SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months ago
https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg
Last updated 1 month, 4 weeks ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 1 month ago
???☎️???hojii online dandii sirrii ittiin hojetamuu yoo fettanii nu dubissa ?????
#Join_us
#Subscribe #Makmaaksa1 gochuu nuu hordofaa
#SAMMUUN HOO?
Yeroo tokko leenci beela'ee jeedala yaamee, yaa jeedala; 'hardha nan beela'e waan nyaadhu naa fidi yoo dhabde immoo sin nyaadha' ittiin jedhe.Jeedallis waan inni nyaatu barbaaduufii eegalte, utuma barbaadduu Harree argite,"Harree; hardha leenci mootii si godhuu waan barbaaduuf obbo leencaatu si barbaada" jetteen.
Harreenis tole jettee waliin deemte. Leencis harricha gurra irra kutee gadi dhiise, 'Harreenis maal gurra koo narraa kuchisiifteem' jetteen jeedalaan. 'Jeedallis bar wal siif qixxeesufiim' jetteen. Yeroo lammaffaas sossobdee geessite, leenciis eegee irraa muree gadi dhiise harricha. Harreen ammas jeedalaan; maaf na sobde, leenci eegee koo narraa kuteem jetteen. Jeedallis hihii; "amma mootii sirraa tolchuuf kanas si godheem" jetteen.
Amma sadaffaa irratti leenci harricha ajjeesee jeedalaan gogaa irraa baasii Onnee, Sammuu fi Tiruu naa fidi jedheen. Jeedallis Onnee fi Tiruu baastee itti fidde. Sammuun hoo? jedheen leenci. Sammuu hin qabdu, osoo sammuu qabaattee hanga gurraafi eegeen irraa muramtu callistee sitti deddebitii jetteen jeedalli. Leencis, "eeyyee dhugaa jette" jedheen! Cr. Naol Nafyad
@Makmaaksaa1❤️❤️????
@??☎️Namoonii online hojechuu barbadaan hundii ????
Bara 1944, gara kaaba Itoophiyaa Ambaalagee bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasaan
rukutamaniiru. Koloneel Alamuun Akkadamii Waraanaa Hoolotattii barsiisaa ta'anii waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/Silasee keessatti sadarkaa gadiirraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isaanii kana keessatti, Mootumman sirna gita-bittoota Habashootaa ilaalchi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka gaaritti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta'uu isaanii irraa kan ka'een, bulchiinsa mana waraana biyyatti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyattii keessa jiran irratti, kan raawwatamaa ture haala qabatamaadhaan argaa turaniiru.
Waldaa Maccaa fi Tuulamaa
Qabsoo uummata Oromootiif daandii kan saaqe tokkoo fi inni guddaan hundeeffama Maaccaa fi Tuulamaati. Maaccaa fi Tuulamni mootummaa sirna nafxanyootaatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo gabrummaa jalaa basuuf wareegama barbachiisu kaffaleera. Rakkoo uummanni Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhaabbate kana keessatti, Koloneel Alamuun jalqaba irraa eegalanii hanga gaafa addunyaa kanarraa darbaniitti, pirezidaantii waldaa kanaa ta'anii halkani fi guyyaa hojjachaa turan.
Koloneel Alamuun, barreessaa Waldaa kanaa kan turan Hayilamaaraam Gammadaa waliin ta'udhaan Oromoonni bebeekkamoo ta'an akka waldaa kana keessatti miseensa ta'an cimsanii hojjachaa turan. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa, Jeneraal Tolaa Badhaadhee, Jeeneeraal Jaagamaa keelloo, Dajjazmaach Dani'eel Abbabaa, Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne. Akkeekni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii uummata Oromoo dukkana keessa jiru kana keessaa gara ifaatti baasuu waan ta'eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan waliigalameef jalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.
Haaluma kanaan Koloneel Alamuun, bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen aanaa Jalduu akka barnoota ammayyaa argattee ija banattuuf lafa magalaa Jalduu qabanirraa kaare meetira 10,000 ol eebbisanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 itti bananiiru. Haluma kanaan, Kabbadaa Buzunash Misooma Ada'aa Bargaa fi Goroo Makootti kaare meetira 20,000 yoo kennan miseensonnii fi hoggantoonni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi humna isaanii waakkii tokko malee wareeganiiru.
Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/Sillaasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaaddoo keessa isaan galcheera. Waldaan Maaccaa fi Tuulamaa xiyyeeffannan isaa inni guddaan, uummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta'eef, uummanni Oromoo ammoo yoo of bare akka isaan harkaa ba'u waan beekaniif, adeemsa waldaa kanaa gabaabsuu akka qaban murteeffatan.
Keessattuu Waldaan kun of keeessatti hammatee kan qabu hoggantoota waranaa, hojjatoota mootummaa, barattoota fi qotee bultoota Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidaamaa, Walaayittaa, fi kkf waliin ta'uun hedduu isaan yaddeeseera.
