SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated hace 5 días, 5 horas
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated hace 2 meses
Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.
Headquartered in Mogadishu.
Last updated hace 2 semanas, 4 días
Biiroon Barnoota Oromiyaa bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2016 beeksise.
Naannichatti qabxiin darbiinsa kutaa 8ffaa 50 fi isaa ol ta’uu waajjirichi beeksiseera.
Baadiyyaa naannichaa keessatti qabxiin darbiinsaa dhiirota 48 fi dubartoota 45 yommuu ta’u qabxiin darbiinsa barattoota qaama miidhamtootaa dhiiraaf 45, dubartootaaf 42 akka ta’e ibsameera.
Bu’aa kutaa 6ffaa ilaaluuf ?
https://oromia6.ministry.et/#result
Bu’aa kutaa 8ffaa ilaaluuf ?
https://oromia.ministry.et/#result
Karaa Teelegiraamaa ilaaluuf ?
@emacs_ministry_result_qmt_bot
Barattoota dhaabbilee barnootaa dhuunfaarraa qormaata ba’umsaa fudhatan keessaa % 13 qofti darbuu ibsame
Dheeraa, Adoolessa 22, 2016 (JDMMDH) – Barattoota dhaabbilee barnootaa olaanaa dhuunfaarraa qormaata ba’umsaa bara 2016 fudhatan keessaa % 87 qormaaticha kufuu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksise.
Barattoota dhaabbilee dhuunfaarraa bara barnootaa 2016 keessaa qormaata ba’umsaa fudhatan keessaa % 13 qofti qorumsicha darbuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan eeraniiru.
Dhaabbileen barnootaa olaanaa dhuunfaa 22 barataa tokkoyyuu hin dabarsine jedhame.
Barattoonni Yuunivarsiitiiwwan mootummaa qormaaticha fudhatan ammoo % 58 darbuu isaanii himaniiru.
AL- IKHLAAS
••••••••••••••
► Akhlaaqaa fi Adaba Salafootaa keessaa inni tokko beekumsaa fi dalagaa isaanii keessatti ikhlaasa qabaatuudha. Naa argaa fi Oftuulummaan isaan bira hin jirtu. Ergamaan Rabbii ﷺ “Rabbi dalagaa ikhlaasaan isaaf jecha fuula isaa barbaaduuf dalagamte malee hin qeebalu” jedhan
Ibraahim Attaymii (rahiimahullaah) “ Namni Ikhlaasaan ibaadaa dalagu, akkuma badii isaa nama jalaa dhokfatutti toltuu isaallee, dhokfata” jedhe
► Ash Shaabii (Rahiimahullaah) “ Akhlaaqa Ulamaa’ii keessaa tokko, beekumsa takka yoo argatan itti dalagu. Takkuma dalagatti seenaniin, waan namni isaaniin jedhu dhiisanii biraa deemanii, ibaadaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatu. Dalagaan isaanii tun nama jidduu akka dhabaman isaan taasifti. Kanaaf namni isaan barbaacha deema. Namni isaan barbaadaa jiraachuu isaa yoo beekan, fitnaa isaan mudachuu danda’u sodaaf ka’anii baqatu” jedhe. (fitnaan as biratti ibsamte; ummanni dalagaa isaanii ilaalee waan isaan faarsuuf, faaruu san dheeysan)
► Fudeeyl ibn Iyaad (rahiimahullaah) “ Ulamaa’ii ykn ammoo aabida yoo toltuun isaa aangawootaa fi ilma namaa duratti himamuuf gammachuun itti dhagahamu, warra naa argaa barbaadu malee, warra Rabbiif jecha hojjatanii miti” jedhe.
