Unlock a World of Free Content: Books, Music, Videos & More Await!

Abdulhafiz miftahi official

Description
🇾🇪🇾🇪 GALATA GALAA TA'E....
Fb #Abdii miidhagaa
TikTok #Siwaliin
YouTube #Abdulhafiz miidhagaa entertainment

Yaadaaf eeruu keessan naaf barreessa✍️✍️✍️
Advertising
We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo

6 months, 2 weeks ago
Dhalootaaf ergaa gaarii dabarsa dubbisi. Sheer …

Dhalootaaf ergaa gaarii dabarsa dubbisi. Sheer godhi.

7 months, 3 weeks ago

Wolaloo jaalalaa📣📢🎤

Takaallaa jaalalaa

takaallaan jaalalaa
nahidhee guduunfaa
utuun deemuuf maluu
daa'imeen gugguufa

ba'aa namni hinbeekne
eelaa keessaaf alaa
anannaasa jiruu
safuu yaa jaalalaa

akkaataan jiruukoo
waa'eenkoo singeenyee
onneenkoo ni imala
harras bakka hingeenye

galma boqannaakoo
abjuun si akeeka
ulaankoo banaadha
harras suma eega

keessiikoo laboobee
boba'aa balala
fuuldurakoo dhufnaan
yaadannoon jaalalaa

bakki nuu woliin oolle
qabbanni woliin teenye
naraase dammakoo
dagachuu hindandeenye

dagalee jiruukoo
agartuu ganamaa
godaannisa onnee
ati ofii nagumaa

dhukkuba dhokataa
keessoo koottan aadaa
abdii rabbiin qaba
gaaf tokkon gammada

garaakoo qabadhee
boo'us maalan godha
oolmaati naaf oolte
seenaankee balloodha

ulaagaa namummaaf
taate riqichakoo
haadhaaf obboleettii
ati waan hundakoo

bu'aa bahii jireenyaa
hunda nanfalmadha
gidiraa jaalalaa
egaa maalan godha

guyyaa gaafa sanaa
boo'eetan abaare
yoo waan gargar bahuu
maalumaaf wolbarre

silas kana hindhabu
jiruun biyya lafaa
harra dukkanaa'us
gaaf tokko naaf ifa

Like👍💘💘💘💘💖💚
waan onsaan dubbiftaniif galatooma

miidiyaan kun miidiyaa bashannanaa irraa narataniidha🎆

7 months, 3 weeks ago
Hubadhu.!

Hubadhu.!
Barattoonni hedduun qabxiin keessan waan gadi bu'eef gaddituu? Nan kufe jettanii mataa keessan amansiiftuu?
Kanaa booda hawwiin Koo fi karoorri Koo bishaan dhugeera, jettanii of dhiphiftanii of ceephaatuu?
Utuu barachuun Koo natti hafee jettanii gaabbituu?
Lakki hin dogoggori. Balbala tokkotu cufame balballi 99 banaa siif jira. Bakka yaadde sana gahuuf qabxiin seensa university dirqama si hin barbaachisu,.
Namoonni ati naannoo keetti argitu Kun Abbaan gamoo, Abbaan konkolaataa Abbaan hoteelaa fi Suuqii gurguddaa hunduu qabxii university tiin bakka sana gahanii? Lakki barumsa jechuun akka itti jiraatanu beekuu jechuudha...
Seenaa kana dubbisi...Maqaa isaanii yaadachuu baadhus Hiriyoota lamatu waliin baratu ture .......inni tokko qabxii seensa university argatee barumsa isaa itti fufe. Tokkommoo biraa kufee gale. Kufus kufeera Jedhee galee hin teenye. Hojii teeknikaa utuma hojjatuu software uume.inni university seene ammoo waa'ee software baratee ba'ee kampanii Isa kufee galeetti qacarame.

8 months ago

Dhiifama gochuun balbala nagaa banachuu dha!

Namni dhiifama namaaf godhu nama of injifate qofa. Dhalli namaa wantoota hedduun morkatee ni injifata garuu of injifachuu dadhabee hedduun namaa yeroo kufaatii hamaa kufu ni mullata. Beektonnii fi gaggeessitoonni baayyeen rakkinootaa fi qormaata baayyee injifatanii darbanii dhuma irratti of injifachuu dadhabanii yeroo kufan ni argina.dhiifama gochuun Amala namoota gurguddoo fi beektotaa yemmuu ta'u dhiifama gochuu dhabuun ammoo Amala namoota dadhaboo fi wallaalaati. Itti yaadee sihaa miidhus akka tasaa si haa miidhus ati dhiifama gootee diinota kee yoo fira godhatte galma yaadde ni geessa. Namni kaayyoo qabu Kenna nyaatee Jecha baatee tarkaanfata.

