Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

Description
“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ]

Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati

ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው
comment
@deramuslimjemea1_bot
Advertising
We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago

1 month, 3 weeks ago

SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

  1. Yoomiyyuu nama hin jibbin,onnee tee qulqulleessi.

  2. Hin yaaddawin,Rabbitti irkadhu.

  3. Jireenya salphaa jiraadhu,jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin.

  4. Xiqqoo eeggadhu,waanuma argattetti gammadi, Alhamdulillaah jedhi.

  5. Hedduu kennitu hedduu argatta,ni badhaafamta fedhii rabbiitiin.

  6. Yeroo hundaa seeqadhu,seequun sadaqaadha, namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii.

  7. Jaalalaan jiraadhu,namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu.

  8. Adaduma hedduu salaattuun,hedduu badhaafamta.

  9. Beekkumsa kee namaaf qoodi,yoo kan aayata tokkollee qur`aana keessaa kan beektu taate.

  10. Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu, waan hafe onneen kee ni barbaddiitii.

JECHA HAYYICHA KEENYA DR ZAAKIR NAAYIKI.

https://t.me/derajemea

Telegram

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot

SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF
1 month, 4 weeks ago

Namoota Soomana Furuun Irratti Dirqama Tahuu Fi Kan Hayyamamuuf..

Soomana Furuun kan dirqama itti tahu..

👉 Dubartii Heydiin (Xuriin) itti dhufte fi tan dhaltee Nifaasni (dhiigni weyta ilmoo dhalan yaa'u) itti dhufees.. akkasuma nama akkaan dhukkubsatu, kan yoo soomane lubbuun isaa baduun akkaan sodaatamu.. isaan kuni soomana furuun dirqama irratti taha..

👉 Dubartii xuriin itti dhuftees tahee tan Nifaasni itti dhufte yoo somananillee soomni isaa hin qeebalamu.. inumaa ni dilaawanii huu.

Yoo xurii ykn dhiigni Nifaasaa guyyaa Ramadaanaa kheeysa irraa qulqullaawee xaaharatan (fakkeenyaaf walakkaa guyyaa tti).. akka irra heddun ulamaa ja'anitti, guyyaa sun irraa hanga hafe waan nama fursiisu irraa if qabuun irraa barbaachisa.. guyyaa suniis qadaa kafaluun dirqama..

👉 Namoota Furuun Isaaniif Hayyamamu keessa

1) Namni imaltaawaa tahe.. inniniis hanga imaltuu isaa irra jiru soomana furuun isaaf hayyamama..

Namni musaafiraa soomana furuu mo soomanuutu isaaf irra caala..??

Kuni haala namticha imaltaawaa suntu laalama.. furuun rukhsaa waan taateef abbaan laalee haala isaaf laaffatu filachuu ni dandaha..

Imaltuu makiinaan deemuus Airplane naan deemuus.. imaltuun imaltuma..
namni imaltuurratti furees hoggaa biyya isaatti gale qadaa kafaluu qaba..

2) Nama dhukkubsate, dhukkuba soomanaan itti dabaluun ykn fayyaan booda aanuun sodaatamu.. kuniis furuun isaaf hayyamama.. hoggaa fayye qadaa kafaluun isarratti dirqama..

Hubachiisa: dhukkubni tokko tokko kan akka dufkaka lallaafaa, qufaa fi dhukkubbii mataa akka dhukkubaatti hin laalamu.. yoo akkaan namatti hammaate malee..

3) Nama akkan dulloome, dhiiraas tahee dhalaa.. fi

4) Nama dhukkuba irraa fayyuun isaa hin kajeelamne dhukkubsate..

kuni lamaan, somana furanii guyyarraa miskiina tokko ifirraa nyaachisan..
qadaa kafaluun isaanirratti dirqama hin tahu..

5) Dubartiin ilmoo garaa qabduu fi tan luuysiftu (hoosiftu)

Yoo Rakkina mataa isaanii irra dhufuu ykn ilmoo isaanii irra dhufuu sodaatan.. isaaniis ni furan.. sodaan isaa eega dabarteen booda qadaa kafaluun dirqama..