► Yaa Obbolewwan Aakhiraa Hundi keenyayyuu jannata Kajeella, Jannata arkachuuf ammoo ibaadaa teenya haala gaariin qulqulleessinee dalagachuu qabna. Faaruun namaa, homaa nuuf hin fayyadu. Inumaayyuu miindaa argachuudhaa mallu nurraa balleessa. Kanaaf akkuma nama badii dhokfatutti, yeroo toltuu dalagnus haa dhoyfannu. Sadaqaan nuti goonu, Rabbii fi nu jidduu qofa haa jiraatu. Soomanaa fi Ibaadaa cufa isaatuu Rabbii keenyarraa miindaa kajeelaa haa hojjannu. Yoo san milkooyna.
Rabbi nama Isaaf jecha dalagaa Hunda Ikhlaasaan hojjatu nu haa godhu.
© Abdallaah
https://t. Me/derajemea
IIMAANA SALAFOOTA KEENYAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••
Seenaawwan kuni Qalbii gooydeef dawaa ni ta'a !!
Aalimni guddaan Imaam Ibnul Jawziin ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ kitaaba isaa ( ﺍﻟﻤﺪﻫﺶ) ykn dhamaasaa kan je'amu keessatti :"
Osoo sammuun tee kan qulqullooftee waa hubatuu dandeessee...Silaa wanti hundi gorsa qaba...Wanti uumame hundi kuun si hawwisiisa...ykn si sodaachisa...jechuun:
Oo'ii yeroo bonaa ...oo'aa ibiddi jahannam si yaadachiisa...Qorri yeroo gannaa ...qorra laga jahannam (_zamhariiraa_) siyaadachiisa...". Je'an..
Mee seenaa isaanii irraa gabaabsinee haa laalluu....
Gaafa tokko Hasan Albasrii ﻋﻠﻴﻪ ﺭﺣﻤﺔ ﺍﻟﻠﻪ osoo masjida keessa taa'u akka malee butamee hafuura baafatee iyyee booyee".
Maaf boossa..Yaa Hasan !" je'aniin...
"Yaa jarana ! Osoo ani quba hin qabne du'ee yoo boru jahannam keessatti lafti natti bariite akkam ta'a...?!! Je'ee yaade..". Je'een ...
Ummata dabre keessaa Salafni tokko osoo mataa dhiqataa jiru.._Bishaan suni oo'aa ture._ Bishaan kuni akka malee mataa gubnaan...Imimmaan gadi naqee gadi taa'ee booyee...Aayata tana yaadate..
) ﻳﺼﺐ ﻣﻦ ﻓﻮﻕ ﺭﺀﻭﺳﻬﻢ ﺍﻟﺤﻤﻴﻢ .. )
(Warra ibiddaa) gubbaa mataa isaaniitiin bishaan hamiim itti bubuufaama...". Tan jettu yaadatee booye...
Salafa dabran keessaa Tokko osoo magaalaa keessa deemu foon waddamuutti jiru argee dhaabatee booye...
Namtichi foon waddu:" Maaltu si boochise..?
Moo ati foonitti haajaa qabda..? Je'een...
Salaftichi:" Lakki...Ilmaan aadamtu garaa na nyaate...Beeylada erga du'ee of wallaalee fuudhanii waddan...Ilmaan aadam ammoo osoo inni jiru fuudhanii ibidda jahannam keessa ciibsan..je'ee booye !!" je'ee...
Allaahu Akbar..Allaahu Akbar
Ijoollee salafa dabranii keessaa tokko...Osoo harmeen isaa ibidda qabsiiftu bira dhaabatee hargufamee booye...Harmeen isaa dinqisiifattee..." Mucaa maaltu si boochise..?! Jetteen.." Harmee tiyya ! Amma Wayta ibidda qabsiiftu...Qoraan ykn muka gurguddaa dura xixiqqaan qabsiisuu eegalte...Nullee warra gurguddaa dura nuhii xixiqqaa kana way ibiddatti nu guuranii je'ee booye...!!!". Je'een...
Yaa Rabbi ! Akka qalbii jaraa iimaanaa jiiftetti qalbii teenyallee nuuf jiisi....Dura waan qalbii gooysaa irraa nu fageessi.
SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF
••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Yoomiyyuu nama hin jibbin,onnee tee qulqulleessi.
Hin yaaddawin,Rabbitti irkadhu.