Wolumaa galatti akka gootuu waan ofii koo...Amaloota jibbaa kanneen akka haaloo qabachuu,aarii, of ittummaa, hinaaffaa, albaadhummaa,gadi aantummaa, ana malee,naannummaa ,gandummaa,of tuulummaa fi kk f irraa of fageessi,

Amaloota jaalalaa kanneen akka......
Dhiifama,gaarummaa,woliif yaaduu,wol dhagahu,woliif birmachuu, fi kkf yoo goote bakka yaadde ni geessa. Ati nama jabaa fi injifataa dha.
Yeroo keessan naaf kennitanii waan na dubbiftaniif galatooma jedha barruun Kun.
_____________
_____________
@Jireenya milkiin isiniif hawwa

8 months ago
Manni barumsaa Kun eessatti akka argamu …

Manni barumsaa Kun eessatti akka argamu beektuu?

8 months ago
Jireenyaa fi miindaa....

Jireenyaa fi miindaa....

Karaa tokkicha dhuftee
Karaa sagaliin baataa
Gaafa ciree nu jiifte
Nu goksita irbaata

Ol hin geessu gad hin geessu
Rakkina rakkoo dhale
Jireenyi Tulluu caallaan
Miindaan siiniitti gale

8 months ago
Dhugaan jiru kanuma...

Dhugaan jiru kanuma...

Adduunyaa nuti harra keessa jirru kana keessa yoo xiqqaate amantiileen garaa garaa baayyinni isaanii gara dhibba sadii oliitu jira. Maarree Kun waan haaraa miti naan jechuu maltu ...... maaltu jira seetani. Namoonni Amantii kana hordofanu martuu rakkoo isaanii irratti waan itti amanan sana waammatu...

1 ffaa irratti dhagaas haa ta'u muka , ykn seexana itti amananu sana waammatu.
2,ffaa irratti yoo didee itti jabaate hiriyaa ,fira , maatii ofiirra abdii kaawwatu..
3, ffaa fi Isa xumuraa irratti garuu gaafa hundarraa abdii kutanu utuu hin jaallatinis ta'ee jaallatanii Umaa ardii fi samii kanaa kan ta'e irratti Of gatu....

Ergi filannoon keenya gaafa xumuraa gaafa firaa fi aantii , Haadhaa fi Abbaa , Obboleettii fi obboleessa keenya irraa abdii kutannu gara isaa deebi'uun hin oollee harra utuu akka gaarii jirruu maaf isatti hin deebinu laata?

8 months, 1 week ago
Ati...

Ati...

Sinbo qabeettii namaa
Leellistuu duudhaaf aadaa
Utuun sin fuudha Jedhee
Garaan kankee maal yaada?

Seeqqattuu ilkaan kaarruu
Boojituu tiqqaaf guddaa
Onnee kankee cufattee
Howwaa kee maalif gubda?

Nyaadhu naan sifaa'u
Na qofaa mitiim biyya
Onnee kitilaa dire
Kolfi kee caalee xiyya

Haadhatti si deesse
Abbaa kee guddisa
Natti himi Ganda isaanii
Dhaqeetan dubbisa.

Miidhaa ati na miite
Beenyaan kafalchiifadha
Situ nama hin dhagahu
Silaa sittan himadha.

Nan barreessa Nan balleessa
Waa'ee kee buusee baasee
Jecha jecharraan filee
Mararoo meeqa kuusee

Maal godharee tasuma
Gingilchaan bishaan guuruun
Maamila keetu Kuma
Inni cooma siif muru

Ani sin sobu kuulle
Hinqabu gamoof viillaa
Vx miti doqdoqqee
Konkolaataan Koo miilla

Bargarii si nyaachisuuf
Akka Jara sooreessaa
Barbareef shirooniyyuu
Gaafa fedhe na dheessa

Guyyaa guyyaan soodaree
Si geessuuf hinxooxxoo
Qarshiin kiisii kootii
Nun dabarsu markaatoo

Kiisiin Koo duwwaa ta'ee
Hiyyoomus garuu harra
Jaalala baraaf birriin
Hi jijjirre fudhu narraa

8 months, 1 week ago
Kana beektaa?

Kana beektaa?

Adduunyaa kana irratti namoonnii armaan gadii hirriba gahaa hin rafanu..

  • Nama meeshaa woraanaa hidhatee jiru
  • Nama Niitii bareedduu fuudhee jiru.
  • Nama libbuun namaa harkatti bade.
  • Nama haati manaa isaa tasa haasoftu.
  • Nama Liqiin namaa irra jiru
  • Nama qabeenya qabu.
  • Nama biyya hoogganu.
  • Nama hamaa namatti yaadu

  • Nama Rabbiin sodaatu.

  • Nama dhugaan isaa dhokate.

Ati kana keessaa Isa kam jalatti ramadamta?

Mee of ibsi✍️✍️✍️✍️✍️

8 months, 1 week ago
Jechoota beektotaatti fayyadami....Adduunyaanis sitti haa fayyadamtu.....

Jechoota beektotaatti fayyadami....Adduunyaanis sitti haa fayyadamtu.....

We recommend to visit

Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.

Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter

Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot

Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah

Fadlan wixii Su'alaha la xariir

@liibaanwaasuge
@Mfaratoon

Hoyga Aflaanta Hindiga & Musalsalda Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 2024 Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo