Hoyga Aflaanta Hindiga Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 90aadkii Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo
Buugaagta Somali ah? @Somalibooks
Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.
Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter
Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot
Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah
Fadlan wixii Su'alaha la xariir
@liibaanwaasuge
@Mfaratoon
Baga gammaddan dhugaa hamister combating list ta'eera
Ati jimmaa ? Naan jedhe . Eeyyen jedhe. Dorgomaa turtee naan jedhe. Eeyyen dorgomaan ture.. maal godha isin worra jimmaa utuma dandeettii hagam qabaattanii abbootiin seeraa badhaasaaf isin hin qaqqabsiisanu naan jedhe.
Kan biraa ammoo utuma leenjii leenjinuu leenjisaan tokko akkas nuun jedhe .. hundumti keessanuu Bor ganama sirba nageenyaaf sirbamu kan godina keessanii fidaa kottaa nuun jedhe ... Bullee ganama yoo dhaqnu godinni hunduu geessee Garuu Jimmaa fi Boorana,akkasumas Gujiin utuu hin geessin dhaqne... Leenjisichis select godhee is worri jimmaa durbaaf male hin sirbitanu mitii nuun jedhe .... Anis deebi'i isaaf kennuu Waan dirqama natti taateef lakki biyya keenyatti farsoon hin dhugamu jedheen ...
Kanumaafi ilaalcha gaarii fi adeemsa qulqulluu waantan jararraa dhabeef dandeettii koo cimfadhee Media ormaatiin dorgomuu filannoo koo godheen dorgomicha irraan hafe. Bagan hafe ... ishoo ....
Yoo dandeesse sher godhi karaa beektuun abbootiin murtii sana biraan naaf gahi....
Dogoggoroota Dorgommii Daddaraaroo irratti hojjetame!
Oduu "Daddaraaroon waggoota 8 booda bifa haaraan of fooyyessee dhufe" jettu yeroon dhaga'u hedduun gammade ture. Sababnisaa, Ogbarruu, Muuziqaa fi Taatummaan (Acting), walumaa galatti Aartiin Oromoo burjaajii keessa waan jiruuf, Daddaraaroon yoo jiraate nama hedduutu keessatti of ilaalee irraa barachuun waan fooyya'aa warraqsa aartii keenyatti dabala jedhee waanan yaadeef ture.
Garuu, akka nuti eegne ta'uu diduun, Daddaraaroon bara kanaa haamilee dorgomtootaas, haamilee daawwattootaas akka miidhe komiiwwan ka'an irraa argaa jirra. Dogoggoroonni kun silaa maal fa'i?
1.Dorgomaa umuriin isaa saal-lammeessoo hin geenye dargaggoota waliin dorgomsiisuun dogoggora jalqabaati.
Fakkeenyaaf, biyyoota akka Ameerikaa, Hindii fi Awwurooppaa keessatti ijoollee umuriin isaanii saal-lammeessoo hin geenyeef dorgommii kophaatti qopheessuuf. Namni gaafa dargaggummaatti dhufu dubartii sagaleen qal'achaa, dhiirri immoo sagaleen isaa furdachaa deema. Sagaleen muuziqaa (weelluu) immoo umurii sana keessatti ilaalamuu qaba. Ijoollummaatti sagaleen nama kamiiyyuu baaqqeedha. Furdina (base) hin qabu. Ijoollee fi dargaggeessa bakka tokkotti dorgomsiisuun murtoofuu nama rakkisa.
Kubbaan miilaayyuu garee waggaa 18 gadii fi isaa ol qabaata.
Dabalataanis, uumamaan namoonni daa'immaniif bakka guddaa qabu. Akka namoota ga'oo ykn dargaggootaatti hin gorfaman. Of eeggannoo gaafata. Daddaraaroo irrattis kanumatu ta'e. Daa'ima kanaaf of eeggachuutti haamileen dorgomaa biraa miidhameera.
2.Dogoggorri inni lammataa, haala kenniinsa qabxiiti. Kenniinsa qabxii irratti abbootiin murtii itti gaafatamummaa olaanaa fudhachuu qabu. Abbootiin murtee 90% yoo murteessan, harka 100% keessaa uummanni ammoo 10% qofa laachuu qaba. (10% ni baay'atayyuu) Sababnisaa, uummanni muuziqaa ni dhaggeeffata malee, saayinsii muuziqaa hin beeku. Namoonni hanga tokko saayinsii muuziqaa beekan, namoota barnoota aartii baratan yookan namoota muuxannoodhaan hidhata aartii qabani. Isaanuu walqixa (qixa sirriin) hin hubatan.
Bakka dorgommiitti ogummaa fi dandeettii malee baay'inni tuufoozoo fi cibcabaa hin barbaachisu. Gara fuulduraatti fooyya'uu qaba.
