis utubaadha.
Amala hin qabdu taanaan garuu, gahumsa hagamuu qabaattu, gateettiin namootaa danda'ee sin baatu.
Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha.
Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii, irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaan waliin walitti araarsuudha.
Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaafi ilaalcha tokko kanuma koo qofaatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha.
Kun yoo taane, nageenyikee yaaddessaadha.
Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata.
Walumaa galatti,
Gahumsi kee barbaadamummaakee murteessa.
Amallikee fudhatamummaa kee murteessa.
Keemistiriinkee nageenyakee murteessa.
Sadan keessaa tokko hir'annaan rakkinni si mudatu......
@By fuula FB Obsaan.
#‼!!!!
Bakka tokko tokko yeroo ilaalttu wanta gaarii waan nama gammachiisu hin argiitu! akkasuma haasa'a namoota tokko tokkos yoo dhageessu jecha gaarii afaan isaaniti bahu hin dhageessu.
Nan sobeere? obboleewwaan❤ koo
Idoon ati ooltu fi namoonni ati woliin ooltus murteessaadha,gaarummaa keetiifis ta'e milkaa'innaa keetiif.
Idoon gaariin sammuu keetiif gaariidha.
Namoota waan gaarii Yaadaan woliin yeroo kee yoo dabarsitu gaarummaa keettiiti ni gammadda atis!
Namootni Fuuldura isaaniif milkaa'uu akka barbaaddan yeroo si taphachisaan hawwiin ati milkaa'inaaf qabdu dabalaa adeema.
Galma keerratti jabadhu kan sin jedhu hin jiruu yoo ta'e,galma keeirratti jabadhu ofiin jedhi atumti malee Abdii kutee ofduuba hin deebiin.
Akkam jirtu jaalatamtoota Koo turtii waggaa sadii oliif channel kana irraa waan adda addaa Akka argachaa turtan Nan amana. Garuu Har'a nama as duubaa taa'ee isin gorsaa tureenis wal barattu, akkasuma waan xiqqoo takka wayii isinirraan barbaada.
Innis Dorgommii dhaabbanii #BAJAI_NARASH Jedhamu barattoota qofaaf qopheesse irraatti anis Akka barataa tokkotti dorgomeera
"Abdii Aabbiyyoo jedhama. Yuuniversiitii Arsiitti Barataa saayinsii fayyaa waggaa Afraffaatti (medicine C-1). Miidiyaalee adda addaa fayyadamuun akkamitti barattonni Barnoota isaaniitiin Akka ciman tajaajila qayyabannaa fi gorsa kennaa jira.keessumaayyu Waggaa sadan darbaniif karaa telegram dhaan channela " milkaa'ina Jireenyaa" jedhuun gara barattoota 20,000 oliif gorsa adda addaa kennuun Akka barattonni haala kamiin qayyabatanii milkaa'oo ta'uu danda'an hubannaa kennaafii tureera. Kanumarraa ka'uun barattoota Kanaaf muxannoowwaani fi muudannoowwan ofii koofi hiriyyoota koo irraa walitti kuusee , research garagaraas kan jalqabe xumuree yeroo dhiyotti barattootaf gumaachuun fedha. Dorgommii kana yoon moo'adhe haala addaan nuffii tokko malee research kana xumureen barattoota sadarkaa olaanoo fi gadi aanootiif Nan gumaacha."
AKKUMA AN WAGGAA SADIIF NUFFII TOKKO MALEE GORSA ADDA ADDAA ISINIIF KEENNAA TURE , ISIN AMMOO SECOND SHAN NAAF KENNAATII NA MOOSISAA.
Link gadii kanaan seenaatii #like #comment #share naaf godhaa
?????
Isinan jaaladha!
14ኛው mission 100k free fund!ተጀምሯል... - Bejai Nerash Naiker
14ኛው mission 100k free fund! ተጀምሯል ተወዳደሩ! "መመሪያውን አለማክበር ከውድድር ውጭ ያደርጋል" ይህ የንግድ ሥራ ሃሣብ ውድድር ለሁሉም ለሥራ የደረሡ ተማሪዎች (እዚህ ጋ ተሻሽሏል ) እና ለሁሉም መምህራን ነው።ከዛሬ...
#ZOONII GAMMACHUU UUMADHU!
Wanti keessa namaa hin gammachiisne kisaaraadha malee bu'aa miti.
Shaakalli jireenyaa inni guddaan Jireenya ofiitti gammadanii jiraachuudha.dhandhama Jireenyaa gammachuu qabu qabatanii jiraatuun Baay'ee Namatti tola.yemmuu rakkoon nama muudatu dhandhama Jireenyaa gammachuu qabu amala godhachuun barbaachisaadha,akkuma tasgabbaa'anitti turuu jechuudha.
Bilisummaadhaan jiraach jiraachuu yoo barbaadde iftoominna qabaadhu.
hanqinna kee yoo ta'e ofii keetii fi namaafis ibsi.dogongoroota kee, hanqinnoota kee,ciminna kee fi waan kana fakkaatan ofii keetii fi nama birootiillee ifa taasisii Bilisummaadhaan jiraadhu.hanqinnoota,dadhabinna,dogongoroota kan namoota biroo irraa biri,akkasumas irraa of-eegi.sammuu naggayaatiin jiraachuu yoo barbaadde balleessaa balleessiteef dhiifama gaafadhu.akkasumas,kan namni sitti balleesseefillee dhiifama godhi.miira namoota garagaraa keessa jiru kallattii garagaraatiin hubadhu:miira hawaasaa,miira nama dhuunfaa.miira isaanii osoo hin jeeqin gammachuu ofiif kennii jiraadhu.miira namaa hubachuu dandeenyaan nama sana hubachuu dandeessa.nama hubannaan immoo namaan waliin galta.namaan walii gallaan gammachuu argatta.
Gammachuu maaltu caalaree ? fiixxeen milkaa'innaa gammachuudha.
@Maddii isa kitaaba #Icciitii_Jireenyaa irraa.
All-in-One Cross-Chain DeFi Solution with native token $SWITCH
Partnerships: [email protected]
Last updated 3 months, 3 weeks ago
Buy ads: https://telega.io/c/BurqaaIspoortii
Contact us @Burqasupport
Youtube https://www.youtube.com/c/OdeeffannooIspoortii
Last updated 1 day, 21 hours ago
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬CONTACT US💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@Abdii_Sabaa_University
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 weeks, 2 days ago