Yoo ilmoorratti sodaatanii kan furan taate furanii.. weyta qadaa kafalan miskiina tokko nyaachisaa soomanan..

Rabbiin dhukkubsataa keenya hunda nuuf haa fayyisu..

Rakkataa keenya rakkina haa furu..

Baatiin Ramadaanaa baatii du'aa'ii keessatti heeddumeeysu qabnu.. du'aa'itti haa jajjabaannu.

By: Abdallaah

https://t.me/derajemea

Telegram

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot

Namoota Soomana Furuun Irratti Dirqama Tahuu Fi Kan Hayyamamuuf..
2 months ago

Jaalalaa fi Kabajaa Ergamaan Rabbii ﷺ ilma namaatiif qaban

Anas ibn Maalik (Rabbi iraa haa jaalatuu) akkana jedhe:

“Osoma Ergamaa Rabbii ﷺ wajjiin masjiida keessa tattaa’aa jirru, namichi baadiyaa tokko dhufee masjiida keessatti fincaanuu eegale. Sahaabonni, ‘Dhaabi! DHaabi!’ Jedhanii itti iyyan. Garuu Ergamaan Rabbii ﷺ ‘dhiisaa adda hin kutinaa, haa fixatu’ jedhan. Sahaabonnis haga fixatutti ittuma dhiisan. Itti aansuun Ergamaan Rabbii ﷺ namicha baadiyaa san ofitti waamanii, ‘Masjiida kana keessatti wantoota akka fincaanii fi balfa garagaraa gatuun sirrii miti. Masjiidni Rabbi itti yaadachuuf, salaataa fi qur’aana keessatti qara’uuf akkasumas wantoota ibaadaan wal qabataniif ijaarame’ jedhanii isa gorsan. Kana booda Sahaabaa biraa yaamanii bishaan fidee bakka inni itti fincaane sanitti bishaan akka jigsu itti himan. Sahaabichis waan ajajame san ni raawwate”

Sahiih Muslim, Kitaaba Qulqullinaa, Hadiisa 285

Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo namicha baadiyaa dogoggora isaa itti himan san, dubbii jajjabduu fi dallansuu hin dubbanne. Dubbii isa saalafachiisuufi isa gad xiqqeessus itti hin dubbanne. Haala yeroo san ture hunda eega tasgabbeessanii booda, dalagaan inni dalage sun sirrii akka hin taane itti mul’isan. Akkasitti qalbii namicha baadiyaa san qofa osoo hin taane, qalbii namoota kumaatamaan laakkawamu booji’uu danda’an.

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
By: Abdallaah

https://t.me/derajemea

Telegram

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot

Jaalalaa fi Kabajaa Ergamaan Rabbii ﷺ ilma namaatiif qaban
2 months ago

* SAGANTAA DA'AWAA*

🌺Assalaamu'aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Jalqaba Baga Rabbiin Ji'a Kabajama fi Ulfaataa Ji'a Ramadaanaa Kan Waggaa 1445tin Isin Gahe Jecha Akkuma beekamu jama'aan Dargaggoota Musliima  Dheeraa (JDMDH) Da'awaa Haala fi Qabiyyeen Isaa adda ta'e qopheessaa turuun isaa ni yaadatama.Haaluma kanaan ammas Sagantaa Da'awaa Mata duren #Fadlii_ Ramadaanaa jedhu ilaalchisee Ustaazotaa fi Daa'iiwwan bebbeekkamoo Miidiyaa Islaamaa Irratti beekkaman kanneen akka
  1)Ustaaz. Sh/Muhaammad Hafiizaa
  2)Ustaaz. Sh/Usmaan H/Ahmad
  3)Sh/Musxaafa Huseen

Kanneen fi kan biroo dabalatee Gaafa Guyyaa  07/07/2016 Ganama sa'aatii 2:00tti kan isinii affeere yoo ta'u Nashiidaa haarawaa fi bebbeekkamoo ta'aniin boohartanii beekumsaa gaarii akka irraa argattan abdii guutuu qabna.