3.Dogoggorri inni sadaffaan hanqina ogummaa fi murtooti. Dorgommii marsaa duraa irratti sodaanis waan jiruuf dorgomtootaaf carraa laachuun waanuma jiru. (Inniyyuu akka qaba)
Hojii guddaan dorgommii marsaa 2ffaa irratti ture. Yeroo sana namoota foolii muuziqaarraa fagoo ta'an dorgommicha keessaa hambisanii, gorsa qorqalbiisaa ijaaru kennuufiin gaggeessuu qabu ture. Waan nama gaddisiisu dorgomaa marsaa 2ffaa irratti gaggeessuu qabantu marsaa xumuraaf qaqqabe. Kun dogoggora 3ffaadha.
Egaa wanti eegaa turree fi wantonni argaa turre samii fi lafa ta'e. Yoo xiqqaatee xiqqaate namni ollaarraa barata. "Ethiopia Idol Show, Balageru fi FANA Lamrot" irratti dorgommiiwwan qophaa'aa turan namni ilaale Daddaraaroo akkatti inni hubatu tilmaamuun salphaadha.
Hubachiisa;
1.Komiin ani akka dhuunfaatti kaase kun Daddaraaroo Garee Sagalee (Muuziqaa) qofa ilaallata.
2.Mo'ataa fi mo'amaa irraa firummaas ta'ee, diinummaa hin qabu. Oromoo waan ta'aniif lamaanuu anaaf qixuma. Kanaafuu namni gatii isa madaalu argachuu qaba jedheen amana.
Bagan dorgomuu dide.. marsaa 1ffaa irratti qabxii gaariinan darbe .. garuu marsaan lammaffaa Kan gaggeefamuuf ture akka oromiyaatti jimmarratti ture .. garuu booda ni jijjiirani.... Kunis shakkii guddaa na keessatti uume.2ffaa Marsaa 1ffaa irratti Jimmaa , Iluu fi. Buunnoo Beddeellee sagalee qofaan meeshaa male dorgoomsisani . Garuu bakka biraa meeshaa waliin dorgoomsisani Kun ammoo garaagarummaan present 80% dorgoomtota gidduutti akka uumamu taasisani. Kunis shakkii guddaa na keessatti uume. 3ffaa Leenjii Artiif Adaamaa university tti Artistoota 83 Gola oromiyaa hunda irraa walitti babahani waliin leenjii sagalee fi sochii qaamaa ogeessota Baandii Biiftuu oromiyaatiin fudhachaa yeroo turreetti weellisaan buleessii tokko kan an maqaa isaa dubbachuu hin barbaanne tokko akkas naan jedhe ,
Wolaloo jaalalaa???
Takaallaa jaalalaa
takaallaan jaalalaa
nahidhee guduunfaa
utuun deemuuf maluu
daa'imeen gugguufa
ba'aa namni hinbeekne
eelaa keessaaf alaa
anannaasa jiruu
safuu yaa jaalalaa
akkaataan jiruukoo
waa'eenkoo singeenyee
onneenkoo ni imala
harras bakka hingeenye
galma boqannaakoo
abjuun si akeeka
ulaankoo banaadha
harras suma eega
keessiikoo laboobee
boba'aa balala
fuuldurakoo dhufnaan
yaadannoon jaalalaa
bakki nuu woliin oolle
qabbanni woliin teenye
naraase dammakoo
dagachuu hindandeenye
dagalee jiruukoo
agartuu ganamaa
godaannisa onnee
ati ofii nagumaa
dhukkuba dhokataa
keessoo koottan aadaa
abdii rabbiin qaba
gaaf tokkon gammada
garaakoo qabadhee
boo'us maalan godha
oolmaati naaf oolte
seenaankee balloodha
ulaagaa namummaaf
taate riqichakoo
haadhaaf obboleettii
ati waan hundakoo
bu'aa bahii jireenyaa
hunda nanfalmadha
gidiraa jaalalaa
egaa maalan godha
guyyaa gaafa sanaa
boo'eetan abaare
yoo waan gargar bahuu
maalumaaf wolbarre
silas kana hindhabu
jiruun biyya lafaa
harra dukkanaa'us
gaaf tokko naaf ifa
Like?????❤??
waan onsaan dubbiftaniif galatooma
miidiyaan kun miidiyaa bashannanaa irraa narataniidha?❇✨
Hubadhu.!
Barattoonni hedduun qabxiin keessan waan gadi bu'eef gaddituu? Nan kufe jettanii mataa keessan amansiiftuu?
Kanaa booda hawwiin Koo fi karoorri Koo bishaan dhugeera, jettanii of dhiphiftanii of ceephaatuu?
Utuu barachuun Koo natti hafee jettanii gaabbituu?
Lakki hin dogoggori. Balbala tokkotu cufame balballi 99 banaa siif jira. Bakka yaadde sana gahuuf qabxiin seensa university dirqama si hin barbaachisu,.