Mootummaan Jibbamuu Isaanii
Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/Silasee biratti ija hamadhan ilaallamaa turan. Sababiinsaas yeroo Oromoonni Raayyaa hacuuccaarraa kan ka'e fincilanii lola jalqaban "waraanni meeshaa ammayaa hidhate ittiduuluu hinqabu, kun biyyaa keessaa waan ta'eef kan biyyaa keessaa poolisii ta'uu qaba" waan jedhaniif, Mootummaa H/Silasee biratti waamamanii diniin cimaan eerga keennameefiin booda, guddinni karaa seeraa mana waraanatiin keennamuu malu hunda hanga Waggaa 5tti akka hinkennamneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjachaa turaanirraa gara biraatti akka jijiraman godhamani.
Seenaa goticha Alamuu Qixxeessaa
Kutaa 1ffaa
Koloneel Alamuu Qixxeessaa (Bitooteessa 5, bara 1907 - Mudde 09, 2001) loltuu waraanaa fi qabsaawa mirga Oromooti. Koloneel Almuun dargaggummaa isarraa eegalee hanga gaafa boqotouutti umani Oromoon gabrummaa jalaa ba'ee abbaa biyyasaa akka ta'u murannoodhan nama hojjataa turedha.
Dhalootasaa
Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa abbaasaanii obbo Qixxeessaa Yaadatee fi haadhasaanii addee Haayyuu Roobiirraa Bitooteessa 5, bara 1907 waltajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun bakki isaan itti dhalatanii guddatan magalaa Jalduu fi nannoo sana manni baruumsa ammayyaa waan hin jirreef, mana barnoota amantii (qeesii) seenanii barataniiru. Abbansaanii obbo Qixxeessaan, ilmisaanii akka isaanii baratu waan barbadaniif gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa waraanaa biyyattii keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa Eegduu Mootichaa (Imperial Bodyguard) jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.
Xaaliyaaniin Loluu
Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramee osoo hin bubbuliin aangoo ajajaa shantamaa gonfate. Kana keessatti, gara Waraana Maa'icaw akka duulan godhaman. Waraana Maa'icaw kan Xaaliyaanii waliin godhame kanarratti, Koloneel Alamuun luka isaanii rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jiraataa jiranii, biyyattiin Warana Xaaliyanitiin weeraramte.
Koloneel Alamuun jagnummaa fi gotummaa uumamaan qabaniin waraana Xaaliyanii kan isa meeshaa ammayyaa hiidhate, diinni adii fi gurracha hinqabu jechudhan waraana Xaaliyaanii qabsoo hidhannootiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhibee qorichi hin argaminneef kan ummata hedduu fixaa ture dhibee "tasiboo" jedhamee beekamun qabaman.
Koloneel Alamuun dhibee kana irraa akka caarraa ta'ee fayyanillee, abbaan isaa obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatiisaa addee Haayyuu Roobii dhibee kanarraa fayyuu hindandeenye. Lamaan isaaniyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophaatti dhiisanii adunyaa kanarraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban Koloneel Alamuun, gaddi dachaa dachaadhaan irratti fe'ame. Obboleewwaniif maatii isaanii hunda jiraachisuun dirqamni kan isaanii ta'e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaaliyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaaliyaanitti kufan.
Waranni Xaaliyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murtii du'aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeefamuu isaanii osoo eeggachaa jiranii, Xaaliyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan "nama kiyya qabdanii kan isin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkiftan malee harka kiyya hin kennu" jedhe. Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Fayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtaawe, mana hidhaa isaanii keessaa basanii gadi dhiisan.
Koloneel Alamuun akkuma mana hidhaatii hikkamaniin, waraana Diribsaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalame. Gootni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa erga mana hidhaatii hiiksifateen booda, gootota bara sana naannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi'eessaa Jombaa, Niigisaa Faajjii, Dinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa qubatee jiru irratti lola banuudhaan hanga dhumaatti lolaa turaniiru.
Erga Xaaliyaanin biyyaa baatee booda, H/Sillaaseen gara aangoo isaatti deebi'e. Gotonni Oromoo waggaa shan guutuu Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa'aa aangootti deebi'uu H/Silasee mormaa akka turan keessa beektonni ni dubbatu. Koloneel Alamuun akkuma mootummaan sirni gonfoo dhaabbateen mana barnoota Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenaanii barataniiru.
[isaas bataskaana Dabra Maarqos keessa jirutti awwaallame. Kana dhoksuuf jecha garuu gifiraan akka du'etti odeessisiisaa turani.
Abiishen erga du'ee booda Goojjamoonni aangoo obboleessa Abiishee Fandalalaa Garbaatti kennani. Fandalalaan gumaa Abiishee deebisuu waan dideef, ummanni akkas jedhee ittiin geerare:
Fandee faandiyyaa Garbaa
Gumaa mootichaa hin baafnee
Siree mootichaa yaabdee
Fudhatamni Fandalalaan uumata biratti qabu xiqqaa ture. Mootummaan Horroos odoo hin turin bakka adda addaatti qooddamuun warra Goojjamootaf amanamoo ta'aniif kenname, Fandalaan Gubayyaa qofa akka bulchu godhame. Yeroo Minilikii fi Goojjamoonni Waraana Imbaaboo geggeessan, Fandalalaan gara Goojjamootaa goree lolaa ture. Kanaafis, waraanni Minilik bara 1881tti Horroon rukutee ture.