IDDOON: GALMA BULCHIINSA AANAA DODDOOTAATI
GUYYAAN:-7/07/2016
YEROON: SA'AATII 2:00tti

https://t.me/derajemea

Telegram

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot

*****✅*** SAGANTAA DA'AWAA**
2 months ago

Ramadaana Maal Dalaguutu Kheeyritti Nama Geessa ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Ramadaanni baatii ibaadaan akkaan keessatti qeebalamtuu fii baatii akkaan Rabbi gabbaruun gama Rabbii dhihaatanirraahi.

Ibaadaan Gurguddoon Ramadaana keessa dalagamtu:

  1. Shirkii irraa Towbachuu fii Rabbi qofa gabbaruun gama Rabbii dhihaachuu.

  2. Salaata shanan Dirqamaa sa'aa isiitti salaatuun qunnamtii Rabbii wajjiin jabeeysuudha. Rabbiin warra waan dirqama irratti godhe dalagu Jaalata.

  3. Salaata Sunnaa hunda itti ariifachuun akka aadaa taatee nurratti haftu tattaafachuudha. Sunnaah heddumeeysuun Rabbitti nama dhiheeysa.

Salaata Sunnaah irraa: Sunnaa Salaataa dirqamaa duraa fii boodaa. Subhii dura raka'aa 2, Zuhrii dura 4, Zuhrii Booda 2, Asrii dura 4, Maghriba booda 2, Ishaa'ii booda 2.
Salaata halkanii (taraawii) Amata guutuu halkan hunda Salaata Ishaa'ii booda rak'aa 3, 5, 7, 11, fii sanii ol salaatuun ni dandahama. ta dhumaa rak'aa 1 godhanii cufuudha. Namni rak'aa sadii salaatuu fedhe lama kophaa salaatee eega irraa bahe takkaan fixa. Sadeen walitti dhaabee fixus ni dandaha. Ammoo Ramadaana keessa masjidatti Jam'aan taraawii salaatuun Sunnaadha.

*Salaata Duhaa, salaata zuhrii dura sa'aa 5 fii naannoo sanitti salaatamu. Rak'aa lamaan suni qaama hundarraa sadaqaadha jechuutu jira hadiisaan.

  1. Quraana qara'uu fii Zikrii guddisuun Ramadaana keessa haalaan barbaachiisaadha.

Ramadaanni walumaa galatti baatii Quraanaati. Quraana qara'uu, hikkaa isaa irraa baruu fii itti dalaguun lubbuu ifii leenjisuun Ramadaana keessa.

Zikrii hedduutu jira ta Rasuularraa s.a.w odeeyfamte. Husnul Muslim irraa zikrii haffazuu fii aadaa godhachuun ramadaana keessa. Zikrii ganamaa fii galgalaa, Zikrii salaata boodaa, zikrii yeroo hirribaa fii hedduu jira.

  1. Ramadaanni baatii sadaqaati. Miskina fira keenyaa, ollaa keenyaa, biyya teenyaa fii kan adunyaa baatiin yaadannu Ramadaana keeysa.

  2. Amala badaa gadii galoo nama godhuu yeroon dhiisanii irraa garagalan Ramadaana keeysa. namni guyyaa guutuu beelaan, dheebuun, akkasuma fedhii adda addaa if qabee ole, kan halkan san booda taraawii salaatee manatti galee waan isaa laafe Quraanarraa qara'ee baatii guutuu dabarse lubbuu leenjisuu fii jijjiruun akka tahu dhugumatti hubata. Sijaaraa, Shiishaa, Filimii adda addaa, Muziiqaa, Farshoo, Zinaa, Nama hamatuu, Jazbummaa yeroon dhiisan ramadaana.

Ramadaana leenjii lubbuu, qaamaa, nafsiyyaatiif qophaawuun haalaa fii amala Rasuulaa s.a.w hojirra olchuuf if qopheeysuutu milkii Ramadaanaatiin nama gaha.