Jireenya salphaa jiraadhu,jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin.
Xiqqoo eeggadhu,waanuma argattetti gammadi, Alhamdulillaah jedhi.
Hedduu kennitu hedduu argatta,ni badhaafamta fedhii rabbiitiin.
Yeroo hundaa seeqadhu,seequun sadaqaadha, namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii.
Jaalalaan jiraadhu,namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu.
Adaduma hedduu salaattuun,hedduu badhaafamta.
Beekkumsa kee namaaf qoodi,yoo kan aayata tokkollee qur`aana keessaa kan beektu taate.
Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu, waan hafe onneen kee ni barbaddiitii.
JECHA HAYYICHA KEENYA DR ZAAKIR NAAYIKI.
Telegram
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa
“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot
Namoota Soomana Furuun Irratti Dirqama Tahuu Fi Kan Hayyamamuuf..
Soomana Furuun kan dirqama itti tahu..
? Dubartii Heydiin (Xuriin) itti dhufte fi tan dhaltee Nifaasni (dhiigni weyta ilmoo dhalan yaa'u) itti dhufees.. akkasuma nama akkaan dhukkubsatu, kan yoo soomane lubbuun isaa baduun akkaan sodaatamu.. isaan kuni soomana furuun dirqama irratti taha..
? Dubartii xuriin itti dhuftees tahee tan Nifaasni itti dhufte yoo somananillee soomni isaa hin qeebalamu.. inumaa ni dilaawanii huu.
Yoo xurii ykn dhiigni Nifaasaa guyyaa Ramadaanaa kheeysa irraa qulqullaawee xaaharatan (fakkeenyaaf walakkaa guyyaa tti).. akka irra heddun ulamaa ja'anitti, guyyaa sun irraa hanga hafe waan nama fursiisu irraa if qabuun irraa barbaachisa.. guyyaa suniis qadaa kafaluun dirqama..
? Namoota Furuun Isaaniif Hayyamamu keessa
1) Namni imaltaawaa tahe.. inniniis hanga imaltuu isaa irra jiru soomana furuun isaaf hayyamama..
Namni musaafiraa soomana furuu mo soomanuutu isaaf irra caala..??
Kuni haala namticha imaltaawaa suntu laalama.. furuun rukhsaa waan taateef abbaan laalee haala isaaf laaffatu filachuu ni dandaha..
Imaltuu makiinaan deemuus Airplane naan deemuus.. imaltuun imaltuma..
namni imaltuurratti furees hoggaa biyya isaatti gale qadaa kafaluu qaba..
2) Nama dhukkubsate, dhukkuba soomanaan itti dabaluun ykn fayyaan booda aanuun sodaatamu.. kuniis furuun isaaf hayyamama.. hoggaa fayye qadaa kafaluun isarratti dirqama..
Hubachiisa: dhukkubni tokko tokko kan akka dufkaka lallaafaa, qufaa fi dhukkubbii mataa akka dhukkubaatti hin laalamu.. yoo akkaan namatti hammaate malee..
3) Nama akkan dulloome, dhiiraas tahee dhalaa.. fi
4) Nama dhukkuba irraa fayyuun isaa hin kajeelamne dhukkubsate..
kuni lamaan, somana furanii guyyarraa miskiina tokko ifirraa nyaachisan..
qadaa kafaluun isaanirratti dirqama hin tahu..
5) Dubartiin ilmoo garaa qabduu fi tan luuysiftu (hoosiftu)
Yoo Rakkina mataa isaanii irra dhufuu ykn ilmoo isaanii irra dhufuu sodaatan.. isaaniis ni furan.. sodaan isaa eega dabarteen booda qadaa kafaluun dirqama..
Yoo ilmoorratti sodaatanii kan furan taate furanii.. weyta qadaa kafalan miskiina tokko nyaachisaa soomanan..
Rabbiin dhukkubsataa keenya hunda nuuf haa fayyisu..
Rakkataa keenya rakkina haa furu..
