FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM
#DigitalResistance
ADS:
@Ads_ProxyMTProto
Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy
Last updated 5 days, 4 hours ago
Official Telegram Channel of Koorowsh?️
Last updated 6 months, 1 week ago
Last updated 12 months ago
Barsiisa Waa’ee
Kiristoos (Christology)
KUTAA 1FFAA
Yesuus Kiristoos Waaqa akkasumas ilma
Waaqayyoo akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifatti
dubbata. Kana qofas osoo hin taane yeroo tookichatti
Kiritoos Waaqa fi nama akka ta’es in ibsa.
Amalootni kunniin Kiristoos qabu kan wal hin
maknee fi kan gar gar hin bane akka ta’ee beekuun
barbaachisaa dha.Macaafni Qulqulluun waa’ee
gooftummaa Yesuus cimsee haa dubbatu iyyuu
malee tokko tokko jireenya dhuga kana amananii hin
fudhatan. Mee kanneen keessa muraasa akka itti
aanuu tti ilaaluu haa yaallu.
1. Iibiiyoonaayit (Ebionites):-Waaqummaa Kiristoos
kanneen ganani dha.
2. Noositiksi ( Gnostics) :-Nama ta’uu Yesuus
kanneen ganani dha.
3. Aariyosaawwota ( Ariuns) :-Yesuus uumama
jedhanii kan barsiisani dha.
4. Appoliinaawota ( Apollinarians) :-Kiristoos nama
ta’uu isaa kanneen ganani dha.
5. Nesxooriiyaanota ( Nestorians):- Waaqummaan
kan guutame garuu nama jedhanii barsiisu.Haa ta’u
malee amaloota
lamaan yeroo tokkotti kan qabate miti jedhanii
barsiisu.Waaqummaan Kiristoos sagalee isaan
(Logos) waaqummaan kan guutame gara
namummaatti jijjiirameera jedhu.
6. Iiyuutiikaan (Eutychians):-Amaloota Yesuus
lamaan kan hin fudhanne dha.Jechuun amala
sadaffaa akka qabutti warra barsiisan dha.Kunis
namni Waaqaa wajjin walquunnamtii gochuun
qaama sadaffaa uumeera;kunis namas waaqas ta’uu
kan danda’u.
7. Moonoofiisaayit (Monophyites):Kiristoos kan jiru
akka amala isaatti jedhanii barsiisu.Namummaa
Kiristoos kan hin fudhanne dha.Namummaan isaa guddifachaa malee kan bara baraa miti kan jedhanii
dha.
Akka warra armaan oliitti ilaalletti hubannoo isaan
Yesuus irratti qaban ibsaniitti yaada galeef ykn bitaa
itti gale ta’uu danda’u dha. Haa ta’u malee akkuma
seensa irratti ibsuuf yaalletti
Yesuus amaloota lamaan jechuun amala namaa fi
Waaqummaa akka qabu Kakuu moofaa fi Kakuu
Haaraa keessatti hubachuu dandeenya.
Namummaa guutuu fi Waaqummaa guutuu
Yesuus kakuu Moofaa keessatti
Kakuu Moofaan waa’ee namuumaa fi Waaqummaa
Masihi, Kiristoos dhugaa baha.
1. Waaqummaa Kiristoos:Kutaawwaan
Macaafa qulqulluu itti aanan waa’ee Waaqummaa
Kiritoos ibsu (Isa.7:14, 9:6-9, Erm.23:5-6, Mik.5:2,
Fak.30:4, Far.2:7,12:45:6)
2. Nama ta’uu Kiristoos:- Barreffamni itti
aanuu waa’ee nama ta’uun dubartii irraa dhalachuu
fayyiisa kan ta’e Kiristoos ibsu ( Uma.3:15, 9:26,22:18,26:2-4,28:13-14;49:10-12,Lak.24:17-
19,Kes.18:15-18,Isa.11:1-2;7:14,Zak.3:8;6:10-
12;2Sam7:12-14)
Kakuu Haaraan Kakuu Moofaa caalaatti waa’ee
namummaa Kiristoos haala ifaa ta’een
ibsa.Kanaafuu waa’ee kanaa irratti Kakuu Haaraa
irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Kiristoos
mucaa Waaqayyoo ta’uun nama irraa waan dhalateef
nama jedhama.Yoh.1:14,1:18 ;3:16,18;Gal.4:4.
Waaqayyoon kan filatamee masihii waan ta’eef
,mucaa Waaqayyoo jedhama; Mat.8:29; 27:40; 26;
63, Yoh.1:49 11:27. Kiristoos maqaan jedhu
Waaqummaa isaa kan agarsiisu yoo ta’u, kan dibame
Masihiis jedhama Kiristoos kun. Yesuus maqaan
jedhu kun immoo namummaa isaa kan agarsiisu
hiikni isaas fayyisaa jechuu dha;kan dhufes Iyyaasuu
kan jedhu irraa ti.
Nama Ta’uu maalif akka barbaachise( The
Importance of Incarnation)
Kiristoosiin maalif foon uffachuu isa barbaachise?