Warra Ramadaana keessa milkaawu jechuun warra Ramadaana keessa ibaadaa godhuu fii Towbachuun Rabbitti dhihaatan jechuu malee warra biraatii miti.

Rabbiin warra Ramadaana keessa milkaawu sanirraa nu haa godhu.

https://t.me/derajemea

Telegram

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot

Ramadaana Maal Dalaguutu Kheeyritti Nama Geessa ?
2 months, 1 week ago

#BreakingNews
RAMADAAN MUBAARAK
Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe.
Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a.
Rabbi warra ji’a kanarraa fayyadamu nu haa taasisu.

4 months ago

እርግጠኛ ሁን!

ከትዕግስት በኋላ የሚጠብቅህ ያሳለፍካቸውን አሳማሚና መራራ ጊዜያትን የሚያስረሳ ምንዳ ነው!
ይህ የማያጠራጥር የጌታዬ ቃል ኪዳን ነው
ታጋሾችንም አበስራቸው!”

Mirkaneeffadhu!

Obsa booda wanti si eeggatu badhaasa yeroo dhukkubbii fi hadhaa'aa dabarsitee si dagachiisudha!
Kuni waadaa Rabbii kiyyaa kan hin shakkamnedha
"Dhukkubsataaf oduu gammachiisaa kenni!"

👤 Mohammed Teklu

🏠Addis Ababa🏠

🆔 Code #57
Plzzz...ሼር አድርጉልኝ🙏🙏

👍በ ውድድሩ መሳተፍ ለምትፈልጉ👍
                         Join
👇👇👇  
          ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗
@DeraJemea
@DeraJemea
@DeraJemea
          ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══
👆 👆👆
ለመላክ @Derajemea99_bot

4 months ago

❁<< Tolli guddaan abbaan ilmaan isaatif oolu, haadha isaanii kabajuudha.>>

❁<< Guyyaa Qiyaamaa murtiin jalqaba kennamu kan waayee dhiigaati(nama ajjeesuuti).>>

❁<>

( قُلْ مَا سَأَلْتُكُم مِّنْ أَجْرٍ فَهُوَ لَكُمْۖ إِنْ أَجْرِىَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَىْءٍ شَهِيدٌ ) Saba' 34:47
▣  ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬  ❁

👤 Anwar

🏠Shaashamannee🏠

🆔 CODE #56

Plzzz...Share naaf godhaa.🙏🙏

👍Dorgommii irratti hirmaatuf👍
                         Join
👇👇👇  
          ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗
@DeraJemea
@DeraJemea
@DeraJemea
          ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══
👆 👆👆
Erguuf @Derajemea99_bot

4 months ago
4 months ago

Harka kee Rabbiitti ol fuute kan kadhattu yeroo Rakkinaa fi  dhiphinaa qofa yoo tahe    kana mushrikonni duriillee waan godhaa darbaniidha...

رَكِبُوا۟ فِى ٱلْفُلْكِ دَعَوُا۟ ٱللهَ مُخْلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ فَلَمَّا نَجَّىٰهُمْ إِلَى ٱلْبَرِّ إِذَا هُمْ يُشْرِكُونَ﴾
Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu  Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu.

👤 Ammaar Abbaa Biyyaa

🏠Jimmaa🏠

🆔 CODE #55

Plzzz...Share naaf godhaa.🙏🙏

👍Dorgommii irratti hirmaatuf👍
                         Join
👇👇👇  
          ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗
@DeraJemea
@DeraJemea
@DeraJemea
          ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั๑▒━══
👆 👆👆
Erguuf @Derajemea99_bot

We recommend to visit

بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad 3000 Buug-Somali
Free Ah
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
https://telegra.ph/HA-DEG-DEGIN-AKHRI-11-15
© Somalibooks Pro Inc
- All Rights Reserved-⤵️
@Cabasho_Bot
@Tusmobook

Last updated 5 months, 1 week ago

Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.

Headquartered in Mogadishu.

Last updated 1 month ago

Kala soco Xikmad iyo Qormooyin Markasta Io Meelkasta.

Last updated 1 month, 3 weeks ago