Baatiin Ramadaanaa baatii du'aa'ii keessatti heeddumeeysu qabnu.. du'aa'itti haa jajjabaannu.
By: Abdallaah
Telegram
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa
“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot
Jaalalaa fi Kabajaa Ergamaan Rabbii ﷺ ilma namaatiif qaban
Anas ibn Maalik (Rabbi iraa haa jaalatuu) akkana jedhe:
“Osoma Ergamaa Rabbii ﷺ wajjiin masjiida keessa tattaa’aa jirru, namichi baadiyaa tokko dhufee masjiida keessatti fincaanuu eegale. Sahaabonni, ‘Dhaabi! DHaabi!’ Jedhanii itti iyyan. Garuu Ergamaan Rabbii ﷺ ‘dhiisaa adda hin kutinaa, haa fixatu’ jedhan. Sahaabonnis haga fixatutti ittuma dhiisan. Itti aansuun Ergamaan Rabbii ﷺ namicha baadiyaa san ofitti waamanii, ‘Masjiida kana keessatti wantoota akka fincaanii fi balfa garagaraa gatuun sirrii miti. Masjiidni Rabbi itti yaadachuuf, salaataa fi qur’aana keessatti qara’uuf akkasumas wantoota ibaadaan wal qabataniif ijaarame’ jedhanii isa gorsan. Kana booda Sahaabaa biraa yaamanii bishaan fidee bakka inni itti fincaane sanitti bishaan akka jigsu itti himan. Sahaabichis waan ajajame san ni raawwate”
Sahiih Muslim, Kitaaba Qulqullinaa, Hadiisa 285
Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo namicha baadiyaa dogoggora isaa itti himan san, dubbii jajjabduu fi dallansuu hin dubbanne. Dubbii isa saalafachiisuufi isa gad xiqqeessus itti hin dubbanne. Haala yeroo san ture hunda eega tasgabbeessanii booda, dalagaan inni dalage sun sirrii akka hin taane itti mul’isan. Akkasitti qalbii namicha baadiyaa san qofa osoo hin taane, qalbii namoota kumaatamaan laakkawamu booji’uu danda’an.
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
By: Abdallaah
Telegram
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa
“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot
*✅ SAGANTAA DA'AWAA*
?Assalaamu'aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu
Jalqaba Baga Rabbiin Ji'a Kabajama fi Ulfaataa Ji'a Ramadaanaa Kan Waggaa 1445tin Isin Gahe Jecha Akkuma beekamu jama'aan Dargaggoota Musliima Dheeraa (JDMDH) Da'awaa Haala fi Qabiyyeen Isaa adda ta'e qopheessaa turuun isaa ni yaadatama.Haaluma kanaan ammas Sagantaa Da'awaa Mata duren #Fadlii_ Ramadaanaa jedhu ilaalchisee Ustaazotaa fi Daa'iiwwan bebbeekkamoo Miidiyaa Islaamaa Irratti beekkaman kanneen akka
1)Ustaaz. Sh/Muhaammad Hafiizaa
2)Ustaaz. Sh/Usmaan H/Ahmad
3)Sh/Musxaafa Huseen
Kanneen fi kan biroo dabalatee Gaafa Guyyaa 07/07/2016 Ganama sa'aatii 2:00tti kan isinii affeere yoo ta'u Nashiidaa haarawaa fi bebbeekkamoo ta'aniin boohartanii beekumsaa gaarii akka irraa argattan abdii guutuu qabna.
IDDOON: GALMA BULCHIINSA AANAA DODDOOTAATI
GUYYAAN:-7/07/2016
YEROON: SA'AATII 2:00tti
https://t.me/derajemea
Telegram
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa
“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1\_bot
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
💬NU QUNNAMUUF💬
@AbdiiSabaaDm
🎯BARNOOTAAF
@abdii_sabaa_university
🎯MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated hace 5 días, 5 horas
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated hace 2 meses
Somali National Television is the principal public service broadcaster in Somalia.
Headquartered in Mogadishu.
Last updated hace 2 semanas, 4 días