Yaalii Deebisuu
Reeffa Abiishee Horrotti deebisuuf yaalin adda addaa godhamaa turullee hanga ammaatti hin milkoofne. Yeroo Xaaliyaanin biyya kana qabatte ilmi Abiishee Fiitaawurari Amanuun reeffa abbaasaa deebisuuf yaalii godhaa turus hin milkoofne. Bara 1950n keessa akaakayyuun Abiishee Fitaawuraarii Oljirraa yaalaa ture.](https://t.me/makmaaksa1)
[Abishee Garbaa
Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda'ama) ummata Oromoo naannoo Horroo jiraachaa turee yoo ta'u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo ta'u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu abbaansaa ammoo abbaa duulaati.
Seenaa Duubaa
Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du'e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta'eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta'e. Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe. Naannoo Horrootti weerarri Goojjam yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate. Abiisheen lolee naannoo kuma kudha shan ta'u qaba ture.
Gaadi'amuusaa
Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftadhaan qabuuf shira xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama Qadiidaa Wannabee jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen Raas Darasuu wajjin walitti dhufee akka mari'atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin duulaa Oromoo akka Dabalaa Gannaa fi Dagaa Hooroo jedhaman itti himanillee Abiisheen isaan hin dhageenye.
Haala kanaan waliigaltee erga uumanii booda, Goojjamoonni Laga Mormor ce'anii odoo Abiishen hin beekin daangaa Guduruu fi Horro gidduu jiru qaxxaamuranii loltusaanii Goodaa Kokor kan teessuma Abiishee Dooyyorraa 20km fagaatu qubachiisan. Abiishen erga kana dhaga'ee booda loltuusaa kan lakkoofsan kuma afur ta'an qabatee gara Goodaa Kokor deeme. Waliigalteen duraan waan qabaniif Abiishen waraanaf hin deemne. Erga achi ga'ee booda akka seera Oromootti bakara qabatanii man ol seenun safuu waan ta'eef Abiishen meeshaasaa ala ka'ee gara dunkaana Goojjamootaa mariif ol seene. Gojjamoonnis duskaana keessatti Abiishee qabanii gaadi'ani. Qabamuusaa kan ibsuufis dibbee yeroo rukutan loltoonni Abiishee waan raawwatame barani. Loltoonni Abiishes waraana jalqabani warra Goojjamootaa rukutuu jalqaban. Garuu jarri duraan qophaa'anii waan turaniif loltoota Abiishe ni injifatani. Lola kanarratti abbaaduulaa Dabaloo Gannaa dabalatee loltoonni baayyen du'ani, obboleessa Abiisheemmoo qaamnisaa irraa murame. Duulli kun Duula Goodaa Kokor jedhamee beekkama.
Duula Goodaa Kokor kan Gurraandhala 13, 1877 Abiishee fi Raas Darasuu Abbaa Xooboo gidduutti godhamee (Abiishen odoo hin beekin waan gaadi'ameef kana jechuun nama rakkisa) kanaan loltuun Abishee injifatame. Abiisheen erga gaadi'amee booda deemuu waan dideef akka qotiyyootti harqota itti godhanii harkisanii gara Goojjam geessan. Abiishenis gowwoomfamuusaa erga baree booda aaridhaan quba harkasaa tokko alaanfatee fixe jedhama. Erga Goojjam geessanii booda niitin mootichaa goota loltusaanii yeroo baayyee injifate kana arguuf fida jettee fidchisiifte. Abiisheen ergarama beelaa fi darararran kan ka'e fokkisaa ta'ee argame jedhama. Niitin mootichas godummaasaa kanaan arrabsite. Kanaafis dubartoonni Horroo yeroo mammaakan:
Kan goduma keerra kan gowwumaa ke siin jette niitin Adaal Tasammaa
San booda, Abiishen iddoo Jabalaa fi Maxaraa jedhamutti hidhame. Achitti, Goojjamoonni Abiishee mormaa gadi jiraa awwaalanii mataasaarratti soogida firfirsan. Itti aansanii, fardeen erga itti gadilakkisani; akkaataa suukaneessaa kanaan Abiishen qorqamee du'e, reef](https://t.me/makmaaksa1)
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
@Abdii_Sabaa
?NU QUNNAMUUF?
@AbdiiSabaaDm
?BARNOOTAAF
@Abdiisabaa
?MARIIF
@Garee_Abdii_Sabaa
Last updated 2 months ago
https://t.me/joinchat/AAAAAFgrZgMjBcvdBf7YWg
Last updated 1 month, 4 weeks ago
asc بســــــــــــم الله الرحمن الرحيــــــــــــم
Ku Dhawaad- 3000 Buug-Somali ayaa ku jira Akhriso oo ilaali xuquuqda Qoraayada leh.
Youtube:
https://shorturl.at/auGJZ
Diclamer:
Cabasho/Buug iyo Su,aal ... La Xidhiidh
@Cabasho_Bot
@Tusmobook
Last updated 1 month ago