Namoonni ati naannoo keetti argitu Kun Abbaan gamoo, Abbaan konkolaataa Abbaan hoteelaa fi Suuqii gurguddaa hunduu qabxii university tiin bakka sana gahanii? Lakki barumsa jechuun akka itti jiraatanu beekuu jechuudha...
Seenaa kana dubbisi...Maqaa isaanii yaadachuu baadhus Hiriyoota lamatu waliin baratu ture .......inni tokko qabxii seensa university argatee barumsa isaa itti fufe. Tokkommoo biraa kufee gale. Kufus kufeera Jedhee galee hin teenye. Hojii teeknikaa utuma hojjatuu software uume.inni university seene ammoo waa'ee software baratee ba'ee kampanii Isa kufee galeetti qacarame.
Dhiifama gochuun balbala nagaa banachuu dha!
Namni dhiifama namaaf godhu nama of injifate qofa. Dhalli namaa wantoota hedduun morkatee ni injifata garuu of injifachuu dadhabee hedduun namaa yeroo kufaatii hamaa kufu ni mullata. Beektonnii fi gaggeessitoonni baayyeen rakkinootaa fi qormaata baayyee injifatanii darbanii dhuma irratti of injifachuu dadhabanii yeroo kufan ni argina.dhiifama gochuun Amala namoota gurguddoo fi beektotaa yemmuu ta'u dhiifama gochuu dhabuun ammoo Amala namoota dadhaboo fi wallaalaati. Itti yaadee sihaa miidhus akka tasaa si haa miidhus ati dhiifama gootee diinota kee yoo fira godhatte galma yaadde ni geessa. Namni kaayyoo qabu Kenna nyaatee Jecha baatee tarkaanfata.
Wolumaa galatti akka gootuu waan ofii koo...Amaloota jibbaa kanneen akka haaloo qabachuu,aarii, of ittummaa, hinaaffaa, albaadhummaa,gadi aantummaa, ana malee,naannummaa ,gandummaa,of tuulummaa fi kk f irraa of fageessi,
Amaloota jaalalaa kanneen akka......
Dhiifama,gaarummaa,woliif yaaduu,wol dhagahu,woliif birmachuu, fi kkf yoo goote bakka yaadde ni geessa. Ati nama jabaa fi injifataa dha.
Yeroo keessan naaf kennitanii waan na dubbiftaniif galatooma jedha barruun Kun.
_____________
_____________
@Jireenya milkiin isiniif hawwa
Manni barumsaa Kun eessatti akka argamu beektuu?
Jireenyaa fi miindaa....
Karaa tokkicha dhuftee
Karaa sagaliin baataa
Gaafa ciree nu jiifte
Nu goksita irbaata
Ol hin geessu gad hin geessu
Rakkina rakkoo dhale
Jireenyi Tulluu caallaan
Miindaan siiniitti gale
Dhugaan jiru kanuma...
Adduunyaa nuti harra keessa jirru kana keessa yoo xiqqaate amantiileen garaa garaa baayyinni isaanii gara dhibba sadii oliitu jira. Maarree Kun waan haaraa miti naan jechuu maltu ...... maaltu jira seetani. Namoonni Amantii kana hordofanu martuu rakkoo isaanii irratti waan itti amanan sana waammatu...
1 ffaa irratti dhagaas haa ta'u muka , ykn seexana itti amananu sana waammatu.
2,ffaa irratti yoo didee itti jabaate hiriyaa ,fira , maatii ofiirra abdii kaawwatu..
3, ffaa fi Isa xumuraa irratti garuu gaafa hundarraa abdii kutanu utuu hin jaallatinis ta'ee jaallatanii Umaa ardii fi samii kanaa kan ta'e irratti Of gatu....
Ergi filannoon keenya gaafa xumuraa gaafa firaa fi aantii , Haadhaa fi Abbaa , Obboleettii fi obboleessa keenya irraa abdii kutannu gara isaa deebi'uun hin oollee harra utuu akka gaarii jirruu maaf isatti hin deebinu laata?
Hoyga Aflaanta Hindiga Afsomali ah Gaar ahaan Kuwii Hore ee 70aad Kii ilaa 90aadkii Jaceyl Waali @ALFAGHISTUDIO Halkan Ka Daawo
Buugaagta Somali ah? @Somalibooks
Waa mareeg lagu aruuriyo duruusta culimada soomaaliyeed.
Waxa ka masuul ah:
https://t.me/IshraqCenter
Kala xidhiidh maamulka halkan:
@Turaasculimobot
Waxaad ka heleysaa buugaag ku qoran Luqadaada Hooyo ee Af-Soomaaliga oo ka liyah
Fadlan wixii Su'alaha la xariir
@liibaanwaasuge
@Mfaratoon