Nama ta’uu wanti barbaachiseef gatii cubbuu kafaluuf. Kunis Kiristoos akka du’uuf.Kana wanti
ta’eef ilmaan namootaa keessaa cubbuudhaaf du’uu
kan danda’u waan hin jirreef Waaqayyo foon uffatee
dhufee du’eef.Foon uffachuunis ilmaan namootaa
hundaaf yeroo tokko fi isa dhumaaf du’eera.Kunis
ta’uu kan danda’e foon uffachuu isaatiin. Foon
uffachuun hangas waan barbaachisuuf Yesuus nama
ta’e jechuu dha.
Waan dhugicha dhaga'uu filattaniif eebbifamaa
KUTAA ITTI AANU KEESSATTI MNAMA TA'UUN MAAF ISA BARBAACHISE KAN JEDHU WALIIN ILAALLA
@getuvsmegertu
@megertu_dhugasaa
@singer_megertu_official
@kakuu_studio
✍️✍️@wisdomofgod_18
Natti toleera | YISAAKOR NIGUSUU | ADAMA CRUSADE | New Live Worship 2024 |
?sнαяє?like comment❤️?
▷ @Kakuu_Studio
@Singer_Megertu_Official
???Join us
[Channel kana hin qabdu taanaan barreeffama armaan gadii kana irratti cuqaasuun join godhadhu!
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
┏━━━━━━━━━━┓
Gorsaa fi Barnoota
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Gaa'elaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Hikka Jalalaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Dhimmota Dhunfaa
┗━━━━━━━━━━┛
┏━━━━━━━━━━┓
Mula'ata Kee bekku hin barbada
┗━━━━━━━━━━┛
Waliin barannee waliis haa barsiifnuu??
❏ Dhugumatti ani waan baay'ee irraa barataan jira. Isinis baradhaa hiriyoota keessanis affeeraa! Galatoomaa!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███](https://t.me/+Lgj7kxVDynwzZTM0)
Fil 3:8
8 Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa'a; Kristosin bu'aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta'eera; akka kosiittis isa lakkaa'eera.
Hojjii Ergamoota 3:6-8
6 Phexros garuu," Ani meetii fi warqee hin qabu, waanan qabu garuu siifan kenna; maqaa Yesus Kristos nama Naazireetiin ka'ii, adeemi!" jedheen.
7 Harka isaa mirgaa qabee isa kaases, achumaanis miilli isaa fi gulubiin isaa jabaatan. 8 Utaalees ka'ee ijaajjee, adeemees, isaanii wajjin mana qulqullummaa lixee, asii fi achi adeemee, quruphisaa Waaqayyoon galateeffate
Jabaadhu Nama Kakuu!
19 Waaqayyo akka namaa miti, inni hin sobu,gaabbuudhaafis inni ilma namaa miti, inni wanta jedhe hin godhuu ree? Wanta dubbates hin raawwatuu ree?
Lak 23:19
Har'i Kuni Guyyaa Haaraadha
❍ Kaleessi kee jireenya har'aa kee hin murteessu! Kaleessi darbe, har'i haaraa dha! Wanta kaleessa darbeen har'a kee yookiin Jireenya fuulduraa kee hin tilmaamin!
▪ Dukkana sodaachisaa,
▪ Doorsifamuu,
▪ Gadaantummaa,
▪ Haqa dhabuu,
▪ Miidhama kee isa darbe hundumaas of duubatti gatii irraanfadhu!
Kaleessi kee darbeera. (your past is gone).
Fuuldurri kee Garuu:
» Ifa Guddaa (bright future)
» Jireenya Milkaa'inaa!
» Abdii bara baraa!
» Guddina
» Moo'icha
Fuuldurri kee harka keessa keessa jira. Itti hojjedhu! Milkaa'ina yaaddu keessa jiraadhu!
❍ Namni tokko wanta hamaa yoo si irratti raawwate, deebistee hamaa irratti hin hojjetin! Jibba isaaniin yoo deddeebite, isaantu si moo'ata. Miidhama isaan si irraan gahan garaatti yoo qabatte akkasumas seenaa hadhaa'aa keessa yoo jiraatte, isaantu si moo'a. Akkaataan itti moo'attu fuuldura kee ijaaruu qofa irratti xiyyeeffachuu fi amma jalqabuu dhaan. Eyyeeen milkaa'ina yaadduuf amma hijjedhu! Mul'ata keetiif Jiraadhu! Ba'aa dugda kee irraa buusi! Wantoonni darban jireenya kee har'aa akka miidhan hin taasisin! Karaa qajeelaa jireenya guutuu si jiraachisu filadhu!
Wanti ta'us Ta'ee Darbera Lakki ani tasan cabnee Fugumii?❤️?
Far Sol Alemu
FAST MTPROTO PROXIES FOR TELEGRAM
#DigitalResistance
ADS:
@Ads_ProxyMTProto
Run your own MTProxy:
https://github.com/TelegramMessenger/MTProxy
Last updated 5 days, 4 hours ago
Official Telegram Channel of Koorowsh?️
Last updated 6 months, 1 week ago
Last updated 12 months ago